Israa'el haleellaa haaraa Gaazaa irratti banteen namoonni 400 ol du'an

Namoota haleellaa haaraa gaggeeffameen du'an

Madda suuraa, Reuters

Israa'el haleellaa bifa haaraan Gaazaa irratti banteen Filisxeemonni 220 du'uu ministiirri fayyaa Gaazaa beeksise.

Humni Waraana Israa'el gamasaan "mandheewwan shororkeessitootaa" Hamaas kan jedheen irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessuu beeksise.

Haleellaa kanaan qondaalli nageenyaa Hamaas olaanan Gaazaa keessatti argamu Mohaammud Abu Wafah ajjeefamuutu gabaafame.

Mohaammud ittaana ministiira biyya keessaa Gaazaa ta'uun tajaajilaa ture. Erga gaafa Amajjii 19 Israa'elifi Hamaas dhukaasa dhaabuf waliigalanii as haleellaa guddaan kun isa jalqabaati.

Jiraattoonni Gaazaa ijaan argan akka jedhanitti, xayyaaronni waraanaa Israa'el 20 ol haleellaa kanarratti hirmaataniiru.

Haleellan kun har'a gara lafa barii kan eegale yoo ta'u, haleellicha kan ajaje Ministiirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahufi ministiirri ittisaa biyyattii Israa'el Kaatzidha.

Waajjirri ministeera muummee Israa'el ibsa baasen, "Kuni [haleellan] kan ta'eef Hamaas namoota keenya butee harkaa qabu irra deddeebin diduu irraa kan ka'e akkasumas yaadota ergamaa pirezidaantii US kan ta'an Istiiv Wiitkoof dabalatee mariisistoota irraa dhiyaataniif diduusaa irraa kan ka'eedha," jedha.

Dabaluunis, "Israa'el amma irraa kaastee humna waraanaatiin Hamaas irratti tarkaanfii fudhachuu eegalti" jechuun ibse waajjiirri ministeera muummee Israa'el.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Karoorri Gaazaa irratti haleellaa gaggeessuu humna waraanatiin dhiyaate gageessitoota siyaasan mirkanaa'uu booda haleellan qilleensarraa kan raawwatame.

UNtti ambaasaaddara Israa'el kan ta'an Daanii Daanon, Hamaas namoota butee harkaa qabu gadi hin lakkisu taanan "diinota keenyaf araara homaatuu hin agarsiifnu" jedhan.

Hamaas gamasaan ibsa baasen Israa'el ofiidhumasheetii waliigaltee dhukaasa dhaabuu diigde jechuun komate.

Hamaas ibsa baase kanaan Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomaniifi jaarsoliin araaraa akka gidduu galan gaafachuun alatti waraana itti fufuufi dhiisuu hin beeksifne.

Israa'el haleellaa ganama har'aa Gaazaa irratti gaggeessuu dura bulchiinsa Tiraamp beeksisteeti.

Biyyoonni waraana kana dhaabsisuuf jaarsummaan gidduu deeman waliin galteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa Bitootessa 1 xumurame akka itti fufuuf ifaajaa turan.

US gamasheen waliigalteen dhukaasa dhaabuu marsaa jalqabaa hanga walakeessa ji'a Eblaatti akka itti fufuuf yaada dhiyeessitee turte.

Qondaalli Filisxeem dhimmicha sirriitti keessa beekan tokko BBCtti akka himanitti yaada US dhiyeessite keessaa dhimmoota ijoo ta'an irratti Israa'elis ta'ee Hamaas irratti walii hin galle.