Tiraamp, Ameerikaa fi Iraan walii galtee niwukilaraarra ga'uuf ta'uu himan

Hogganaa Ol'aanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni fi Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Iraan haala waliigaltee niwukilaraa Ameerikaa waliin taasifte ''fudhatteetti'' jedhan.

Tiraamp marii biyyoota lamaanii tibbana Dilbata xumurame ''marii cimaa'' ''nagaa yeroo dheeraa'' fiduu jechuun ibsaniiru.

Kanaan dura gorsaan hogganaa olaanaa Iraan NBC News'tti akka himanitti, Teehiraan qoqqobbiin akka irraa kaafamuuf jecha sagantaa niwukilaraa ishee irratti waliigaltee uumuuf fedhii qabdi.

Ameerikaan, Iraan meeshaa niwukilaraa akka hin hojjenneef gabbisa yuuraaniyeemii dhaabuu akka qabdu cimsitee mormiti.

Iraan garuu sochiin niwukilaraa ishee guutummaatti dhimma misoomaaf malee waraanaaf akka hin fayyadamne ibsiti.

Tiraamp Kamisa kana daawwannaa guyyoota hedduu Galoo Galaanaa irratti taasisan kan biyya lammaffaa Kaataar keessatti haasawa taasisaniin, sagantaa niwukilaraa Iraan irratti walii galteen dhiyootti akka taasifamuu eeraniiru.

Tiraamp Dohaatti hoggantoota daldalaa waliin erga wal arganii booda, "Iraan keessatti nikularri tokkollee barbadeessuuf hin deemnu " jedhan.

"Kana gochuuu osoo hin barbaachisiin tarii waliigaltee tolfachuutti dhihaachaa jirra jedheen yaada'' jedhan.

Kana booda gabaasaleen waa'ee Iraan ilaalchisuun ba'an, kanneen biyyattiin haalawwan irratti waliigalteetti akka ta'u amantaa qaban ibsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gorsaan Hogganaa olaanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni kan ta'an Alii Shamkhanis gaaffii fi deebii miidiyaalee Ameerikaa waliin taasisaniin Tehran sagantaa niwukilaraa ishee irratti daangaa bal'aa fudhachuuf fedhii akka qabdu dubbataniiru.

Shamkhaniin ABC News'tti akka himanitti, Iraan qaama waliigaltee Ameerikaan qoqqobbii irra kaa'attu ta'uun kuufama yuuraaniyeemii baay'ee badhaadhina qabu ni dhiifti.

Mariin tibbana sagantaa niwukilaraa Tehranitti taasifamaa ture Dilbata darbe kan xumurame yoo ta'u, gareen lachuu irra deebi'anii wal arguuf waliigalaniiru.

Ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof mariin amma taasifame abdachiisaa ta'uu kan himan yoo ta'u, Ministirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagahachi ammoo ''ulfaataa ta'us garuu faayidaa qabeessa'' jechuun ibsaniiru.

Tiraamp waliigaltee niwukilaraa kanaan dura Iraan fi humnoota addunyaa biroo shan gidduutti bara 2018 keessa turan keessaa ba'aniiru.

Kanaan dura mariin haaraan Ebla keessa eegale kun yoo hin milkoofne dhaabbilee niwukilaraa Iraan irratti tarkaanfii waraanaa fudhachuu akka danda'u akeekkachiisaniiru.

Qondaalli olaanaan Ameerikaa tokko mariin yeroo dhiyootti gaggeeffame sa'aatii sadii ol kan fudhate yoo ta'u, "marii kana gara fuulduraatti tarkaanfachuun qaamolee teeknikaatiin hojii itti fufuuf waliigalteerra ga'ameera" jedhan.

Kun gara bu'aa qabatamaatti akka jijjiramuufis qaamoleen lamaan tarkaanfii jalqaban akka cimsan eegama jedhan.

Bara darbe haleellaa misaa'elaa Iraan, Israa'el irratti gaggeessuu hordofee Israa'el ammoo buufata gabbisa nikularaa Iraan haleeluu beeksiftee turte.

Hogganaa olaanaa Iraan Ayatollah Ali Khameni fi jila daawwanaa gabbisa Nikularaa Iran daawwataa jiran

Madda suuraa, Getty Images