Garuu Hamaas karoorri kun gaaffii bu’uuraa isaa kan hin guunne ta’uu ibse.
Waliigaltichi guyyoota 60f dhukaasa dhaabuu kan of keessaa qabu yoo ta’u, Hamaas torban jalqabaa keessatti namoota ugguraman 28 - lubbuun jiranii fi du’an - kan gadhiisuyoo ta’u, namootni butamanii hafan 30 ammoo erga waligalteen dhukaasa dhaabuun dhaabbataa jalqabee booda gadhiifamu.
Waliigaltee kana hordofuun hidhamtoonni Falasxiin kuma tokkoo ol kan hiikaman yoo ta’u, gargaarsi namoomaa karaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi dhaabbilee birootiin gara Gaazaatti ni ergama.
Toom Fileechar gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin,beelli kun deebii idil-addunyaa Gaazaaf kenne irraa kan dhufe ta'uu amantaa qaban ibsaniiru.
''Dirqiin beelessuun yakka waraanaati, eyyee, kun ifatti yakka waraanaa jedhamee ramadame." Kun dhimma manneen murtii murteessuu fi dhumarratti seenaan gaafatu ta'uun isaa ifaadha jedhan.
Fletcher akkasumas dhiheenya kana yoo gargaarsi hin hayyamamne daa'imman 14,000 Gaazaatti sa'aatii 48 keessatti du'uu danda'u jechuun ibsanii ture.
Israa’el torban darbe gargaarsa daangeffame gara Gaazaatti hayyamuu kan jalqabde yoo ta’u, uggura ji’oota sadiif ture ka'uun dhiyeessii akka nyaataa, qoricha, boba’aa fi kaan jalqabeera.
Uggura kana erga kaa’ee torban lama booda haleellaa waraanaa waligaltee dhukaasa dhaabuu ji’a lamaaf Hamaas waliin ture xumuruun haleeltti deebite