'Al tokkon qoraan baayyee baachuuf jedheen dugdatti baachuu filadhe'

Huseen Kadir

Madda suuraa, Naol

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Huseen Kadir

Ga'eessi tibba kana qoraan akka dubatootaatti dugdatti baatee gurguruun ofiisaafi maatiisaa jiraachisuu dubbatu tokko erga suuraansaa miidiyaa hawaassummaarratti qoodameen booda ijoo dubbii ta'eera.

Maqaan ga'eessa kanaas Obbo Huseen Kadir jedhama. Godina Baalee Aanaa Harannaa Bulluq jiraata.

Obbo Huseen ga'eessa ganna 40 keessaa yoo ta'u, tibbana miidiyaa hawaasummaa irratti suuraan isaa ijoo dubbii ta'ee namoota garaa nyaate.

Namni kunis Aanaa Harannaa Bulluqitti qoraan bosonaa cabsee magaala Angeetuu geessee gurguruun of jiraachisaa akka jiru dubbata.

Obbo Huseen haaluma jireenya guyyuusaatiin qoraan bosonaa ciree magaalatti osoo geessuu tibbana dargaggeessi tokko Suuraa fi viidiyoo isaa miidiyaa hawaasummaa irratti qoode.

Viidiyoo qoodame kanarrattis Obbo Huseen qottoo ittiin qoraan ciratu harkatti qabatee, qoraan ijaan yoo argamu waan ulfaatu fakkaatu ammoo dugdarratti baatee dafqa mallattoo dadhabbii yoo xuruurfatu mul'ata.

Baadiyyaa bakka hedduutti namoonni qoraan gurguranii jiruu isaanii tumsan inuma jiru. Kan Obbo Huseen wanti adda taasisee qalbii namootaa hawwateef ammoo sababii yeroo baayyee dhiirri ba'aa gateettii (gurmuutti) kan baatu malee akka dubartootaatti dugdatti baachuu isaati.

Obbo Huseen bilbilaan BBC'tti akka dubbatetti, qoraan gurguree jiraachuu kan jalqabe waggaa lama dura.

"Duraan hojii humnaan hojjechaa ture. Maatiinkoo harka qalleeyyiidha. Harmeekoo anumatu jiraachisa. Hojiin humnaa homaa dhabamee jennaan kadhachuurra jedhee qoraan kana guuree gurguruu jalqabe," jechuun haala jireenyasaa BBCtti hime.

Yeroo dura hojii kana jalqabu akkuma dhiiraa kaaniitti gateettiitti baatee magaala Angeetuu geessaa akka ture kan kaasee Obbo Huuseen, booda keessa garuu sababii qoraan baayyee gatii baasuu gurmuun baachuuf hin taaneef jecha dugdatti baachuuf dirqamu dubbata.

"Yeroon gateettiitti baadhu sana hammi mukaa baadhu xiqqoodha. Isaas gurguree homaarra naaf hin oolu. Booda dugdatti yaalee jennaan baayyeen baachuu danda'e" jechuun attamiin ba'aa dugdaa akka eegale ibsa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Kanaaf amma waggaa lamaan kana dugdumattin baadhee gurguraa jira," jechuun haala jireenyasaa ibsa.

Huseen qoraan kana magaalan gahee gurguruuf sa'aatii lamaaf qoraanicha dugdatti baatee akka deemu dubbata.

"Sa'aatii lama na deemsisa magaala gahuuf. Amman magaalaa gahuuttis yoo xiqqaate bakka shanittin boqodha. Baayyee dadhabeen magaala gaha," jedha.

Qoraan dadhabbii hedduun fide kana birrii 250tti akka gurguratu kan himu Huseen, kun hojii guyyuu kan torbee guutuuf irra deddeebi'ee hojjetu ta'u dubbata.

"Birrii tana walitti qabeen anaa fi harmeekoo kan manatti hafteef waan barbaachisu bitee ittiin jiraachisa. Guyyaa tokko yoon dhiise waan biraa waan ittiin jiraannu omaa hin qabnu" jedha.

Sababa waggoota lamaaf osoo adda hin kutiin qoraan kana dugdatti baatee gurguru kanaaf amma dugda isaarratti miirri dhukkubbii isa jalqabuu kan dubbatu Obbo Huseen, ta'us hojicha itti fufuun garuu waan filannoo biraa hin qabne itti ta'u kaasa.

''Lafa qonnaas sababiin hin qabneef, akkasumas hojii hojjatamu kan biraa waan hin jirreefan qoraan kana dugdatti baadhee gurguruun ittiin diraachuuf dirqame'' jedha.

Huseen sababa harka qalleessa ta'ee fi harmee isaas gargaarsa isaatiin jiraataniif bultii ijaaratee dhalarreen godhachuuf sodaa keessa akka jiru hima.

"Niitii fuudhee dhala godhachuu nan hawwa. Haata'u malee, homaa hin qabu. Maalittan fuudha. Amma osoon haadha warraa hin fuudhiin waggaa 40 keessan jira. Osoon fuudhees dhala godhachuun jira. Maaliina jiraachisa");