Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii haasaa Guyyaa Walabummaa taasiserratti waa'ee Itoophiyaa maal jedhe?

Pirezidantii Ertiraa Isaayyaas Af-Warqii

Madda suuraa, SHABAIT

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-Warqii kabaja Guyyaa Walabummaa biyyattii 34ffaa ilaalchisuun haasaa taasiserratti mootummaa Itoophiyaa jabeessee qeeqeera.

Pirezidant Isaayyaas qophii Ertiraanonni baayyeen irratti argaman istaadiyeemii keessatti gaggeefameefi kan karaa sabaa-himaalee biyyattiin kallattiin tamsa'een haasaa taasise kanaan, "humnoonni alaa karaa bakka bu'aasaanii kan ta'e Badhaadhinaa [Biltsiginnaa] waraanni ummata Itoophiyaarratti waggoota shanan darban labsan hangam akka abdii kutatan agarsiisa," jedheera.

Pirezidaantichi haasaa isaa keessatti warra 'humnoota alaa' jedhe kanneen eenyu akka ta'an hin ibsine.

"Sababoonni dhiyeessuu barbaadan baayyeedha. Dhimma bishaanii, Abbayiifi Galaana Diimaa, ulaa galaanaa argachuu, ilaalcha Oromummaa oromoo bakka hin buune, walitti bu'insa Kushii fi Seemii, ummata Affaariifi lafa ajandaa isaanii kanaaf fayyadamuufi bal'inaan waraana kakaasuudha," jechuun kan tarreesse Pirezidant Isaayyaas, mootummaan Itoophiyaa kana milkeessuudhaaf bittaa meeshaa waraanaafi qophii waraanaarra akka jiru eereera.

Pirezidaantichi ummanniifi mootummaan Ertiraa jijjiirama Itoophiyaatti gaggeeffameef "deeggarsa gochuufi jijjiirama tasa uumameef hin gaabban," jechuun dubbate.

Pirezidant Isaayyaas Itoophiyaatti waggoota saddeettama darban sababa "imaammatwwan dogoggoraafi deeggartoota isaanii Waashingitaniin" wanti ta'e "beekamaadha" jechuun dbbateera.

Pirezidant Isaayyaas erga Ministirri Muummee Abiy gara aangootta dhufanii nagaan bu'een booda mootummaa Itoophiyaarratti qeeqa jabaa yeroo dhiyeessu kun isa jalqabaati.

Dhaloota lamaan darban keessa carraan ijaarsa biyyaa Itoophiyaa gatatuu isaa haasaa isaa kana keessatti kan kaase Pirezidant Isaayyaas, Waraana Ololaa Addunyaatii as Itoophiyaan gara siyaasa sabaa fiixeetti ba'eetti makamuushee ibseera.

Jijiiramoonni Itoophiyaatti mul'atanii turan "hawwii ummataa abdii namatti horan" jechuun ibsuun, "kan humnoota alaa rifachiise ture" jedhe itti dabaluun Pirezidaant Isaayyaas.

Hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru deebiyee qaqqabbanaa'uu kan jalqabe waraanni kaaba Itoophiyaa waggoota lamaaf ture waliigaltee Piritooriyaatiin fala argachuusaatiin boodadha.

Yeroo waraana sanaa Ertiraan mootummaa Itoophiyaa deeggaraa turte.

Haata'u malee, mootummaan Itoophiyaa humnoota Tigraay waliin waliigaltee mallatteessee erga waraanichi dhaabbateen booda hariiroon Asmaraafi Finfinnee gidduu jiru laaffate.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hariiroo biyyoota lamaanii caalaa akka laafaa dhufu kan godhe ammoo Ministirri Muummee Abiy Galaana Diimaarratti ulaa galaanaa qabaachuu qabna jechuu isaanii hordofeeti.

Haasaa waa'ee ulaa galaanaafi buufata doonii Ministirri Muummee Abiy taasisaniifi fedhiin agarsiisan aanga'oota Ertiraa hin gammachiifne.

MM Abiy fedhii ulaa galaanaa Itoophiyaa ilaalchisee, "dhimma Galaana Diimaa osoo hin kaasiin turreerra waan ta'eef amma maaliif cal hin jennu? Ertiraa waliin walitti bu'uurra yoo nutti hafe hoo? Jibutii waliin yoo walitti buune hoo? kan jedhu namoonni yaaddaa qaban jiru," jedhanii ture.

Gaaffiin kun akka ka'uuf akka sababaatti kan eeran baayyina ummataa Itoophiyaa dabalaa dhufe ulaa gara galaanaatti ittiin darbu waan hin qabneef "hidhamaa teessuma lafaa" ta'ee itti fufuu isaa eeranii ture.

Waggoota 34 darban aangoorra kan ture Pirezidant Isaayyaas, "balaawwan baayyeefi irra deddeebiin federaalizimii saba irratti hundaa'e horodofee "jijjiiramni" waggaa torba dura karoorfame Itoophiyaa keessatti qofa osoo hin taane Ertiraafi biyyoota ollaa biroo keessattis miirri gammachuu uumee ture waan yaadannudha," jedhe.

Haata'u malee, carraawwan abdii namatti horan kun kan isaan aarse humnoonni alaa "hojii hin hiikne" jedhe Pirezidaantichi.

"waraanawwan waggoota muraasa darban ummata Itoophiyaarratti labsan Badhaadhinarraa [bakka bu'aasaanii haaraa] irraa abdii kutachuusaanii agarsiisa"

Kanaaf haguuggiin kennamu baayyeedha kan jedhe Pirezidaantichi, ajandaawwan isaaniifi dursanii kan karoorsan kan beekamu ta'uu duuchaadhumatti dubbateera.

"Dhimma bishaanii kaasu, Abbay fi Galaana Diimaa, ulaa galaanaa argachuu, ajandaawwan Oromummaa ummata Oromoo bakka hin buune, walitti bu'insa Kushiifi Seemii, ummta Affaariifi lafa isaa itti fayyadama shiraa gochuudhaaf, waraana sabaa bakka hundaatti itti cimsuu," jechuun tarreesseera.

"Waraanawwan karoorfaman kanneen jalqabsiisuudhaaf meeshaalee waraanaafi tekinooloojiiwwan argachuudhaaf ariitiin taasifamaa jiru, dhaadannoo kana waliin dee,aniifi qophiiwwan waraanaa kan hunduu bareefi galmeessedha," jedhe itti dabaluun.

Pirezidant Isaayyaas haasaa isaa kanaan shira ifaafi "dhoksaa" ummataafi mootummaa Ertiraa diguudhaaf taasifamu akka ta'e beekamaa ta'uu dubbate.

Sababa kanaanis carraan abdii namatti horu mul'atee ture karaatti hafuus himeera.

Pirezidant Isaayyyaas Af-warqii haasaa isaa kaleessaa kanaan, waa'ee walitti bu'insa Sudaan keessa jiruus kaasee kan ture yoo ta'u, giddu-seentummaa humnoota alaa qeeqeera.

Ertiraan mootummaa humna waraanaa Jeneraal Abdul Fattaah Al Buraaniin duramuuf deeggarsa akka taasiftu ibsamaa tureera.

Guyyaan Walabummaa Ertiraa wagaa 34ffaa Ertiraatti, akkasumas biyyoota alaatti kabajame agarsiisawwan loltummaafi hojii aartiin kan dabalamee dhiyaate ture.

Sirna kabajaa turerratti aangaoonni mootummaa olaanoo, jeneraalonni waraanaa, akkasumas namoonni kumaan lakkaa'aman argamaniiru.

Pirezidantiin waggoota 34f aangoorra ture Isaayyaas haasaa isaa knaan haala addunyaa, dhimmoota qaxanichaafi waa'ee biyyoota ollaa tokko tokkoon kaasee dubbateera.