Israa'el Kaataar marii Gaazaa irratti 'gama lachuun taphachuu akka dhiiftu' gaafatte

Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Kaataar Majed Al-Ansarii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Kaataar Majed Al-Ansarii

Israa'el biyya ijoo waldhabdee Israa'elii fi Hamaas jaarsummaan araara buusuuf hojjataa jirtu Kaataar "fakkeessaaf gama lamatti taphatti'' jiechuun qeeqxe.

''Kaataar gama tokkoon jaarsuummaa jechaa harka wayyaa jalaan ammoo Hamas cinaa jirti" jechuun Waajjirri Ministira Muummee Israa'el ibsa baaseen qeeqera

Kaataar gama isheetiin ibsa kanaan, ''kan baay'ee nama aarsu'' jechuun kuffifteetti.

Jaarsummaa Masrii fi Kaataariin waliigalteen dhukaasa dhaabuu akka taasifamu carraaqqii taasisanis, Israa'eel ykn Hamaas yaadawwan murteessoo ta'an fudhachuu irratti fedhii qabaachuu isaanii kan hin agarsiifne yoo ta'u, waliigaltee irra gahuu dhabuu isaaniif sababni walii walii isaani komatu.

Hamaas Israa'elitti quba qabaa, Israa'el ammoo Hamaasti akka hin milkoofne godhee jetti.

Israa'el namoonni ishee butaman 59 ammallee Gaazaatti hidhamanii jiran akka gadi dhiifaman kan barbaaddu yoo ta'u, Hamaas hidhannoo hiikkachuu fi bulchiinsa naannoo gara fuula duraa naannoo kanaa keessatti gahee kamiyyuu akka hin qabaannee ijjannoo qabdi.

Hamas ammoo haal-duree kana akka hin fudhanne ibseera.

Namoonni butaman akka gadi dhiifamaniif Hamaas haal dureen kaa'e humni Israa'el waraana dhaabuun Gaazaa keessaa guutummaan akka ba'u kan gaafatuudha.

Dubbi himaan ministeera dhimma alaa Kaataar Majed Al-Ansari, Dilbata ganama fuula X irratti akka maxxansanitti, "Mootummaan Kaataar ibsa nama aarsu Waajjirri Ministira Muummee Israa'el baase, kan ulaagaalee bu'uuraa itti gaafatamummaa siyaasaa fi naamusaa irraa baay'ee gadi bu'e cimsee mormaa," jedhan.

MM Israa'el Binjaamin Naataaniyaahuu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, MM Israa'el Binjaamin Naataaniyaahuu
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Al-Ansariin waldhabdee Gaazaa biyyiisaanii tooftaa dhokataan deeggarti jedhu akkan quuquun, ''kun seenessa sobaa yakka lammiilee nagaa irratti raawwatameef ta'e jedhamee akka sababa dhiyaate'' akka ta'e himan.

Al-Ansariin barreeffama isaanii keessatti namoota butaman 138 gadhiifamuun isaanii duulaa waraanaatiin ykn tattaaffii jaarsummatiin ta'uu kan danda'u jedhan. Kanaaf yaadni qeeqaa fi cabsuu haqa malee dhiyaate akka fudhatama hin qabne ibsan.

Akkasumas haala namoomaa hamaa Gaazaa ugguramte keessa jiru, beela, qorichaa fi dawoo akkasumas gargaarsa namoomaa akka meeshaa dirqisiisaa siyaasaatti fayyadamuufaa akka ta'e kaasaniiru.

Jimaata darbe kaabineen nageenyaa Israa'el karoora hojii babal'ifame Gaazaa keessatti gaggeeffamuuf raggaasisuun isaa miidiyaaleen Israa'el Jimaata darbe gabaasan, yaaliin lola dhaabuufi namoota butaman Hamaasiin qabaman deebisuuf godhame bu'aa wayii akka hin agarsiifne mul'isan.

Waraanni Israa'eli fi Gaazaa kun kan eegale haleellaa hamaa Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 raawwatameen kibba Israa'el keessatti namoota 1,200 ajjeesuu fi kanneen 251 ta'an ammoo butuun booda ture.

Ergasii Waraana kanaan hanga ammaatti lammiilee Filisxeem kuma 50 ol ta'an ajjeeffamusaanii ministirri fayyaa ibsee ture.

Gaazaan illee akkaan kan barbadoofte yoo ta'u, namoonni fi daa'immaan hedduun maatii malee hafaniiru. Kanneen waraanicharraa oolanis rakkoo fi beelaan dararamaa jiru.