BBC News, Afaan Oromoo - Oduu
Isin hin darbiin
Konkolaattonni shaqaxa Tigraayiif fe'an naannoo Amaaraa fi Affaar keessa akka hin dabarre dhorkaman
Konkolaattonni meeshaalee fe'an hedduun karaa naannoo Amaaraa fi Affaariin Tigraay akka hin seenne dhorkamuu konkolaachiftoonni BBC'tti himan.
Haadha ganna 22 booda barnootatti deebitee ilmashee waliin barattu
Yimmenyuush Mitikkuu jedhamti. Barnoota baay'ee jaalatti. Maatiinshee garuu akka heerumtee mana dhaabbattu dirqisiisan. Fedhiishee malee barnoota addaan kuttee bultii dhaabbatte, ijoollee dubaraa lamaa fi dhiiraa lama godhatte. Isaan booda waan ta'e kunooti.
Waggaa 36 dura... xiyyaarri Koloneel Mangistuu attamiin osoo hin gubatiin hafe?
Waggaa 36'n dura, Caamsaa 1989 biyyaatii keessatti waan cimaa tokkotu ta'e ture. Dimshaashumatti waanti gaafas ta'e 'ajaa'ibuma' jechu wayya ta'a.
Sa'uudiin Iraan Tiraamp waliin waliigaluu yoo baatte Israa'eliin akka haleelamtu akeekkachiifte
Saawdiin Iraan dhimma Niikuleeraa irratti Tiraamp waliin waliigalteerra gahuu yoo baatte, Israa'eliin haleelamuu akka dandeessu akeekkachiifte.
KALLATTIIN, Hamaas karoora dhukaasa dhaabuu haaraa US dhiyeessite akka hin fudhanne hime
Hamaas yaada haaraa Gaazaa keessatti dhukaasa dhaabuu US dhiyeessiteefi namoota butee qabatee jiru akka hin gadhiisne, aanga’aan Hamaas olaanaa tokko BBCtti hime. Israa’el garuu yaada haaraa kana ni deeggarti.
Waggootaaf daandiirra jiraachuurraa hanga teenisa minjaalaan seenaa haaraa Itoophiyaa katabuutti
Imala milkaa'inaa dargaggoo Dararaa Mokonnnin, waggootaaf daandii gubbaa jirachuurraa ka'ee teenisa miinjaalan maqaa Itoophiyaa dorgommii idila addunyaarratti dhoofsose
Al-Naasiriin Liiverpuulirraa Diyaaz fudhachuu barbaaduufi odeessaalee jijjiirraa taphattootaa biroo
Chelsiin Jaaden Saachoo ergisaan Maanchester Yunaayitid irraa fudhatee jiru gara waliigaltee dhaabbataa ta'etti jijjiiruu barbaada.
Hogganaan Hamaas Mohaammad Sinwaar Israa'el tibbana ajjeessuu himte eenyu?
Ministirri muumee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun waraanni isaanii hogganaa Hamaas Gaazaa Mohaammad Sinwaar ajjeesuu beeksiise. Waa'ee hogganaa damee waraanaa Hamaas Birgeedii Izzedine al-Qaassaambeekamaa kan beeknu kunooti.
Tarkiin imaltoota qubachuu xiyyaaraan dura teessoorraa ka'an adabuuf
Imaltoonni gara Tarkiitti balal'in hundi osoo mallattoonni saqii nageenyaa hin badiin dura teessoo isaanii irraa ka'an addabbiin kan isaan eegu ta'u to'attoonni ibsaniiru.
Ogeessonni fayyaa mootummaa waliin maal mariyatan?
Ogeessonni fayyaa miindaan, faayidaan garaa garaafi haalonni biroon akka sirraa'aniif gaafachuun hojii dhaabuun mormii erga jalqabanii torban sadii guute, A L I Camsaa 15, 2017 yeroo jaqabaatiif aanga'oota mooummaa waliin mariyachuu isaanii BBCtti himan.
Seenaan daa'ima haadhasheen gurguramtee uummata qalbii cabsee, boossise
Viidiyoon Joshlin Ismiiz wayita kofaltu agarsiisu dhaddacha keessatti yemmuu agarsiifamutti hirmaattonni dhaddachichaa hedduun ni boo'an. Gochaa dheekkamsa hawaasaa kaase kanaanis haatii fi namoonni ishee waliin ta'un daa'imitti gurguran hidhaan umurii guutuu itti murtaa'e.
Itoophiyaanonni Sa'udiitti duuti itti murtaa'ee 'Arafaa dura ajjeefamtu' jedhaman birmannaa gaafatan
Lammiileen Itoophiyaa mana hidhaa Sa'uudii Arabiyaatti adabbiin du'aa itti murtaa'e, adabbiin isaanii ayyaana Arafaa baranaa dura akka raawwatamu itti himamuu maatiin BBCtti himan.
BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp gubbaan hordofaa
Maaltu haasa'ama?
Tigraay naannoo daangaa Itoophiyaa fi Ertiraa keessatti maaltu deemaa jira?
Waraana Tigiraayitti geggeeffame hordofuun loltoonni Eertiraa naannawaa daangaa Tigraay qabatanii turan buufata sakatta'iinsaa/Kellaa daandii Adigraat irraa gara Zalambessaa geessu irratti kaa'anii turan kaasuu isaanii qondaalli naannichaa BBCtti himan.
Sagalee, Oduu BBC Afaan Oromoo
20:49 EAT - 21:04 EAT
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii haasaa Guyyaa Walabummaa taasiserratti waa'ee Itoophiyaa maal jedhe?
Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-Warqii kabaja Guyyaa Walabummaa biyyattii 34ffaa ilaalchisuun haasaa taasiserratti mootummaa Itoophiyaa jabeessee qeeqeer
Oduufi xiinxalli kallattiin akka isin bira gahuuf Chaanaalii WhatsApp BBC hordofaa
Amma karaa kanaan Oduuwwan Ammee ijoo, xiinxalaa fi odeessaalee adda addaa karaa BBC News Afaan Oromootiin kallattiidhaan WhatsApp keessan irratti argachuu dandeessu.
"Waamicha nagaa Imbaasiin US dhiyeesse nan fudhadha, garuu fiixaan ba'insa isaatiif mootummaatu rakkoodha"-WBO
Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) waamciha nagaa Imbaasiin Ameerikaa Finfinnee jiru dhiyeesse akka fudhatu himee garuu 'mootummaan yaad-rimee nagaa waraanaaf waan dhimma itti ba'uuf waamicha kanaaf rakkoodha' jedhe.
Mootummaan nageenya ummataaf dursa kennuun WBO fi Fannoo waliin mari'achuu qaba- US
Itoophiyaatti Ambaasadara Ameerikaa, Erviin Maasiingaa walitti bu'insi Itoophiyaa keessaa dhaabbachuun mootummaan federaalaa dursa nageenya uummataaf kennun WBO fi Faannoo waliin mari'achu qaba jedhan.
Hangi sharafa alaa namoonni biyya alaatti imalan argatan dachaan dabalun ibsame
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa sharafa alaa namoota yeroo biyya alaa deeman duraan dolaara Ameerikaa kuma shan argataa turan amma gara dolaara kuma 10tti guddisuu beeksiise.
'Ajaja mana murtii fudhannee baanee, garuu ammoo nu amansiiseera jechuu miti'- Abukaatoo Obbo Taayyee
Manni Murtii Waliigalaa Federaalaa oliyyannoo Abbaan Alangaa Obbo Taayyeerratti dhiyeeffateerratti jalamurtii laachuuf har'atti beellamee turus beellama biraa kennuunsaa himame
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa TPLF paartii siyaasaa keessaa haqe
Paartiin Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) paartii siyaasaa keessaa haqamuu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.
Waa'ee gaaffii naannummaa ummata Walloo Mana Maree Federeeshiniif dhiyaate jedhame maal beekna?
Gaaffii naannoo ta'uu ummata Walloo Mana Maree Federeeshiniif kan dhiyeessan Koree Gaaffii Naannummaa Uummata Walloofii Paartii Dimokiraatawaa Ummattoota Wallooti.
'...Godaantota Itoophiyaa torba galaanaatti darbatan': Daandii balaafamaa baayyee hin beekamne
Dhaabbanni Baqattoota Addunyaa (IOM) akka jedhuutti, godaantoonni hedduun gaaffiinsaanii diinagdee ta'ulleen, godaantoonni Itoophiyaa hedduun keessattuu naannoo Oromiyaa fi Amaaraa irraa sababii walitti bu'iinsaa fi hidhaa baqachuuf godaanaa jiru.
Hogganaan dargaggoota Afrikaa biratti leellifamaa jiru Ibraahim Tiraaworee eenyu?
Tibba kana haala hin baratamneen maqaan Kaapteen Ibraahim Tiraaworee, hogganaa dargaggeessa Burkinaa Faassoo kan mirga Afrikaaf qabsaa'aa ta'uu of ibsu miidiyaa hawaasaa irratti akkaan qodamaa jira. Ofii eenyuudha inni?
Walitti bu'iinsa
Ispoortii
Riyaal Maadiriid Wiirtz fudhachuuf Liiverpuul harkatti qabaa jiraachuufi oduu jijjiirraa biroo
Liiverpuul taphataa sarara cinaa Baayer Liiverkusan Filooriyaan Wiirtz fudhachuuf itti gammadee hordofaa jira ture. Haata'u malee, amma Riyaal Maadiriid taphataa kana fudhachuuf harkatti qabaa jira.
Yunaayitid Maleezhiyaatti erga mo'atamee deeggartootni itti cooquun 'nuuf mala' jedhe Amoriim
Leenjisaan Maanchister Yunaayitiid Ruuben Amoriim taphattootnisaa Kuwaalaa Laampuuritti dheekkamsaan itti cookamaa bahuun gaariidha jedhe.
Al-Hilaal Buruunoon murtee dhumaa akka beeksisu gaafachuu: Oduu jijjiirraa taphattootaa
Al-Hilaal taphataa Maanchester Yunaayitid Buruunoo Ferenaandeez fudhachuurratti waan jedhe, Maanchester Siitiin ammoo morkii Raayaan Cherkii fudhachuuf taasifamutti makamuufi Leeroy Saaneen gara Piriimer Liigiitti deebiyuu danda'a, Kiristaanoo Rondaaldo ammoo Al-Naasir gadhiisuuf jira kan jedhan oduu jijjiirraa taphattootaa har'a odeeffamaa jiru keessati.
Lubbuu ofii galaafachuuf murteessee kan ture Wilsan Kubbaan miilaa isa baraaru hime
Taphataan sarara duraa Niwkaasil Yunaayitiid Kalum Wiilsan ijoollummaa isaatti lubbuu ofii galaafachuuf murteessee akka ture hime.
Kiristaanoo Roonaaldoo Al Naasir keessaa bahuun kilaba malee hafuuf
Kiristaanoo Roonaaldoo kontiraata isaa Al Naasir keessaa xumuruu kilebichaa bahuuf jedha.
Jijjiirraa taphattootaan Man Yunaayitid, Man Siitii, Chelsiifi kaan eenyuun gaafachaa jiru?
Maanchester Siitiin taphataa sarara gidduu Paawondii miliyoona 55 baasu gaafachuu; Maanchester Yunaaytid fi Niwukasil Yunaayitid ammoo Piriimer Liigii keessaa taphattoota sarara fuula duraa gaafachaa jiraachuufi Beelingihaam gara Jarman deemuu danda'a kan jedhan odeeffamaa jiru.
Gammachuu ibsannaa Liiverpuul irratti wanti mudate maali?
Konkolaata auummata gammachuu isbachuuf bahetti oofameen namootni 50 ta'an miidhamaniiru. Wanti mudate garuu maali?
Taphataa cimaa Piriimer Liigii bara 2024-25 kan tahe Mohaammad Saalaa hagam beektu?
Mohaamad saalaa Liverpuuliin shaampiyoonaa gochuu qofa osoo hin taane rikardii Teerii Heenerii qooddachuun Piriimer Liigii bara kanaa xumure. Ofii Saalaan eenyu?
Diraamaa Piriimer Liigii guyyaa dhumaa kaan gaddaan, kaan gammachuun gaggeesse
Piriimer Liigiin Ingiliiz kan bara 2024-2025 tapha kaleessa sa'aatii walfakkaataatti taphoonni 10 kilaboonni 20 hunda gidduutti gaggeeffamee goolabameera.
Arsenaal Baarseloonaa mo'achuun shaampiyoonaa Awurooppaa ta'e
Waancaa Shaampiyoons Liigii Dubartootaa bara kanaatiin Arsenaal kilaba guddicha Awurooppaa ta'e Baarseloonaa mo'achuun waggaa 18 booda yeroo jalqabaatiif shaampiyoonaa ta'e.
Al Hilaal Fernaandeez fudhachuuf paawundii miliyeena 100 dhiyeessuufi oduu jijjiirraa taphatattootaa biroo
Kilabni Saawudii Arabiyaa Al Hilal taphataa gameessa Maan Yunaayitid kan ta'e Buruunoo Fernaandeez fudhachuuf paawundii miliyeena 100 dhiyeessun dhagahame.
Jijjiirraa taphattootaa Awurooppaa har'aan waan odeeffamaa jiru
Maanchistar Yunaayitid Maarkus Raashfoord kan amma ergisaan Aston Viilaa jiru, Jaadon Saanchoo kan amma ergisaan Chelsii jiruufi Antoonii kan amma Riyaal Beetis jirugurguruuf kaayyoo akka qabu himamaa jira.