Barsiiftota Yunivarsitii Maqalee doormii barattootasaanii keessa jiraachuuf dirqaman

Barsiisaa bilaakboordii fullee dhaabbatu

Madda suuraa, Getty Images

Barsiiftonni Yunivarsitii Maqalee sababa kiraan manaa waggaa lamaaf kuufameefi qaala’insa jireenyaatiin filmaatawwan gara biraa ilaaluuf dirqamu dubbatu.

Keessattu rakkoo mana jireenyaatiin walqabate barsiiftonni tokko tokko kutaa bulmaata barattootaa (doormii) jiraachu eegalan.

Yeroo ammaatti yunivarsitiin Maqalee sababii waraana naanichatti tureen wal qabatee, hojjattoota 8,000 oliif mindaa baatiiwwan 17’f akka hin kanfalleef ibsaa ture.

Sababii kanaatiin barsiiftonni yunivarsitichaa rakkoo cimaaf saaxilamaa jiraachu kanneen BBCn dubbise himan. Haala kanaan itti fufnaanis hedduun hojii dhiisuuf akka danda’an dubbatu.

Haala jireenya barsiiftoota yunivarsitii naannichaa maal fakkaata? Barsiiftoonni maqaasaanii akka hin eeramne gaafatana lama BBC Tigriffaatti akkasiin seenaasaanii himan.

‘Barattoonni akka na hin agarreef dhokadheen seena’

Gaa’ila dhaabbadhee abba ijoollee lamaati. Gara waggaa torbaatiif yunivarsitii keessa barsiiseera. Yeroo hunda gara manaa yoon deebi’u kiisiinkoo duwwaa waan ta’ef ijoolleen harka yoo na ilaalan yaadda’a.

Ijoolleen waan argan akka nah in gaafanneef ala hin baasu. Kanaanis walitti dhufeenya hawaasaasaanii akka hir’ate waanan hubadhuuf, baayyee miidhamaa jiru.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mindaan hojjataa mootummaa guddaa ta’u baatuus itti jiraachuuf natti cimee hin beeku ture. Waraana Tigraayiin booda garuu mindaan naaf kanfalamu baatiiwwan 17 darbaniif dhaabateera.

Tibba waraanaatti namoonni beelaan guyyaan du’an baayyee ture. Ani garuu yeroos beelaan du’urraa oolullee, hojjataa mootummaa nyaatee garaa hin guttatiin bulan keessaa tokko ta’e dabarseera.

Tibba waraanaatti asiifi achii liqeeffachuun dabarsineerra. Waliigaltee Piritoriyaatiin booda mindaan kanfalamuu eegallaan laaqanaafi irbaata muraasa nyaadhee buluuf carraa argadheen ture.

Ta’us galiifi haalli gabaa wal simuu dhabuun, qaala’insi jireenyaa jireenya keenyarratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisaa dhufe.

Mindaan keenya waan hin jijjiiramneef, jireenya hoggannachuu, ijoollee barsiisuu, uffata jijjirachuufi nyaatanii buluun nutti cimeera.

Kiraa manaa kana dura kuufame irratti amma daballii gatii kiraa manaa ta’eera. Gama tokkoon jireenya durfachu waanan dadhabeef maatiikoo qabadheen mana kutaa tokkoo keessa seene.

Achuma kutaa tokkittii sana keessatti buddeen tolchaa, nyaataa qopheessaa, ijoollee qabannee bulla. Barsiiftonni biraas ijoollee afur qabatanii haala wal fakkaataa keessa jiraatan jiru.

Mindaankoo birri 9,960. Kiraan manaa kuma shan osoo ta’e, bishaan, ibsaa, nyaataafi barnoota ijoollee haguuguuf rakkataan jira. Haalli amma jiru kana gochuuf hin dandeessisu.

Mindaa kanaan midhaan bitu waan ittiin mi’asan bituuf hin gahu. Yoo dhukkubsatte kan ittiin wallaanamtu hin argattu. Carraa barnoota ijoollees dukkanaa’aa adeemaa jira.

Waraanaan booda namoota waliin teessee mari’achuuf carraa ture. Amma garuu rakkoon diinagdee walitti dhufeenya hawaasummaa balleesseera.

Sababii kanaatiin amma sadarkaa barataa yunivarsitii yeroo turee gadiin jira jechuun danda’a. Yeroon gara doormii barattootaaf qophaa’e deemus ijoolleen guyya barsiisaa ture achattan arga… Darbee darbees haaliin itti dhokadhu jira.

Kan baayyee hamlee nama buusuudha. Yoon ani barataan barsiisuu haamleen kan hin caallee ta’e, hubannoo barnoonni jijjirama diinagdee hin fiduu jedhu uuma.

Haata’u malee ammatti waan barataarra fooyya’u waanan hin qabneef yeroo hunda miira gadaantummaa natti dhagahama. Xin-sammuunis dadhabdee barataa fuldura dhaabbattee barsiisuun baayyee nama dhiphisa.

Galiinkee gadaanaa waan ta’eef, barsiisaa yunivarsitii taatee kopheefi uffata ciccitaa uffattee yoo deemtu ni qaanessa. Miirri gadaantumamas sitti dhagahama.

Kana malees, barsiisaan dhaabbata barnoota olaanaa qabeenya hedduun itti bahee dandeettiin diinagdeesaa dadhabee gara biyya biraatti godaanuu akka danda’u yoon yaadu baayyeen gadda. Kunis kisaaraa olaanaadha.

Humna bara dheeraaf ijaarteefi kan lammii ijaaru dhabuun, humni qorannoo hedduu keessatti hirmaachu danda’a haala akkasuun guffachuun biyyaaf balaadha. Biyyi kan barateefi hin barannee waliin keessatti gumgumu akka hin umamneef yaaddoon qaba.

Kanan hanga ammaa oggummaa kana hin dhiifneefis hojii biraa eegaluuf humna waanan hin qabneefiidha. Yoo bahee hojii malee ture rakkoo ammaa caalaa keessa akkan hin seenneef yaaddoon qaba.

Lammaffa ijoolleenkoo akkasumaan asiifi achi jedheen iyyummaa keessa nu galche ilaalcha jedhu qabatanii akka hin guddanneen barbaada. Kanaafu ijoolleekoof jecha kanan hin taanee fakkaadhee jiraachuun dirqama.

Barsiiftoonni rakkoo cimaa keessa jiran hedduudha. Akka mootummaattis ta’e akka yunivarsitiitti furmaanniwwan salphaatti gochu danda’an jiru.

Dallaa Addii Haaqiitti pirojektiin ijaarsaa mana jireenyaa barsiiftootaa eegalame jira. Deeggarsa muraasa walitti qabuun ijaarsichi akka xumuramu gochuun barsiiftoonni baayyeen mana jireenyaa akka argatan haala mijeessuun ni danda’ama.

Kana malees mindaan hanga ammaatti nu hin kanfalamiin akka kanfalamuuf yunivarsitiichi itti fufee gaafachu qaba.

Magaala Maqalee

Madda suuraa, Getty Images

‘Bagan gaa’ila hin dhaabbatiin‘

Dallaa Addii Haaqii keessattan barsiisa. Jireenya abdiin guutameefi miira hojii gaariin qaba ture. Barnootaafi ogummaan of guddiisuufi barachuurratti xiyyeeffadheen ture.

Bariisaa yunivarsitii jedhamee ulfinaafi fudhatama hawaasummaan qaba ture. Yerookoo hedduus qorannoofi barsiisuurrattiin dabarsa ture.

Ogummaa kanaanis Yunivarsitii Maqalee fi dhaabbilee barnoota olaannoo biyya keessa waggaa saddeetiif tajaajileera.

Haata'u malee haala rakkoo nageenyaa dhibuutiifi qaala'iinsa jireenyaatiin mindaankoo xiqqaa waan ta'eef sadarkaa jireenyaa dhiphisaa keessan jira.

Kanan barbaadu nyaachuu, ofiikoo tasgabbeessee gara hojii qorannofi barsiisuu jaaladhuutti deebii'uuf natti ulfaataa jira.

Tigraayitti sababii waraa naannicha keessa tureetiin, hojjattoonni mootummaa rakkoo cimaaf saaxilamaniiru. Amma idaa kiraa manaa baatii 18 birrii 38,000 narra jira.

Haalli walitti dhufeenya hawaasummaa waan badeef kireessitoonni kiyya hojjataa mootummaa waggaa lamaa oliif mindaan hin kanfalameef gadduu hin dana'an.

Amma kiraan manaa dabalee 3,500 ta'era. Kan duraan darbe waliin dabalee jira'aan kuma 6 kanfal waan jedhameef kan hafeen jiraachu waanan dadhebeef gara doormii barattoota yunivastii galuuf dirqameera.

Kunis dhiibbaan qor-qalbii narraan gahaa jiru salphaa miti. Bakkan jiraadhuutti barattoonni yoo na argan miirri gaariin natti hin dhagahamu. Barattoonni mataansaanii ana ilaaluun faayidaan barnootaa maal akka hin jennen sodaadha.

Haala kanaan jiraachun waan natti ulfaateef bagan gaa'ilaafi ijoollee hin qabaanneen jedhan. Hiriyyoonni kiyya gaa'ila hin dhaabatanis bagan gaa'ila hin qbaatiin yoo jedhan dhagahamu.

Wanti mirkana ta'e dubbachu danda'u tokkoo, barsiisaafi qorattoonno hojii kanaan itti fufuu akka hin barbaadneedha. Dhimmuma yerooti malee kaan biyyaa bahuuf...yaadaa jiru. Haala kanaan yoo itti fufee yunivasitichi yeroo kamiittu cufamu danda'a.

Anis hojii kana keessa ta'e gara naannoolee biraatti socho'uun hojjachuu, yoo ta'u baate ammoo hojiiwwan invastimantii biraa keessatti hirmaachuun barbaada. Kana jechuunis baruumsan baradheen carraawwan galii fooyya'aa itti argadhu barbaadaan jira.

Yunivarsitiin Maqalee maal jedha?

Yunivarsitiin Maqalee dhaabbata barnootaa mootumaa federaalaa naannichaa guddiicha barsiiftoota 2,500 dabaltee hojjattoota 8,000 ol qabudha.

Waraanaa naannicha keessa tureen wal qabatee hojjatoonni baatiiwwan 17 mindaan osoo hin kanfalamiiniif turan.

Erga waraanichi dhaabbateen boodas gara hojii idileesaaniitti deebii'anis mindaa kuufamee kanfalu hin dandeenye.

Bulchiinsi yunivarsitii BBC'f akka ibseetti, jireenya barsiisootaafi hojjattootaa irratti dhiibbaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa uumaa jira jechuun motummaan jidduugalaa irra deddeebii tarkaanfii akka fudhatuuf gaafateera.

''Yunivarsitiin wayita hojii eegalu, mootummaa federaalaatiif gaaffii dhiyeessineera. Gaafataatis jirra. haata'u malee hanga ammaatti isiniif hin kanfalamu hin jenne'' jedhan pirezidantii ittaanaan akaadaamii Dr Abdulqaadiir Kadir.

“Miseensi mana maree bakka bu'oota ummataatiif dhufanii haala irratti argamu xinxaluun gabaasasananitiin akka kanfalamuuf kaa'aniiru'' jechuun garuu hanga ammaatti deebii akka hin arganne dubbatan.

"Yeroo ammaattis hojjattoonni irra caalaan idaawwna garaagaraatiin rakkataa jiru kan jedhan aanga'aan kun, sababii kanaanis barsiiftoonni 100 ta'an furmaata yeroo argachuudhaaf doormii barattootaaf qophaa'e keessa akka turan taasifamu dubbatan.

''Amma achi jiraachuudhaaf kan gaafatan, gaafatanii kan hin argannees jiru.''