Haleellaan Gaazaa irratti baname kun kan jalqabaati- Netaaniyaahuu

Madda suuraa, AFP/Getty Images
Israa'el Hamaas irratti humna cimaan haleellaa akka itti fuftu Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu ibsan.
Ergaa karaa viidiyoon kaleessa Kibxata galgala dabarsaniin "kanaan booda mariin kan godhamu osoo lolli gaggeeffamuuti" jechuun "inumaayyuu [haleellan]kun kan jalqabaati" jedhan.
Netaaniyaahun kana kan dubbatan erga humni qilleensa biyyaattii haleellaa cimaa Gaazaa irratti gaggeessun namoonni heddu du'uun gabaafamee boodadha.
Akka Ministeerri Fayyaa Gaazaa beeksitti, kaleessa qofa halellaa Israa'eliin namoonni 400 ol yoo du'an heddu ammoo madaa'aniiru.
Haleellan Israa'el kaleessa eegalte erga Amajjii 19 dhukaasa Gaazaa dhaabuf waliigalteen godhamee kan jalqabaati.
Meejar Jeneraal Mahaammud Abu Watfaa dabalatee qondaalonni Hamaas jajjaboon Gaazaa keesa jiran ajjeefamaniiru.
Gaggeessan Israa'el Netaaniyaahun haasaa kaleessa galgala taasisan kanaan Hamaas namoota butaman gadi lakkisuu dide jechuun iti gaafatamaa godhan.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa erga dhumee booda marsaa ittaanutti cehuurratti Israa'elifi Hamaas qabxiiwwan ijoorratti walii galuu hin dandeenye.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Israa'eliifi Hamaas marsaa sadi kan qabu yoo ta'u, waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa Bitootessa gara jalqabaa dhumate.
Waliigaltee marsaa jalqabaa dheeressuun shakkii keessa kan gale USfi Israa'el namoonni harka Hamaas jiran heddu akka gadi lakkifaman gaaffiin dhiyeessuu yoo eegalaniidha.
Kuni ammoo waliigaltee marsaa lammataa eegaluun duubatti akka harkifatuuf sababa ta'e.
Hamaas gamasaatin waliigaltee dhukaasa dhaabuu duraan irratti waliigalame jijjiirun barbaachisaa akka hin taane eerun fudhachuu dide.
Netaaniyaahun ibsa isaa keessatti kaayyoo waraanaa lafa kaa'ame hanga galmaan geessutti Israa'el lola akka itti fuftu beeksisan.
Haleellan Kibxata obboroon gaggeeffame osoo hin raawwatin dura waa'ee haleellaa kanaa bulchiinsa Tiraampitti himameera.
Dubbi himaa Mana Maree Nageenya Biyyaalessaa US kan ta'an Biriyaan Hages, "Waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka dheeratuuf Hamaas namoota gadi lakkisuu qaba ture, garuu didee waraana filate" jedhan.
Hamaas gamasaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu cabsuun haleellaa kan bane Israa'el ta'uu isbuun UNfi qaamoleen marii mijeessan akka gidduu seenaniif gaaffii dhiyeesse.