Itoophiyaan oomisha tamirii eegaluufi, garuu dacheenshee tamiriif ta'aa?

Madda suuraa, Getty Images
Sirna nyaataa keessatti soorata hunda caalaa faayidaa hedduu kennu waamaa yoo jedhame namni hedduun Tamirii jechuu hin oolu.
Garuu soorata nuti yeroo baayyee gabatee keenyarratti arginu miti. Akka daabboo, ruuzii, paastaa, biddeen fi soorata kaanii miti.
Tamiriin qorichummaaf oola jedhu qorattoonni fayyaa. Ammoo hunda caalaa amantii waliinis walqabata. Keessattuu wayita sooma Ramadaanaa Muslimoonni kan itti sooma hiikan soorata kana.
Tamiriin bakka hundatti hin ta'u, ooyiruu irratti misee oomisha kennu baayyee filata. Gammoojjii habalakaa bishaan cinaa jiranfaa filata.
Kanaaf bal'inaan biyyoota Arabaatti oomishama. Achirraa addunyaa maratti raabsama.
Haala qilleensaa hunda kan qabdu Itoophiyaan iddoowwan oomisha tamiriif oolan adda baasuun oomisha eegaluuf akka jirtu ibsiteetti.
Kanarratti biyya oomisha tamiriin beekamtu Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessiteetti.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Waliigaltee kana kan mallatteessan Ministira Qonnaa Dr Girmaa Amantee fi UAEtti hooganaa damee qonnaa fi jaarmiyaa milkaa'ina gama oomisha tamiriin argamerraa hundaa'e- Khalifa International Award for Date Palm and Agricultural Innovation jedhamuu kan ta'an Dr Abdullahaab Zaayid.
Qondaalonni lameen akkaataa oomisha tamirii fi Itoophiyaa keessatti iddoowwan oomisha tamiriif mijatoo ta'an irratti mari'achuun adda baasuu ibsaniiru.
Dr Girmaa Amantee Naannoo Oromiyaa keessaa Godinaaleen Gujii fi Booranaa oomisha tamiriif mijatoo akka ta'an ibsan.
Akkasumas sululli Laga Awwaashii fi naannooleen Gammoojjii Afaar, Somaalee, Gaambeellaa, Dirree Dhawaa, Beenishaangul Gumuz misooma Teemiriif mijatoo ta'uu jila Yunaayitid Arab Emireetis hubachiisaniiru.
Muuxannoo oomisha tamirii qoodachuuf, feestivaala dhaabbilee biyyoota garaagaraa hirmaachise Itiyoophiyaatti qopheessuufis waliigalaniiru.
Feestivaalii muuxannoon oomisha tamirii irratti qoodamu kana Itiyoophiyaan dhaabbilee deeggartootaa waliin ta'uun akka qopheessitu Ministeerri Qonnaa ibseera.
Waa'ee tamirii kana beektuu?
Ragaan Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Addunyaa (FAO) akka mul'isutti oomishi tamirii seenaa dhalli namaa qonna waliin qabuuf kan jalqabarratti eeramudha.
Waggaa 5,000 dura tamiriin Baha Gidugaleessaa fi Kaaba Afrikaatti oomishamaa ture jedha jaarmiyaan dhimma qonnaa kun.
Seenaa dhala kanaa keessatti muki yeroo jalqabaaf kunuunfamee firiin isaa irraa nyaatame tamiriidha.
Kanneen waa'ee dhala namaa qoratan (arkiyooloojistoonni) wayita haftee nama durii qorachuuf dachee Galoo Galaanaa Arabiyaa qotan haftee tamirii waggoota kumaatamaan dura ture arganiiru.
Dhaabbata barnootaa olaanaa- Kew Gardens jedhamutti qorattoota keessaa tokko kan taatee fi kitaaba Plants of the Quran jedhamu kan barreessite Shahina Ghanzanfar, muki tamirii Sa'uudii Arabiyaa keessatti dhagaawwan irratti bocamee akka jiru arguu himte.
''Dhagaa bareedaa sanarratti ulee qal'oo fiixee muka tamirii irraa firii harcaasutu bocamee jira. Kanarraa kan hubatamu uummanni kun bara uummattoota Akkadians fi Sumeeriyaan (bara qarooma mesopotaamiyaa) tamirii oomishaa akka turaniidha, kun waggaa 5,000 ykn 6,000 dura ta'a,'' jette.
Warri Masirii ammoo keessattuu bara hayiroogiliifiks suuraa muka tamiriitiin bara lakkaa'u turan.
Muki tamirii waggaatti baala firii irratti naqatu 12 magarsa. Warri Masirii kana eeganii kabaju.
Warri Oomaan ammoo yoo daa'imi dhalatu biqiltuu tamirii tokko faana dhaabu. Tamiriin kun daa'ima dhalate waliin kunuunfamee guddata.
Wayita guddatee of baru muka tamirii tokko waan qabuuf beelaaf yaadda'uun hin jiru.

Tamiriin muka bishaan ashabaawaa dandamachuun beekamuudha, inumaa bishaan garbaa (dhandhama ashaboo qabuun) ni oomidhama.
Biqiloonni kaan amala akkasii hin qaban.
Kaaloorii fi qabiyyee nyaataa kaan hedduudhaan waan badhaadheef uummata gammoojjiif ykn lafa gogaa jiraataniif dhangaa hunda bakka bu'aaf.
Isaaniif tamiriin soorata tokko qofa miti, soorata hunda bakka bu'a. Soorata qofayyuu miti- jireenya, aadaadha, eenyummaadha.
Jaarmiyaan qonnaa addunyaa, FAO, duudhaa oomisha tamirii kana jajjabeessuuf sirna badhaasaa akka addunyaatti gaggeeffamu mijeesseera.
Sirni badhaasaa, kutannoo oomishtoota tamirii jajjabeessuuf akka addunyaatti jiru kun Globally Important Agricultural Heritage Systems (GIAHS) programme jedhama.
Sagantaa kanaan beekamtii guddaa kan argatte Siwa Oasis dachee gammoojjii jalli bishaan qabuun kan badhaatedha.
Masirii keessatti argamti. Hawaasni naannawa kanaa haala qilleensaa hamaa madaqsuun oomisha tamirii addunyaa sooruu danda'u oomishu.
Kunis dacheen Masirii tamirii oomishuun addunyaa sadarkaa duraa akka qabattu taasiseera.
Akka FAOn jedhutti bara 2018 Masirii, Sa'uudii Arabiyaa, Iraan fi Aljeeriyaan addunyaarratti oomisha tamiriin sadarkaa tokkoo hanga afurii keessa turan.
Biyyoonni kunneen addunyaarratti hanqina bishaaniin beekamu, garuu bishaan argatan sirnaan itti fayyadamuun addunyaarratti oomisha tamiriin beekaman.
Haala qilleensaa akkamiitu tamiriif ta'a?
Tamiriin haala qilleensaa ho'aa fi gogaa kan hanqina bishaanii qabu keessatti ta'a, bishaan ashabaawaa dandamachuun beekamuudha, inumaa bishaan garbaa (dhandhama ashaboo qabuun) ni oomidhama.
Biqiloonni kaan amala akkasii hin qaban. Amalli tamirii kun namoonni haala qilleensaa hamaa keessa jiraatan wabii nyaataa akka mirkaneeffatan gargaare.
Ragaan FAO akka mul'isutti addunyaarratti oomisha tamiriin biyyi kaaba Afrikaa Masiriin tokkoffaadha, bara 2023 qofa tamirii toonii miiliyoona 1.8 caalaa oomishte.
Biyyi Itoophiyaa waliin tamirii oomishuuf waliigalte, Yunaayitid Arab Emireetis (UAE) ammoo waggaatti tamirii toonii kuma 750 ol oomishuun sadarkaa afraffaarratti argamti.
Dacheen UAE oomishaalee qonnaa kaan caalaa tamiriif kan mijatu yoo ta'u, oomishi tamirii oomisha qonnaa biyyattii harka 60 caalaa qooddata.
Hariiroo tamirii fi amantii
Baha Giddugaleessaa bakka amantiin Islaamaa, Kiristaanaa fi Yahuudaa irraa babal'ate keessatti biqiloonni tamirii dachee gammoojjii bareechanii mul'atu, qalbii nama booji'u.
Hordoftoota amantii Islaamaa biratti tamiriin soorachuun sunnaadha. Sa'uudii Arabiyaa, magaalota eebbifamoo Makkaa fi Madiinaa, keessatti tamiriin aadaadha.
Bu'aan tamiriin soorataaf ooluun gamattis hedduudha.
Kitaabota amantii, Qur'aana qulqulluu, Tawuraa fi Macaafa Qulqulluu keessattis tamiriin iddoo guddaa qaba.
Macaafa Seera Keessa Deebii [Deuteronomy] tamiriin wantoota dacheen saba Israa'el ittiin eebbifamte keessaa torbaffaa ta'uu eera.
Kana jechuun tamiriin saba sanaaf mallattoodha jechuudha.
Kitaaba Exodus keessatti ammoo sabni Israa'el garbummaa Masirii jalaa baraaramuun dachee ''burqaa aannanii fi dammaa'' taatetti akka geeffaman Waaqayyo Muusaadhaaf waadaa gale jedha.
Yaadi kun falmisiisaa ta'us ergaan kun kan mul'isu damma kanniisni dammeessite osoo hin taane walalaa tamirii ta'uudha kan jedhan jiru.
Kakuu haaraa keessatti Yasuus fannifamuusaa guyyoota muraasa dura wayita Yerusaalam seenu wayita simatamu raafamuu muka tamiriin dambaliin addaa uumamee akka ture eera.
Shahinan akkas jette: ''Jecha Arabootaa tokkotu jira. Faayidaan tamirii hedduudha, akkuma guyyoonni waggaa tokko keessa jiran baayyatan.''

Tamiriin amantii Islaamaa waliin hidhata cimaa qaba, hanga guyyaa har'aa. Soorata qofa osoo hin taane sunnaa hordofamuu qabudha.
Keessattuu wayita sooma Ramadaanaa gabaan tamirii akkaan olka'a.
Qabiyyee soorataa hedduun waan badhaadheef, akkasumas garaatti waan hin ulfaanneef Muslimoonni nyaata kaan caalaa tamiriitti sooma hiikuu filatu.
Kun barmaata Nabiyyuu Mohammad (SAW) waliin akkaan walqabata. Hadiisa isaanii keessatti soomi tamirii ykn bishaanitti hiikamuu akka qabu eerameera.
Bara haaraa warra Yahuudaa (Jewish)- Rosh Hashanah jedhamurratti - soorati hawaasi kun baayyinaan fayyadaman tamiriidha, barri isaanii itti aanu eebbifamaa akka ta'u calaqqisiisa jedhanii amanu.
Hordoftoota amantaa birattis fannoon muka ykn baala tamirii irraa tolfama, yaadannoo guyyaa Yesuus Jerusaalam seenee irratti waldaatti namaaf hirama.
Faayidaa tamiriin fayyaa keenyaaf qabu
Tamiriin soorata albuudota akka ayiranii, potaasiyamii, kaalsiyamii fi maneezhiyemiin badhaadhe.
Akkasumas faayibariiwwan soorata daakuuf gargaaran of keessaa qaba. Kaalooriidhaanis waan badhaadheef madda anniisaa guddaadha.
Tamiriin mi'aa uumamaa of keessaa qaba, kanaaf shukkaara warshaatti hojjetame bakka bu'uuf dorgamaa kan hin qabnedha.
Qabiyyeen soorataa muduraalee keessaa argannu furdina garmalee jalaas nu baraara. Soorati warshaatti oomsihame garuu rakkoo kana nutti fida.
Akka gabaasa FAO bara 2019 ba'eetti addunyaarratti namoonni biiliyoona 2 caalan ulfaatina garmaleen rakkatu.
Haalli qophii soorataa namoonni soorata salphaatti qophaa'an kan cooma, ashaboo, shukaaraan badhaadhe bitachuu akka aadeffatan taasiseera jedha dhaabbati kun.
Muduraalee fi kuduraalee asheeta soorachuun rakkoo kana akka furu gorse FAOn.
Filannoon tokko tamirii asheetasaa ykn gogsanii olkaa'uun fayyadamuudha.

Tamiriin erga mukasaarraa funaanamee gogsamee olkaa'amee ji'ootaaf sooratamuu danda'a jedha FAOn.
Dhaabbata sirna soorataa Itoophiyaa 'Food and Nutrition Society' jedhamutti ogeessi sirna soorataa Obbo Abinnat Takilee qabiyyeen vaayitaaminii tamirii dhala namaaf akkaan faayida qabeessa ta'uu himan.
Kaalooriin nuuf kennan gogaa waan hin taaneef jireenya mijataa akka argannuuf nu gargaaru jedhan.
6''Fakkeenyaaf kanneen akka muuzii, tamirii, fi kanneen biroon dhandhama mi'aawaa qaban mi'aayina isaanii qofa osoo hin taane qabiyyee soorataa hedduu nuuf gumaachuu danda'u.''
''Muduraaleen kunneen dhibee gogaa, itituu dhiigaa fi dhibeewwan biroo hedduu nurraa ittisuuf gargaaru,'' jedhan Obbo Abinnat.