Mootummaan Ertiraa xalayaa banaa hayyoonni Oromoo haasaa Isaayyaas mormuun baasaniif deebii kenne

Madda suuraa, Shabait
Mootummaan Ertiraa hayyoonni Oromoo haasaa pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii Camsaa 5, 2025 Kabaja Guyyaa Walabummaa 34ffaa ilaalchisuun eenyummaa Oromoo miidhurratti xiyyeefachuun taasiseera jechuun xalayaa banaa erganiin cimsanii balaaleffataniif deebii kenne.
Ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabre-masqal fuula X irratti akka baasetti, "xalayichi haala nama gaddisiisuun dogongoraan kan guutameefi himannaa hamaafi dhugaa hin taane kan of keessatti qabatedha," jedhe.
Hayyoonniifi ogeessonni Oromoo biyyoota Ameerikaa, Awurooppaa, Austiraaliyaa jiraatan haasaa pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Af-warqii eenyummaa Oromoorratti xiyyeeffachuun taasisee ture xalayaa banaa waloon barreessaniin cimsanii akka balaaleffatan miidiyaa hawaasaarratti qoodamee ture.
Hayyoonni xalayaa kanarratti mallatteessan 85 ta'an kunneen xalayaa ifatti erganiin, "Haasaa Caamsaa 24, 2025 Kabaja Guyyaa Walabummaa wagga 34ffaa irratti taasisteen haleellaa eenyummaa Oromoo irratti xiyyeeffachuun dubbatte cimsinee balaaleffataa xalayaa kana siif barreessna" jedha xalayaan hayyoonni kun barreessan.
Haasaan Partii Badhaadhinaa Itoophiyaarratti kan xiyyeeffatu fakkaatu kun eenyummaa Oromoorratti miidhaa ifaafi cimaa ta'edha kan jedhan hayyoonni kunneen, haasaan pirezidaantichaa mufuu guddaa kan uumeefi ilaalcha gaarii Ertiraan ummata keenya biratti qabdu ture kan balleessedha jedhan.
Yamaanee Gabre-masqal deebii kenne kanaan barreessitoonni xlayichaa [hayyoonni Oromoo] dhugaa qabna jedhaniifi dhimmoota Ertiraa fi uummata Oromoo biratti barbaachisummaa ol'aanaa qabanirratti wal hubachiisuuf marii fuula fuulatti caalaatti mijatu filachuu danda'u ture jedhe.
Pirezidanti Isaayyaas haasa aisaa Kabaja Guyyaa Walabummaa 34ffaa Ertiraa taasiserratti dhimmoota hedduu kaasun ture kan kallattiin kan Itoophiyaa qeeqe.
Isaan keessaa tokko isaan keessaa tokko ajandaa Oromummaa ummta Oromoo bakka hin buune jedhu tarkaanfachiisa jechuun mootummaa Itoophiyaa komateera.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ertiraan dhimmoota kana furuuf karaan ni ijaara jettu, marii ifatti, fuula fuulatti, namoota xalayaa kana mallatteessan ykn bakka bu'oota isaaniitiin gita Ertiraa dhimmi ilaallatu waliin taasifamuun akka furamu ni amanti jedha deebiin ministira beeksisaa Ertiraa kun.
Erga dhiyoo as hariiroon Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiru boora'aa dhufeera. Biyyoonni lamaan karaa kallattiin hin taaneen wal qoccoluu erga jalqabanii bubbuleera. Inni tokko isa kaan komataafi himataa jiru.
Aanga'oonni mootummaa biyyoota lamaanii carraawwan gara garaan himanni dhiyeessaniifi jechoonni walitti deddeebisan guyyaadhaa gara guyyaatti dabalaa kan dhufe fakkaata.
Keessumaa, dubbii Pirezidant Isaayyaas, "yaada Oromummaa ummata Oromoo bakka hin buune" jechuun yaadni dhiyeesse qaamolee gara garaarraa deebii cimaa hordofsiiseera.
Itoophiyaan karaa Galaana Diimaa ulaa galaanaa argachuuf fedhii qabdu erga ifa gooteen boodas gama Ertiraatiin yaaddoon dhalateera.
Kun ammoo Ertiraan Itoophiyaa waliin dhimma Hidha Haaromsaa ilaalchisuun atakaaroo keessa kan jirtu Masirii waliin hariiroo wal tumsuun muddani jiru akka hammaatu taasiseera.
Dabalataan ifatti dubbatamuu baatus Ertiran humnoota Itoophiyaa keessatti hidhatanii socho'an deeggaruun himatamaa kan jirtu yoo ta'u, haaluma wal fakkaatuun mormitonni Ertiraa Finfinnee keessatti hanga waajira banataniitti gahaniiru.