Hangi sharafa alaa namoonni biyya alaatti imalan argatan dachaan dabalun ibsame

Madda suuraa, NBE/FB
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa sharafa alaa namoota yeroo biyya alaa deeman duraan dolaara Ameerikaa kuma shan argataa turan amma gara dolaara kuma 10tti guddisu beeksiise.
Baankonni tatajaajilawwan sharafa alaa kennaniin hangi kaffalchiisan "dhibbentaa afur caaluu akka hin qabne," akkasumas "baasiiwwan tajaajilawwan xixiqqaa akka hambisan" murteessuus beeksiseera.
Baankiin Biyyaalessaa sirna gabaa sharafa alaarratti fooyya'insa kana taasisuu kan beeksise ibsa har'a Kibxata Caamsaa 20, 2025 baaseenidha.
Fooyya'iinsi bulchiinsa sirna sharafa alaa Baankiin Biyaalessaa taasise kun sadiidha.
Jijjiiramni jalqabaa, kaffaltaa duraa daldaltoonni meeshaa alaa galchan taasisan (Advanced Payment) irra daangaa kaa'amee turedha. Hojmaata Kanaan dura tureen warri shaqaxa biyya alaarraa galchuu barbaadan kaffaltaan duraa raawwachuu danda'an dolaara Ameerikaa kuma shan akka ture mul'isa ibsi kun.
Daangaan kun "kan turee" fi hojmaata "waggoota baayyeetiifi osoo hin jijjiiramiin kn ture" eereera. Akkaataa hojmaata haaraatiin daangaan dolaara kuma shan kan ture dacha kudhaniin dabaleera.
Baankichi "shaqaxa alaa galchuudhaaf hangi kaffaltaa duraa kaffalamuu qabu dolaara Ameerikaa kuma shanirraa gara dolaara Ameerikaa kuma 50tti guddateera," jechuun jijjiirama haaraa beeksiseera.
Baankiin Biyyaalessaa jijjiirama kana kan taasise "muuxannoo biyyoota gita ta'an biroorraa ka'uun," akka ta'e ibsa kanarratti eerameera.
Jijjiiramni lamaffaa Baankiin Biyyaalessaa taasise maallaqa calla lammileen Itoophiyaa yeroo biyya alaa deeman argachuu qaban kan ilaallatudha. Fooyya'insa kanaan ammoo daangaan kaa'ame dabaleera.
Kanaan dura hojmaata tureen namoonni ayyaanaaf, barnootaaf, akkasumas dhimmoota dhuunfaa biroof imalan sharafa alaan argachuu danda'an dolaara Ameerikaa kuma shan ture. Sharafa alaa kana maallaqa callaan ykn kaardii kaffalataan ittiin raawwatamuun (debit card) argachuu danda'u.
Imaltoonni herrega baankii sharafa alaan qaban ammo hanga dolaara Ameerikaa kuma kudhanii akka argatan hayyamameeraaf.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baankiin Biyyaalessaa fooyya'insa taasise kanaan namoonni biyya alaatti imalan sharafni alaa argatan akka gara dolaara kuma 10tti guddatuuf hayyamameera.
Imaltoota daldalaaf gara biyya alaa deemaniifis daangaa kaa'amee turerratti fooyya'iinsi taasifameera.
Kanaan dura namoonni daldalaaf deeman sharafni alaa isaaniif hayyamamu dolaara kuma 10 ture. Fooyya'insa haaraa taasifame Kanaan ammo daangaan kun gara dolaara kuma 15tti guddateera.
Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa namoota herrega baankii qabaniif ammoo sharafa alaa jiru keessaa karaa kaardii ittiin kaffalan (debit card) hangi argataa turan dhibbentaa 10 irraa gara dhibbentaa 20tti guddateera.
Baankcihi daangaa sharafa alaa namoota biyya alaatti imalan ilaalchisuun jijjiirama kan taasiseef, imaltootaaf "haala mijataa uumuuf jecha" akka ta'e ibseera.
Jijjiiramni sadaffaa Baankiin Biyyaalessaa taasise "kaffaltaawwan sharafa alaa baankotaa sirna qabsiisuu" kan ilaallatu akka ta'u ibsa baherratti mul'ateera.