Humni Ittisaa Israa'el waraana Gaazaa babal'isuuf loltoota eeggattootaa waamuu eegale

Madda suuraa, Getty Images
Humni Ittisaa Israa'el miseensota eeggataa kuma kudhaniin lakkaa'aman "duulaa dabalataa cimaa" Gaazaatti taasisuuf karoorseef waamuu jalqabe.
Humni Ittisaa lammiilee Israa'el Gaazaatti butamanii turan gadi dhiisisisuufi hidhattoota Hamaas injifachuuf ''dhiibbaa cimsaa jirachuu'' hime.
Garuu qeeqxonni akka jedhanitti, xumura dhukaasa dhaabuu hordofee duulli dhiheenya kana raawwatame hidhattoota gadi lakkisiisuu dadhabuu ibsuun, gaheen MM Israa'el Beeniyaamiin Netaaniyaahuun waldhabdee kana keessatti qaban irratti gaaffii kaasan.
Karoora kanaan waraanni naannoo haaraatti akka bobba'auun ''bu'uuraalee misoomaa laffarrarratti fi lafa keessatti argaman hunda barbadeessa'' jedhame.
Kaabineen nageenyaa Israa'el Dilbata walga'iin yeroo gaggeeffamu duula dabalataa waraanaa kana ni raggaasisa jedhamee eegama.
Garuu hanga torbee dhufu pirezidant Doonaald Tiraamp naannichatti imala taasisanoiin booda akka hin taane gabaasni ni mul'isa.
Mariin idil-addunyaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu haaraa irra gahuu fi namoota butamanii hafan 59 Hamaas qabatanii turan gadi lakkisuu kan hin dandeenye yoo ta'u, isaan keessaa 24 lubbuun akka jiran amanama.
Erga Israa'el Bitootessa 18 haleellaa ishee deebitee jalqabdee as namoonni Israa'el booji'aman tokkollee hin gadhiifamne.
Ergasii as Israa'el naannoo bal'aa Gaazaa qabattee, lammiilee Gaazaa kuma dhibbaan lakkaa'aman deebiftee buqqistee jirti.
Duulli waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti geggeessaa turtee fi gargaarsa hunda ji'oota lamaa oliif ugguruu ishee Hamaas irratti dhiibbaa uumuuf kan kaayyeffate ta'uu dubbatti.
Dhaabbileen gargaarsaa Gaazaa keessatti hanqinni nyaataa, bishaanii fi qoricha hamaa akka mudate gabaasan, gochi Israa'el imaammata Falasxiinota beela'uu fi yakka waraanaa ta'uu ibsa. Israa'el himannaa kana ni haale.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Karoorri amma Israa'el humnoota eeggataa erga waraanni Hamaas waliin jalqabee irra deddeebiin waamamaa turan dabaluun duula bal'aa taasisuuf karoorfame nuffameera.
Maatiin namoota butamanii karaan tokkichi lammiilee Israa'el lubbuun hafan gadhiisuuf taasifamuu qabu Hamaas waliin mari'achuu qofa akka ta'e himu.
Karoorri amma kunis ammas akeeka Netaaniyaahuun waraana kana keessatti qabu irratti gaaffii kaaseera.
Netaaniyaahuun faayidaa siyaasaaf jecha waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra deddeebiin kan balleessu yoo ta'u, maatii namoota butamanii fi mormitoonni waaraana dheeressaa jira jechuun himannaa irratti dhiyaassanis inni garuu irra deddeebiin haaleera.
Ministirri Muummee Israa'el erga biyyi isaanii Gaazaatti waraana eegaltee ji'oota 19 ta'us, hanga ammaatti karoora waraana kana keessaa ba'uuf hin dhiheessine.
Jimaata darbe Raayyaan Ittisaa karoora haleellaa karoorfame Gaazaa irratti Netaaniyaahuuf dhiheesse jechuun miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Dhiheenya kanas aktivistoonni kumaatamaan lakkaawaman mallattoo walitti qabuun mootummaan Netaaniyaahuu lola kana akka dhaabu fi namoota butamana akka hiikaman mari'achuu irratti akka xiyyeeffatu waamicha dhiyeessaniiru.
Hiriirri nagaa waraanni kun akka dhaabbatu gaafatu Sambata galgala magaalota Israa'el adda addaa keessatti gaggeeffameera.
Haati ilmishee ammallee Gaazaatti ugguramee jiru, hiriira kana irratti hirmaatte, ''waraana hin barbaachifne'' jetteetti.
Waraanni Israa'el Dilbata kaleessaa loltoonni lama dabalataan Gaazaatti ajjeeffamuu beeksiseera.
Dilbata ganama finciltoonni Yaman Iraan deeggaramuun misaa'ela buufata xiyyaaraa guddicha Israa'el Been Guriyoon irratti dhukaasuun naannoo buufata xiyyaaraatti kufeera.
Netaaniyaahuuniskana haaloo ba'uuf doorsisuun isaanii ni yaadatama.
Huutiin karoora haaraa Gaazaa haleeluuf qabduuf deebii kennuuf buufata xiyyaraa irratti xiyyeeffachuun Israa'elitti ''uggura qilleensaa'' akka taasifamu akka godhan irra deddeebiin akeekkachiisaniiru.
Gaazaatti Ministeerri Fayyaa Hamaasiin geggeeffamu Dilbata kaleessaa akka beeksisetti sa'aatii 24 darban keessatti namoonni 40 du'uu fi 125 madaa'uu isaanii beeksiseera.
Israa'el dhiibbaan waraanaa Hamas irratti godhamu namoota 59 butamanii jiran bilisa baasuuf gargaara jetteetti.
Israa'el Gaazaa keessatti duula waraanaa bal'aa eegalte erga Hamaas Onkoloolessa 7, 2023 Israa'el irratti haleella banuun namoota 1,200 ajjeesee, namoota 251 buteen booda.
Ministeerri Fayyaa Gaazaa erga waraanni Gaazaatti jalqabee lammiileen Falasxeem 52,535 ol du'uu ibseera.
Kanneen keessaa 2,436 kan ajjeefaman Israa'el Gaazaa irratti haleellaa ishee deebiftee erga eegaltee booda ta'uu Ministeerri Fayyaa Gaazaa kun ibseera.