Puutin haleellaa diroonii Yukireen raawwatteef haaloo bahuu akka barbaadu Tiraamp akeekkachiisan

Madda suuraa, Getty Images
Vilaiir Puutin haleellaa cimaa Yukireen dirooniidhaan buufataalee qilleensaa Raashiyaa irratti raawwatteef deebii kennuu akka qaban ibsuusaa Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp akeekkachiisan.
Tiraamp pirezidantii Raashiyaa waliin bilbilaan erga mari'atanii booda haasaa taasisaniin, "Pirezidant Puutin haleellaa dhiheenya kana buufataalee xiyyaaraa irratti raawwatameef deebii kennuu akka qaban dubbataniiru, baay'ees cimsanii dubbatan" jedhan.
Tiraamp maxxansa miidiyaa hawaasaa isaaniirratti baasaniin, haasaa bilbilaa sa'aatii tokkoo ol fudhate kanaan Raashiyaa fi Yukireen gidduutti gara ''hatattamaan gaga nagaa akka hin geessine'' akeekkachiisaniiru.
Hoggantoonni lamaan Iraan irrattis mari'ataniiru. Tiraamp marii niwukilaraa biyyattii waliin taasifamu keessatti gargaaruuf Puutin yaada dhiheessuu himan.
Waayiti Hawus dhimma kanarratti yaada akka kennuuf gaafatamee ture.
Maddi oduu mootummaa Raashiyaa RIA Novostiin, Puutin Yukireen marii nagaa ''jeequuf'' yaalii taasisaa akka jirtuu fi mootummaa Kiiv ''qabatamaan gara dhaabbata shororkeessatti jijjiramuusaa'' Tiraampitti himuu gabaaseera.
Hoggantoonni lamaanuu, ''haala tumsa biyyoota lamaan gidduu jiru deebisuuf abdii jirurratti yaada wal jijjiiraniiru, kunis dandeettii guddaa qaba,'' jedheera.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haasaan hoggantoota lamaan gidduutti taasifame kunis Yukireen haleellaa tasaa diroonii karaa seeraan alaatiin biyyattii keessa galchitetti fayyadamuun buufata xiyyaaraa Raashiyaa erga haleeleen Waxabajjii 1 booda kan jalqabaati.
Yukireenis haleellaa sanaan xiyyaarota dandeettii niwukilaraa fageenya dheeraatti dhukaasan irratti kan xiyyeeffatte ture.
Kireemliin Roobii kaleessaa booda keessa akka jedhetti, Tiraamp haleellaa kana ilaalchisee US dursitee akka hin akeekkachiifamne Puutinitti himaniiru.
Torban darbe, Tiraamp Puutinif guyyaa xumuraa torban lamaa kaa'eefii ture. Puutin ammallee tattaaffii nagaa Yukireen keessatti taasifamu irratti "rakkoo uumaa"uumaa jira jedhanii yoo amanan akkaataa US Raashiyaadhaaf deebii kennitu akka jijjiran doorsisanii ture
Yaadni kunis yaada qeeqa Tiraamp walitti fufiinsaan dubbatan keessaa tokko yoo ta'u, kanaan dura Puutin "guutumaatti maraateera" jedhanii ture.
Kunis yeroo Raashiyaan haleellaa diroonii fi misaa'elaa Yukireen keessatti cimsitetti "ibiddaan taphachaa jira" jedhanii ture.
Tiraamp barreeffama isaa Roobii darbe 'Truth Social' irratti barreessaniin, guyyaa ykn dubbii kanaan dura dubbatan hin kaasne.
Gaafa Roobii jilli qondaaltota Yukireen kan ittaanaa Ministira Mummee Yuuliyaa Svyrydenko fi itti gaafatamaa Waajjira Pirezidaantii Andirii Yermaak of keessatti hammatu, Senetaroota Ameerikaa waliin Waashingitanitti wal arguun bittaa meeshaa waraanaa fi tattaaffii lola kana dhaabuuf taasifamaa jirurratti mari'achuuf ture.
Yermak barreeffama miidiyaa hawaasaa irratti barreesseen, jilli kun ''deeggarsaa ittisaa fi haala dirree waraanaa irratti, qoqqobbii Raashiyaa irra kaa'amuu fi fandii invastimantii deebisanii ijaaruu kanaan dura mallattaa'e irratti mari'achuuf karoorfachuu isaanii ibsaniiru.
Mariisistoonni Yukireen, Raashiyaan ''haalduree tokko malee dhukaasa dhaabuu'' gaaffii ijoo Kiiv fi Ameerikaa dabalatee michoota ishee warra dhihaati dide jedhan.
Gareen Raashiyaa ibsa dabalataa kan hin kennine ta'us, ''naannolee waraanaa murtaa'an'' Yukireen keessatti guyyoota hedduudhaaf dhukaasa dhaabuu yaada dhiyeessuu himan.
Traamp kanaan dura, irra deddeebiin lola adda waraanaa irratti itti fufee jiruu fi haleellaan qilleensa Raashiyaa fi Yukireen keessatti raawwatamus, gamooleen lamaan jijjirama agarsiisaa akka jiran akka amanan dubbatanii ture.
Dabalataanis, Tiraamp haasaa karaa bilbilaatiin Puutiin waliin taasisaniin waa'ee Iraan irratti mari'achuusaanii ibsuun, lamaan isaanii ''Iraan meeshaa niwukilaraa qabaachuu hin dandeessu'' jechuun ''waliigalanii akka turan'' amanu.
Ameerikaan Iraan oomisha gabbiisa yuuraaniyeemii, kan boba'aa riyaaktarii hojjechuuf oolu akkasumas meeshaa niwukilaraa hojjechuuf oolu hunda akka dhaabduu fi bakkasaa ammoo akka dhiyeessiitii konsortiimii naannoo irratti hundooftuuf yaada dhiheessite jedhameera.
Iraan karoora marii gaafa Samabataa kanarratti hanga ammaatti deebii hin kennine.
Akka Tiraamp jedhanitti, Puutiin ''marii Iraan waliin taasifamu irratti akka hirmaatu fi tarii kana saffisaan akka xumuramu gargaaruu akka danda'u yaada dhiyeessan.''
"Iraan dhimma baay'ee barbaachisaa kanarratti murtoo isaanii harkiisaa adeemaa akka jirtun yaada," jechuun bareessan Tiraamp. "Yeroo baayyee gabaabaa keessatti deebii murtaa'aa nu barbaachisa."
Hogganaan olaanaa Iraan Ayaatolaah Ali Khaamaneen yaada Ameerikaan dhiheessite qeequun Yuuraaniyeemii gaddiisuu hin dhaabu jedhan.