Erga rokkeetiin itti dhukaafame booda Israa'el Libaanos haleelte

Madda suuraa, Reuters
Sadaasa keessa dhukaasa dhaabuun hojiirra erga oolee booda yeroo jalqabaaf rookkeettonni hedduun Libaanos irraa gara Israa'elitti dhukaafaman.
Eegasii Israa'el haleellaa qilleensaa cimaa Libaanos irratti raawwatte.
Kunis, erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu qaamota lamaan gidduu ji'oota afuriif ture booda yeroo jalqabaafi.
Waraanni Israa'el kibba Libaanos keessatti bakkeewwan rookkeettii irraa furguggisamu hedduu fi wiirtuu ajajaa kan Hezbollaa milishaa fi garee siyaasaa Iraaniin deeggaramu rukutuu isaa ibse.
Ministeerri Fayyaa Libaanos, haleellaa kanaan daa'ima tokko dabalatee namoonni lama du'uu fi kaan saddeet ammoo madaa'uu isaanii ibse.
Gareewwan Hezbollaa fi Filisxeem dabalatee gareen hidhate hedduun Libaanos keessatti kan socho'an yoo ta'u, haleellaa kanaaf namni itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.
Hezbollaan, gareewwan kanneen keessaa baayyee cimaa kan ta'e, haleellicha keessaa harka akka hin qabnee fi dhukaasa dhaabuuf kutannoo qabaachuu ibse.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haleellaan Sambata darbe kun kan raawwatame Israa'el michuu Hezbollaa kan ta'e Hamaas Gaazaa keessaa irratti haleellaa cimsitee guyyoota muraasa boodadha.
Waraanni Israa'el magaalaa kaaba biyyattii Metulaa keessatti rookkeettiiwwan sadii fashaleessuu himuun garuu gabaasni du'a namootaa ibsame hin jiru.
Waraanni Libaanos, kibba keessatti ''eddoowwan rookkeettiin irra furguggifamu jalqabaa sadii '' barbadeessuu kan ibse yoo ta'u, ministeerri ittisa biyyattii haleellaa kana irratti qorannoon banamuu ibseera.
Gareen hidhataa guddichi Libaanos keessa socho'u Hezbollaan haleellaa kana akka hin raawwanne akkasumas waliigaltee dhukaasa dhaabuutti akka cichu hime.
Erga waliigalteen dhukaasa dhaabuu jaarsummaa US fi Faransaayiin, waldhabdee Israa'elii fi Hezbollaa waggaa tokkoo ol ture dhaabe hojiirra oole booda kun jeequmsa isa hamaadha.
Haaluma waliigaltichaatiin, waraanni Libaanos loltoota dabalataa kumaan lakkaawaman gara kibba biyyattiitti bobbaasuun gareewwan hidhatan Israa'eliitti akka hin dhukaafne dhorka.
Waraanni Israa'el bakka to'atee ture keessaa yoo bahuutti, Hezbollaan ammoo loltootaasaa fi meeshaa waraanaasaa buqqisuu qaba ture.
Haata'u malee, Israa'el guyyaa guyyaan jechuun haala danda'amuun haleellaa qilleensaa bakka qiyyeeffannaa Hezbollaa jetteen irratti raawwachuudhaan, haleellaan kunis gareen kun akka deebisee hidhannoosaa cimfachuu itti hin finfe gochuudhaan jette.
Waraanni Israa'el ammallee kibba Libaanos keessatti bakkeewwan shan qabatee kan jiru yoo ta'u, mootummaan Libaanos kanaan walabummaa biyyattii fi waliigaltee cabsuudha jedhe ibseera.
Israa'el ammoo waraanni Libaanos hanga ammaatti guutummaatti naannoolee sanatti sababii hin bobbaaneefuu, nageenya hawaasa daangaasheerra jiraatan mirkaneessuuf bakkeewwan sanatti hafuu akka qabdu dubbatti.
Haleellaan Sambata darbe kunis, rakkoo waraanni Libaanos naannoolee kibbaa bakka Hezbollaan deeggarsa cimaa itti qabu keessa qabaachaa ture, to'achuuf yaaluun isa mudate kan biraati.
Ji'a Amajjii keessa gara aangootti kan dhufan Pirezidantiin Libaanos Jooseef Awuun, biyyattii keessatti meeshaa waraanaa qabaachuu kan qabu mootummaa qofadha jedhan. Kunis akka qabeenya meeshaa waraanaa Hezbollaa dubbataniitti ilaalama.
Sambata darbe ''Yaalii Libaanos gara marsaa jeequmsaatti harkisuuf taasifamu'' kan balaaleffatan yoo ta'u, ministirri mummichaa Naawaaf Salaam ammoo hammaachuun kunis ''balaa biyyattii gara waraana biraatti harkisuu'' qaba jedhan.
Humni nagaa kabachiisaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Libaanos keessaa, Unifil, ''jeequmsi hammaachuu akka danda'uu yaadda'uu'' ibsuun, Israa'eliifi Libaanos ''waadaasaanii akka eeganiif'' gaafate.
Hezbollaan waldhabdee Israa'el waliin uumameen miidhameera: hoggantoonni isaa hedduun ajjeefamanii, qabsaa'onni dhibbaan lakkaa'aman ajjeefamanii, meeshaaleen waraanaa isaa baay'eenis barbadaa'eera.
Gareen kunis hawaasasaa waraana kanaan miidhameef gargaarsa maallaqaa taasisuuf akkasumas mormitootasaa irraa dhiibbaa hidhannoo akka hiikkatan gochuun qormaata guddaatu isa mudata.
Michoonni idil-addunyaa Libaanos biyyattii kan gargaarru yoo mootummaan garee Hezbollaa, garee humna cimaa Libaanos keessa jiru to'achuuf tarkaanfii fudhate qofadha jedhu.
Hezbollaan haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 kibba Israa'el irratti raawwateen guyyaa tokkoon booda duula isaa kan eegale yoo ta'u, Filisxeemoonni Gaazaa keessa jiran waliin gamtaan socho'aa jira jedhe.
Waldhabdeen yeroo dheeraaf ture kun hammaatee duula qilleensaa cimaa Israa'el Libaanos guutuu fi weerara lafoo kibba Libaanos irratti akka raawwattu taasiseera.
Haleellaan lammiilee nagaa hedduu dabalatee, Liibaanos keessatti namoota gara 4,000 kan ajjeese yoo ta'u, jiraattonni miliyoona 1.2 ol qe'eesaanii irraa akka buqqa'an taasiseera.
Kaayyoon Israa'el waraana Hezbollaa irratti raawwattuun, jiraattota gara 60,000 ta'an kanneen sababa haleellaa garee kanaatiin kaaba biyyattii irraa buqqa'an akka deebi'an taasisuudhaaf akkasumas garicha naannoolee daangaa irraa kaasuudhaaf ture.