Keessoo ISS: Waa'ee Buufata Hawaa Idil-addunyaa kana beektuu?

Madda suuraa, NASA
Pilaaneetii dachee jedhamtu kanarra biiliyoona saddeet taanee waliin jiraanna, hunduu akkaataa jiruu fi jireenyaa mataasaa qabaatus garuu dhalli namaa addunyaa kanarra jiraatee darbu waan waliin qooddatu hedduu qaba.
Dhalli namaa akkaataa jireenyaa fi sochii guyyuu raawwatuun wantoota bu'uuraa irratti waan wal fakkeessu hedduu qaba.
Uummata addunyaa lakkoofsi isaa biiliyoona saddeet caaluun himamu kana keessaa garuu namoonni sagal dacheerra hin jiran, isaan addunyaa biraa keessatti haala jireenyaa biraa keessummeessaa jiru.
Dacheerraa kiilomeetira 400 fagaatanii bololi'u- jireenyisaanii Buufata Hawaa Idiladdunyaa (International Space Station- ISS) keessa.
Jiruufi jireenyi isaanii guyyuu walfakkaata, warra dacheerra jirrurraa garuu adda.
Waxabajjii 2024 qorattoonni hawaa Ameerikaa lama guyyaa saddeet turanii deebi'uuf gara Buufata Hawaa Idiladdunyaa (ISS) imalan.
Garuu xiyyaar-samiin isaan qabdee deemte, kan oomisha Booying taate- Starliner, qabattee gara dachee deebisuuf amansiisaa waan hin taaneef achuma turuuf dirqaman.
Yeroo ammaa ISS keessa kan jiran, Sanii Wiiliyaams fi Baach Wilmoor, guyyaa saddeet booda deebi'uuf kan ba'an ji'oota saddeetiif achuma turuuf dirqamaniiru.
Bara 2025 asitti waan deebi'an miti jedhe Nasa'n. Buufata kutaa ciisichaa ja'a qabu kana keessa namoonni sagal akkamiin jiraachaa akka jiran hawaarra taa'anii nutti himaa jiru.
Aadde Wiiliyaams ''iddoo gammachuu namaaf kennu,'' jette, Aab Wilmoor bakka kanatti argamuu isaan ''kabajaa fi gammachuu'' itti dhagahame ibsa.
Garuu dacheerraa kiilomeetira 400 ol fagaatanii jiraachuun akkami? Buufati kun akkamiin ijaarame? Yeroon tajaajilasaa yoo obba'e maaltu bakka bu'a?
ISS akkamiin ijaarame?
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijaarsi Buufata Hawaa Idiladdunyaa (ISS) mataa injinariingii, fakkeenya beekumsa dhala namaa ta'eedha.
Pirojektiin doolaara biiliyoona 100 olii kun dantaa siyaasaa, yeroo garii miirri abbummaa dhibamuu fi balaawwan hojii keessatti mudataniin danqameeras.
ISS erga bara 2000 dacheerraa kiilomeetira 400 ol fagaatee hawaa keessa dhaabbatee as saayintistoonni hawaa qoratan kanneen lammiilee Raashiyaa, Ameerikaa, Jappaan, Kanaadaa fi biyyoota Awurooppaa irraa ta'an keessa jiraataniiru.
Laaboraatoorii saayinsii addunyaa mataasaa qabu, orbitii mataasaarra bololi'u, kan daqiiqaa sagaltama sagaltamaan dacheetti naanna'u addunyaan hojjettee hin beektu- ISS yoo ta'e malee.
Caasaan ijaarsaa toonii 420 ulfaatu dacheerraa kiilomeetira 400 ol fagaatee dhaabbachuun dhalli namaa akka keessa jiraatuuf oola jedhanii amanuun rakkisaa ture.
Ijaarsa teeknooloojii guddicha addunyaa kanaaf gareen biyyoota addunyaa garaagaraa, afaan adda addaa dubbatan dizaayina isaarratti gumaachaniiru.
Caasaalee ijaarsaa teeknooloojii akkaan ammayyaa ta'een dabaalaman kuma kurnaan lakkaa'aman erga hojjetanii booda hunda bakka tokkotti walitti qabsiisuun qe'ee akkaan guddaa ta'e tokko hawaa keessatti ijaaran.
Deeviid Beeker injinara duraanii Nasa boodarra barreessaa ta'eedha. Appooloo, Shaatil (Shuttle) fi sagantaa buufata hawaa keessattis tajaajileera.
Buufata Hawaa Idiladdunyaa- ISS ijaaruuf ''injinaroonni Ameerikaa safartuu dheerinaa fi ulfaatinaaf inchii, paawondii, toonii fi kkf (imperial units) fayyadamaa turan, warri Raashiyaa fi Awurooppaa dheerina, ulfaatinaa fi yeroo safaruuf- sirna safrtuu deessimaala ta'e (decimal system) kanneen akka meetira, kiilogiraama fi sekondii fayyadamaa turan,'' jedhe.
''Kunneen gara tokkotti dhufuutu irra ture. Ulaagaa walfakkaataan akka addunyaatti irratti waliigalame jiraachuu qaba ture,'' jedhe Beeker.
Pirojektichi iddoo hojii dijiitaalaa hundaafuu tokko ta'e, kan gareen saayintistoota hawaa addunyaa garaagaraa irraa dhufan, afaan adda addaa dubbatan, waliin ta'uun hojjetaniidha.
ISS qaamnisaa guutuun erga hojjetamee booda gara hawaatti ergamee orbitii mataasarratti ijaarame.
''Sirna ijaarsa ISS keessatti namoonni addunyaa garaagaraa dhibbaan lakkaa'aman hirmaataniiru, waliin dubbatanii dizaayinii qaamasaa hunda erga hojjetanii booda walitti fidan,'' jedha astiroonaatiin Shuttle fi ISS Mikaa'eel Baaraat.
Onkoloolessa 31, 2000 yeroo jalqabaaf gareen qorattoota hawaa dhaabbiidhaan ISS keessa jiraatan xiyyaara samii Raashiyaa Soyuz jedhamtuun imalan.
Guraandhala 2001 gareen qorattootaa US ergama ijaarsa buufata kanaaf ja'a ta'anii garas imalan.
Achirraa eegalee akkaataan ijaarsa ISS akkaan saffise, kana keessatti ga'een Space Shuttle olaanaa ture.
Kutaalee ISS gara hawaa geessuu, walitti qabsiisuu fi bakka sirrii irra dhaabuuf xiyyaar-samiin kun ga'ee guddoo gumaachite.
Ogeeyyiin hawaa, saayintistoonni, mootummoonni addunyaa jajjaboon muddamaa fi kutannoo hojii yeroo dheeraa booda erga ISS ijaaruun milkaa'anii booda, Guraandhala 1, 2003 xiyyaar-samiin Space Shuttle Columbia jedhamtu osoo gara baqqaana dacheetti deebituu gargar bittinnaa'uun lubbuun qorattoota hawaa torbaa galaafatame.
Ergamni sun garuu hojii ISS waliin wal hin qabatu jedhan.
Hayyuun seenaa Nasa Biil Beerii ''balaan xiyyaar-samii kana mudate sagantaan hundarratti miidhaa uume,'' jedhan.
''Ijaarsi ISS bu'uura qajeelaa qabachuu kan danda'e sababa Space Shuttle waan ta'eef.''
Balaa kana hordofee Ameerikaan tarkaanfii fudhachuun imalli akkasii akka dhaabbatu gochuurratti harkifatteetti jedhamuun komatamti.
Duuba waliin dubbatanii xiyyaar-samiin gara hawaa akka hin imalle murteessan, tarkaanfiin kun ijaarsi ISS itti fufee akka hin xumuramne danqe.
Qaamni buufatichaa kan Awurooppaa fi jappaanitti qophaa'e akkasumas roobootiin Kanaadaa garas imaluuf turan lafatti hafan.
Boodarra garuu teeknooloojiiwwan biyyoota kunneen keessatti qophaa'an gara hawaa geeffamuun buufati hawaa ijaarsi isaa xumurame.
Guraandhala 24, 2011 qorataan hawaa Baaraat imala xiyyaar-samii Shuttle isa xumuraan gara hawaa imale.
Wayita ISS Xaaliyaan, Turin irraan darbutti Baaraat fi ogeessi hawaa Xaaliyaanii Dhaabbata Hawaa Awurooppaa keessa hojjetu Paawoloo Nespoolii, roobootii Kanaadaan ergite fayyadamuun qaama ISS isa xumuraa, Leonardo Module jedhamu, bakka qabsiisan.
Fincaan dhuguu, foolii badaa waliin qooddachuu hanga huccuu tokkoon ji'a sadi turuutti
Saayintistoonni hawaa Buufata Hawaa Idiladdunyaa- ISS keessa jiraatan sochiinsaanii hundi garee ergama kana fudhatanii dacheerra jiraniin to'atama.
Buufata kana keessatti iddoon ciisichaa- Harmony jedhama.
Bara 2009 fi 2011 gara hawaa imaluun ISS keessatti guyyoota 104 kan dabarse Nikool Istoot, iddoon ciisichaa achi jiruun akkaan mijataa ta'uu hime.
Kutaan boqonnaa kun kompiyuutara laaptooppii fi bakka astiroonaatonni meeshaalee muraasa kaa'atan adda addatti qaba.
Manni fincaaniis addatti jira. ISS keessatti fincaan fi dafqi namootaa erga qulqullaa'ee booda dhugaatiif oola. Astiroonaatonnis fincaasaanii kuusuu qabu.
Hojii ISS keessatti hojjetaman keessaa kan yeroo saayintistootaa fudhatu qaama buufata kanaa suphuu fi shaakallii saayinsiiti.
Guyyaa walakkaaf astiroonaatonni wal hin argan, kophaasaanii hojiisaaniirratti xiyyeeffatu.
ISS laaboraatoorii shaakalli keessatti hojjetan ja'a qaba, saayintistoonni waan onnee, dhiiga ykn sammuusaanii hordofu uffatu.
Kanneen carrooman buufata ISS keessaa ba'anii hawaa keessa bololi'u. Astiroonaatiin Kanaadaa Kiriis Hadfiildi yeroo lama carraa kana argateera.
''Dacheerratti foolii wantoota adda addaa simanna. Hawaa keessa garuu foolii tokko qofatu jira, sanas dafnee itti barra, jette astiroonaatiin Biriteen Helen Sharman.
Meeshaaleen buufata keessaa gara hawaatti qabatanii ba'an carallaa hawaatiin dhiibbaan irra ga'a.
Carallaan kun ammoo foolii sibiilaa qofa uuma.
Dacheetti yoo deebitu fooliin kan adda ba'u miiraani, ''hawaa keessa waqtiin hin jiru, roobni sitti hin roobu, qilleensi rifeensa kee hin raasu,'' jette Helen.
Buufati hawaa keessa guula harkisaa (gravity) hin qabu, kanaafuu saayintistoonni qilleensarra bololi'u. Dhiibbaan akka lafee fi qaamasaanii biroorra hin geenyeef shaakallii qaamaa hojjechuu qabu.
Soorati gara ISS ergamu jiidhinsi kan keessaa xuuxame ta'uu qaba. Astiroonaatonni soorachuu dura bishaan ho'aadhaan laaffisu.
Ergami gara hawaa wayita taasifamu saayintistoota ISS keessa jiraniif soorata qabatanii deemu.
Soorati achi keessaa yeroo dheeraa waan hin turreef yeroodhaan nyaatamee dhumuu qaba.
Achitti nyaata filachuun hin jiru, astiroonaatii taanaan kana beekuun dirqama.
Hojiin heddummaachuurraa saayinstoonni ISS keessa jiran guddoo dafqu. Ammoo dafqi namarraa hin dhangala'u, huccuuma keessatti hafa.
Huccuu miiccachuuf ammoo maashiniin hin jiru, bishaannuu hin jiru.
Kanaafuu huccuun irratti xuraa'ee, booda qilleensa keessatti darbama, qilleensuma keessatti gubata.
Nasan waggaatti yeroo tokko meeshaalee barbaachisan gara buufata kanaa erga. Guyyaan kun warra achi jiraniif gammachuu guddaadha.
Buufata hawaa keessa siyaasi jiraa?
Yeroo ammaa namoonni sagal orbitiirra jiraatanii achuma taa’anii hojii qorannoo hawaa hojjetu.
Waggoota 15 darbaniif guyyuu dhalli namaa addunyaa gadhiisee gara buufata kanaa imala. Namoota dacheerratti walitti hin dubbannefaatu achi waliin jiraatu.
''Buufata hawaa keessa wayita hojjettu siyaasaaf bakki hin jiru,'' jedha Baaraat.
''Bakka wayyuu, iddoo ulfoodha. Addunyaan dippiloomaasii jechuunii dandeessi, nuti garuu duuchaamatti sagantaa qorannoo hawaa jennaan.''
Pirojektiin ISS fiixee beekumsa addunyaati. Pirojektiin qaaliin addunyaa kun doolaara biiliyoona 100 oliin ijaarame jedhama malee maallaqa itti ba’e isa sirrii namni beeku hin jiru.
Kana booda hangam akka turus hin beeknu, bara 2015 keessa garuu waggoota kurna itti aanuuf orbitiirra akka turu himamee ture.
Mul’atni buufata kana ijaaruu ifaajee waggoota 50 olii booda dhugoome, ammarra dhaabannee yoo ilaallu ifaajee hanga sana barbaachisa turee? Kun gaaffii hin qabu jedhu qorattoonni hawaa.
Buufati Hawaa Addunyaa- ISS mataa beekumsa injinariingii fi madda xaxaa siyaasaa jaarraa 20ffaati.
Ogeessi hawaa Beeker humni fi beekumsi dilli kun itti dhangala’uun bu’aa buuseera jedha.
''Ni malaaf. Biyyoonni akka walitti dhufanii hojjetan, akka walhubatan fi garas waliin imalan gochuu keessatti fakkeenya,'' jedhe.
Bara 1998 qaamni ISS jalqabaa wayita gara hawaatti ergamu nama Nasa ala ta’ee yaadi kun gaarii ta’uu dubbatu arguun rakkisaa ture.
Amma nama teeknooloojii kana qeequ arguunuu rakkisaadha.
''Osoo qorannoo waggaa 10’f daballee namni bu’a qabeessummaa buufata hawaa kanarratti gaaffii kaasu waan jiru natti hin fakkaatu,'' jedhe Beeker.
Buufata Hawaa Addunyaa yeroonsaa dhumaa jiru maaltu bakka bu'a?
Buufati Hawaa Idiladdunyaa- ISS, waggoota kurna lamaa oliif addunyaa tajaajileera. Bara 2031tti garuu yeroon isaa ni obba’a, yeroo sana maaltu ta’a?
Fakkeenyi tumsa beekumsaa fi humna teeknooloojii ta’e kun waggaa torba booda dulloomee hojiisaa dhaaba.
Haata’u malee addunyaan teeknooloojii gama kanaan eegalte hin dhaabne, guyyuu fooyya’iinsi saayinsii fi teeknooloojii jira.
Haala qabatamaa jiruun addunyaan buufata kana dhabdee gadditi osoo hin taane isa kana caalee dhufutti gammaduuf jirti.
Bara 1998 qaama buufata kanaa Raashiyaan ergite- Zarya module jedhamuun kan eegale hojii ijaarsa ISS, seenaa dhala namaa keessatti pirojektii guddicha biyyoonni addunyaa waliin ijaaran ta’eera.
Teeknooloojiin kun diinota waliin hojjechiise, beekumsa walitti cimmisee humna dhala namaa mul’ise.
Raashiyaa fi Ameerikaa kan walitti firoomse teeknooloojii kana. Gara xumura Waraana Hololaa fi kufaatii Sooviyeet Yuuniyan booda biyyoonni humna qabaniin walqoccolaa turan teeknooloojii mataa beekumsa addunyaa ta’e kanarratti michooman.
Ogeessi imaammata hawaa Ameerikaa Wendii Witmaan Koob ''Waraana Hololaa booda seenaa guddaadha. US fi Raashiyaan akka waliin hojjetaniif carraa guddaa bane,'' jedhe.
Toonii 400 kan madaaluu fi sa’atiitti kiilomeetira kuma 28 fi 980 orbitiisaarra dacheetti marsuun kan tajaajila kennu ISS maallaqi ittiin ijaarame guddaadha.
Hojjetamee xumuruuf maallaqa itti ba’e isa sirrii beekuun rakkisaadha, garuu hojii bu’uuraasaa doolaara biiliyoona 100 fixe irratti hojiiwwan gara xumuraa irratti hojjetamanis itti dabaluun hanga doolaara biiliyoona 150n ijaarame kan jedhan jiru.
Yeroo ammaa qaamni buufata kanaa dulloomeera, bara 2031tti orbitiin ala ta’uun gara dacheetti deebi’a, qaama bishaanii irratti akka kufus ibsameera.
Garuu teeknooloojiin Buufata Hawaa Idiladdunyaa- ISS bakka bu'u hojjetamaa jira.
Orbitii pilaaneetii dachee irratti xiyyaar-samiiwwan imala namootaaf tajaajilan ISS bakka bu’uu danda’u jedhamanii abdatamu.
Nasa’n kubbaaniyyaawwan akka SpaceX fi Booying nama gara hawaa geessuun qubsiisuurratti akka hojjetan ga’ee dabarsee kenneeraaf.
Kubbaaniyyaan teeknooloojii kunneen buufataalee hawaa keessatti akka ijaaraniif kontiraata doolaara miiliyoonaan lakkaa’amu kennaa jira.
Kubbaaniyyaawwan kontiraati kennameef keessaa tokko kan ta’e, Axiom Space kan jedhamu qorattoota hawaa kaffaltiisaaniin imalan xiyyaar-samii SpaceX jedhamtuun gara orbitii geessuu eegaleera.
Kubbaaniyyaan kun bara 2025 kutaalee ISS muraasa hojjechuun itti suphuu eegaluuf abdii qaba, qaamni itti suphame suuta suuta addatti ba’uun of danda’ee buufata mataasaa ta’a.
Isa booda namoonni kaffaltiidhanii deemanii akka keessaa turan taasifama.
Yaada kanarratti beektonni damee kanaa hundi walii hing alle. ''As keessatti dhimmichi dhimma diinagdee (biizinasii) ta’uunsaa shakkii natti uumeera,'' jedhe Jonaataan Maak Dooweel.
Ameerikaa Giddugala Astiroofiiziksii- Harvard and Smithsonian Centre for Astrophysics jedhamutti qorataa hawaa kan ta’e Mak Dooweel ''buufata hawaa bu’aa maallaqaa namaaf buusu uumuun na hin amansiifne,'' jedhe.
Haata’uyyuu malee Nasa fi kanneen ISS keessa waliin hojjetan carraa kanatti fayyadamuuf guddoo onnataniiru.
Hoogganaan Dhaabbata Hawaa Awurooppaa (Esa) Jooseef Ashbaashar ''qaamolee hirmaannaa qaban hunda waliin akka dansaatti mari’ataa jirra,'' jedhan.
''Wayita yeroon ISS obba’u akkamiin itti fufna kan jedhu guddoo nu yaachiseera.''
Nasa yoo fudhanne ammoo, maallaqa waggaan ISS tumsuuf ramadu doolaara biiliyoona sadi hambifachuun kaayyoo qorattoota gara hawaa erguuf qabate isaaf milkeessa.
Jaarmiyaan qorannoo hawaa kun ogeeyyii gara Addeessaatti, achirraan ammoo suuta suuta gara Maarsi erguuf karoora qaba.
Nasan qorattoota hawaa addunyaa waliin hojjetu faana ta’uun buufata hawaa haaraa Addeessatti butee ijaaruus barbaada, buufata kanaan Ulaa Seensa Addeessaa- Lunar Gateway jedhaniin.
Ijaarsi buufata kanaa gara xumura waggaa kurna kanaa eegala jedha Nasan.
Buufati kun hanga ISS ga’uu baatus garuu egereef karaa dhalli namaa gara Addeessaa fi pilaaneetota achi fagoo jiranitti seenan ta’a jedhamee abdatama.
Buufata qorattoonni hawaa irraa ka’uun gara Addeessaa imalanii deebi’an ta’ee tajaajila jedhameera.
Ammoo ISS guutummaatti barbadaa’uu hin qabu yaadi jedhus jira. Gariin meeshaa gatii qaalii teeknooloojii addunyaan qabdi jedhamuun dabaalame kana balleessuun kisaaraa guddaadha jedhu.
Kanaaf qaamnisaa gariin deebi’ee faayidaarra akka oolu yaadi dhihaateera.
Nasan yaada kana fudhachuu fi dhiisuu isaa hin ibsine. Garuu gaafa yeroon ISS xumuramuutti dhihaatu yaada jijjiirrachuu danda’a.
Kanas ta’u sana, yeroon pirojektii ISS bara 2031 xumurama, balleessanis deebisanii itti fayyadamanis.
Bakkasaa tarii buufataalee hawaa xixiqqoo qophaa’anii jiran fayyadamuun itti fufuu danda’a.
Buufati hawaa guddichi addunyaa kun waa hedduu dhala namaaf buuseera, duudhaa hedduu kaa’eera.
Seenaa dhala namaa keessatti teeknooloojii jalqabaati.
Teeknooloojii xaxaa siyaasaa fi sanyiin walqooduu hambise, daangaan biyyaa fi fageenyi osoo nama hin daangessin waliin hojjechuun akka danda’amu bu’uura kaa’e.