Diraamaa Piriimer Liigii guyyaa dhumaa kaan gaddaan, kaan gammachuun gaggeesse

Taphattoota Liiverpuul

Madda suuraa, Getty Images

Piriimer Liigiin Ingiliiz kan bara 2024-2025 tapha kaleessa sa'aatii walfakkaataatti taphoonni 10 kilaboota 20 hunda gidduutti gaggeeffamee goolabameera.

Muuziqaan anfiildirraa dhaga'amaa ture, richiitiin halluu diimaa dirree sana ule, sagaleen gammachuu golee arfaniin dhaga'amu dhuguma dhamaatiin waggaa guutuu itti cichanii hojjetan kun namaaf mala kan jechisiisudha.

Taphni afur osoo isa hafuu shaampiyoonaa ta'uu isaa kan mirkaneeffate Liiverpuul qophii addaa dirree isaa Anfiild irratti qophaa'erratti waancaa isaa 20ffaa fudhateera.

Tapha guyyaa dhumaa kanaan Liiverpuul Kiristaal Palaas waliin 1-1n wal qixa xumure.

Liiverpuuliif goolii ittiin walqixa bahe kan lakkoofsise ammoo Mohaammed Saalaah yoo ta'u, taphataan lammii Masirii kun Piriimer Liigii bara kanaarratti goolii 29 lakkoofsisuun kophee warqee badhaafameera.

Liiverpuul taphoota arfan darban, jechuun erga shaampiyoonaa ta'uu isaa mirkaneeffatee tapha tokkoyyu hin mo'anne. Lama mo'amee, lama ammoo wal qixaan xumure.

Mo Saalaah goolii kana lakkofsisuun alatti kubbaa goolii ta'u 18 mijeessee kennuunis bara kana kan isatti dhiyaate hin jiru. Kanaanis taphataa bara tapha si'eesse [Playmaker of the Season] kan jedhuunis badhaafameera.

Jifataan Niwukasil Aleksaadar Isaaq goolii 23 lakkoofsisuun lamaffaarra jira. Kan bara darbe maashinii goolii jedhame Erliing Halaand warra Maanchester Siitii ammoo goolii 22n sadaffaarra jira.

Manaajera Chelsii

Madda suuraa, Getty Images

Hirmaannaa waancaa mirkaneeffachuun akkuma shaampiyoonaa ta'e - Gaardiyoolaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara kana miidhamuu taphataa isaa sarara gidduu Roodirii booda rakkoo keessa kan gale Maanchester Siitii hirmaannaa Chaampiyoonaa Awurooppaa mirkanneeffachuurraa darbee qabxii 71 sassaabbatee Arsenaalitti aanee sadaffaa qabatee xumureera.

Leenjisaan Maanchester Siitii Peep Gaardiyoolaa, jalqabni isaanii gaarii akka ture kaasuun barri kun garuu isaaniif gaarii akka hin turre dubbate.

"Barri kun nuuf rakkisaa ture, garuu osoo abdii hin kutatiin hojii keenya hojjenne. Amma deebinee ni dandamanna, barri dhufus kan fooyyee qabu ta'a."

Hirmaannaa shaampiyoonaa Awurooppaa bara dhufuu erga mirkaneeffatanii booda Gaardiyoolaan dubbii dubbateen, "Gufuuwwan turanirraa kan ka'e hirmaannaa Shaampiyoonaa Awurooppaa mirkaneeffachuun akkuma shaampiyoonaa ta'uuti," jedhe.

"Ammoo achuma sadarkaama hirmaannaa Shaampiyoons Liigii keessa jirra. Kana argachuuf ammoo sirritti taphanneerra. Dhumarratti sadarkaa sadaffaa qabannee, xiqqoodhuma Arsenaaliin caalamnee, xumurreerra. Haata'u malee, Liiverpuuliin baayyee caalamneerra. Foyyeessuu qabna; akka gochuu dandeenyus nan abdadha," jedhe Gaardiyoolaan.

Diraamaa guyyaa dhumaa biroo...

Arsenaal baranas lamaffaa ta'ee xumure. Sababa miidhama taphattootaafi taphataa bilchaataa sarara duraa dhabuun baranas danqama keessa kan ture Arsenaal, tapha isaa guyyaa xumuraa kilaba bara kanaa eenyumaaniyyu dursee kufaatiisaa kan mirkaneeffate Saawozhaampitan waliin taphatee 2 fi 1n mo'ateera.

Arsenaal qabxii 74 sassaabbachuun qabxii 10niin caalamee lamaffaa qabate.

Karra eegaan Arsenaal David Raayaa ammoo Giloovii Warqee (Gold Glove) badhaafameera.

Akkuma kana karra eegaan Notingihaam Forest Giloovii Warqee (Gold Glove) bara kanaa argateera.

Kilaboonni Piriimer Ligii bara dhufu hirmaannaa Shaampiyoons Awurooppaa irratti hirmaattan hanga guyyaa dhumaa kanatti adda baasuuf rakkisaa ture.

Amma garuu Chelsiin afraffaan, Niwukasil ammoo shanaffaa ta'uun hirmaannaa shaampiyoonaa ta'uu isaanii mirkaneeffataniiru.

"Kilaba kana bakka isaaf malutti fidneerra jedheen yaada. Bara darbe jaaffaarra turre," jechuun ibse manaajeriin Chelsii Enzoo Mareskaa haala kilabichi itti foyyeessaa dhufe.

Chelsiin Notingihaam Forestiin 1 fi 0n mo'ate.

Haala nama gaddisiisuun hirmaannaa Shaampiyons Liigii Awurooppaa keessaa kan bahe Aston Viilaadha.

Tapha Maanchester Yunaayitid waliin taphateen osoo wal qixa baheera ta'ee ni darba ture.

Karra eegaan Aston Viilaa kaardii diimaan jalaa bahee nama kudhanii taphatanii sadarkaa gara dhumaarra kan jiru Maanchester Yunaayitidiin 2 fi 0n mo'ame.

Kana malees, Aston Viilaan goolii doggoggora karra eegaa Maancherster Yunaayitid hojjeteen argate sababa daanyaatiin jalaa shaarame.

Gama biraan Niwukasil tapha guyyaa dhumaa kanaan Everteniin 1 fi 0 mo'amus Aston Viilaan mo'amuu isaatiin carroomee sadarkaa shanaffaa argachuun hirmaannaa shaampiyoonaa bara dhufee mirkaneeffateera.

Kilaboonni sadii ammoo Piriimer Liigii keessaa kufanii, hireen isaanii diviiziyoonii gadii ta'eera.

Isaan keessaa Leester Siitiifi Ipisiwiich baruma darbe kana ture kan gara Pireemir Liigiitti ol guddatan.

Kan osoo taphni Piriimer Liigii dhumatti hin dhiyaatiin torban dheeraa dura akka kufe bare ammoo Saawozihaampitanidha.

Kanaaf, guyyaan dhumaa tapha Piriimer Liigii Ingiliiz kun miira wal makaan dabarte-kaan gammachuun dhiichisaa, kaan ammoo gaabbiin quba of nyaataa boqonnaa ganna kanatti dacha'an.

Amma gara gabaa jijjiirraa taphattootaatti fuula naanneeffatanii taphattoota kaan gurguranii maallaqa argataa, kaan ammoo maallaqa guddaa baasanii sarara qaawwa irratti qaban duuchachuuf jiru.