Sababiiwwan ijoo afur Tiraamp marii Puutin waliif Sa'ud Arabiyaa itti filatan

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Mootuu Sa'udii Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan waliin bara 2019 yaa'ii durewwan G20 irratti Jaapaaniitti suraa waliin ka'an

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp walgahii Puutin waliin qabaatan keessatti Mootiin Sa'ud Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan akka hirmaataniif yaada dhyeessan

Pirezdantiin Ameerikaa Doonaald Traamp gitasaanii Raashiyaa Vilaiir Puutin waliin Sa'ud Arabiyaatti wal arguun waraanni Yukireen keessaa akkamitti akka xumuramurratti marii taasisuuf maaliif biyya Galoo Galaanaa kana walgahii murteessaa kanaaf akka filatan namoonni hedduun yaadaa jiru.

Guyyaa walgahiin kun itti gaggeeffamu ibsamuu baatullee yeroo dhiyootti ta'uu akka danda'u eerameera.

Kana malees, Mootiin Sa'ud Mohaammad bin Salmaan, kan maqaa qubee jalqabaatiin MBS jedhamuun beekamanis, walgahicharratti hirmaachuu akka danda'u yaada dhiheesse.

Tiraamp kana kan dubbatan erga Puutin fi Pirezidaantii Yukireen Volodimiir Zeleniskii waliin karaa bilbilaatiin adda addatti carraa nagaa irratti xiyyeeffate taasisaniin sa'aatii muraasa boodadha.

Sa'ud Arabiyaan ibsa kenniteen, haasaa bilbila Tiraampiifi Puutin gidduutti taasifamee fi yaa'iin mootummaa biyyattii keessatti gaggeefamu filachuu diqisiifateetti.

"Mootummaa Raashiyaafi Yukireen gidduutti nagaa waaraa buusuuf carraaquu akka itti fufan biyyi Galoo Galaanaa[Sa'ud Arabiyaa] ni mirkaneesiti" jedha ibsichi.

Galma walabaa

Walgahii Tiraamp fi Puutin dhufuuf biyyoonni akka Chaayinaa fi Yunaayitid Araab Emireetis keessummeessitoota ta'uu akka danda'an fedhii agarsiisuun of dhiheessanii turan jedhameera.

Pirezidentii Raashiyaa Vilaiir Puutin fi Pirezidantii US Doonaald Tiraamp yaa'ii dureewwan G20 Jappaan Osaakaa keessatti harka wal fudhanii Waxabajjii 28, 2019.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sa'ud Arabiyaan haasaa bilbila Tiraamp fi Puutin gidduutti taasifame faarsitee, yaa'iin mootummaa biyyattii keessatti gaggeeffamuu akka danda'u ibsite
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Sa'udiin walgahii Tiraamp fi Puutiniif giddu-galeessa walabaa sababii ta'eef filannoo siriidha," jechuun itti aanaan pirezidaantii Dhaabbata Baha Giddu Galeessaa Waashingitanitti argamu Pool Saalem kan falman.

Sababii ejjannoo cimaa biyyoonni Awurooppaa waraanaa Yukireen irratti qabaniitiin achitti walgahicha keessummeessuun hin hojjetu jedhu Saalem.

"Akka aadaatti, bakkeewwan walabaa kan akka Jeeneevaa walgahii akkasii kanaaf filatamu turan. Haata'u malee, hariiroon Raashiyaan Siwiizarlaandii fi biyyoota Awurooppaa biroo waliin qabdu hammaataa dhufuunsaa filmaata kanaaf sababa ta'uu hin oolu," jechuun falmu Dr Khataar Abuu Diiyaab, piroofeesarri hariiroo idil-addunyaa.

Akkasumas, Sa'udiin Puutin waliin amantaa fi faayidaa waloo milkaa'inaan ijaaruunshee, akkasumas Sa'udiin waliigaltee Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) kan hin mallatteessine akka taate akeekan.

Bara 2023 keessa ICCn waraana Yukireen waliin walqabatee Puutiniin yakka waraanaatiin himatee ajaja hidhaa irratti baase. Xiinxaltoonni akka hubachiisanitti, Puutin yaaddoo hidhamuu malee gara Sa'ud Arabiyaa imaluu danda'a.

Gahee jaarsummaa

Sa'ud Arabiyaan Raashiyaa fi Yukireen akka hidhamtoota wal jijjiraniif kanneen jidduu galan keessaa tokko waan turteef gama lamaaniinuu amanummaa argataa jirti.

Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp (bitaa) yoo Maark Foogel kan dhiheeny Raashiyaadhaa gadhiifaman wayita simataniitti Waashingitan DC, Amerikaa, Guraandhala 11, 2025.

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Mootin Sa'ud barsiisaan Ameerkaa, Maark Fogeel akka gadhiifamuuf gahee olaanaa bahuushee qondaaltonni Ameerkaa himan

Wal jijjiirraa hidhamtootaa dhiheenya kana raawwatameetin Riyaad haala mijeessuun Raashiyaan barsiisaa Ameerikaa Maark Foogel kan waggoota sadii oliif hidhaaa keessa ture gadhiiste.

Mootiin Sa'udii gadhiifamuu nama kanaa mirkaneessuuf gahee murteessaa taphachuu ergamaan Ameerikaa Baha Giddu Galeessaa Istiiv Wiitkoof himan.

Akkasumas, Sa'ud Arabiyaanis Zeleniskii fi Puutin lamaan isaaniiyyu yeroo baayyee simachuun waliigaltee nagaa waaraa biyyoota lamaan gidduutti akka uumamu dhiibbaa taasisaa turte.

Kanaafis, bakka bu'oota biyyoota hedduu waliin walga'ii idil-addunyaa Jiddaatti qopheessitee turte.

Pirezidantii Raashiyaa Vilaiir Puutin fi Mootii Sa'ud Arabiyaa Mohaammad Bin Salamaan Riyaad, Sa'ud Arabiyaa keessatti Onkololeessaa 14, 2019 wayita wal arganiitti.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Sa'ud Arabiyaan sababii waliigaltee mana murtii yakkaa idil-addunyaa hin mallatteesineef Puutin yssddoo hidhamuu malee garasitti imaluu danda'a jedhu ogeeyyiin

Muddee bara 2023 Puutin wayita Riyaad daawwatanitti MBS ''Sa'udi Arabiyaan keessummaa addaa fi kabaja guddaa sadarkaa mootummaa fi ummataa qabdi'' jedhanii ture.

Ogeessi dhimma Galoo Galaanaa, Abdulaah Baabood, Sa'ud Arabiyaan hojii gidduu jaarsummaarratti bobba'uuf hawwii guddaa akka qabdu kaasu.

Akka Omaan, Kaataar fi Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) wajjin haala wal fakkaatuun biyya ijoo rijinichatti dhiibbaa qabdu guddisuu akka barbaaddu amanu.

Mootii Mohaammad Bin Salmaan fi Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zeleniskiin

Madda suuraa, EPA-EFE/REX/Shutterstock

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin bara 2023tti Yaa'ii Liigii Arabaa 32ffaa irratti hirmaachuuf Jiddaa Sa'ud Arabiyaa dhaqanii ture.

Baabuud walgahii Tiraamp fi Puutin keessummeessuun Sa'ud Arabiyaadhaaf akka tola dippilomaasii ta'ee tajaajiluu akka danda'u dubbatu.

Kunis Riyaad faayidaalee tarsiimoo Ameerikaa guddaa kan akka waliigaltee Abrahaam mallatteessuu, waliigalteewwan biyyoota lamaanii hariiroo biyyoota Arabaa afurii fi Israa'el gidduu jiru idileessee kan jijjiiru ta'uu danda'a.

Pool Saalem, Tiraamp sababoota dinagdee, faayinaansii, invastimantii fi tarsiimootiif jecha hariiroo Ameerikaa fi Sa'udii cimsuuf fedhii guddaa akka qaban kan amanan yoo ta'u, gara fuulduraattis waliigaltee Ameerikaa fi Sa'uudii fi Israa'el ta'uu danda'u mirkaneessuuf Tiraamp fedhii qabaachuu kaasuu.

Piroofeesara komunikeeshinii tarsiimoo kan ta'an Dr Nidaal Chukaayir, imaammata Tiraamp Baha Giddu Galeessaa keessatti, keessumaa waldhabdee Israa'el fi Filisxeemiif Sa'ud Arabiyaan murteessaa ta'uu akeeku.

Akkasumas, keessumaa yaada Ministirri Mummee Israa'el Netaaniyaahuun lammiilee Gaazaa gara biyya Galoo Galaanaa kanaatti dabarsuu ilaalchisee dubbatan hordofee, dhiibbaa Ameerikaan dhiheenya kana Sa'ud Arabiyaa irratti goote kan ibsu yoo ta'u, Riyaad yaadicha cimsitee didde.

Dhimma boba'aa

Ameerikaan Sa'ud Arabiyaa fi Raashiyaa dursuudhaan omishituu boba'aa addunyaa kanaa guddoodha.

Waraanni Raashiyaa fi Yukireen gabaa bobaa addunyaa irratti dhiibbaa waan uumeef, Sa'ud Arabiyaan tasgabbii gatii boba'aa eeguuf gahee akka qabdu ogeeyyiin ni akeeku.

Sa'ud Arabiyaan addunyaa irratti boba'aa oomishuuf sadarkaa lammaffaa irratti kan argamtu yoo ta'u, yeroo waraana Yukireen gidduuttis tasgabbii gatii boba'aa eeguuf gahee guddaa taphatte jedhu ogeeyyiin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sa'ud Arabiyaan addunyaarratti boba'aa omishuuf sadarkaa lammaffaarratti kan argamtu yoo ta'u, yeroo waraana Yukireen gidduuttis tasgabbii gatii boba'aa eeguuf gahee guddaa taphatte jedhu ogeeyyiin

Muddee 2024 keessa, miseensonni gamtaa OPEC+ biyyoota boba'aa al-ergii 22, kan Sa'ud Arabiyaa fi Raashiyaa of keessatti hammatu, biyyoota michuu hin taane irraa fedhiin eegamuun gadi ta'ee fi omisha dorgomaa waan isaan mudateef omisha boba'aa dabaluu yeroo biraatti dabarsuuf murteessan.

Sa'ud Arabiyaa fi Raashiyaan omishtoota boba'aa gurguddoo ta'uudhaan fedhii waloo qabu jedha Abdullaah Baaboud. Walgahiin Tiraamp fi Puutin waraana Yukireen xumuruu qofa osoo hin taane dhimma gatii boba'aa addunyaa fi tumsa dinagdee irrattis kan xiyyeeffatu ta'a jedhanii eegu.

''Tiraamp, keessumaa yeroo darbe gatii gadi aanaaf erga waamicha dhiyeessanii booda, dhaabbilee anniisaa Ameerikaatiif gatii jikita boba'aa gaarii ta'e mirkaneessuuf barbaaduu danda'u,'' jedhu.

Tiraamp anniisaa qulqulluu caalaa omisha boba'aa fosiilii dursa akka kennan kan akeeku ogeessi kun, kunis gahee Sa'ud Arabiyaan boba'aa guddaa erguuf qabdu waliin kan walsimudha jedhu.

Fedhiiwwan tarsiimoo

Tiraamp bara 2017'tti pirezidaantii ta'uudhaan imalasaanii ofiseelaa jalqabaa gara Sa'ud Arabiyaatti kan taasisan yoo ta'u, kunis sadarkaa dippilomaasii addunyaa mootummaa kanaa guddiseera.

Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp, Mootii Salmaan bin fi Pirezidantii Masrii Abdal Fattaah al-Sisii

Madda suuraa, EPA/SAUDI PRESS AGENCY HANDOUT

Ibsa waa'ee suuraa, Tiraamp akka jedhanitti, Sa'ud Arabiyaan bara 2017tti omisha Ameerikaa doolaara biiliyoona 450 bitachuuf waliigaltee imala biyya alaa jalqabaa pirezidaantii ta'uun gara Sa'uditti taasisaniif karaa saaqe

Tiraamp aangoo marsaa lammaffaa isaanitiin imala jalqabaa biyya alaa ammas gara biyya Galoo Galaanaatti ta'uu akka danda'u dursanii kan akeekan yoo ta'u, kanaafis mallattoo gatii kaa'aniiru.

''Sa'ud Arabiyaan yoo doolaara biiliyoona 450 ykn doolaara 500 [omisha keenya] bitachuu barbaadde ... deemuun koo hin oolu jedheen yaada,'' jechuun ji'a darbe keessa Waajjira isaanitti gaazexeessitootatti himan.

Guyyoota muraasaan booda ammoo Mootiin Sa'ud Arabiyaa waggoota afran dhufan keessatti biyyisaanii doolaara biiliyoona 600 US keessatti invast gochuu akka barbaadu dubbatan.

"Haata'u malee, Mootii nama ajaa'ibaa ta'e, gara doolaara tiriliyoona 1tti akka ol guddisuun gaafadha," jechuun Tiraamp ture yeroo muraasa booda Waltajjii Diinagdee Addunyaa Daavoositti gaggeeffamerratti kan dubbatan.

"Nuti isaaniif baay'ee gaarii sababii taaneef akkas ni godhu jedheen yaada," jedhan Tiraamp.

Dr Nidaal, Tiraamp Sa'ud Arabiyaa akka michuu tarsiimoo fi dinagdee ijootti ilaalu jedhanii amanu.

Akkasumas, keessumaa pirezidaantiin duraanii Joo Baayiden gara Eeshiyaatti waan qajeelaniif, Tiraamp gahee dinagdee Ameerikaan Galoo Galaana keessatti olaantummaa qabu mirkaneessuuf akka barbaadan ni akeeku.

Traamp haaluma qaama dorgommii tarsiimoo Waashingitan Chaayinaa waliin taasiftuutti, dhiibbaa Ameerikaa Sa'ud Arabiyaa fi rijiinii bal'aa keessatti cimsuuf yaalaa akka jiran piroofeesarri hariiroo idil-addunyaa Dr Khattar Abuu Diiyaab himaniiru.

Sa'ud Arabiyaan galmee mirga namoomaa isheetiin qeeqamaa kan turte.

Haata'u malee, haaromsi dhiheenya kana biyyattii kana keessatti godhame kan akka imaamma amantii haquu ykn dubartoonni akka konkolaataa oofan hayyamuu fakkii addunyaashee fooyyessuudhaan bulchiinsa Tiraamp jalatti dhiibbaa siyaasaaf ta'uu maluuf akka hin saaxilamne taasiseera jechuun falmu Abuu Diiyaab fi Chukaar, lamaan isaaniituu.

Sarara diimaa

Seenaa akkanaaf BBC Afaan Oromoo Chaanaalii WhatsApp akkasumas Facebook irratti hordofaa.

Oduuwwan BBC Afaan Oromoo biroo dubbisuuf as cuqaasaa.