Morkii waancaa Ronaaldoo gammachuun boossisee Yamaal mufachiise

Porchugaal yeroo lammataafi Waancaa Neeshins Liig kan injifatte

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Porchugaal yeroo lammataafi Waancaa Neeshins Liig kan injifatte

Kiristiyaanoo Ronaaldoon biyya isaa Porchugaal waliin waancaa sadaffaa yeroo kaasu imimmaan cobsaa ture.

Porchugaal ollaa isaanii Ispeen rukuttaa penaalitiin injifachuuni Waancaa Neeshins Liig kan inifatte. Erga sagantaan kuni eegale yeroo lammataaf jechuudha.

Kiristiyaanoo Ronaaldoon daqiiqaa 61ffaarratti galchii qixxeessituu Porchugaaliif galchus taphichi penaalitiitti adeemuun dirqama ture.

Morkiin kuni falmii taphataa ganna 40 yeroo shan badhaasa Baalon door injifate, Ronaaldoo fi ol adeemaa haalaan abdatamu, Laamin Yamaal, gidduutti akka taasifamutti ilaalamee ture.

Ronaaldoon daqiiqaa 88ffaatti jijjiiramee bahuus gahee ofii gumaateera.

Xumurarrattis dirree Jarman, Aliyaanz Areenaatti Ronaaldoon imimmaan cobsaa gammachuu isaa ibsate, waancaa abdatees ol kaase.

Faallaan Laamiin Yamaal akka abdate hin taanef.

Ronaaldoon morkii Yamaal waliin ture injifateera.

Ispeen bara 2023 Waancaa Neeshins Liig akkasumas Waancaa Awurooppaa 2024 injifattus kana garuu milkeessuu hin dandeenye.

Ronaaldoon akkana jedhe: ''Porchugaaliif injifachuun miira addaa natti uuma. Kilaboota waliin waancaa hedduun kaase, garuu Porchugaaliif mo'uu kan caalu hin jiru.

''Imimmaanidha. Fiixa baasnerra, yeroon kan gammachuuti.''

Ronaaldoon morkii Yamaal irra aane

Waancichuma dura Ronaaldoon yaada kenneen ''miidiyaatu afarsa malee morkiin waancaa anaafi Yamaal miti, garee biyyoota lameeniiti malee,'' jechuun dubbate.

Taphni kuni yeroo duraafi taphataa badhaasa Baalondorii baranaa fudhatuu mala jedhamee yaadamu Yamaaliifi Ronaaldoo kan walitti fide.

Ronaaldoon ''ol adeemaan kuni kilaba akkasumas garee biyyaalessaa isaa keessatti waan bareedaa dalagaa jira.

''Ga'umsa isaa agarsiisuuf haala gaariidha.

''Cimina akkanaa waggoota dheeraaf akka daawwannu haa guddatu dhiibbaa itti hin baay'isiinaa,'' jechuun Yamaal irratti dhiibbaa cimsuu akka hin barbaanne himee ture.

Ronaaldoon hanga ammaa Porchugaal waliin waancaa sadii ol kaaseera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ronaaldoon hanga ammaa Porchugaal waliin waancaa sadii ol kaaseera
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Laamin Yamaal ji'a tokko booda umriin isaa 18 guutu gama isaan waa'ee Ronaaldoo akkana jedhe:

''Inni [Ronaaldoon] nama kubbaa miilaan maqaa guddaa qabudha. Akkuma taphattoota kaani Ronaaldoof kabajaa guddaan qaba.

''Kuni tapha eenyu akkan ta'e itti mirkaneessuuf ani taphachuu barbaadudha,'' jechuun tapha dura dubbatee ture.

Utubaan duraanii Ingilaand Andiroos Toowunseend ITV irratti akkana jedhe: ''Sababa kanaafi Kiristiyaanoo Ronaaldoon dirreen kubbaa miilarra kan taphatu.

''Kubbaa adamsa. Kubbaan gara kam akka deemtu beeka. Namoonni irra deddeebiin bu'aa hin buusu isa jedhaniiru.

''Inni garuu galgala har'aa qooda isaa bahate. Walakkaa maayiirratti gahee isaa ol gumaache.

''Sadarkaa olaanaa irratti jijjiirama fiduu akka danda'u mirkaneesse.''

Xiinxalaan ITV Kaaren Karniis Ronaaldoo jajuun yaada walfakkaataa dubbate.

''Kubbaa miilaa keessatti umriin kee 30 yoo seenu namuu dulloomte siin jedha. Nami kuni garuu 40 dha,'' jechuun ajaa'ibsiise.

Nuunoo Meendees (mirga) Laamiin Yamaal (bitaa) sirriitti qabe

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Nuunoo Meendees (mirga) Laamiin Yamaal (bitaa) sirriitti qabe

Ronaaldoon dirree keessatti kubbaa si'a 22 qofa xuqe garuu adamsuu hin dhiifne.

Lammiin Ispeen tapha walakkaa maayii irratti Faransaay irratti lama galche, Laamiin Yamaal, akka eegame hin taane.

Si'a afur galchiitti rukuteera, gara caalu fagoorraa.

''Yamaal galgala kana ni barata,'' jechuun gaazexeessaan ispoortii Ispeen Guillem Balague dubbate.