Seenaa addaa Sawuud Arabiyaa fi fudhatamummaa addunyaa irratti argataa jirtu

Madda suuraa, WEF
Yeroo ammaa jijjiirama guddaa Baha Giddugaleessaatti ta'aa jiru keessatti adda durummaan kan eeramtu Saawud Arabiyaan, gumaachi murteessaan addunyaa irratti qabdu kan yeroo kamuu caalaa ifatti mul'ataa jira.
Dippilomaasii addunyaa, nageenya anniisaa fi kalaqa teeknolojiifi guddina dinagdee dabalatee, dameewwaan hedduun shorri ba'aa jirtu biyyattii xiyyeeffannoo idil-addunyaa keessa galcheera.
Kanaanis biyyoota ofga'oo akka Ameerikaa, Chaayinaa, Hindii fi Raashiyaa dabalatee biyyoonni addunyaa hedduun michuummaa waliin cimsachuuf ijji isaanii gara Saawudii ilaalaa jira.
Ofii biyyattiin akkamiin sadarkaa kanarra gahuun xiyyeeffannoo biyyotaa addunyaa haala kanaan qabachuurra geesse? Fudhatamummaa fi dhiibbaan biyyattiin addunyaa irratti uumtuu hoo akkamiin ibsama?
Jalqaba irratti seenawwaan Sa'uudi Arabiyaa biyyoota kaanirraa adda taasisan muraasa haa ilaallu.

Madda suuraa, DACO
Amma Saawudiin qabeenya bob'aa guddaa qabduun gabaa anniisaa addunyaa dursuu irraa kaasee hanga bakka giddugalaa amantii Islaamaa fi hawata turizimii akkasumas biyyota waltajjii addunyaa irratti dhageettii qaban keessaa tokko ta'uu dandeesse jirti.
Seenaa addaa Saawud Arabiyaan qabdu keessaa tokko akkataa bulchiinsa isheefi naannawa jaarraa tokkoof maatii tokkoon bulfamaa jiraachuu isheeti.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannawa bara 1932 wayita mootiin Abdulaziiz Ibin jedhamu gosoota adda addaa naannawa galoo galaanaa Arabaa jiran tokkoomsuun mootummaa tokko jalatti Saawud Arabiyaa taatee akka bultu taasifame.
Ergasii biyyattiin waggoota 90 oliif maatii tokkoon bulfamaa kan turte yoo ta'u, har'as gosa maatii bulchitoota Saawudii kan ta'an, mootii gonfoo Mohaammad bin Salmaanin bulfamaa jirti.
Biyyoota Islaamaa akka Kuweet, Iraaq, Omaan, UAE fi Joordaaniin kan wal daangessitu Saawudiin akka wiirtuu duudhaaleefi aadaa amantii Islaamaatti ilaalamti.
Makkaa fi Madiinaa dabalatee bakkeewwaan seenaa fi amantii waliin wal qabatan, akkasums gamoowwaan dhedheeroo magaalaa Riyaaditti argaman dabalatee damee turizimii heddu daawataman qabaachuun waggaa waggaan turistootni miliyoona 100 ta'an gara Saawudiitti imalu.
Sa'udii Arabiyaa, bara 2025 keessa magaalota nyaataaf addunyaa irratti filatamoo ta'an keessaa tokko ta'uun beekamtii argachuu ishee dhabbanni qulqullina nyaataaf magaalotaa hordofu Time Out jedhamu gabaaseera.
Saawudi Arabiyaan bakka dhaloota Amantii Islaamummaa ta'uu fi mootummaan ammayyaa Sa'uudii Arabiyaas seera Islaamaa (Shari'aa) irratti akka hundaa'e seena ishee kan himu. Qur'aannis heera mootummaa biyyattiiti.
Dippolomaasii

Madda suuraa, Reuters
Sa'uudii Arabiyaan ijjannoo ishee garmalee gama tokko qofatti osoo hin caalchisiin hunduma wajjin hariiroo madaalawaa ta'e qabaachuun akka isheen hunda biratti michuu taatee mul'attu ishee taasiseera
''Saawudiin giddugaleessa ta'uu barbaanna; tumsi keenya qooda fudhattoota hunda waliin cimaa ta'ee turuu qaba'' ijjannoo jedhu qabdi.
Dippilomaasii kun ammoo bu'aa qabatamaa argamsiisaa jira. Riyaad qondaaltota Ameerikaa fi Raashiyaa gidduutti marii keessummeessiteetti.
Akkasumas marii nagaa Yaman keessatti gaggeeffamuuf gumaacha guddaa baatetti. Waraanaa Raashiyaafi Yukireen giddutti jaarsummaa taa'uuf tattaaffiin taasisaa turtes olaanadha.
Guddinni kun gahee Sa'uud Arabiyaan dippilomaasii addunyaatti mul'achaa jirtu kan agarsiisudha.
Daawwannaa Tiraamp tibbana gara Saawuduufi biyyota galoo galaanatti taasisaniin, invastimantii Sa'uudii Arabiyaan Ameerikaa keessatti doolaara biliyoona 142tti siqutti babal'i'isuuf waliigalaniiru.
Kun ammoo walta'iinsa biyyattiifi warra dhihaa akkasumas dhiibba biyyattiin addunyaa irratti qabdu kan ibsu akka ta'e hedduun irratti waliif galu.
Haata'u malee, biyyattiin haala Ameerikaan hin barbaanneen biyyoota gurguddoo hunda waliin hariiroo bu'a qabeessa ta'e qabaachuushee Ameerikan hin deeggartuu.
Akka ragaaleen jedhanitti wiirtuuleen daataa AI biyyoota addaa aaddaa wagggota shanan dhufan keessa sadarkaa amma jiru irra dachaa hedduun annisaa barbaadu.
Kanaafis gara Saawudii ilaaluun isaanii waan hafu miti. Akkuma Ameerikaafi Chaayinaa biyyoonni tokko tokkos ammayyuu waligalteewwaan adda addaa biyyatti waliin tolfataa jiru. Kun ammoo daran barbaadamtuu ishee taasiseera.
Keessumaa wayita wal gaaeerreffannanii fi waraanni biyyota heddu keessatti deemaa jiru kanatti Sa'uudii Arabiyaan akka biyya nagaafi arraara buusuuf dhaabattutti mul'achuunshee hiika dabalataa qaba.
Akka gabaasni ''Global Cooperation Barometer 2025' jedhutti tumsi idil-addunyaa Saawudii bara 2020 irraa eegalee sadarkaa tokkotti ol guddateera.
Kana malees biyya guddittii Baha Giddu Galeessaa ta'uun nageenya naannawa sanaa tiksuu keessatti gahee guddaa taphatti.
Fakkeenyaf bara 1990 yeroo Iraaq Kuweet weerarte qolachuuf duula taasifamu keessatti tumsa waraanaafi Loojistiksii taasifteerti. Kanaanis gamtaa biyyota biroo waliin ta'uun Kuweet weerara Iraaq jalaa bilisa baafte.
Biyyattiin ammallee nageenya naannoo Galoo Galaana keessatti fudhattee, shororkeessummaafi saamicha galaanaa ittisuu akkasums rakkoo dippilomaasii gama kanaan umamu furuu keessatti qooda olaanaa ba'aa jirti.
Jijjiirama Diinagdee

Madda suuraa, SM
Saawudii Arabiyaan yeroo dheeraaf dhaabbata anniisaa addunyaa guddaa ta'uun beekamtii kan argatte yoo ta'u, dinagdeen ishee seenaa keessatti qabeenya boba'aa bal'aa qabdu irratti kan xiyyeeffatedha.
Haata'u malee, hoggansa mootii gonfoo Mohaammad bin Salmaan jalatti, Mootummaan kun jijjiirama dinagdee hirkattummaa boba'aa irratti qabu hir'isuufi wiirtuu kalaqa, invastimantiifi teknoolojii irratti hundaa'e ijaaruuf karoorfachuun jijjiramni guddaan argamaa jira.
Sa'uudii Arabiyaan kuufama boba'aa addunyaa keessaa %17 kan qabdu yoo ta'u, oomisha boba'aatiin addunyaa irratti Ameerikaatti aantee sadarkaa lammaffaa irratti argamti.
Jikita boba'aa gabaa addunyaaf dhiyeessuun sadarkaa jalqabarra akka jirtu ragaan dhabbata odeeffannoo bulchiinsa Annisaa Ameerikaa irraa argame kan mul'isu.
Damee annisaafi ga'ee gabaa boba'aa addunyaa keessatti qabduun biyyoota Galoo Galaana Arabaa keessaa biyyaa barbaadamummaan ishee guddaa ta'eefi biyyootni hedduun itti michoomuu barbaadan ishee taasiseera.
Sa'uudii Arabiyaan miseensa hundeessituu OPEC ta'uun gabaa boba'aa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabdi.
Dhiyeessiifi fedhiin boba'aa akka wal madaaluufi haala anniisaa addunyaa bocuu keessatti dursaa jirti.
Dhaabbilee teeknooloojii Saawudii biyyota addunyaa hawwachuu fi wiirtuuwwan Arifishaal Intelijensii, ragaa fi bu'uuraalee teknolojii adda adda irratti invast gochuu irratti argamu. Biyyattiin akka wirtuu daldalaa addunyaattis tajaajilaa jirti.
Kanaaf jijjiiramni diinagdee Saawuud Arabiyaa jijjiirama imaammataa qofa utuu hin taane gahee biyyattiin dinagdee addunyaa keessatti qabdu tarsiimawaa ta'uu agarsiiftuwaan hedduun jiru.
Karoorrii mootummaa akkuma oomishaa boba'aa sadarkaa dursarra jirtu gara indaastiriiwwan guddachaa jiranitti ceesisuun biyyattiin Baha Giddugaleessaa qofaa utuu hin taane guutuu Addunyaatti dandeettii dhiibbaa uumuu guddaa akka qabaattutu eegama.