'Dhaabbii dhiirummaa argachuuf' dargaggoota Ameerikaa Ortodoksii Raashiyaatti makama jiran

''Namoonni baayyeen na gaafatu. Luba Musee! akkam godheen dhaabbii dhiirummaa kiyya ol guddisuu danda'a" Yamaanee Gabre-Masqal" loading="lazy" style="aspect-ratio:350 / 197" class="bbc-139onq"/>
End of Baay'ee kan dubbifame
Amma garuu mana amantii ortodoksii Raashiyaa kan Ameerikaa bulchiinsa Teeksas magaalaa Joorjitaawon keessatti argamutti luba ta'uun tajaajilaa jiru.
Manni amantii kun damee mana amantii guddicha Moskoo jiruu yoo ta'u, manneen amantii Raashiyaa kanneen biyyattiin alatti argaman keessaa tokko.
Jaarmiyaan manneen amantii Raashiyaa biyyattiin alatti argamanii teessoon isaa guddichi magaalaa Waashingitan yoo ta'u, yeroo ammaa akkaan babal'ataa jira.
Kanaaf ammoo sababi ijoon hordoftoonni amantichaa akkaan dabalaa jiraachuudha.
Ji'oota ja'a darban qofa Lubi Musee amantoota haaraa 75 cuuphaniiru.
''Anii fi haati warraa kiyya waggaa 20 dura yeroo amantii kana fudhannu ortodoksiin amantii dhokattee turtedha jennee turre. Sababni ammoo namoonni waa'ee mana amantii kanaa hubannoo ga'aa hinq aban,'' jedhan.
''Haata'u malee waggaa tokkoo fi walakkaa darbe lakkoofsi hordoftootaa dachaa sadiin dabale.''

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sagantaa Sambataa irratti dargaggoonni heddumminaan umriinsaanii waggaa 20 fi 30 gidduu ta'e ni hirmaatu.
Manni amantii bara durii umrii dheeraa qabdu kun Ameerikaa- biyya ammayyooftuu keessatti dargaggoota hedduu hawaataa jiraachuunshee namoota hedduu raajeera.
Ogeessa Software Engineering kan ta'e Tewoodoor haada manaa jaallatuu fi hojii bakka guddaa kennuuf qabaatus keessi isaa akka duwwaa ta'eetti akka itti dhagahamaa ture ibsa.
Akka inni amanutti ''dhiibbaan'' hawaasi dhiirota irraan ga'u guddaadha.
Dhiironni madda galii ta'uun haadha warraasaaniitti dhihaachuuf fedha qabaachuun isaan tuffachiisuu hin qabu jedhee falma.
''Kun yaada summaawaadha jedhamna. Ani qeeqamuu ykn komatamuu qabna jedhee hin amanu,'' jedha Tewoodoor.
Amantoonni garri caalaan ijoolleesaanii mana keessatti barsiisu. Dubartoonni hojiisaanii caalaa manasaaniif dursa kennuu qabu jedhanii amanu.
Mana amantii ortodoksii Raashiyaa kan Hiyuustan keessatti argamutti Luba kan ta'an Yohaannis Witfard ijoollee manatti barsiisuu eegaluun sirna amantii akka barataniif ga'ee olaanaa qaba jedhan.
''Ijoollee keenyaafis eegumsa cimaadha. Saala jijjiirrachuu ykn ammoo gosoota saalaa jiru jedhaman 57 tarreessuu,'' jalaa isaan baraara jedhu.
Baay'ina amantoota waldaalee wangeelaa Ameerikaa wajjin wal bira qabamee yoo ilaalamu kan ortodoksii xiqqaadha. Uummata biyyattii keessaa gara dhibbeentaa 1 qofa.
Ortodoksiin Baha Raashiyaa, Yukireen, Awurooppaa Bahaa fi Giriik keessaa hordoftoota qaba.
Oriyentaal Ortodoksiin ammoo Itiyoophiyaa fi Eertiraa dabalatee biyyoota Baha Giddu Galeessaa keessatti hordoftoota qaba.
Waldaan Ortodoksii Raashiyaa kan biyyattiin alaa bara 1917 abbootii amantaa Raashiyaa baqataniin kan hundeeffame yoo ta'u, waldaalee Ameerikaa keessaa akka konsarvaatiiviitti fudhatama.
Keessattuu erga Pirezidanti Doonaald Tiraamp hariiroo Moskoo waliin qaban fooyyessuuf yaaluu eegalanii waldaan kun jaalala argachaa jirti.
Hanga ammaatti hordoftoota meeqa akka argate ifa miti, garuu Giddugalli Qorannoo Pew bara 2007 irraa eegalee lakkoofsi amantoota Ortodoksii dhiira dhibbeentaa 46 irraa gara 64tti guddateera jedha.
Namoota 773 dhiheenya kana gara amantiitti jijjiiraman keessaa irra caalaan isaanii dhiirota.
Waldaa Ortodoksii Bahaa kan qoratan Piroofeesar Iskoott Kenworthy, keessumattuu erga weerara Covid as lakkoofsi amantoota haaraa dabalaa jira jedhu.
Miidiyaan hawaasaa hordoftoota haaraa hawwachuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira.
Lubi Musee miidiyaa hawaasaa irratti hordoftoota hedduu qabu. Suuraa mucaa isaanii 6ffaa eegaa jiraachuu mul'isu Instagram irratti 'like' 6,000 ol argateera.
Podcast fi viidiyoon amantoota Ortodoksiin gadhiifaman hedduun keessumaa dhiironni amantiitti akka makaman jajjabeessaa jiru.
Lubi Museen Gooftaa tajaajiluuf karaan lama akka jiru hordoftoota isaatiiniif lallabu.
Tokko monoksummaadha, inni kaan immoo fuudhuudha. Warri daandii lammaffaa hordofan qoricha da'umsaa fayyadamuu dhiisanii hamma danda'ametti ijoollee baay'ee akka godhatan gorfama.
"Seenaa mana kiristaanaa keessatti nama qulqulluu to'annoo da'umsaa jajjabeessaa ture natti himaa" jedhu Lubi Musee.
Lubni kun saala faallaa waliin osoo wal quunnamtii hin raawwatin miira ofii gammachiisuu (masturbation) akka of miidhuutti ibsuun kan balaaleffatu.
''Gocha baay'ee qaanii fi miira dhiirummaa hin qabnedha'' jedhu. Akka Lubi Musee jedhanitti Ortodoksiin "gocha dhiirummaa osoo hin taane, gocha sirrii ta'e" garuu "biyoota warra lixaa miira dubartummaatu itti heddummaatee isaan miidha,'' jedhan.
Waldaaleen Pirootestaantii tokko tokko adda durummaan dubartootaaf kan qophaa'aniidha jechuunis qeequ.

Madda suuraa, BUCK JOHNSON
Hojjetaa balaa abiddaa kan ture Baak Joonsan duraan Waldaa Ortodoksii Raashiyaatti makamuu sodaataa akka ture dubbata.
Garuu amma amantoonni harkaasaanii bal'isanii isa hammataniiru. Amma karaa podcast isaatiin amantii isaa kana babal'isuuf yaalaa jira.
Jiraataa Teeksas kan turan Lubi Jooseef Gilisan, waggaa 10 dura amantii kana fudhatanii Ameerikaa gadhiisanii Moskoo irraa imala sa'aatii afur irratti kan argamtu Borisoglebsk keessa jiraachuu kan eegalan.
"Raashiyaa keessatti gaa'elli saala walfakkaataa hin jiru; gamtaan siviilii hin jiru. Ijoollee keenya mana barumsaa keessatti barsiisuu dandeenya. Seenaa Kiristaanummaa Ortodoksii kan waggaa kumaa ol ta'e nan jaalladha," jedhu viidiyoo waraabanii maxxansan keessatti.
Lubi Yooseef lammiileen Ameerikaa konsarvaatiivii biroo gara Raashiyaa akka dhufan gorsaa jiru.