Callisa waggoota 20 booda jiraattonni Gaazaa amma maaliif Haamaas mormuutti seenan?

Madda suuraa, Getty Images
''Ba'aa! Ba'aa! Nu keessaa ba'aa!'' sagaleen jedhu gara Gaazaatii deddeebi'ee dhagahamaa jira. Viidiyoon akkanaa Telegram irratti deddeebi'ee mul'ata.
Ergaan kun amma ifa. ''Hidhattoonni Hamaas hundi ba'aa!'' jedha.
Daandiiwwan Gaazaa manca'anirratti lammiileen Filisxeem ifatti hidhattoota waggoota 20 darbaniif aangoo qabatanii jiran qeeqan heddummaataa jiru.
Hedduun gareen hidhattoota Hamaas rakkoo Gaazaan waggoota 70 caalaniif keessa jiruuf sababa ijoodha jedhanii amanu.
Lammiileen Filisxeem sababa Israa'el haleellaa Hamaas haaloo baatuuf miidhaa jala akka jiran kan amanan jiru.
''Dhaamsa dabarsaa!'' jechuun dhaadata lammiin Filisxeem tokko daandii fi gamoowwan manca'an gidduu osoo deemuu.
''Hamaas kosiidha, balfa,'' jedha dhaamsi isaa.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaazaa keessatti abbaa seeraa kan ta'ee fi sababa cimsee Hamaas qeequuf yeroo dheeraaf hidhamee kan ture Mu'umin al-Natuur ''addunyaan haala ulaa Gaazaa keessa jiruun gowwoomteetti,'' jedhe.
Al-Natuur haftee caccabaa qe'eesaarraa wayita BBCtti dubbatu ''addunyaan Hamaas Gaazaa, Gaazaan ammoo Hamaas akka ta'eti hubata,'' jedhe.
''Nuti Hamaas hin filanne. Amma Hamaas Gaazaa bulchuun akka waan itti kennameetti of ilaala. Egeree fi carraa keenya harkasaa galcheera. Hamaas kanarraa of qusachuu qaba.''
Gaazaa keessatti yaada ofii baasanii dubbachuun gatii nama baasisa. Hamaas namoota mormii dhageessisaniif araarama hin qabu.
Mu'umin al-Natuur garee hidhattootaa Hamaas qeequun Waashingitan Psot irratti barreessuun beekama.
Bitootessa darbe gara dhumaarra barreeffama maxxansiise keessatti ''Hamaas deeggaruun walabummaa Filisxeemiif osoo hin taane du'a Filisxeemotaaf haala mijeessuudha,'' jedhe.
Haala kanaan qeeqa Hamaas irratti barreessuun balaarra si hin buusuu? jedhamee gaafatamee akkas jedhe.
''Ofirratti murteessinee baanee dubbanna,'' jedhe.
''An amma umriin koo waggaa 30. Wayita Hamaas aangoo qabatu waggaa 11n ture. Jireenya koorratti jijjiirama maalii fife? Umriin koo waraanaa fi hookkara, tasgabbii dhabuu gidduutti dhume.''

Madda suuraa, Supplied
Hamaas erga bara 2007 filannoon byyaalessaa gaggeeffamee waggaa tokko booda morkattootasaa kaan humnaan fonqolchuun Gaazaa keessatti aangoo qabatee as waraana gurguddaa sadi Israa'el waliin gaggeesseera.
Walitti bu'iinsi xixiqqoon lamatu turan.
''Sagalee keenya olkaasnee dubbachuu qabna. Namummaan kan gaafata. Osoo hacuuccaan Hamaas jiruu jechuudha,'' jedhe al-Natuur.
Hamaas Israa'el waliin waraanatti jiraatus, as deebi'ee qeeqxota isaa adabuurraa duubatti jedhee hin beeku.
Fakkeenyaaf xumura Bitootessa darbee dargaggeessi umrii waggaa 22 Odaay al-Rubaay jedhamu mooraa baqattootaa Gaazaa keessaa hidhattootaan butamee ture.
Sa'atiiwwan booda reeffi isaa akka malee madaa'ee argame.
Jaarmiyaan mirga namoomaa Filisxeem Odaay haala suukanneessaan hiraarfamee akka ajjeefame ibsuun ''ajjeechaan isaa sarbamiinsa mirga namoomaa daangaa darbeedha,'' jedhe.
Al-Rubaay namoota dhihoo kana Hamaas mormuu keessatti hirmaatan keessaati. Maatiinsaa ajjeechaa isaaf Hamaas himatan.
Dargaggeessi kun osoo hin ajjeefamin guyyaa tokko dura gareen hidhattootaa kunneen isa ajjeesuuf akka jiran miidiyaa hawaasumaarratti ibsee ture.

Madda suuraa, Supplied
Taatee dargaggeessa kana mudate duras namni Amiin Abeed jedhamu carraan kun isa mudatee hanga xiqqoof lubbuun oole.
Kunis kan irra ga'e erga inni faallaa Hamaas dubbateeti.
Hidhattoonni fuula aguuggatan akka malee isa reeban, haala suukanneessaan lafee isaa daakan, kalee isaa hojiin ala godhan.
Abeed lubbuun ooleera, garuu garmalee waan miidhameef wal'aansa fayyaaf gara biyya alaa deemuu isa barbaachisa.
Ammallee Dubaay taa'ee Hamaasiin morma. Bulchiinsi Hamaas barbadaa'uu qaba jedha.
''Bulchiinsi Hamaas fudhatama dhabuu eegaleera,'' jedhe.
''Rogeeyyii fi namoota nagaa reebuu, dararuu fi ajjeesuurratti garee xiyyeeffatedha. Tarkaanfii kanaan namoota sodaachisee bulchuu barbaada. Amma garuu akka duraa miti.''
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu ji'a darbe obba'uu dura loltoonni Hamaas ifatti aangoo harkaa qabaachuusaanii mul'isuuf yaalaa turan.
Keessattuu wayita namoota butanii tursiisan Israa'eliif deebisan aangoo qabaachuusaanii agarsiisaa turan.
Amma garuu erga Israa'el akka haaraatti haleellaa eegaltee hidhattootumti sun deebi'anii dahannoosaanii lafa jalaatti dhokatan.
Uummanni Gaazaa ammas waraanaan dararamuutti deebi'e.
Namoonni dhihoo kana mormii dhageessisaa jiran, jiraattonni Gaazaa waraana waggaa tokkoo fi walakkaan sammuunsaanii akka malee tuqame, Hamaasiin sodaachuu dhaabaa jiraachuuf agarsiistuudha.

Madda suuraa, Getty Images
Kaaba Gaazaa, Bayiit Lahiyaa keessa namoonni jiraatan hidhattoota Hamaas mormuu fi qeequun beekamu.
Bakka kanatti hidhattoonni Hamaas haleellaa hawaasarratti raawwachuuf wayita jedhan jiraattonni naannoo dhaabsisuu namni maqaasaa eeruu hin feene BBCtti himeera.
Fakeenyaaf Ebla 13 hidhattoonni Hamaas mana jaarsa biyyaa Jamaal al-Maznan jedhamanii seenuuf yaalanii turan.
''Mana nama kanaa keessaa rookeetii dhukaasuuf yaalanii turan,'' jedhan namni ijaan arge kun.
''Inni garuu ni dide.''
Dubbiin wayita hammaatu olloonni Maznaan birmataniif. Duuba hidhattoonni namoota hundarratti dhukaasuun hedduu madeessan, booda achii baqatan.
''Rasaasa hidhattootaan of duuba hin deebine,'' jechuun kutannoo mormitootaa ibse namni BBCtti dubbate kun.
''Jiraattonni bakka hidhattoonni jiran bira deemuun meeshaasaanii qabatanii akka ba'an itti himan. Addanatti isin hin barbaannu. Meeshaa keessan jireenya keenya barbadeesse kanas hin feenu,'' jedhaniin jedhe.
Gaazaa iddoo biraatti ammoo mormitoonni hidhattoonni akka hospitaalaa fi manneen barnootaarraa fagaatan itti himaniiru.
Kunis namoonni nagaan haleellaa qilleensaan akka hin dhumne gochuuf.
Ammoo mormiin akkanaa ammallee uummata Gaazaa gatii baasisa. Hamaas Gaazaa keessatti namoota mormii akkanaa agarsiisan keessaa nama tokko rasaasaan ajjeeseera.
Waraanni Gaazaa akka dhaabbatu abdii xiqqoo kan qaban jiraattonni Gaazaa miidhaa irra ga'u osooma beekanii ofirratti murteessuun Hamaas fi Israa'el irratti qeeqa fi mormii cimsaa jiru.
Torbanoota darban mormiin Hamaas irratti eegale guddatee mul'atee akkasumas gara jeequmsaatti geeddaramuun dhageettii guddaa hin arganne.
Garuu aangoon Hamaas waggoota 20 darbaniif qabatee ture laafaa jiraachuusaa mul'isa.