Adeemsi Ministeerri Fayyaa itti jiru fala fiduu caalaa daran dubbii hammeessa - Hakiimota buleeyyii

Garee ogeeyyii fayyaa wallaansa baqaqasanii yaalurra jiran

Madda suuraa, Getty Images

Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa lagannaa hojii ogeeyyii fayyaa addumatti ammoo hakimoota intarniifi reezidantiin taasisan hordofee, "maqaa reezidantoota hojiirratti hin argamneefi miidhaa sababa sanaan dhukkubsattootarra gahe ragaa waliin na beeksisaa" jechuun yunivarsiitiifi kolleejjii barnoota fayyaa barsiisaniif xalayaa barreessuun dhagahame.

Ministeerri Fayyaa kana kan jedhe xalayaa Caamsaa 26 Yunivarsiitiiwwaniifi Hospitaalota ogummaa fayyaa barsiisan digdamii lamaaf barreesseeniidha.

Hakimoonni buleeyyiin [Senioir consultants] Hospitaala Qiddus Paawuloosiifi Hospitaala Ispeeshaalaayizdii Yunivarsiitii Gondar ammoo, murtoo Seeneetiin barattoota isaaniirratti dabarse mormuun mootummaan ogeeyyii waliin mari'atee gara hojiitti akka deebi'an gochuu qaba jechuun xalayaan gaafatan.

Ibsi ejjannoo hakimoonni buleeyyiin kunneen baasan, amma haala rakkisaa ta'e keessatti yaala hatattamaa lubbuu baraaruu qofa kennaa jiraachuu kaasuun, haaldureen isaan gaafatan yoo deebii hin arganne garuu "hojii dhaabuuf dirqamna" jedhan.

''Mootummaan humnaan doorsisaafi hidhaan gaaffii ogeeyyiin karaa nagaa gaafatan furuuf deemuunis rakkinicha akka hin furre'' kaaseera ibsi kun.

Ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa gaaffilee ijoo 12 tarreessuun ji'a tokkoof erga mootummaa gaafataa turaniin booda, Caamsaa 13 irraa kaasee, lagannaa hojii gariin jalqabuun ni yaadatama.

Torban lagannaan gartokkeen labsametti Caamsaa 19 ammoo mootummaan gaaffilee isaanii deebisuurra ogeeyyii doorsisuu fi hidhuu filate jechuun lagannaa hojii guutuu labsan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sochiicha hordufuunis pirezidantii Waldhaa Ogeeyyii Fayyaa dabalatee, ogeeyyiin muraasni hiikamanis, kanneen 100 ol mana hidhaa jiraachuu qindeessitoonni sochii ogeeyyii fayyaa BBC'tti himanii turan.

Hojiifi barnoota dhaabuu ogeeyyii fayyaa hordofuun Hospitaalonnii fi Kolleejjiin barnoota fayyaa barsiisan beeksisa sossobbaafi akeekkachiisaa gargaraa akka ogeeyyiin fayyaa addumatti ammoo hakimoonni intarniifi reezidantoonni gara hojiisaaniitti deebi'an, yoo didan ammoo akka gadhiisanii bahaniif ibsuu baasaa ture.

Sana hordofuun hospitaalota akka Tuqur Anbasaa, Qiddus Paawuloos, Kolleejjii Meedikaala Hospitaala Adaamaa, Yunivasiitiiwwan akka Hawaasaa, Walqixxee, Gondariif kaan keessaa hakimoonni intarnii fi reezdantoonni mooraa lakkisanii bahaa turan.

Odeeffannoo BBC'n qindeessitoota sochii ogeeyyii fayyaarraa argateen, hakimoonni intarniifi reezidantootaa kuma tokkoo ol barnootaafi hojiin ala jiru.

Hospitaalonni kunneenis beeksisa qacarrii ogeeyyii 200 hanga 400 baasaa jiru.

Yunivarsiitiiwaan tokko tokkos murtoo seeneetii hakimoonni intarniifi reezidantoota hojii isaaniirratti hin argamne kan naamusa cabsan jedhe irratti "barnoota isaaniirraa akka geggeefaman" murteessuu beeksisaa jiru.

Ministirichis xalayaa lakkoofsa 22 (44) 518'n dhaabbilee gara 22f barreesseen, hakimoota ispeeshalitii isaanii leenji'an (reezidantoota) kan Ministeerichi ispoonsara godhu irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, ogeeyiin kunneen bakka hojiisaaniitti argamuu dhabuu miidhaa dhukkubsattoorra gahes hanga Caamsaa 29tti ragaa waliin akka beeksisan gaafateera.

"Leenjii ispeeshaaliitii barnoota barachaa, tajaajilaa bakka tokkotti kennamu akka leenji'an ogeeyyiin ramadaman bakka hojiifi barnootaa isaaniirratti hin argamne jiraachuu hubanneerra" kan jedhu xalayichi, "hojii idileerratti argamuu dhabuun akka dhukkubsatoonni dhiphinaa fi rakkoo hamaaf saaxilama taasisuu'' jechuun himateera.

Itti dabalunis, "reezidantoonni gocha badii irratti bobba'a" jechuun kan ibsu xalayichi, ofiisaaniitii hojii dhaabuurra darbanii "hakima reezidantootaa warra naamusa hojii fi waadaa hojii isaanii kabajanii dhukubsattootaaf tajaajila kennan akkasaan bakka hojiitti hin argamne doorsissuun yakka dachaa raawwatan akka jiran hubanneerra" jedha. Murtoowwan itti aananis akka beeksisu ibseera xalayichi.

Dhimma kana irratti odeeffannoo dabalataa argachuuf BBC'n dubbi-himaa Ministeera Fayyaa Itoophiyaa argachuuf yaalus ammaaf hin milkoofne.

Gama biraatiin, hakimoonni buleeyyiin (senior consultant) hospitaalota Qiddus Paawuloosii fi Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Yunivarsiitii Gondar irraa ibsa Caamsaa 26 barreessaniin, haalli amma itti waldhaansa kennaa jiran itti ulfaachuufi murtee seneetiin barattoota isaaniirratti dabarse sirrii akka hin taane ibsaniiru.

Meeshaa wallansa fayyaa

Madda suuraa, Getty Images

'Tajaajila wallaansa hatattamaallee sadarkaa ittifufsiisuu hin dandeenyerra geenyeerra'

"Ogeeyyiin fayyaa karaa qindaa'aa fi seera qabeessa ta'een gaaffileesaanii qaama dhimmi ilaallatuuf dhiyeessaa turanis deebiin sirriin kennamuuf dhabuu irraa kan ka'e gartokkeen gara lagannaa hojiitti cehaniiru.

''Sana hordofee garuu bakkee gara garaatti miiltoowwan hojii keenyaa fi addumatti ammoo ijoollee barattoota keenya, hakimoota ispeeshaalistii fi sabispeeshaalistii fi ogeeyyii fayyaa [biroo] halkan gurraacha hidhaa fi dararaaf saaxilamaniiru.

''Haala rakkisaa kana keessatti nuti bariisonniifi hakimoonni buleeyyiin yunivarsiitii Gondar, ogeeyyii biroo muraasa waliin ta'uudhaan rakkinichi yeroo gabaabaa keessatti furmaata argata abdii jedhuun dhukkubsattoonni kutaa waldhaansa xiyyeeffannoo addaafi yaala hatattamaa akka hin miidhamne hamma dandeenyu gargaaraa jirra" jedha ibsi hakimoota buleeyyii yunivarsiitii Gondar baasan.

Dhiibbaa haalichi gama gara garaan geessisaa jiruu fi gaaga'ama fuulduratti fiduu danda'au ilaalcha keessa galchuun, ibsa ejjennoo qabxii torba qabu baasuun Yunivarsiitii Gondar gaafataniiru.

Ibsichis gaaffileen ogeeyyiin fayyaa kaasan sirrii ta'uu, doorsisniifi dararaan ogeeyyii fayyaarra gahu dhaabachuu akka qabu gaafata.

ALI Caamsaa 7, 2017 halkan humnoota nageenyaatiin hidhamuu ogeeyyii fayyaa Yunivarsiitii Gondar hordofee sochiin gara lagannaa hojii guutuutti seenuu kan kaasu ibsichi, hakimoonni buleeyyiin yaala hatattaamaa yeroo namaa hin kennineefi waldhaansa hatattamaa hojjechaa turuu kaasa.

"Haata'u malee, tajaajila waldhaansa hatattamaallee sadarkaa ittifufsiisuu hin dandeenyerra geenyeerra. Kanaaf, gaaffileen ogeeyyiin fayyaa kaasan sadarkaa biyyaalessaatti deebi'ee miiltoofi barattoonni isaanii gara hojiitti akka deebi'an gaafataniiru."

Hopitaalichi ummata miliyoona 13 ol akka tajaajilu kan kaasu ibsichi, hojiin waldhaansa fayyaa hojii garee waan ta'eef erga ogeeyyiin lagannaa hojii jalqabanii garuu tajaajilli waldhaansaa garmalee miidhamaa waan jiruuf ariifannoon akka hiikkatu gaafataniiru ibsa isaaniitiin.

"Murtoon Seneetii dhiyeenya hakimoota intarnii fi reezidantoota geggeessuuf dabarsee fi ogeeyyii birootiin bakka buusuuf fageenyi deemame nu gaddisiiseera'' jedhan.

Murtoon kun sirna barnootaafi waldhaansa fayyaa biyyaarratti balaa baatee akka deemu kan kaasu ibsi kun, "walitti fufinsa dhalootaa irratti qaawwaa guddaa kan uumuu fi seektara fayyaa balaarra kan buusudha" jedheera.

Dabalataan barattoonni jiraachuu dhabuun jiraachuu ogummaa barsiisotaa irratti sodaa kan uumuu waan ta'eef, barattoonni keenya adabbiifi dhanqaa tokko malee akka deebi'an gaafanna jedha ibsi hakimoota buleeyyii kun.

Mootummaan ifaafi ariifannoon ogeeyyii fayyaa waliin akka mari'atus gaafataniiru. Gaffilee bu'uuraa ogeeyyiin kaasan deebisuuf karoorri ifaa fi hojiitti hiikamuu danda'u diriiruu qaba. Kun wal amantaa mootummaaf ogeeyyii fayyaa gidduu tures iddootti deebisuuf barbaachisaa ta'uu kaasa.

Oggeessaa kutaa qorannoo keessa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Murtoon ogeeyyiirratti fudhatme 'sirrii kan hin taanee fi fudhatama kan qabnedha'- Hakimoota buleeyyii Qiddus Paawuloos

Hakimoonni buleeyyii hospitaala Qiddus Paawuloosis ibsa ejjannoo walfakkaataa basaanin, hanqina ogeeyyii fayyaarraa kan ka'e waldhaansa sirrii fi si'ataa kennuuf akka danqaman kaasa.

Murtoo seneetiin hakimoota barataa turaniifi ogeeyyii fayyaa biroo irratti dabarses akka hin fudhanne ibsaniiru.

Lagannaan hojii akka biyyaatti hakimoota intarnii, waliigalaafi reezidantoota akkasumas narsoota hirmaachise hojii hospitaalaa addaan kutuun haala rakkisaa uumuu kaase ibsichi.

Dabaluunis, hospitaalichatti hanqinni hakimoota intarnii fi reezidantii akkasumas naroota murteessoo ta'anii (Critical nurse shortage) uumamuu ibsa.

Baay'inni dhukkubsattootaa dachaa lama, sadii humnaa ol ta'uu, haalli waldhaansa waardii borcamuu, hojjettoonni humnaa ol dadhabuun saaxilamummaa dogongora meedikaalaaf dabaluu mala jechuun sodaa qaban ibsaniiru.

Murtoon seeneetiin Caamsaa 15 [ALI] fudhate akka ogeeyyiin lagannaarra jiran hojiitti deebi'an hin kakaasu kan jedhu ibsi kun, "sirrii kan hin taaneefi fudhatama kan qabnedha" jechuun murticha qeeqeera.

Sababii "dirqama ogummaa keenyaa cabsuufi nageenya dhukkubsataa balaarra buusuuf, haala ammaa kana keessatti dhukkubsataa haaraa hin fudhannu" kan jedhu ibsi kun, "haalota hordoffii gahaafi yeroon furmaata kennuun hin danda'amne kana keessatti, waan dhukkubsataa irratti uumamuuf itti gaafatamummaa fudhachuu hin dandeenyu," jedha.

"Tajaajilli keenya waldhaansa yaala hatattamaa kan turtiin xiqqoon balaa du'aaf saaxiluu dandeessisu irratti qofatti daanga'a. Hanga haalli hojii deebi'ee fayya-qabeessa ta'utti hojiiwwan yaala hatattamaan ala jiran [elective] tokkoyyuu hin hojjennu" jechuun ibsa.

Waqtii rakkisaa kanatti tajaajilli yaala hatattamaa guutuu hin taane kennaa jirru irratti bu'aa yaalaa hin barbaachsine raawwachuu maluuf itti gaafatamummaa bulchiinsa, seeraafi yakkaa irraa golgee seeraa guutuu gaafanna.

"Gaaffileen keenya yeroodhaan hin deebi'an yoo ta'e, tajaajiluma yaala hatattamaa kennamaa jirruyyuu itti fufsiisuu akka hin dandeenye beeksisna" jedha ibsi hakimoonni buleeyyiin Yunivarsiitii Gondariifi Hospitaalli Qiddus Paawuloos baasan kun.

BBC'n ibsa kana qindeessitoota sochii ogeeyyii fayyaa Itoophiyaarraa kan argate yoo ta'u, hakimoonni buleeyyiin maqaansaanii nageenyaaf jecha akka hin dhahamne gaafatan lama ibsicha kan baasuu BBCf mirkanneessaniiru.

Gaaffii mindaafi faayidaa ogeeyiin fayyaa Itoophiyaa tibbana dhiyeessaa jiraniin wal qabatee, hidhaafi doorsisni itti fufuun hakimoonni intarniifi reezidantoonni 1,000 caalan barnootaafi hojii dhaabuu qindeessitoonni sochii kanaan dura BBC'tti himanii ture.

Ofii hakimoota intarnii fi reezidantoota barnoota isaaniirraa har'iuun dhiibbaa qabaaturratti BBC'n hakima sabispeeshaalistii ganna dheeraa hojjete dubbiseera.

Hakima BBC'n dubbise kun akka jedhanitti, sochii ogeeyyiin fayyaa taasisan hordofee tarkaanfiin addatti hospitaalota ogummaa fayyaa barsiisan [teaching hospital] irratti fudhatamaa jiru tajaajila waldhaansa har'aa fi egeree irratti qaawwa guddaa akka uumu ibsuun tarkaanfii sirrii akka hin taanee dubbatu.

"Hakimoonni intarnii fi reezidantii humna guddaadha" kan jedhan hakimni kun, isaan "hojiirraa dhaabanii, guyyaa tokkotti bakka buusuun waan danda'amu miti" jedhu.

"Inni waggaa shan turee fi inni waggaa kudha shan ture garaa garummaa qaba. Ogummaan waldhaansa fayyaa namaa barrumsa, muuxannoodha, dandeettiidha, turtiidha" jechuun ibsan.

'Dabalunis, ogeeyyii muuxannoo gargaraa qaban hojiif barnootatti akka hin deebine ari'uun ogeeyyii caala biyyaaf hawaasa bal'aa akka miidhu ibsu.

'Hojiirraa dhaabuu, ari'uu kan jedhan kisaaraa biyyaati ...'

Ogummaan yaala fayyaa ivastimantii ganna dheeraa ta'uu kan himan hakimni kun, "har'uma kaatee hojiirra yoo dhaabde yookaan yoo ariite, nama bakka buustee hin dandeessu.

"Nama hamma kana dubbisarra, barumsarra ture umriisaa invast godhee dandeettii argate nama biraatiin bakka buusuun hin danda'amu" jechuun sochii dhaabbileen fayyaa ogeeyyii lagannaa hojiirra jiran kaaniin bakka baasuuf beeksisa hojii baasan qeequ hakimni kun.

"Muuxannoon hakimaa barachuu qofaan otoo hin taane ganna dheeraa, keezota gara garaa hojjechuu irraa irraa akka argamu kan kaasan sabispeeshaalistiin kun, ogeeyyii akkasii "tasuma bakka buusuun hin danda'amu" jechuun ibsu. Kanaaf, "hojiirraa dhaabuu, ari'uu kan jedhan kisaaraa biyyaati malee waan ta'uu danda'u miti" jechuun sodaa isaanii ibsu.

"Ogeessa muuxannoo qabu tokko dhabuun kisaaraa guddaadha. Nama keezii baay'ee hojjetee muuxannoo gaarii qabu, komplikeeshinii toa'chuu danda'u, nama dandeettii gaarii guddifate akkuma salphaatti halkan tokkoon ka'anii bakka buufatuun hin danda'amu.

''Haalli itti amma hakimoota hojii dhaaban bakka buusuuf, beeksisa qacarrii bal'aa baasuun itti adeemamaa jiru tasuma waan ta'uu hin dandeenyedha" jechuun ibsu oggeessi maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan kun.

"Namni gabaarra guute ni arganna" jechuun ogeeyyii muuxannoo bal'aa qaban ari'uuf murteessuun herreega dogongoraa ta'uu dabaluun ibsu hakimni kun.

Hakimoonni intarnii, reezidantoonnii fi ogeeyyiin fayyaa biroon hojii dhaabuun miidhaa qabaachuu kan ibsan hakimni kun, keessumaa hospitaalota waldhaansa fayyaa barsiisan irratti, ogummaan waldhaansa fayyaa gulantaa qabu.

''Intarniin waan hojjetu qaba. Reezidantoonni waan hojjetan qabu, hojii gareeti. Sana keessaa tokko yoo hafe hanquudha. Waan intarniin hojjetu hakimni bulleessi hojjechuu hin danda'u. Hojjetee waliin gahuus hin danda'u; yeroos hin qabaatu. Waan reezidantiin waggaa tokkoffaa hojjetu hakimoonni buleeyyiin hojjechuu hin danda'an" jechuun hanqachuun ogeessa tokkoo hagam akka miidhaa geessisu ibsu.

"Waldhansi fayyaa hojii gareeti. Bakka narsiin yookaan reezidantiin keessaa ba'e bakka buusuun ni cima" kan jedhan sabispeeshaalistiin kun, kakimoota maleeyyuu qulqulleessituufi wardiyyaan hospitaalaa yoo hin jirannee waldhaansa fayyaa guutuu kennuun akka ulfaatu himu.

"Keessumaa hospitaalota barnota fayyaa kennan keessatti hojii guddaa kan hojjetu meedikal intarnii fi reezidantootadha. Yaa'insi dhukkubsattootaas olaanaadha" kan jedhan hakimni kun, hakimoota kanneen hojiirraa ari'uun qaawwa eenyullee hin duuchine uuma jechuun yaaddoo qaban ibsu.

''... mootummaan gaaffii ogeeyyii fayyaa maariin deebii kennuu qaba''

"Gaaffiin ogeeyyii fayyaa gaaffii daabbooti. Gaaffii daabboo bitadhee, kiraa manaa kafaladhee jiraachuu dadhabeera jedhudha. Ogummaa kiyyaan mootummaas hawaasas tajaajilaan jira; garuu waantan ittiin jireenyakoo geggeeffadhu madaalawaan naaf kafalamaa hin jiru.

Kun gaaffii bu'uuraa, gaaffii dhimma lubbuun jiraachuuti. Gaaffii siyaasaas miti" jechuun gaaffiin ogeeyyii fayyaa gaaffii bu'uuraa eenyuyyuu hubachuu danda'uu ta'uu ibsu hakimni kun.

Lagannaan hojii ogeeyyiin fayyaa taasisaa jiran "hawaasa irratti miidhaa guddaa" qabaachuu kaasuun "mootummaan haala qabataama yeroo faana deebii malu kennuufiin barbaachisaa" ta'uus gorsu.

"Dhibeen beellama namaa hin qabu. Tajaajila ogeessa fayyaa dhabuudhaan kan miidhamu, kan rakkatu ammoo mootummaa otoo hin taane hawaasadha" kan jedhan hakimni kun otoo rakkoon kun hammaatee to'annoo ala hin bahiin mootummaan xiyyeeffannoo kennuun ariifannoon sirreessuun waan filannoo hin qabne ta'uu himu.

"Humnaan itti deemuu, hojiirraa dhaabuu, hayyama ogummaatiin doorsisuun biyya ogeessa fayyaa gahaa hin qabne keessatti miidhaa guddaa qaba. Kan miidhamu ammoo ogeessa caalayyuu hawaasadha.

Hakimni sarjinii ta'e tokko waantinni argatu isa jiraachisuu waan hin dandeenyeef ogummaadhuma kanayyuu dhiisee akkuma nama kamii daldalaa ta'ee, kophee qulqulleessee, bajaajii oofee of jiraachisuu ni danda'a.

Ogeessa akkasii dhabuudhaan kan miidhamu hawaasadha. Kanaaf, mootummaan rakkoo hawaasaaf jedhee gaaffii ogeeyyii fayyaatiif humnaan otoo hin taane xiyyeeffannoodhaan deebii otoo kennee gaariidha" jechuun gorsu hakimni ganna dheeraa tajaajilaa jiran kun.

Lagannaa hojii ogeeyyiin fayyaa Itoophiyaa taasisaa jiraniin namooni yaala barbaacha dhufan, Finfinnee hospitaalota akka Tuqur Anbassaa, Paawuloos, Yakkaatit 12, Peexroosii fi Minilik, Oromiyaa keessaa ammoo Hospitaala Kolleejjii Meedikaala Adaamaa, Hospitaala barnootaa Salaalee, Madda Walaabuu, Hospitaala Riifaraalaa Gobbaa, Hospitaala Riifaraalaa Asallaa fi Tigraayitti Hospitaala Riifaraalaa Ayidaritti danqamuu BBC'n odeeffatee ture.

Dr. Maahileet dabalatee ogeeyyiin fayyaa sagal Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa dhaddacha ramaddii Araadaatti Caamsaa 21 dhiyaatan irratti yeroon qorannaa guyyoota 12 hayyamamuun kan yaadatamudha.

Ogeeyyii fayyaa "humoota farreen nageenyaa irraa ergama fudhachuun magaalaa keessatti jeequmsaaf hokkora kaasuudhaan" shakkaman saglanii erga dhaga'amee booda guyyaa tokkoon booda ibsa Caamsaa 23 baaseen ogeeyyii fayyaa 47 to'annoo jala oolchuun qorachuu eegaluu beeksisee ture Poolisiin Federaalaa.

Akka ibsa Poolisiitti ogeeyyonni to'ataman kanneen ''gaaffii mirgaa ogeeyyiin fayyaa kaasan dahoo godhachuun, humnoota biyyatti keessatti jeequmsa uumuuf hojjetan waliin ta'uun, lagannaa hojii seeraan alaa gaggeessuun, damee fayyaa keessatti jeequmsa uumuun, lubbuu dhukkubsattootaa balaadhaaf saaxiluudhaan shakkaman.''

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ibsa Caamsaa 21 baaseen "lagannaan hojii dhaabbilee fayyaa keessatti taasifamaa jiru dhiittaa mirga namoomaatiif balbala akka hin banne xiyyeeffannoon kennamuu qaba" kan jedhe yoo ta'u "furmaanni waaraan kennuufiin barbaachisaadhas" jedheera.

Lagannaa taasifamaa jiruun hospitaalota gara garaa keessatti hanqina ogeeyyii fayyaa irraa kan ka'e waldhaansi danqamuu dabaluun ifoomseera ibsichi.

Lagannaa hojii hordofee "ogeeyyii fayyaa miidiyaalee hawaasaa irratti sochii taasisaniiru" jedhe poolisiin to'atamuu kaasuun, hala qabinsa mirga namoomaa ogeeyyii fayyaa to'annaa seeraa jala oolanii hordofaa jiraachuu kaasee ture ibsi Komishinichaa.