TPLF haqamuun paartichaaf hiikaa attaamii qaba? Furmaanni maali?

Madda suuraa, Tigray People's Liberation Front/TPLF/
Siyaasa Itoophiyaa keessatti wallakaa jaarraatiif paartii ijoo ta'ee kan ture Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (TPLF) yeroo lammaffaaf boordii filannoo biyyaalessaatiin haqame.
Ibsa boordiin filannoo guyyaa Roobii Caamsaa 14, 2025 baaseen, haaluma akeekkachiisa baatii sadiin dura kennee tureen seera qabeessummaa paartiichaa haquu beeksiise.
Waraana Tigraay hordofee seera qabeessummaasaa kan dhabe TPLF, ammas dhimma galmeerraa kan haqame waan filmaatawwan akka furmaataatti kaa'ame irratti waliigaltee irra gahuu dadhabeefidha.
Boordiin filannoo yeroo jalqabaatiif bara 2023tti paarticha kan haqe waraanni Tigraay eegalu hordofee TPLF ''gochaa fincilaa'' keessatti hirmaachusaa ibsuun ture.
Waliigalteen Piritooriyaa waraanicha dhaabsisee mallatteeffamuun erga shororkeessuummaan paarticharra kaa'ame kaafameen booda akka seera qabeessummaansaa deebiifamuuf gaaffii dhiyeessee ture.
Boordiin filannootis gamasaatiin, seerri paartii haqamee deebisee galmeessuuf isa dandeessisu akka hin jirreef eeruudhaan, gaaffii paartiichaa kufaa taasisuunsaa ni yaadatama.
Deddebisa baayyeen booda mootummaan federaalaa TPLF ''haala addaan'' akka galmaa'uf fooyya'insa seeraa taasisuulleen filannoon kun TPLFn fudhatama hin arganne ture.
Paartichi beekamtiin seeraa durii akka deebiifamuuf malee haala addaatiin galmaa'uu akka hin barbaanne ibse. Falmiin kun osuma jiruu paartichi fooyya'insa labsiitiin booda gaaffii dhiyeesseen boordiin filannoo TPLF haala addaatti galmaa'uun waraqaa ragaa kennuufii beeksiise.
Beekamtiin seeraa paartichaaf keename garuu falmisiisaa ta'ee ture. TPLF, boordichaaf gaaffi kan dhiyeesse seera qabeessummaansaa akka deebii'amuu akka ture ibsuudhaan, galmee haala addaatiin taasifamees ta'e beekkamtii keennameef akka hin fudhanne irra deebiin ibseera.
Boordiin filannoo gamasaatiin ibsa baaseen, paartichi fooyya'insa labsiichaatiin booda gaaffii dhiyeesseen kanaan dura ''haala addaan'' akka ture beeksiiseera.
Boordiin filannoo akka jedhuutti paartiichi gaaffii kan dhiyeesse ''haala addaan'' galmaa'uudhaan ''haala seeraan gaafatamuuniidha'' jedhe.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
TPLF ''kaayyoo fi haala hojiirra oolmaa seerichaa ifatti baruu fi hubachuuf'' haala addaan galmaa'uuf gaaffii dhiyeessuu ibse.Fooyya'insa labsichaa irratti ''haala addaatiin paartii siyaasaa ta'un galmaa'uudhaaf seeraan akka dhiyaataniif sanadoonni tarreeffaman'' itti qabsiisuudhaan akka ta'e booridichi ibsa irratti kaa'eera.
Boordiin filannoo, ''aangaa'oonni olaanoon paartichaa waajira muummee boordichaatti argamuun waraqaa ragaa fi xalayicha haalaan arguudhaan, dubbiisaniifi waliigaluun fedhiisaanitiin mallatteessanii'' fudhachuusaanii beeksiiseera.
Kun waan ta'eef ''haala addaatti' galmaa'uudhaan seera qabeessuummaa kennameefii mirkanneessituu hin fudhannu jechuun fudhatama hin qabu'' jechuun TPLFn qeeqeera.
Boordiin filannoo erga beekkamtii kana kennanii booda, haaluma labsiichaatiin paartichi yaa'ii waliigalaa akka taasisaniif Muddee keessa akeekkachiisee ture.
Baatii Guraandhala keessatti ammoo ajaja kana akka hin raawwannee eeruudhaan paarticha ''baatii sadiif kan dhorke yoo ta'u, yeroo sana keessatti ''yaa'ii waliigalaa akka gaggeessaniif hojiiwwan qophii dursa yaa'ii'' akka raawwataniif akeekkachiise ture.
Boordiin filannoo ibsa baaseen, ''paartichi itti gaafatamummaa seeraa bahuudhaaf hayyamamaa hin taane. Kanaafuu, TPLF ''ALI Caamsaa 5, 2027 irraa kaasee paartii siyaasaa keessaa haqamuu'' beeksiise.
''Paartii siyaasaa keessaa haqamuun kan dhumaa miti''
Oggeessi seeraafi filannoo BBCn dubbiseefi sababii itti gaafatamummaa hojiisaanitiin maqaansaanii akka hin eeramne gaafatan, paartiin siyaasaa tokko haqame jechuun 'akka lubbuun namaa darbeetti du'eera jechuu miti'' jechuun ibsan.
Labsiin naamusa filannoo fi galmee paartilee siyaasaa ALI bara 2010tti bahe, paartiileen siyaasaa haala sadiin haqamuu akka danda'an labseera.
Haalawwan labsichi tarreessee keessaa paartiin siyaasaa hayyamnisaa akka haqamuf fedhiisaanii yoo gaafate fi boordiin filannoo yoo murteessee kan jedhan keessatti argamu.
''Haala labsii kanaatti paartiin siyaasaa galmeerraa akka haqamuuf manni murtii murtee yoo kenneedha'' kan jedhu ammoo haala sadaffaadha.
Kan ammaa dabalate yeroo lamaaf seera qabeessuummaasaa kan dhabe TPLF, yero lamaanuu kan galmeerraa haqame murtee boordii filannootiin.
Oggeessi seeraa fi filannoo kun, ''TPLF amma kan haqame sababii labsii fi haala dambii bulmaata paartichaatiin yaa'ii waliigalaa gaggeeffachu hin dandeenyeef'' jechuun ibsu. Gochaan kunis dambii labsichaas ta'e kan paartichaa kan cabsuu ta'u ibsa.
Haata'u malee, kun boordii filannoon paarticha haquudhaaf tarkaanfiin fudhate ''murtee dhumaa'' akka hin taane hima.
Paartiiwwan siyaasaa sababiiwwan murtee boordii filannootiin haqamuu itti danda'aman kan tarreessu kutaan labsii, paartiichi murticha mormuuf mirga akka qabu labseera.
Paartiin siyaasaa ''murtee boordichi dabarse kana morme'' mana murtee olaanaa federaalaatiif ol iyyannoo dhiyeessuuf mirga akka qabu seericharratti kaa'ameera.
Paartiin ol iyyannoo kana dhiyeeffachu kan qabu murtichi erga qaqqabeen booda guyyoota 30 keessatti akka ta'e labsichi kaa'eera.
Oggeessichi, ''labsii muummee fi fooyya'insichaatiin yeroo hundumaa murteewwan bulchiinsa boordii filannoo murteewwan bulchiinsaa maan murtii olaanaatiif dhiyaataniidha'' jechuun seera kana ibsu.
Haata'utii guyyoota 30 keessatti iyyannoo kan hin dhiyeessine yoo ta'e paartichi dhimmicha ''akka dhiisetti akka lakkaa'amu'' akkasumas sababii ''yirgaatiin''mana murteetiin fudhatama akka hin arganne ibsaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Galmee paartilee siyaasaarraa haqamuu booda maaltu ta'a?
Oggeessi seeraa fi filannoo BBCn dubbisae kun, paartiin siyaasaa tokko yoo seera qabeessummaansaa haqamu lubbuun akka hin jirre akka ta'u'' dubbatu.
''Qaamni seera qabeessuummaa kenne enyummaasaa erga fudhateefi haqeen booda, fakkeenyaaf isaan booda paartiin TPLF jedhamu seeraan hin beekamu. Mirgoonni seera qabeessummaa isaa waliin jiran, qabeenyaa uummachuun, aanga'oonni isaa, sochii siyaasaa taasisuu, maqaasaatiin fayyadamuu hundi ni dhaabbata jechuudha'' jedhan.
Oggeessi kun bu'aa haqamuu paartii siyaasaa tarreessan kunneen labsiicharratti kaa'amaniiru. Labsii bara 2011tti baherratti, paartiin yeroo itti diigamee kaasee, ''paartiin ykn itti gaafatamtoonni paartiichaa maqaa paartii sanaatiin socha'u hin danda'an'' jechuun labseera.
Oggeessi seeraafi filannoo kun, ''paartiichi waan diigameef aanga'oota TPLF kan jedhamu hin jiraatu. Maqaa paartichaatiin xalayaa barreessuu, chaappaa fayyadamu hin danda'an. Amma diigamuunsaa ummataaf xalayaan ibsameera. Maqaa paartichaatiin quunnamtii kamuu taasisuu hin danda'an'' jedhan.
Boordiin filannoo ibsa ittiin TPLF haquu beeksiiseerratti, murtichi ''TPLF fi aanga'oota'' isaa irratti hojiirra akka oolfamuuf murtaa'uu kaasuusaa kanaaf akka ragaatti kaasuun ibsu.
Bu'aan haqamuu paartii kan biraa labsicha irratti eerame, kan qabeenyaa paartii siyaasaa ilaalatuudha. Paartiin siyaasaa tokko wayita haqamuu qabeenyaansaa ''idaa irra jiruuf kanfalamuuf akka oolfamu'' kaa'eera.
Qabeenyaa idaa irra jiru kanfalee hafu yoo jiraate ammoo ''maallaqni hafee fi qabeenyaan ajaja boordiichaatiin barnoota lammummaa fi filattootaaf akka oolu'' akka taasifamu labsiichaan kaa'ameera.
Oggeessi BBCn dubbise kunis, tarkaanfiin kun TPLF yeroo jalqabaatiif bara 2013tti yeroo haqameetti hojiirra akka oolfame yaadatu.
Boordiin filannoo, TPLF waraanichaa hordofee murtee haqamuu irratti dabarfamee akka irraa kaafamuuf gaaffii dhiyeesseen waggaa lamaan dura Caamsaa ALI bara 2015tti murtee kenne irrattis dhimmi kun ka'ee ture.
Boordichi yeroo sanatti xalayaa paartii siyaasaa kanaaf barreesse irratti, qabeenyaan paartichaa barnoota lamummaafi filattootaaf akka oolu taasifamuu ''bu'aa murtee haqamuu'' ta'u beeksiisee ture.
Waan kana ta'eef, aanga'oota paartiichaa fi qabeenyaarratti murteewwan darban bu'aasaa ''akka haaraatti gaafachuu kan danda'an'' akka hin taane ibsaniiru.
Itti dabalunis, qabeenyaa ilaalchisee kutaan seeraa raawwachiisuuf ''qulqulleessaa idaa akka muuduu'' akkasuumas qaamni kun ''maallaqa baankii keessa jiru, kan socha'u, qabeenyaa hin sochoone akka dhorkamu akka taasisu'' kaasaniiru oggeessi kun.
Idaan yoo jiraatees hojiin kanfaluu kan raawwatamu erga hojii qulqulleessuu kun xumurameen booda jedhu.
Haata'u malee TPLF gama ilaallatuun, gochaa kana raawwachiisuun ''wal xaxaaa'' akka ta'e ibsaniiru.
''Kan jalqabaa beekkamtiin naaf haa deebiifamu jechuun gaafataa waan tureef, wayita haala addaatiin galmaa'eetti aanga'oonni paartiichaa muraasni fudhatanii waan deemaniif, maallaqni beekkamtiin kamiin akka jiru baruun baayyee rakkisaadha. Beekamtii isa duraarraa kan ammaatti haalli itti darbe maal akka fakkaatuu baayyee hin barre'' jechuun dubbatan.
Furmaanni eessa jira?
Beekamtiin seeraa duraan qabu akka deebi'uuf irratti kan ciche TPL ''haala dhaabbilee siyaasaa Itoophiyaa biroo irraa adda ta'en akka paartii haaraatti akka galmaa'uu kan taasisu'' jechuun ibseera.
Maalif akka yaada kana mormu ibsa torban darbe baaseen, akka paartii haaraatti galmaa'uuf waliigaluun ''Lola ummata Tigraayirratti banamee ture haaluuf dirqama akka qabaannu nu taasisa," jedhe.
Paartichi ibsa kenneen "dhimmi beekamtii seeraa duraan qabu deebisuuf dhimmi isaa adda durummaan murtee siyaasaati, seerri dhorku hin jirus," jechuun ibseera.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa ''seera dawoo godhatee ejjennoo siyaasaa amanamummaa isaa xiqqeessu itti fufeera'' jechuunis' qeeqeera.
"Boordiin Filannoo tapha siyaasaa seera dahoo godhachuun taphachaa jiru dhiisee ragaa beekamtii seeraa paartichaa mirkaneessu akka kennuuf,'' gaafateera.
Ogeessi seeraafi filannoo BBC'n dubbise; "atakaroo siyaasaati; Boordiin Filannoo akkaataa ulaagaa seeraatiin socho'eera jedheen amana," jedhu.
"Hojiin Boordii Filannoo teeknikaa dha. Teeknikaa jechuun, seerri jira, yoo seerri hin jirre seerri ni ba'a, akkataa seeraatti hojiirra oola" jechuun falmu.
Dhimma beekamtii TPLF ilaalchisee ogeessi kun, "Dhimmi seeraa xumurameera" Kana booda "furmaanni baay'een karaa seeraan akka hin jirree fi dhimmichi "kan marii siyaasaa barbaadudha," ta'uu eeru.
"TPLF guyyoota 30 keessatti murtii Boordii Filannoo irratti ol'iyyannoo yoo hin dhiheessine, gama seeraan yoo ilaalle hin jiru, gama siyaasaan garuu jira. Jaarmiyaa waan qabuuf ummanni ni beeka, waraannis jira" jedhu.
"Beekkamtii akka hin qabne, kana booda siyaasa naannoo keessatti hirmaachuu ykn namoota sochoosuu akka hin dandeenye himamuu danda'a. Mootummaan federaalaa murtee boordii filannoo kana fayyadamuuf ni yaala," jechuun tilmaama.
Mariin mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti yoo hin jiraanne "gara waldhabdee biraatti ce'uu danda'a" jechuunis yaaddoo qaban ibsu.
Ogeessi kun fooyya'iinsi labsii galmee addaa hayyame ''murtee siyaasaa seera qabeessa gochuuf tarkaanfii fudhatame'' jechuun falma.
Seerri walfakkaataan karaa marii siyaasaatiin ragga'uu akka danda'u yaada dhiyeessu.
"Boordiin Filannoo seera hin baasu. Kan labsii baasu Paarlaamaa dha. Paarlaamaan seera TPLF eenyummaasaa duraaniitti akka deebi'u hayyamu yoo raggaasise, sababni Boordiin Filannoo ofirraa ittisuuf hin jiraatu.
Sababni isaas Paarlaamaaf itti gaafatamaa waan ta'eef; paarlaamaan seera baase hojiirra ni oolcha," jechuun ibsan.
Furmaatni marii siyaasaa mootummaa federaalaa fi TPLF gidduutti taasifamu keessa akka jiru cimsanii dubbatu.