Dirreen miidiyaa Itoophiyaa bara aangoo MM Abiy hangam jijjiirame?

Madda suuraa, Getty Images
Muummichi Ministeeraa Abiy Ahimad (PhD) bara 2018 yeroo aangootti dhufan waantota haaromsuuf waadaa galan keessaa tokko dirree miidiyaa Itoophiyaa fooyyessuu ture.
MM Abiy "Biyyattii keessa miidiyaan fayyaa qabu hin jiru" jechuun, rakkoon siyaasa biyyattii, gaazexeessitoonniifi aanga'oonni mootummaa akka miidiyaalee quucarsan ibsanii ture haasaa guyyaa muudamasaanii taasisaniin.
Keessumaa miidiyaaleen naannoolee dibbee holoola waraanaa oomishuurratti akka ko'oommatanii fi dhimmoota fedhii waloo biyyaalessaatiif xiyyeeffannoo akka hin kennine eeruun, haaromsa barbaachisu taasisuun, miidiyaan bilisaan hojiisaa akka dalagu dubbatanii turan.
Sirna olaantummaa TPLF keessatti miidiyaalen erga gabaasanii booda miidhaa isaanirra gahuu malu sodaachuudhaan, mirgi walabaan yaada ofii ibsachuu lammiilee fi gaazexeessitootaa seera farra shororkeessummaa dabalatee, seerota ukkaamsoon daanga'uun, labsii yeroo muddamaafaa fayyadamamuun miidiyaalee onlaayinii dhabamsiisuun qabxiilee ijoo qorannoon Dhaabbata Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO) ifoomse turan.
Qorannaan kun akka agarsiisetti, ilaalcha miidiyaaleen mootummaa dhimma hawaasaa dhugaa gabaasuu caala piroppogaandaa mootummaa waan oofaniif amantaa irraa hin qaban. Tarkaanfiin dursaa mootummaan MM Abiy fudhates rakkoo kanneen furuurratti kan xiyyeeffatan ture.
MM Abiy haasaa Guyyaa Pireesii Walabaa kan UNESCO'n Caamsaa 3, bara 2019 Finfinneetti qopheesserratti taasisaniin, mootummaan isaanii dirree miidiyaa haaromsuuf kutannoo qabaachuu ibsan.
Mootummaan Abiy marsariitiiwwan cufaman hunda bane, dirreen onlaayinii walaba taasifame. Bara 2019 keessa miidiyaan daldalaa biroodkaastii 32, buufataaleen raadiyoo hawaasaa 50 fi miidiyaalee tajaajila hawaasaa 19 tamsaasarra akka turan ibsa qorannoon UNESCO kun.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Rifoormii waadaa galameefi tarkaafii fudhatameen sadarkaan walabummaa miidiyaa Itoophiyaa indeeksii pireesii walabaa idil-addunyaa irratti gulantaa 40 wayyeessuun 150 irraa gara 110'tti fooyya'ee ture.
Kanaanis ganna kudha afur keessatti bara itti gaazeessaan tokkollee mana hidhaa hin jirre jedhamuun leellifamtees turte. Miidiyaaleefi gaazexeessitoonni akka fedhanitti gabaasuu jalqaban.
Haata'u malee, tarkaanfiifi waadaan dirree miidiyaa walaboomsuuf jalqabames waraana Tigraay fi dhibdee nageenyaa biyyattiitti dhalatan hordofuun gufachuu jalqabe.
Ajjeechaan artisti Hacaaluu Hundeessaa kan keessattuu Oromiyaa keessatti raafama guddaa uume hordofuun, namoonni nagaa baay'een yoo ajjeefaman, qabeenyi barbadaa'eera. Miidiyaaleen cufamuu, gaazexeessitoota OMN fi namoonni siyaasaa kan akka Jawaar Mohaammad fa'i hidhaman.
Ji'oota muraasaan booda ammoo waraanni humnoota mootummaafi Adda Bilisa Baasaa Ummata Tigraay (ABBUT) gidduutti uumames namoota nagaa irratti soda guddaa uumuun mirga walabaan dubbachuu miidiyaas daangesse.
Waraana Tigraay hordofuun gabaasa Gareen Nageenya Gaazexeesitoota Tiksu (Committee to Protect Journalists (J))n baaseen, Sadaasa 4 bara 2020 irraa hanga Hagayya 1, 2022'tti yoo xiqqaate gaazexeessitoonni 63 hidhamanii akka turan galmeessuu ibsee ture.
Ofii bara bulchiinsa MM Abiy Ahmad dirreen miidiyaa akkam ture? BBC'n yaada hayyoota miidiyaa fi gaazexeessummaa yunivarsiitiilee Itoophiyaa afur dubbisuun akkanaan qixeesseera.

Madda suuraa, Dr Abdisa Zeray
Dirree miidiyaa bara aangoo MM Abiy keessaa
Dr. Abdiisaa Zaraay Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataa gaazexeessummaa fi kominikeeshiniiti. Miiltoosaa waliin ta'uudhaan kitaaba barnootaa 'Gaazexeessummaa Itoophiyaatti' jedhu barreessaniiru. Gorsaa miidiyaafi kominikeeshiniis ta'uun tajaajilaa jira.
"Sirni Adda Dimokraatawaa Warraaqsa Ummattoota Itoophiyaa (ADWUI) gara aangootti kan dhufe yaadama warraaqsa dimokiraasii jedhuun ture," boodarra ammoo fooyyessuun gara yaadama 'mootummaa misoomawaa' jedhutti akka luucceffate kan kaasan Dr. Abdiisaan, miidiyaaleenis falaasama 'gaazexeessummaa misoomawaa' (developmental journalism) jedhuun geggeeffamaa akka ture dubbatu.
Bara bulchiinsa ADWUI "baay'inaan miidiyaa mootummaan dhuunfatame ture" kan jedhan qorataan kun, miidiyaalee dhuunfaatiif haalli mijataan akka hin turre ibsu.
"Gara dhuma bara bulchiinsa ADWUI irratti ture kan hayyamni raadiyoo FM namoota dhuunfaaf kennaman. Kunis itti yaadamee kutaa sirnicha deggaraniif waan kennameef, guutummaatti sirna miidiyaa biroodkaastii sirnichaan kan to'atame jechuun ni danda'ama" jechuun haala abbummaa miidiyaa bara bulchiinsa ADWUI ture kaasu Dr. Abdiisaan.
Miidiyaan biroodkaastii raadiyoo fi televizyiniin guutummaa biyyattii waliin gahu, imaammata mootummaa lallabuuf leellisu waan tureef miidiyaaleen dhuunfaa keessuumaa miidiyaan maxxansaa faallaa sanaa dhaabachuun akka diinaatti ilaalama turan jedhu Dr Abdiisaan.
"Miidiyaan maxxansaa (printing media) ammoo ilaalcha walabaa qabachuun faallaa mootummaa kan dhaabate yoo ta'u, naannawaa magaalaa Finfinneetti qofa daanga'ee" akka ture kaasu.
Keessumaa filannoo biyyaalessaa bara 2005 irratti miidiyaaleen dhuunfaa hawaasa barsiisuu, dammaqsuufi sochoosuu gahee guddaa akka taphatantu himama.
Bu'aa filannootiin booda magaalaa Finfinnee dabalatee, kutaalee biyyattii gara garaatti jeequmsaa fi mormii jabaa mudate hordofee tarkaanfii mootummaan miidiyaaleen dhuunfaarratti fudhateen dirree miidiyaa akka daangessee fi calaqqee ture akka dhaamse himu gorsaan kun.
'Bara gaazexeessaan tokkollee mana hidhaa itti hin jirre'
Teeknoolojiinis akka har'aatti kan hin babal'anne waan tureef namoota biyya alaa taa'anii karaa saatalaayitii fi marsariitii tamsaasanis baasii guddaa baasuun ugguraa waan tureef seenessa ture mootummaan dhuunfachuun to'ataa akka ture dubbatu Dr. Abdiisaan.
Haalli ture ilaalchi gara garaa akka hin dhaga'amne taasiisee akka ture kan yaadachiisan Dr Abdiisaan, sababoota ijoo jijjiiramaa bara MM Abiy keessattis, "yaada ofii bilisaan ibsachuun balaarra bu'uu fi dhiphachaa dhufuun" isa tokko akka ture ibsu.
Abiyis erga aangootti dhufee haalota kana sirreessuudhaaf waadaan kan galameefi tarkaanfiileen gara garaas kan fudhatameera jedhu qorataan kun.
"Yaadama siyaasaa walabaatu dhufes jedhamee waan yaadameef, tarkaanfileen ariitiin fudhataman kan akka miidiyaaleen biyya alaa turan akka biyyatti deebisuu, kanneen shororkeessummaadhaan himataman irraa himannaa kaasuu, miidiyaaleen dijitaalaa ugguraman 200 ol akka banaman, keessumaa waggoottan jalqabaa lamman keessatti miidiyaaleen biroodkaastii dhuunfaa gara gabaatti" akka seenan taasisuun baroonni jalqabaa bulchiinsa MM Abiy haala gaarii uumuu dubbatu Dr. Abdiisaan.
Tarkaanfiilee dirree miidiyaa bal'isuudhaaf fudhatameenis beekamtii idil-adduyaa waan argateef Guyyaan Pireesii Walabaa Idil-addunyaa bara 2019 Itoophiyaatti akka kabajames ibsu qorataan kun.
"Seenaa Itoophiyaa keessatti ganna kudha arfan darbaniif yeroo jalaqabaatiif, bara itti gaazexeessaan tokko mana hidhaa hin jirre" jechuun dhaabbileen idil-addunyaa akka J'faa akka gabaasan kaasu.
'Walabummaan miidiyaalee bara jalqabaa bulchiinsa MM Abiy argatan gadhiisii ture'
Haalli miidiyaa yeroo sana ture qindoomina kan hin qabnedha kan jedhan Dr. Abdiisaan miidiyaaleen biyya alaatii galan baay'een miidiyaalee qabsoos waan turaniif, hanqina ogummaa qabataatanis ilaalcha danuu dhageessisuu keessatti garuu qooda guddaa taphataa akka turan ibsu.
Walabummaan miidiyaalee bara jalqabaa bulchiinsa MM Abiy argatan gadhiisii akka ture kan yaadachiisan qorataan kun, to'annaa ala ta'uun haala sodaachisaa uumee akka tures ibsu hayyuun kun.
Haala kana gidduutti waraanni fi walitti bu'iinsi naannolee akka Oromiyaa fi Tigraayitti jalqabamuun wantoota hedduu boodeetti akka deebises kaasu.
Yeroo waraana kaaba biyyatiitti, keessumaa waraana Tigraay irratti ABBUT miidiyaalee Tigraay jiru qabachuun, raayyaa miidiyaa hundeessuun seeneffama waraanaa dhuunfachuuf miidiyaaleen bifa ogummaa ala ta'een piroppogaandaa hojjechaa turan.
Akkasumas ''mootummaan giddugaleessaas miidiyaalee biyyattii qabachuun, kanneen fedhiidhaan itti dabalamuun bobba'anis (the coalition of the willing) hedduu turan, ... yeroo itti gaazexeessummaan ogummaa bu'uureffate balaarra bu'e" akka ture ibsu.
Waliigalteen Piritooriyaa raawwatee erga wal waraansi dhaabatee booda dirreen miidiyaa mijataa akka hin turre kan kaasan qorataan kun gaazexeessitootarra haleellaan gara garaa gahaa turuu himu.
Dirreen miidiyaa dhiphataa deemuun, "qooda fudhattoonni gara garaa gaazexeessitoota karaa adda addaan kan miidhan, ukkaamsaman, istuudiyoon isaanii kan jalaa saamamu, mana hidhaatti kan guuraman, biyya gadhiisanii kan baqatan" taasisee ture dubbatu qorataan kun.
Gabaasni J'n bara 2022 baases kanuma kan dhugoomsu ture.

Madda suuraa, Dr Zelalem Jabessa
'Haalli amma jiru isa duraanii caala sodaachisaadha'
Haalli amma jiru isa duraanii caala sodaachi'suu ta'uu kan kaasan qorataan kun, waraanni amma naannolee gurguddoo Itoophiyaan qabdu Oromiyaa fi Amaaraa keessatti adeemsifamaa jiru biyyarra darbuun siyaasa naannichaa (geopolitics) muddama keessa galchaa jiraachuu himu.
Sodaa fi raafamni haala kanaan uumame miidiyaan bilisaan sagalee jabaa dhageessisu sadarkaa hin hayyamamnerra gahuu tajjabbii isaanii dubbatu.
Falaasamni miidiyaa duraan ture 'gaazexeessummaa misoomawaan' kan biraatiin akka bakka hin buufamne kan kaasan Dr. Abdiisaan, bara bulchiinsa MM Abiy "falaasamni miidiyaa gaggeessu maal akka ta'e ifatti hin beekamu" jechuun ibsu.
Sirni ADWUI xiinxala caaseffama Markisistii bu'uureffatus yoo xiqqaate faalasama miidiyaa sirna siyaasa isaa waliin deemuu danda'u bocee lafa kaa'eera kan jedhan qorataan kun, yaadama siyaasaa warraaqsa dimokiraasii fi dimokiraasii misoomawaa jedhurraa karaa isaaniif mijatuun waraabamuun dookumatii qophaa'e qabaachuu ibsa.
"Ilaalcha caaseffama Maarkisis (Marxist structural view) qofa bu'uureffachuun, ilaalcha danuu (plural view) keessummeessuu dhabuu isaatiin komatama malee faalasama" miidiyaan ittiin geggeeffamu qabaachuu kan kaasan Dr Abdiisaan, bara bulchiinsa MM Abiy yaadamni miidiyaa geggeessu ifatti "akka hin beekamne" dubbatu.
'Sirna siyaasa falaasamni inni bu'uureffate ifaan hin beekamnetti'
"Sirni siyaasaa keenya amma jiru maalinni? Qabatamaadhaan akkanadha jennee kan ibsinu hagana miti. [Paartiin] Badhaadhinaa 'Pragmatist'dha waan jedhantu jira. Inni maal jechuu akka ta'e ifa miti. Yeroo hunda waan raawate waliin walfakkaachaa jiraachaa haa ta'uu waanti beekamu hin jiru. Qajeelfamoota inni irratti hundaa'e beekuun" rakkisaa ta'uu ibsu Dr. Abdiisaan.
Miidiyaan tokko yaadama siyaas-dinagdee jiruun ala ta'uu akka hin dandeenye kan himan qorataan miidiyaa kun, sirna siyaasa falaasamni inni bu'uureffate ifaan hin beekamnetti, falaasama miidiyaa geggeessuu danda'u sirnaan hubachuun rakkisaadha jechuun haala miidiyaa bara MM Abiy jiru ibsu.
"Utubaa qabatamaa kanan bu'uureffadhe jedhee" ifatti waan agarsiisuu waan hin qabneef akkuma dhufaatii isaatti jijjiiramaa deema jechuun taajjabbii isaanii dubbatu hayyuun miidiyaa kun.
Miidiyaaleen dhuunfaa ilaalcha dimokiraasiifi yaadama walabaa jedhuun waan geggeeffamuuf, miidiyaaleen harka mootummaa keessa jiran garuu falaasama yookaan yaadama qabatamaan ittiin geggeeffaman akka hin qabne ibsu.
Miidiyaaleen dhuunfaa sababa yaadama kanaatiin yeroo gara garaa mootummaa waliin akka walitti bu'an kan kaasan barsiisaa kun, hanqina mataa isaaniis qabaachuu himu.
Miidiyaan dijitaalaa ilaalchi gara garaa akka dhaga'amu taasisus, "tattaaffiin mallaqa argachuuf taasifamuun qabiyyeen garmalee miiraan guutaman, hinjirree oomishuun, odeeffannoo burjaajii uuman dhiyyeessuun" kan barame akka ta'e ibsu.
'Gaazexeessitoonni mootummaa qeeqan akka sodaatti ilaalamu'
Miidiyaan bal'aan teknolojiidhaanis ta'ee maallaqaan humna guddaa qabu kan harka mootummaa jiru ta'uu kan himan Dr. Abdiisaan falaasama miidiyaan ittiin geggeeffamu ifaa akka hin qabne dubbatu.
"Teknoolojiin miidiyaa dijitaalaas amma sadarkaa olaanaarra waan gaheef, qaamonni xixiqqaan miidiyaa kana gargaaramuun karaa baay'een yaada isaanii dhageessisuu waan danda'aniif, akka yeroo sirna ADWUI salphaatti seeneffama to'achuunis ulfaataa" ta'uu dabaluun ibsu hayyuun ganna dheeraa miidiyaa Itoophiyaa qoratan kun.
"Raayyaa miidiyaa dijitaalaa kuma hedduudhaan lakkaa'amus hundeessee bifa duulaatiin miidiyaanis akka hojjetu 'koree miidiyaa' kan jedhamus guyyuudhaan, yeroo yeroodhaan miidiyaalee harka mootummaa jiraniif ajandaa bocuun" miidiyaaleen maal hojjechuu akka qaban kennamuufii kaasu.
Miidiyaaleen akka dhaabbataatti karoorsuun ajandaa bocuun, akkasiin hojjenna jechuun karaa ogummaa bu'uureffateen hojjechuun manneen miidiyaatii hafaa akka dhufe dabaluun ibsu, qorataan kun.
"Mootummaan hamma danda'ametti odeeffannoo to'achuu (information monopoly) barbaada. Imaammanni, seenessi isaa karaa sana akka yaa'u fedha" kan jedhan Dr. Abdiisaan, namoonni karaa miidiyaa dijitaalaa hordoftoota baay'ee qabachuudhaan imaammataa fi haasaa mootummaa busheessuun hariiroo mootummaan hawaasa waliin qabu kan duraa caala laaffisaa dhufuun mootummaatti qormaata cimaa ta'uus ibsu.
Mootummaan karaa qajeelaa ta'een akka inni hin deemne, seeneffamnisaas fudhatamummaa akka hin qabaanne gochuu keessatti miidiyaaleen hawaasaa mootummaatti danqaa guddaa akka ta'anis dabaluun dubbatu barsiisaan kun.
Caasaaleen mootummaas gama isaaniitiin 'raayyaa miidiyaa' ijaaruun humnoonni seenessa mootummaatiif habukaatoo dhaabatan, leellisan ijaaramuu kanaan dura BBC'n gabaasee ture.
Bara bulchiinsa MM Abiy seerri miidiyaa gaariin akka bocamee turus gara hojiittii akka hin jijjiiramne qeequ barsiisaan kun. Seerri miidiyaa kunis otoo sirnaan hojiirra hin ooliin dhiyeenya fooyya'insi irratti taasifamuun ammoo qeeqa biraa fidee dhufe.
Miidiyaalee fi gaazexeessitoonni sirrii miti jedhanii adeemsaaf hojmaata mootummaa irratti "qeeqa dhiyeessan akka sodaatti ilaalamu" jechuun dirreen miidiyaa Itoophiyaa akka yaadametti walaba ta'uu akka hin dandeenye ibsu qorataan kun.
'Qaamni ... gaazexeessitoota ukkaamsu jira'
"Ogeeyyiin sarara mootummaa irraa yoo bahan" garee gara garaa qaama mootummaa hin taane kan fedhii mataa isaanii qabaniin (non-state actors) haalli "itti [gaazexeessitoonni] manaas ta'ee istuudiyoodhaa, otoo karaa deemaniis ukkaamfamanii fudhatamuun ji'ootaaf bakka hin beekamne tursiifamuun, mana murtiittis yeroo dhiyaatan dhimma wal hin argineen himatamuun" jiraachuus ibsu qorataan kun.
"Jiruunsaas, jireenyisaas sodaachisaa waan ta'eef, baay'een gadhiisanii deemuudhaan" biyya alaatii kallattii gara garaan mootummaa qoraa jiraachuu ibsu qorataan kun. Namoonni haala kanaan miidiyaa dijitaalaa fayyadamuun odeeffannoo tamsaasan kallattii gara garaan dhibdee nageenyaa biyyattii jiru ittuu hammeessaa jiru.
Haalli nageenyaa jirus akka gaazexeessaan bilisummaadhaan bakkaa bakkatti socho'ee odeeffannoo hin arganne taasisuus kan kaasan qorataan kun, hawaasni odeeffannoo sirrii yeroodhaan akka hin arganne daangessuu ibsu.
Gaazexeessitoonni bu'uura dinagdee jabaan dhabuun ammoo fayyadamtoonni miidiyaalee hawaasaa mallaqa argachuuf jecha "hinjirree oomishuun" karaa onnee namaa booji'uu dandeessisuun akka dhiyeessan ibsu.
'Miidiyaan walabummaa qabuun maal hojjechuu akka qabu irratti xiyyeeffannoon hin kennu'
Yaad hiddamni walabummaa jedhu yaadota sadii irratti kan hundaa'e ta'uu kan kaasan Dr. Abdiisaan, dhaabbanni walaba ta'e sun kaayyoon isaa maalinni? Maalirraa walaba ta'a? maal hojjechuuf yookaan maal hojjechuu dhiisuuf walaba ta'a? gaafileen jedhan hubannaadhaan deebifamuu akka qaban dubbatu.
Kana otoo sirnaan hin hubatiin taanaan miidiyaan maal hojjechuuf akka walaba ta'e waan hin beekneef danqaa ta'uu akka danda'us dabaluun dubbatu.
Hawaasni odeeffannoo sirrii ta'e argachuudhaan sirna dimokiraasii akka tikfatu, mirgasaa akka gaafatuu fi aanga'ootas akka itti gaafataman gochuuf akka dandeessisuuf waliigalaan hawaasni murtee odeeffannoo sirrii bu'uureffate akka fudhatuuf gargaruudha jechuun barbaachisummaa walabummaa miidiyaa ibsu.
Miidiyaaleen walabummaa dhabuu isaanii malee walabummaan sun maaliif akka isa barbaachisu, maal akka ittiin raawwatan irratti xiyyeeffannoo akka hin kennines ibsu barsiisaan gaazexeessummaa kun.
"Walabummaan miidiyaa kan mirga namoomaa miti. Mirga dhaabbataa fi ittiin raawwachiisanidha (Institutional and instrumental right). Dhaabbata dimokiraasii tursuuf murteessaa ta'e waan ta'eef, waan biraarraa eegamuutu irra jiraata.
''Afaanii fi gurra ummataa ta'ee, riqicha ummataaf mootummaa walitti fidu waan ta'eef, akka hawaasa dimokraatawaatti ammoo ilaalcha gara garaa qabaachaa akka waliin jiraannu" gochuu keessatti miidiyaaleen gahee addaa waan qabaniif eegumsi addaa akka barbaachisu ibsu Dr. Abdiisaan.
Sirna dimokraatawaa keessatti miidiyaan walabummaa qabuun dirqama hawaasa tajaajiluu qabaachuu dubbatu qorataan kun. Miidiyaadhaaf akka dhaabbataatti walabummaan kenname gaazexeessaanis sababa miidiyaa keessa hojjetuuf mirga qooddatu ta'uu dubbatu Dr. Abdiisaan.
Miidiyaan hawaasa dimokraatawaa ta'e akka tajaajiluuf walabummaa fi eegumsi addaa akkuma barbaachise, yoo sirnaan itti gaafatamummaasaa hin bahanne garuu mirga kana hawaasni irraa kaasuu akka danda'u kan kaasan qorataan kun, hubannaan kanaa garuu gadi bu'aa ta'uu himu.
"Miidiyaaf mirgi addaa, walabummaan addaa kan kennameef waan addaa akka fidduufidha" kan jedhan qorataan kun, haalli amma miidiyaaleen Itoophiyaa keessa jiran garuu faallaa sanaa ta'uu dubbatu.
Dhugaa hamma hin dhiyeessinetti, ogummaan gaazexeessumaa balaarra bu'a
Miidiyaan hawaasa duraanuu fiixxee gara garaarra jiru jiru ittuu akka hammeessaa jiru ibsu. Gama mootummaatiinis ta'ee gareen mootummaa morman rayyaa miidiyaa dijitaalaa ijaaruun walirratti bobbaasuun dhaabbilee idilee ta'an caala humna godhachuun hawaasa gargar fagaate caalmaatti addaan fageessaa jiraachuus kaasu.
Haala miidiyaa akkasii keessatti ammoo hawaasni "ollaasaa faana akka wal hin amanne, saba biraa waliin akka wal hin amanne, amantaa biraa waliin akka wal shakkiitti seenu, sirnichayyuu mataasaa ija shakkiitiin ilaalaa" akka deemu taasisa jechuun haala amma Itoophiyaa keessa jiru kaasu.
"Hojiin gaazexeessumaa dhugaa barbaaduudha" kan jedhan qorataan kun, dhugaa barbaadee hanga hawaasaaf hin dhiyeessinetti "ogummaan gaazexeessumaa balaarra bu'a. Kun ammoo hawaasni dimokiraasii tiksee itti fufsiisuun haa turuutii, akka hawaasaattuu dhaabatee" deemuun ulfaataa ta'uu ibsu.
"Gatii guddaa kan baasisu haala hamaarra geenye" jechuun Itoophiyaatti ogummaan gaazexeessummaa balaarra bu'uun hagam hawaasa akka miidhu dubbatu.
"Diinummaan siyaasaa qabbanaa'uu qaba. Waraanni furamuu qaba. Kun hin ta'u taanaan guyyumaan wantonni mudatan ittuu hammaataa deemu" kan jedhan hayyuun kun, dhiibbaaleen gaazexeessaa fi miidiyaaleerra gahan "haalli shakkisiisaa ta'e waan jiruufidha" jechuun ibsu. Yaadonni gama sanaan ka'an mootummaa miidhuu danda'u ilaalcha jedhuun tarkaanfiileen akkasii akka fudhatamanis dubbatu.
Sirni fedhii qaamota gara garaa ilaalcha keessa galchuun, rakkoleen siyaasaa ijoon afaan qawwee fi humnaan otoo hin taane mariidhaan akka furaman taasisu ijaaruu akka yaada furmaataatti gorsu.
Otoo furmaata hin argatiin haalli amma jiru kan itti fufu taanaan haalonni daran hammaataa deemuun, biyyoonni gara garaa fedhii qaban illee garee haaraa akka ijaaraniif karra saaqa kan jedhan qorataan kun miidiyaan ogummaa bu'uureffate akka uumamuuf waraana dhaabuu, araara buusuu fi mul'ata waloo ijaaruun barbaachisaa ta'uu dubbatu.
Yunivarsiitii barnootaa Kotobeetti barsiisaa fi qorataa gaazexeessummaa kan ta'e Dr. Zalaalam Jabeessaa, "jijjiiramoonni keessuma gara duraa miidiyaa irratti taasifaman sirnoota isaan dura turanirraa baay'ee fooyya'aadhaafi abdii kan namatti horuu ture, garuu akkuma mootota warra kaanii yeroo gabaabaadhaaf jiraateetu darbe" jechuun jijjiirama miidiyaa bara MM Abiy ture ibsu.
"Akkuma jijjiiramni sun dhufeen miidiyaan hundumtuu waan barbaade gabaasuudhaaf mirgi" miidiyaadhaaf kennameefii akka ture kan kaasan Dr. Zalaalam, "keessumattuu hammeenya mootummaan darbe [ADWUI] ummatarraan gahe, dhiibbaa mirga namoomaa mana hidhaa keessatti namootarra gahaa ture dabarsaa turan" jechuun ibsu.
Mootummaan MM Abiy hawaasa birratti dhageettii akka argataniif miidiyaan shoora guddaa akka bahatan kaasa.
"Otoo baay'ee hin deemiin" dhiibbaan kanaan dura miidiyaarra gahaa ture akka haaraatti uumamuu jalqabuu kan kaasan Dr Zalaalam, "akkuma kanaan dura ture gaazexeessitoonni akkasaan xiyyeeffannoo keessa galuun, manneen miidiyaa tokko tokko akka cufaman arginee turre" jechuun dhiibbaa akka haaraatti miidiyaarra gahaa ture hima.
Itti dabaluunis, "Inni amma itti jirru kun waan haaraa miti; waanuma baramedha" jechuun dirreen miidiyaa walabaa abdachiifamee ture deebi'ee dhiphachuu ibsu.
Gamaa-gamana: yoo mootummaan warqee afeyyuu, bool'a siif qote jedhanii kan gabaasan jiru
"Biyyoota Afrikaa yoo ilaallee aangoon karaa ittiin waan barbaadde argattu, qabeenya kuufattu, humna godhattudha. Inni aangoo qabachuuf qabsaa'us dhuguma ummataaf yaadeetuu kan jedhus gaaffii keessa nama galcha. Aangoorra turuudhaaf, maqaa tolfachuudhaaf, hamma haala mijeeffatutti, hamma humna loltuu jabeessutti miidiyaa hamma ta'e walaba taasisa. Akkasaan bilisaan waan barbaadan gabaasan taasisita, waanuma baramedha" jedhu Dr. Zalaalam.
"Miidiyaan walabummaa argatanii yoo itti fufan, gocha gaarii mootummaan hojjete qofa otoo hin taane qeequun, rakkoo mootummaa baasanii mul'isuunillee ni jira" kan jedhan Dr. Zalaalam, mootummaan "tooftaa adda addaatti fayyadamuun ugguruun akkanni hin babal'anne gochuun" akka dirree miidiyaa daangesse dubbatu qorataan kun.
Biyyattiitti keessumaa Oromiyaan "lolaaf waraana, seer-dhabdummaa baay'eetu jira. Namoonni nagaan bahanii galuu dadhabuun, hidhattoonni daangaa cehanii dhufaniif kan achi keessa madheffatan ummata hiraarsuun, nama qabanii lubbuu namaatiin qarshii barbaadan gaafachuu, abbaa barbaadan ajjeesuun" jiraatullee dhimmi hawaasaa sirnaan akka hin gabaafamne kan kaasu barsiisaan kun, miidiyaaleen Itoophiyaa hojiiwwan misooma mootummaa gurguddoo beeksisuufi dhaadhessuutti akka ko'oommatan ibsu.
Yaada Dr. Abdiisaan mootummaan seeneffama to'achuu waan barbaaduuf miidiyaan walabaan akka hin hojjenne dhorkuu Dr. Zalaalamis ni qooddata. Fedhii mootummaarra darbanii gaazexeessitoonni hojjetanis "ilaalcha addaatiin ilaalamu" jechuun ibsa.
"Biyya kana keessatti wanti baratame miidiyaan gam-tokkoo mootummaa faarsa, mootummaa dhaadhessa, kaan ammoo keessumaa kan dhuunfaadhaan geggeeffamu ammoo mootummaan waan gaarii fedhe haa godhu, yeroo hundumaa waan gadhee dubbachuutu barameera. Yoo mootummaan warqee afeyyuu, bool'a siif qote jedhanii kan gabaasan jiru.''
''Inni gaarummaan sun itti hin mula'tu. Gamaa-gamana dhaabatanii dhakaa walitti darbatu. Inni tokko isa kaan diina godhachuudha. Gam-lamee [dichotomy] akkasiitu jira. Miidiyaan dhuunfaa waan barbaade mootummaan gaarii haa godhuu achi keessaa tokko hin dubbatan, yoo 99 gaariidha ta'e ishee tokko gadhee sanadha kan iyyisiisanii gabaasan.
''Kan mootummaallee akkuma kana, waan mootummaan godhe gadhee tokkooshee gabaasuudhaaf itti ulfaata. Inni kun durumaa qabee jira" kan jedhu Dr. Zalaalam, ogummaan gaazexeessummaa dhugaa jiru walbira qabeetu bifa madaalawaa ta'een gabaasuu qaba jechuun gorsa.
'Burjaajii raayyaa miidiyaa: dhugaan eessa akka jiru hubachuun baay'ee nama rakkisa'
Miidiyaa hawaasatiin walqabatee qorannoo kan taasisan Dr. Zalaalam, "miidiyaalee hawaasaa to'achuun baay'ee rakkisa, garuu humna guddaa qaba. Akka adduyaatti nama sochoosuudhaaf humna qaba. Fakkeenyaaf Joorj Filooyid gaafa UStti poolisiin mormarra dhaabatee ukkaamsee ajjeesu mucaa waggaa kudha jahaa tokkotu viidiyoosaa miidiyaa hawaasaarratti gadhiise" garuu addunyaa mara walgahe jechuun humna miidiyaan hawaasaa qabu ibsan.
Itoophiyaatti namoonni miidiyaalee hawaasaatti fayyadamuun qabiyyee tamsaasanis qooddiidhuma duraan barameen akka socho'an kan kaasan qorataan kun "tokkoon kan mootummaa hadheeffatan, kaan kan mootummaa leellisan" jechuun garee miidiyaalee hawaasaa ibsa.
Dhimma ijaarsa raayyaa miidiyaa irratti qorannaa taasisaa kan jiru barsiisaan kun akka ibsutti, namoonni baay'ee maallaqni gurguddaan kafalameefii "namoota gama dhaabatanii hammenya mootummaa, hojii gadhee mootummaan hojjetuun morman akka dubbiin isaanii hin fudhatamne gochuuf yeroo hundumaa waljalaa fuudhanii iyyisiisu" jechuun humnoota dirree miidiyaa dijitaalaa Itoophiyaa dhuunfatan hima.
Dhimma hidhamuu miseensota maatii Lammaa Magarsaa tibba darbee akka fakkeenyaatti kan kaasan Dr. Zalaalam, gareen tokko mootummaan maatii kanarraan dhiibbaa geesisuu yoo kaasu gareen mootummaaf ittisu ammoo yakka hojjetanii akka hidhaman kaasuun gamaa gamanaa wal falmaa turuu yaadachiisu.
Haala kana keessatti, "dhugaan eessa akka jiru hubachuun baay'ee nama rakkisa" jechuunis burjaajii hamaa miidiyaa hawaasaatiin uumamaa jiru himu.
Furmaata ta'uu kan danda'u furmaata sirnaati

Madda suuraa, Firomsa Godana
"Dhugaa dubbachuudhaaf yeroo gabaabaa keessatti, dirree miidiyaa Itoophiyaa keessatti jijjiiramni dhufa jedhanii eeguun ulfaachuu danda'a. Dhiyootti natti hin mul'atu. Furmaata ta'uu kan danda'u furmaata sirnaati.''
''Hojimaanni miidiyaa biyya kanaa sirnaan jijjiiramuu qaba. Miidiyaan waan baay'eedhaaf fala qaba. Waan baay'ee ijaara, waan baay'ee diiga. Mootummaan qofaasaatti jijjiirama fiduu hin danda'u" kan jedhu Dr. Zalaalam sirni miidiyaan ittiin hojjetu jijjiiramuu akka qabu gorsa.
Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa "eenyuun akkanni dhaabate, eenyuu akkanni deeggaru, eenyuun akkanni hacuucu ni beekna. Kanaaf, qaama akkasii otoo hin taane, qaamni giddugaleessaan" walabaan miidiyaa hogganuufi to'atu qooda fudhattoota gara garaarraa walitti dhufuun yoo ijaarame haala amma jiruuf fala akka ta'us dhaameera qorataan kun.
Firoomsaa Godaanaa, yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan miidiyaafi kominikeeshinii gama isaanitiin, jijjiirama dirreen miidiyaa Itoophiyaa bara MM Abiy amala miidiyaaleen bara cehumsaa agarsiisaniin adda akka hin turre ibsan.
"Haalli miidiyaaleen biyyattii baroota Dr. Abiy aangootti dhufanii amala miidiyaaleen bara cehumsaa agarsiisaniin ala hin turre. Amaloonni miidiyaa bara cehumsaa sirna darbe ceephaasisuuf, hagam akka ummata miidhan agarsiisuuf jecha miidiyaaleen, gaazexeessitoonni sirna sana jalatti miidhaman akka walabummaa argatan taasisu. Wantoonni sirna darbe keessa dhorkamaa turan yeroo cehumsaa akka hafuura baafatan taasisu.
''Galtee siyaasaatiif jecha sirna duraa sanirra hagam akka dimokiraatawaa ta'an yookaan gaarii ta'an, ummatatti akka dhiyoo jiran agarsiisuudhaaf maloota mootummaan cehumsaa fayyadamanidha" jechuun dirree miidiyaa yeroo MM Abiy aangootti dhufan ture kaasan Firoomsaan.
"Biyya keenya keessattis yeroo MM Dr. Abiy aangootti dhufan miidiyaaleen biyya alaa taa'anii mootummaa qeeqaa turan baay'een isaanii gara biyyaatti" akka galan taasifamuu dabalatee haaromsi hedduun taasifamuu dubbatu.
Itti dabalunis, "barri gara jalqabaa yeroo itti miidiyaaleen walabummaa dhandhamatan ture. Booddee garuu dhiibbaaleen siyaasaa gara garaa jabaataa gaafa dhufan, walabummaan miidiyaas quucaraa deemuun har'a sadarkaa yeroo saniirra hin jiru" jechuun dirree miidiyaa walmakaa bara MM Abiy ibsan.
Akka barsiisaan yunivarsiitii Jimmaa kun ibsutti, Itoophiyaatti dirree miidiyaa hundaaf mijataa ta'e kan walabummaan miidiyaalee fi gaazexeessitootaa itti mirkanaa'e akka hin uumamne sababoota danqan keessaa ijoon dhabamuu qaama jabaa hoggansa miidiyaati.
Waan dhugaa lafa jirudha…
Miidiyaaleen walabummaaf itti gaafatamummaa isaanii sirnaan beekanii yoo hin hojjenne akkuma Itoophiyaatti mula'te "hanga lubbuu namootaa gaaga'uutti, jeequmsa kaasuutti" balaa jajjabaa fiduu akka malu hima Firoomsaan.
"Gaazexeessitoonni bulchinaafi naamusa ogummaan kun barbaadu warra gonfatani jedhee hin yaadu" jechuunis hanqina ogummaa dubbata.
"Waan dhugaa lafa jirudha, miidiyaaleen mootummaan bajata ramadeefii hojjetan akkamitti hojjetaa jiru kan jedhu qabatamaan waan isaan gabaasan irraa arguu dandeenya, eenyumaafuu ifa. Gaazexeessitoonnis naamusa miidiyaan tokko qabu eeggatanii kan hojjetan otoo hin taane, fedhii jaarmiyaa siyaasaa wayii, fedhii garee wayii eegsisuudhaaf kan hojjetaman fakkaatu" jechuun taajjabbiisaanii kaasu Firoomsaan.
Akkaataan miidiyaaleen itti hojjetan dhiibbaa yaadama siyaasaa biyya sanaarra gargar bahanii akka hin ilaalamne kan kaasu barsiisaan Yun. Jimmaa kun sochiin miidiyaa biyya keenyaas sadarkaa dimokiraasii irra jirru akka agarsiisu himan.
"Otuma walabummaan guutummaatti jiraateeyyuu dhugumaan gaazexeessaan naamusa ogummaa gonfatee jiraa jennee gaafa ilaallu" innis sadarkaa gadiirra jira jechuun qeeqan Firoomsaan.
"Gaazexeessaan tokko maaliif waa gabaasuu dhiisa gaafa jennu, sodaadha. Sodaa tarii nan hidhamaati. Gaazexeessaan tokko hidhaa yookaan waan irra gahu yoo sodaate" walabummaan hojjechuu akka hin dandeenye ibsa barsiisaan kun.
"Maallaqa qabda taanaan gaazexeessaan akka fedhii qaama maallaqa kafaleef sanaatti" akka gabaasu kan kaasu barsiisaan kun, dinagdeedhaan akka ofdanda'an taasisuu, wiirtuun yeroodhaa yerootti itti leenji'an jiraachuu fi nageenya gaazexeessitootaaf qaamni eegu jiraachuu akka yaada furmaataatti kaasaniiru.
'Miidiyaaleen meeshaalee ibsa ejjannoo paartii Badhaadhinaa qofa ta'an'
Yunivarsiitii Maqaleetti barsiisaa gaazexeessummaa fi kominikeeshinii kan turaniifi ammaan tana ammoo yunivarsiitii Finfinneetti barataa digrii sadaffaa (PhD) kan ta'an, Afawarqis yaada hayyoonni gaazexeessummaa kaan ibsaniin waliigalu.
Yeroo aangoon bara bulchiinsa mootii Hayilasillaaseerraa kaasee hanga ADWUI'tti daddarbaa dhufetti "miidiyaalee Itoophiyaatiif yeroo bareedaa" akka ture kan yaadachiisu Afawarq, bara "mootummaan MM Abiyiin durfamu aangootti dhufes seenaadhuma sanatu irradeebiin" raawwate jedhan.
Rifoormiin miidiyaa jalqabamee ture, yeroo jalqabaatiif imaammanni miidiyaa bahuun akka hojiirra oolu taasifame. Seeronni ukkaamsoodha jedhaman kanneen akka seera farra shororkeessummaafaa jijjiiramuu baatanis akka hojiirra hin oolle dhaabatee ture. Miidiyaalee fi gaazexeessummaan biyya alaa turan gara biyya keessatti deebi'uun akka hojjechuu eegalan kan kaasu Afawarq, miidiyaaleedhaaf walabummaan arganii hin beekne akka uumame kaasu.
"Adeemsa keessa garuu jijjiiramni kun hunduu gara duubaatti deebi'aa dhufuun amma karaatti hafeera" jechuun dirree miidiyaalee Itoophiyaa ibsan Afawarq.
Miidiyaaleen yeroo baay'ee sirni haaraa dhufe tokko fudhatama argachuuf jecha banaa ta'us jechuun dabalee ibsa.
Yeroo aangoon Dargii irraa ADWUI'tti darbu hayyoonni bilisummaadhaan miidiyaa mootummaa fayyadamuudhaan waan fedhan, waan itti amanan barreessaa, haasa'aa turan jechuun kan yaadachiisu barsiisaan Yun. Maqalee kun, "adeemsa keessa erga fudhatama argatanii booda garuu miidiya gara ofiisaaniitti fudhatu. Ammas kan ta'aa jiru kanumadha" jedha.
Akka Afawarq jedhutti, rifoormiin miidiyaa Itoophiyaa mucucaachuu kan eegale hundeeffama paartii Badhaadhinaatiin walqabata. Namoonni, dhaaba paarticharraa yaada addaa qaban yookaan qeeqan dirree miidiyaa keessaa cinaatti dhiibamuun jalqaban kan jedhu barataan digrii sadaffaa Midiyaa kun, "miidiyaaleen [meeshaalee] ibsa ejjannoo paartii Badhaadhinaa qofa ta'ani" jechuun ibsan.
Sanatti aansee ammoo "Waraanni Tigraay yeroo ka'u ammoo miidiyaaleen rifoormii irraa gara piroppogaandaatti" akka cehan taasise kan jedhan Afawarq, erga waliigalteen Piritooriyaa mallattaa'ee booda ammoo mormiin naannoo Amaaraa keessatti dhalachuun amma gara waraanaatti geeddarameen jijjiiramni miidiyaa abdachiifame hudhamee hafuu dubbata.

Rifoormii miidiyaalee Itoophiyaa: tokko gara fuulduraatti lama gara duubaatti
Seerri miidiyaa bara bulchiinsa MM Abiy bahe turtii ganna afuriin booda otoo sirnaan gara hojiitti hin hiikamne deebi'e fooyya'uun rifoormiin miidiyaa gufachuu agarsiisa kan jedhan Afawarq, jalqaba ogeeyyiin walitti dhufuudhaan adeemsa fudhatama qabuun seerri miidiyaa bahe karaa fudhatama hin qabneefi hanqina hedduu qabuun akka fooyya'e ibsan.
Abbaan Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaa amma Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa jedhamuun beekamus "yeroo jalqabaaf ogeessi fedhii siyaasaarra walaba ta'e akka geeggeessu taasifamee ture" amma yeroo sadaffaadhaaf namni bakka sanatti jijjiirameera kan jedhu Afawarq, dhaabbatichi tasgabbaa'ee walabaan hojiisaa hojjechaa akka hin jirre kaasan.
Miidiyaaleen biyyatti buleeyyiin "EBC fi EPA akka fakkeenyaatti yoo ilaalle, waggoota jahan darban keessatti CEO [hoji geggeessota] sadii, afurii ol itti wal furaniiru" jechuun tasgabbii dhabuu dirree miidiyaalee Itoophiyaa kan kaasu Afawarq, rifoormiin miidiyaa Itoophiyaa karaatti hafeera jechuun ibsan.
Falaasamni gaazexeessummaa duraan ture sadarkaa jechaattillee akka hin kaane kan himu Afawarq, "kan miidiyaan hojjeturraa, kan mootummaan irradeddeebiin dubbaturraa, kan hubannurraa gaazexeessummaan misoomawaa yaadama nageenya biyyaalessaa fi fedhii biyyaalessaatiin dimshaashaan ammoo walabummaa biyyaa jedhuun waan bakka buufame fakkaata" jechuun ibsan.
Haala abdachiifameen deemuu dhabuu qofa otoo hin taane "rifoormiin miidiyaa karaatti hafeera" kan jedhan kaadhimamaan Phd Afawarq, "tarkaanfii tokko gara fuulduraatti lama gara duubaatti" jechuun hojiiwwan dirree miidiyaa bal'isuuf bara bulchiinsa MM Abiy ibsan.
'Gaazexeessummaan misoomawaa walabummaa Itoophiyaatiin waan bakka buufame natti fakkaata'
Gaazexeessitootarraa odeeffannoo funaanaa akka ture kan kaasan Afawarq, "jechi nageenya biyyaalessaafi fedhii biyyaalessaa afaan isaanii keessaa hin bu'u. Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaas yeroo dhimmoota gaazexeessummaa waliin walqabatu baasu jechoota nageenya biyyaalessaa fi fedhii biyyaalessaa baay'inaan fayyadamu" jechuun dubbatan.
"Gaazexeessummaan misoomawaa walabummaa Itoophiyaatiin waan bakka buufame natti fakkaata. Walabummaan Itoophiyaa garuu maal maal akka ofkeessaa qabu, akkamitti akka hojiitti hiikamu, daangaansaa maalinni kan jedhu" ifa akka hin taanes dubbata barataan PhD kun.
Yeroo MM Abiy aangootti dhufan miidiyaaleen adda durummaa leellisaa turan. Haalli gaariin hojjechiisuu dandeessisu uumameefi ture kan jedhan Afawarq, "dhiibbaa hojjechuuf hojjechuu dhiisuu qofa otoo hin taane nageenya isaaniitiif haala sodaachisaadha" jechuun dirree miidiyaa Itoophiyaa amma jiru rakkisaa ta'uu ibsan.
Haala amma dirree miidiyaa biyyattii keessa jiruuf, mootummaa qofa otoo hi taane, miidiyaalee fi gaazexeessitoonnis itti gaafatamummaa mataa isaanii akka qaban kaasa barsiisaan Yun. Maqalee kun.
"Waldaaleen ogummaa gaazexeessummaa hedduun hundaa'aniiru. Rakkoo miidiyaa irratti uumamuuf ibsallee hin baasani. Fakkeenyaaf kaawonsiliin miidiyaa jira. Hojii isaanii dhiisanii kan isaan hin ilaallanne, hojii isaanii kan hin taane gaazexeessitootan galmeessa jechuun, itti gaafatamummaa seeraan hin kennamneef waliin jooraa, kan isa ilaallatu hin hojjetu" jechuun qeeqan.
Walabummaa pireesii mootummaatu siif kenna; mootummaatu sirraa fudhata
Walabummaan pireesii akka hawaasni ittiin tajaajilamuuf miidiyaafi gaazexeessitootaaf akka kennamu kan kaasu Afawarq, "Itoophiyaatti walabummaa pireesii mootummaatu siif kenna; mootummaatu sirraa fudhata" jechuun qeeqan.
Raawwii dadhabaan ogummaa gaazexeessummaa fi waldaaleen ogummaa mootummaadhaaf qaawwaa guddaa akka banes kaasa.
Gaazexeessaan gaazexeessaa ta'ee argamuu dhabuun, itti gaafatamummaasaa kan hin bahanne, mootummaadhaaf haala mijataa akka uumes dabaluun kaasan.
Walabummaan pireesii miidiyaa fi gaazexeessaadhaaf lakkaa'amee kan kenname hawaasa ittiin tajaajiluudhaaf malee waan barbaadan ittiin hojjechuuf miti; maqaa namaa ittiin balleessuuf miti. Fedhii dhuunfaa kan ittiin milkeessu, waan jibbe kan ittiin xureessu miti jechuun ibsa barataan PhD kun.
Mootummaan seera raawwachiisuu qaba, Abbaan Taayitaa Miidiyaa walabummaan haa hojjetu, hanqina ogummaa ammoo dhiphisuudhaaf barnoota gaazexeessummaa babal'isuu akka yaada furmaatatti kaa'aniiru Afawarq.
Barnoonni gaazexeessummaa ganna digdamaa oliif kennamaa jira. Mootummaan dhaabatee gamaggamuu qaba. Barnoonni gaazexeessummaa sirna barnootaa ol deemuu qaba. Barnoonni gaazexeessummaa fi manneen miidiyaa waloon qindaa'uun hojjechuu qabu.
Leenjiin gaazexeessummaa dhaabbilee miidiyaa mootummaa ogummaa isaanii irratti komiin ka'uun sirrii akka hin taanes qeeqeera. Leenjii gaggabaabaan gaazexeessummaa EBC fi FBC dhaan kennamuu eegaleera. Wanti kun garamitti nu geessa? jechuun qeeqan Afawarq.
Dhaabbileen miidiyaa akka DW fi BBC akkaadamii mataa isaani qabu. Achirraa kan fudhatame ta'uu danda'a kan jedhu Afawarq miidiyaaleen hawaasa birratti fudhatama hin qabne leenjisaa ta'anii yeroo dhufuun rakkoo biraati jedhan.
Barnoonni gaazexeessummaa abbaa hin qabu jedheen amana. Gaazexeessummaa barnoota xiyyeeffannoo barbaadudha waan ta'eef, sirni barnootaa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin sirnaan ilaalamuu qabaata jechuun gorsan.
Ija dhaabbilee mirgaaf falmanitiin
Gara aangootti dhufuu MM Abiy hordofee qorannoon UNESCO'n taasise kun akka agarsiisutti, haaromsa jedhame hordofee Guyyaan Pireesii Walabaa Idil-addunyaa (World Press Freedom Day) bara 2019 Finfinneetti taasifamuunsaa mallattoo gaarii mootummaan Itoophiyaa yeroo sana agarsiiseen kan milkaa'edha.
Haata'u malee, walitti bu'iinsaa humnoota mootummaa Federaalaafi hidhattoota naannolee Oromiyaa fi Amaaraa keessa socho'an gidduutti mudateen wal qabatees tajaajilli bilbilaa akkasumas intarneetii yeroo gara garaatti ugguramun, odeeffannoo sirriin akka hin argamne gaandeessee ture.
Kunis miidiyaaleen hojiisaanii akka hin dalagne gufachiisuurra darbee mirga lubbuun jiraachuu gaazexeessitootaa gaaffii keessa kan galche ture.
Bara 2021 Wallagga Oromiyaa keessatti gaazexeessaan OBN akkasumas Maqalee Tigraay keessatti ammoo gaazexeessaan Tigraay TV ajjeefamanii ture. Hanga yoonaatti waa'ee ajjeechaa isaanii wanti adda baafame hin jiru.
Mirgi bilisaan yaada ibsachuu mirgoota bu'uuraa dhala namaa yoo ta'u, mirgi kun ammoo kan dhugoomu yeroo miidiyaaleen bilisaan odeeffannoo hawaasa biraan gahanidha. Kana gochuuf ammoo haalli mijataan itti miidiyaaleefi gaazexeessitoonni bilisaan waan isaanirra gahutti otoo hin yaadda'iin socho'un hojjataniidha.
Sirni dimokiraasii kan jabaataa deemu ammoo namni waan raawwatu irratti odeeffannoo gahaa argatee yoo murteessedha.
Waraannii fi dhibdeen nageenyaa biyyattii keessa jiran ammoo akka cehumsi siyaasaafi haaromsi miidiyaa abdatame danqamuun, dirreen miidiyaa banamee ture akka deebi'ee dhiphatu taasise.
Dhaabbileen mirga namoomaafi miidiyaa duraan haaromsa siyaasaa fi miidiyaa MM Abiy jalqabeef beekamtii kennan deebi'uun qeeqa jajjabaa dhiyeessuu jalqaban.
Waldaaleen gaazexeessitootaa sadarkaa biyyaalessaa fi naannootti galmaa'anii kan jiran yoo ta'u dammaqinaan nageenya gaazexeessitootaa tiksuu fi walabummaa ogummaa gahaa akka hin qabne qorannoon UNESCO ibsee ture.
Akka gabaasni J 2022 ifoomsetti, Itoophiyaan gaazexeessitootaa fi hojjetoota miidiyaa 63 hidhuun biyya Afrikaa gaazexeessitootaaf farroo taate jedhamuun Eertiraatti aantee sadarkaa lammaffaa qabatte.
Bara sana gaazexeessitoota ajjeesuu, hiraarsuu, hidhuufi biyyaa akkasaan bahan taasisuu dabalatee yakkoonni biroon raawwachuun gabaafamaa ture. Bara 2023 ammoo Eertiraa fi Masiritti aanuun akka Afrikaatti biyya sadarkaa sadaffaatti gaazexeessitoonni itti hidhamaniidha jechuun J'n ifoomseera.