Bashannanaaf gara hawaa deemun baasii hagamii nama gaafata, eenyu fa'iif eeyyamama?

Madda suuraa, Getty Images
Tibbana Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimed (Dr) gara buufata Qorannoo Hawwaa Idil-addunyaatti imaluuf jedhamun miiidiyaa hawwaasaa irratti dubbii ijoo taheera.
Oduun miidiyaa hawaasaarra naanna'u kunis dhugaa ta'uu fi dhiisuu addatti BBC'n hin mirkaneesine. Haata'u malee dhimmoota, imala gara hawaatti taasifamuun wal qabatan maal akka ta'en ilaaluuf yaaleera.
Dhaabbanni biliyenera addunyaa Elon Maaski 'Space X' jedhamu qorattoota hawwaa qofa osoo hin taane turistoota gara buufata qorannoo hawwaa geessuu jalqabeera.
Nama tokkottis gara doolaara miliyoona 55 ykn birrii Itoophiyaatiin gara biliyoona torbatti dhiyaatu kaffalchiisa.
Ofii gara buufata qorannoo hawwaa idil-addunyaa deemuuf maal fa'iitu barbaachisa?
Qorattootaan alaatti daawwattootaaf ni eeyyamamaa? Gara buufata Qorannoo Hawwaa Idil-addunyaatti ilamuun miidhaa fayyaa akkamii qabaata?
Gaaffiilee kanneeniifi kan biraa irratti oggeessee dhimma kanarratti qorannoo gaggeessan Dr Solomoon Gurmu dubbisuun akka ittaanuutti qindeessineerra.
Ofii imala hawaatiif maaltu barbaachisa?
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dr Solomoon Gurmuu Beekaa Yuunvarsiitii Niwslaandi Otaagoo jedhamu irraa digrii sadaffaa (PhD) isaanii damee barnootaa 'Aerospace medicine' jedhamuun xumuran.
Qorataan kunis namni tokko gara hawwaa imaluun dura adeemsa hedduu keessa darbuu akka qabuufi nama imaluu barbaade kamiifiyyuu akkasumaan akka hin eeyyamamne dubbatu.
Imalichaan dura qorannoo fi leenjii gahaan dursee kennamuufi qaba jedhu.
Kana malees namni tokko gara hawaatti imaluun dura qorannoon fayyaa irra deddeebiin godhamuun fayya-buleessa tahuu mirkanaa'uusaa mirkannaa'u akka qabu kaasu.
''Goost nyaataa namoota gara hawaa imalaniif addatti kennamaniif jiraachuu malu'' malu. jedhu
Shaakala qaamaa dabalatee sochii akkamii akka achi keessatti taasifamu, uffatuma ittiin deeman iyyuu akkamiin akka fayyadaman dabalatee leenjiin gahaan kennamuu qabaata Dr Solomoon.
Kun ammoo yeroo waan gaafatuuf callisanii imaluun hin danda'amu jeechuun imalli gara hawaatti taasifamu qophii gahaa akka barbaachisu ibsu.
Imaltoonni gara buufata hawwaa deeman uffata 'G-Suit' jedhamu uffachuu qabu kan jedhan Dr Solomoon, innis dhiignii fi dhangala'aan qaama keessaa akka madaala isaa eeggatu kan taasisudha jedhan.
Gara hawaa imaluun miidhaa fayyaa ni qabaa?
Dr Solomoon barnoota saanii kan digrii sadaffaa (Phd) kan xumuran yaala aviyeeshinii irratti xiyyeeffachuudhaan.
Namoonni gara hawaa imalan dursa qorannoo irra deddeebii hedduu gochuu akka qaban kaasuun, kunis erga imalaniis miidhaa fayyaa biraaf saaxilamuu waan malaniifiiidha jedhan.
''Buufata Hawaarratti lafeen qaama namaa baay'ee habbachuu danda'a. Foon isaanii shuntuuruu danda'a. Dhangalaa'an qaama keessaa kallattii isaa jijjiiruu danda'a. Onneen akka yeroo lafa irra jirtuutti dhiiga hin rabsitu. Ofiiyyuu waan biraatti jijjiiramuu dandeessi,'' jechuun waan erga imalamee booddee mudachu danda'u kaasu.
Itti dabaluunis, ''hiribni akka malee jijjiirama. Buufanni hawaa kun guyyaa tokkotti yeroo 16 lafatti naanna'a. Daqiiqaa 93 keessatti si'a tokko lafatti naannofta. Kanaaf sa'a hirribaa guutummaan waan jijjiiruuf balaa guddaa qabaachuu danda'a,'' jechuun ibsu ogeessi kun.
Dr Solomoon ''namoonni gara hawaa deemanii dhufan argitee yoo jiraatte fuulli isaanii kun bobbokokee dhufu. Fuullisaanii ni jijjiirama'' jedhan.
Humni carallaa achitti si mudatu miidhaa fayyaa biraa irraan gahuu mala kan jedhan hayyuun kun ijaaa fi dhageettii gurraa irrattis balaa qabaachuu danda'a jedhan.
Namni gara buufata hawwaatti imalu durseeti shaakala qaamaa gahaa gochuun fayyaa guutuu isaa mirkanaa'eeti kan deemu. Ji'oota hedduuf qophii gochuu qabu.
Qophiin xiin-sammuu matumtisaa leenjii biraa barbaada kan jedhan Dr Solomoon, gara hawaa imaluun irra caalaan isaa bu'aa qorannootiif taasifama jedhan.
Rakkoon namoota gara hawaatti imalan mudatu rakkoo lafarraa furuuf gargaara jedhu. Fakkeenyaaf, namni tokko gaafa gara hawaatti imalu maaliif fuullisaa ykn foon isaa shuntuura kan jedhu dulluma lafatti mudatu furuufi sababa isaa baruuf gargaara jedhu.
Waggoota dheeraan dura gara buufata qorannoo hawaa kan deeman qorattoota qofa ture. Isaanis ergama tokko xumuruuf qophii waggootaaf taasisu jechuun dubbatan.
Imalli gara hawaa kun baay'ee qaalii waan taheef turistootaafis ta'e qorattoota hedduuf carraa bal'aa hin kennu kan jedhan qorataan kun, dhiyeenya kana keessa ammoo turistoonni gara gara sana imaluun bashannanaaf itti dhimma bahuu jalqabuu kaasu.

Madda suuraa, Getty Images
Kanneen turizimiif imalanii deebii'an maal jedhu?
Kanaan dura gara hawaatti imaluun qorattootaaf qofa ture, isaaniyyuu lakkoofsi isaanii addunyaa irraa muraasa. Dhiyeenya kana garuu turizimiin hawaa babal'achuu jalqabeera.
Garee dhiyeenya bashannanaaf garas imalan keessa jaalallee biliyenara addunyaa kanaa Jeef Beezoos kan taate, Looreen Saanchezii fi weellistuu beekamtuu Keetii Peerii dabalatee namoonni jaha imala kana taasisaniiru.
dhaabbanni qorannoo hawaarratti hojjetuufi kan namoota kanneen imalchiise ammoo kaampaanuma Jeef Beezoos kan tahe 'Blue Origin' kan jedhamudha.
Keetii Peerii erga imala hawaarraa lafatti deebiitee booda, ''jireenyatti baay'ee akkan hidhata qabaadhu na taasiseerra'' jette.
Xiyyaarri hawaa dubartoota jaha qabachuun lafa irraa fageenya km100 achii ol fageessuun bakka irraa gadi waan lafti guutummaan fakkaattu itti arguu danda'an irra isaan geesse.
Bakkichi akkuma idil-addunyaatti iyyuu daangaa buufata hawaa jedhamuun beekama. Dubartoota kanneen keessaa tokko ammoo saayintistii rokkeettii NASA kan turte Ayishaa Boow jedhamti.
Rokkeettiin ykn xiyyaar-samii isaan fudhatee deemte 'New Sheperd' jedhamti. Yeroo gara lafaatti deebi'an ammoo kaapsuuliin isaan baattu sun paaraashuutii fayyadamuun lafarra qubatte.
Rokkeettiin isaan geessites Teksaas keessa deebitee qubatteetti. Jeef Beezoos kaapsulii xiyyaar-samii namota baattu yeroo gara lafaatti deebitu eeguun jaalallee isaanii simataniiru.
Isheenis imimmaan ishee hudhaa ''garee kanatti hedduu booneera. Jechaan ibsuu hin danda'u'' jette.
''Karaa foddaatiin addeessa ilaalaa turre jette. Dacheen kun waanuma calliste fakkaatti. Waan akkanaa hin eegnen ture. Garuu hedduu namati tola.''
Keetii Peerii akkuma lafa buuteen jilbeenfattee lafa dhungattee gammachuu ishee ibsatte.
Dubartiin jalqabaa qofaa gara hawaatti kan imalte waggaa 60 dura ture. Qorattuun hawaa Sooviyeet Valeentiinaa Tereshkoovaa xiyyaar samii Voostook 6 kan jedhamuun gara hawaa qofuma ishee deemtee ture.
Zeeroo giraaviitii
Hawaa keessa harkisni dachee (gravity) waan hin jirreef waan ol darbatame tokko humni harkisee gadi deebisu hin jiru. Gama oliinis ol harkisee waan achirratti hambisu hin jiru.
Ulfaatinni nama kamiiyyuu zeeroo taha jechuudha. Dhalli namaa buufata hawwaa keessa yeroo gahan akkuma afuuffee qilleensarra bololi'u wayii taha malee hin kufu. Kanaaf hawaa keessatti dhaabbachuu ykn wanti kufuu jedhu hin hojjetu jechuudha.
Hayyuu beekamaan addunyaa Istiifen Hoowkiingi ''imaltoota hedduu haguma gara hawaa geessaa deemnu isaaniinis hunda keenyas akka ilaalcha adda tahee fi pilaaneetii kanaan alas qabaannu nu gargaara'' jedhan.
Kaampaanonni 'Zero-G' jedhaman buufata hawaa keessatti fuulduraaf buufata tokko hojjechuuf akka tattaafachaa jiran himama.
Zero -G kaampaanii biyya Ameerikaati. Namni buufata hawwaa kana keessa gahee akka ulfaatina homaa hin qabne of arge gaafa deebi'ee dhufu muuxannoo isaa irraa waan himu hedduu qabaata jedhanii amanu ogeessonni isaa.
Dhalli namaa addeessarra qubachuun kaameeraawwan ammayyaan suuraa fi viidiyoo erga fudhachuu danda'ee kan hafe amma achirra bashannanuufi tarii tamsaasa kallattii achirraa dabarsuu taha jechuun kan raaganis jiru.
Xiyyaar-samiin imaltoota fudhattee deemtu paayileetii hin qabdu. Namoonni imalicha keessa jiran harka isaaniin waan sirreessanii balaliisan hin qaban. Ofumaan of danda'uun balaliiti.
Imalli gara hawaa qorattootaaf qofa ture. Amma turiizimiin gara hawwaatti godhamu dabalaa jira. Haata'u malee ammalleen jalqabbii irra jira.
Gatiin isaas akka malee qaaliidha. Kaampaaniin 'Blue Origin' jedhamu biliyenara addunyaa Jeef Beezoosiin bara 2000 hundaa'e.
Kaampaaniin kun imala tokkoof gatii guutuu ifa gochuu baatus taa'umsa qabachuuf qofa doolaara 150,000 barbaachisa. Kun baasii waliigalaa osoo hin taane bakka qabachuuf qofaadhaaf kan kanfalamudha.
Haatahu malee, turizimiin gara hawaatti taasifamu kun erga jalqabeen as qeequumsi irratti hammaateera.
Gama tokkoon eegumsa naannoo irratti miidhaa qaba yoo jedhan, gama kaaniin ammoo gatiin hanga kanaa itti bahuun akka hin barbaachisne himu.
Injiiniin rokkeettichaa gaazii fi paartikiloota haala qilleensaa fi oozoonii miidhan qaba jedhan ogeessonni. Hanguma rokkeettoonni hedduun gara hawaatti ergaman haalli baqqaana oozoonii ni miidhama jedhu qeeqxoonni.
Kaampaanonni dhuunfaa teeknoloojii fi kalaqa adda addaa irratti hojjechuun daawwannaan hawaa kun akka namoota hedduu bira gahu yaalaa jiru.
Piroofeser Biriyaan Kooksi kan jedhaman bara 2024 keessa BBCtti akka himanitti: Qaroominni keenya kun dacheen alattis babal'achuu qaba. Kana dhuguumsuuf ammoo NASA fi dhaabbileen dhuunfaa balalii gara hawaatti taasisuuf hojjetan wal tumsuu qabu jedhan.
Imalli gara hawaa qaalii tahuusaa irraa kan ka'e namoota hundaan hin yaadamu. Taatoo beekamtuu Oliivaa Muun, lammiileen Ameerikaa gatii hanqaaquu tokko kaffalachuu dadhaban akkamiin waa'ee imala gara hawaa yaadu jette.