Xiyyaar-samiin bara Sooviyeet Veenasitti imaluu malte dacheerratti kufuufi

Madda suuraa, Getty Images
Qaamni xiyyaar-samii bara Sooviyeet Veenasitti akka imalu osoo eegamuu oorbitii dacheerra waggoota shantamaaf ture tibba kana dacheerratti lafa dhaha jedhame.
Xiyyaar-samiin Kosmoos 482 jedhamu ergama pilaanetii Veenas jedhamutuu qabachuun bara 1972 gara hawaa dhuka'e.
Haata'u malee oorbitii dachee keessa bahuu dadhabe kanattis qaamnisaa bakka afuritti gargar bahe jedha ejensiin qo'annoo hawaa, Nasa'n.
Qaamni xiyyaar-samii kanaa Caamsaa 10 atimoosferii dachee kanaa seena jedhame. Qaamni isaa gariin imala gara dacheettti godhu kana keessatti osoo hin gubatanii lafa dhahuu akka danda'u Nasa'n beeksiseera.
Haala itti gara dachee deebi'ee seenu, eessatti kufuu akka danda'uu fi qaamnisaa osoo hin caccabiin deebi'uusaa ilaalchisee odeeffannoo gahaan akka hin jirres ibseera.
Ammoo dacheen kun 70% bishaan sababa ta'eef lafa dhayuun isaa balaa guddaa hin qaqqabsiisu ta'a jedheera.
Ejensii Hawaa Awurooppaatti ogeessi ittisa miidhaa caccabaa xiyyaar-samiiwwanin qaqqabuu kan ta'an Stijn Lemmens wanti lafa dhahu kun miidhaa qaqqabsiisuun isaa akka lootarii injifachuuyyuu hiree bal'aa hin qabu jedhaniiru.
Qaamni xiyyaar-samii kun kg 500 akka ulfaatu ogeeyyiin himaniiru. Ho'a cimaa atimoosferii Veenas akka dandamatu ta'ee hojjetame. Qola jabaa ofirraa qaba jechuudha.
Sababa kanaattis wayita gara dacheetti imalu haala isa mudatu dandamachuu danda'a tilmaama jedhu argate.
Sirna paaraashuutii kan qabu ta'us turtiisaa waggoota 50 keessatti miidhameera ta'a.
Sababa xiyyaar-samiin kun deebi'ee lafa dhahuun miidhaan namarra gahu xiqqaaha. Latitiyuudii kaabaafi Kibbaa digirii 51.7 gidduutti kufa jedhamee kan tilmaamame yoo ta'u, iddoon kun irra hedduun isaa bakka namni qubatee jiru miti.
Lafa fageenya Kaaba Landanii hanga fiixee Kibba Ameerikaa Kibbaa gidduutti kufa akka jechuuti.
Amma dura hawaatti wantoota dhalli namaa erge caccabanii dacheetti akka deebi'aan Lemmens ni dubbatu.
Wantotni dhalli namaa hojjete hawaatti erge caccabaan isaanii warri guddaan torban torbaniin warri xixiqqaan ammoo guyyaa guyyaan atimoosfeera dachee kanaa seenu jedhan. Ammoo caccabaawwan kunniin osoo lafa in gahiin gubatanii dhumu jedhan.
Xiyyaar-samiin Chaayinaa tokko bara 2022 garba Indiya akeessatti kufeera. Kan biraan ammoo bara 2018 keessa harki hedduun isaa gubatee garba Paasifikii keessa kufe.
Kosmos 482 ammoo eessatti kufuu akka malu hordofamaa jira. Fuula duratti xiyyaar-samiiwwan hawaatti ergaman yoomuu to'annoon ala akka hin taane akka godhamuu qabu dubbataniiru.
Kuni ammoo osoo dhuma deebi'anii dacheerra kufu ta'ee bakka isaan bu'an adda baasuuf gargaara. Iddoo namni hedduun jiraatu akka hin buune hordofuufis oola.