window.__reverb = {}; window.__reverb.__reverbLoadedPromise = new Promise((resolve, reject) => { window.__reverb.__resolveReverbLoaded = resolve; window.__reverb.__rejectReverbLoaded = reject; }); window.__reverb.__reverbTimeout = setTimeout(() => { window.__reverb.__rejectReverbLoaded(); }, 5000);

Raashiyaafi Yukireen boojuu waraanaa 206 walii hiikan

Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireetiin (UAE)’n boji'amtoota waraanaa 206 walii hiikan. UAE kana duras yeroo boojuu walii hiikan jaarsummaan qooda fudhatteetti.

Guduunfaa

  • Ameerikaan miidiyaa mootummaa Raashiyaa irra dhorkaa haaraa keesse
  • Raashaan dippilomaatota Biritishi basaasaan himatte
  • Humni addaa Israa'el Siiriyaa keessatti buufata misaa'elii haleele
  • Tiraamp Kaamalaa Haariis waliin falmii biraa hin fedhu jedhan
  • Abbaafii ilmi billacha hatuuf yaalan $200,000 adabaman
  • Biyyi waraana gara Somaaliyaa fide hin jiru- MM Somaaliyaa
  • Miseensonni raayyaa 178 Izii Kaabaarratti haleellaa raawwataniif duuti itti murtaa’e gadhiifaman
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 40 ajjeefaman - Hamaas
  • Gareen Itoophiyaa Kongootiin 2-0 mo'ame
  • Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoome
  • Itoophiyaan 'doorsisa irra deddeebii Masriitti' akka xiyyeeffannoo kennu UN gaafatte.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Saffisaan imaluun saffisaan fiiguu danda'uu keenya mirkanneessaa?

  2. Qondaaltoota ABO mana hidhaatii bahan mootummaan dhiifama gaafatee beenyaa kanfaluufii qaba- HRW

  3. Namichi atileetii Ugaandaa abiddaan gubee ajjeese ofiis gubatee du’e

    Ribqaa Cheeptegee miidhaa jaalalleen ishee irran gaheen gubattee lubbuun darbe

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Ribqaa Cheeptegee miidhaa jaalalleen ishee irran gaheen gubattee lubbuun darbe

    Atileetiin Ugaandaa beekamtuu fi Olompikii Paaris irratti hirmaatte turte Ribqaa Cheepteegee Keeniyaa keessatti jaalalleen ishee duraanii beenzila itti firfirsee gubee ajjeese, ofii isaatiifis beenzilumaan gubatee wal’anamaa ture du'uu qondaalli hospitaala Keeniyaa beeksise.

    Namichi Dikson Nidiyema jedhamu kan jaalallee duranii atiletii ture mana jireenyaashee lixa Keeniyaa naannoo wiirtuuwwan leenjii atileetiksii Keeniyaa hedduun jiru qabdu irratti wal falmuun wal dhabdee qabaniin miidhaa irratti raawwchuu polisiin himeera

    Innis akkuma ishee gubatee hospitaala galuun, yaalamaa turus garuu lubbuun isaa baraaramuu hin dandeenye

    Nidiyeman qaamni isaa 30% ol gubatee kan ture yoo ta’u, miidhaa irra gaheen du'uu isaa Hospitaala Rifaralaa Moi irraa Dr Owen Menachi BBC'tti himaniiru.

    Atileetiin Lammii Ugaandaa ganna 33 kun waggoota sadan darban keessa Keeniyaatti atileeti sadaffaa ajjeefame yoo ta'u, bara 2021tti rikoordii addunyaa kan qabdu Agnes Tirop waraanamtee ajjeefamtee. Baatii ja’a boda aammo Damaris Mutuwa ukkaamfamte.

    Haleellaan dubartoota irratti raawwatamu Keeniyaatti yaaddoo guddaa ta'eera.

    Bara 2022tti yoo xiqqaate dubartoonni 34% haleellaa isaan irra gahuun miidhaa qaamaaf akka isaan saaxile himaniiru jedha qorannoon biyyaalessaa.

  4. Itti gaafatamaan Nageenya Tigiraay bulchiinsi Yeroo naannichaa muudama akka hin gaggeesine dhorkan

  5. Erga namoonni sadii haaduun ajjeefaman booda Jarman eegumsa daangaa cimsite

    Jarman durumaa daangaa sakatta'u eegaltee turte. Haleellaa tibbanaa boodammoo babal'iste

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Jarman durumaa daangaa sakatta'u eegaltee turte. Haleellaa tibbanaa boodammoo babal'iste

    Hagayya darbe Jarmanitti haleellaa waraansa meeshaa qara qabuun magaalaa Solingen keessatti raawwatameen lubbuun namoota sadii darbuu hordofuun Jarman sakatta’iinsa fi eegumsa daanga ishee cimsuufi.

    Namni haleellaa kana raawwate jedhamee shakkame lammii Sooriyaa yoo ta'u, gaaffiin koolugaltummaa isaa erga fudhatama dhabee booda Jarman irraa ari'amuuf akka ture himame.

    Sababa kanaan mootummaan Jarman ammaan booda daangaa irratti sakatta'iinsa cimaa akka taasisu dirqamsiise.

    Haleellicha booda Gareen ISIS haleellaa sanaaf itti gaafatamummaa fudhateera.

    Eegumsi daangaa haaraan kun guyyoota shan booda hojiirra kan oolu yoo ta’u, ji’oota jahaaf akka turuu fi bakkeewwan kanaaf filataman adda baafameera.

    Ministirri biyya keessaa Jarman Naansii Feyiser mootummaan godaantota seeraan ala galaniif ''sarara cimaa'' akka kaa'u ibsuun, sakatta'iinsi babal'ate kun shororkeessitoota fi haleellaa daangaa qaxxaamuraa ittisuuf gargaara,’’ jedhan.

    Jarmaniin daangaa bahaa fi kibba Poolaandi, Rippabiliika Cheek, Siwiizarlaandi fi Oostiriyaa waliin qabdu irratti sakatta’iinsa baaburaa fi baasii ni taasifti

    Jarmaniin waggoota muraasa darban keessa koolu galtoonni baay’inaan biyyattii keessa akka jiraatan hayyamteetti.

    Bara 2015 fi 2016 gidduutti Jarman biyyoota akka Sooriyaa irraa baqattoota miliyoona 1 ol kan fudhatte yoo ta’u, bara 2022 waraanni Yukireen keessatti yeroo ka’u lammiilee Yukireen miliyoona 1.2 fudhatteetti.

  6. Weellistuu beekamtuun Seliinaa Gomeez rakkoo fayyaa adda ta'e qabaachuu himte

  7. Naayijeeriyaan lammiileen ishee bishaan 'itti kadhatame' gurguramu hin fayyadamiinaa jette

    Bishaan itti kadhatame

    Madda suuraa, Christ Mercyland Deliverance Ministry

    Naayijeeriyaatti Abbaan Taayitaa To'annoo Qorichaa bishaan 'itti kadhatameera' jedhamuun lallabaa wangeela karaa TV beekamaa Jarmaayaa Fuufeeyiin gurguraman akka hin fayyadamneef lammiilee akeekkachiise.

    Abbaan Taayitichaa bishaan 'itti kadhatamee' fi kan 'laga Yoordaanoos' jedhamuun dubartoota dhala hin qabne daa'ima akka argatan taasisa jedhamuun 'sobaan' gurgurama jedheera.

    Ibsi abbaa Ttayitichaa waldaan lallabaan wangeelaa Jaramaayaa ta'e, 'Christ Mercyland Deliverance Ministry' oomishaalee kanneen osoo hayyama hin argannee gurguraa jira jedhe.

    Manni amantichaa gamasaatiin ''seera kabajee hojjataa jiraachuu'' ibsuun, ibsi abbaa taayitichaa ''dhimmoota afuuraa haaluma amantaatiin'' itti fayydamaa jiraachuu ibsan.

    Waldaan 'Christ Mercyland Deliverance Ministry' ibsa Dilbata baaseen, haala seera Naayijeeriyaatti akka socha'aa jiru ibsuun, kanas jidduugaluumsa tokko malee bilisummaa amantaa ni hayyama jedhe.

    Abbaan taayitichaa ammoo, oomishaalee irratti qorannoo kan eegale haaluma komii lammiilee irraa qaqabeetiin ta'uu kaase.

    Itti dabalunis oomishaaleen kan hayyama abbaa taayitaa hin argannee akkasumas waldaan Jaramaayaas qorannoorratti wata'insa gochuuf didee ture'' jedhe.

    Waldaan YouTube gubbaatti hordoftoota kumaatama hedduu qabudu kunis, himannaa kana haaleera. Karaa xalayaatiin abbaa taayitichaa waliin dubbachuu himeera.

    Lallabaan wangeelaa Jarmaayaan tajaajilawan fayyinaa fi raajiitiin hordoftoota hedduu horateera.

    Abbaa qabeenyaa biiliyeenara ta'unsaa himamu kunis, haala qananii jireenyaasaatiin qeequumsi irratti ka'a.

  8. Gareen Itoophiyaa Kongootiin 2-0 mo'ame

    Gareen Itoophiyaa Gulaallii Waancaa Afrikaaf taphataa jira

    Madda suuraa, EFF

    Ibsa waa'ee suuraa, Gareen Itoophiyaa Gulaallii Waancaa Afrikaaf taphataa jira

    Gulaallii Waancaa Afrikaa 2025’f taphataa kan jiru Gareen Biyyaalessaa Itoophiyaa Rippablika Dimookiraatawaa Kongoon 2fi 0’n mo’ame.

    Galchiiwwan lamaanuu boqonnaa booda galan.

    Taphni kuni tapha lammataa warri Waaliyaa taphatanidha.

    Tapha duraan warri Waaliyaa torban darbe Tanzaaniyaa waliin galchii malee 0 fi 0 gargar bahanii turan.

    Kubbaa galchiitti yaaluufi kan yaalame kunis kallattii isaa eeggatun kan Kongoo kan Itoophiyaarra wayya.

    Kubbaa to’achuun garuu qabxiin isaanii walitti dhihaata.

    Itoophiyaan ramaddii H jala Tanzaniyaa, Rippablika Dimookiraatawaa Kongoofi Giinii waliin ramadamuun ishee ni yaadatama.

    Itoophiyaan taphoota lamaanuu dirreen ala Taanzaaniyaatti taphatte.

    Dirree sadarkaa idil-addunyaa qabu Itoophiyaan akka hin qabne kana dura ibsamuun ni yaadatama.

  9. Israa’el haleellaa kibba Gaazaatti raawwatteen namoota 40 ajjeeste-Hamaas

    Haleellaa al-Mawaasiitti  qaqqqabe hordofuun gartuu namoota hojii lubbu- baraarsaa hojjatan

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Haleellaa al-Mawaasiitti qaqqqabe hordofuun gartuu namoota hojii lubbu- baraarsaa hojjatan

    Kibba Gaazaatti haleellaa Israa’elii zoonii gargaarsa namoomaatti jedhamutti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 40 ajjeeffamuu Abbaan Taayita Ittisa balaa Hamaasin hogganamu beeksise.

    Waraanni Israa’el akka himetti, xiyyaaraan giddugalaa Hamaas waraana ittiin gaggeessu Kaan Yuunisitti haleele.

    Miidhaa haleellaa sanaan namoota nagaarra qaqqabuu hir’isuuf tarkaanfii fudhachuu kan eere Waraanni Israa’el, giddugaleessichi kan hidhattoota Hamaas jedhe.

    Jiraattoonni ammoo haleellaan sun dawoo namoota qe’eerraa buqqa’anii ulaa gargaarsaa ul-Mawaasii- Kibba magaalaa Kaan Yuunis qubataniirratti qiyyaafate jedhan.

    Haleellaa sanaan ‘’namoonni 40 ajjeeffamuun, 60 ol madaa’u’’ Daarektarri opporeshiinii Abbaa Taayitaa Ittisa Balaa BBCtti himan.

    Naamni taate sana arguu himu BBCtti akka himetti,dho’insi guddaan al-Mawaasiitti halkan qixxee mudate.

  10. Ashamaa!, Baga jala bultii geessan!

    Boru lammiileen Itoophiyaa Bara Haaraa 2017 simatu
    Ibsa waa'ee suuraa, Boru lammiileen Itoophiyaa Bara Haaraa 2017 simatu

    Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo eegale.

    Baga jala bultii Bara Haaraa Itoophiyaa 2017'f nagaan geessan!

    Ayyanni kan nagaafi gammachuu isiniif haa ta'u.

    Oduuwwan biyya keessaafi alaa kallattiin isin biraan geenya.

    Nu waliin turaa!

  11. Pirezidantiin Taanzaaniyaa ajjeechaa asiidii miseensa mormitu balaaleeffatan

    Suluuhu Haassan

    Madda suuraa, Getty Images

    Pirezidaantiin Taanzaaniyaa Saamiyaa Suluuhu Hassan, miseensa olaanaa paartii mormituu guddicha, Chaademaa, kan butamee reebameefi asiidiin itti naqamuun gara jabinaan ajjeefame balaaleffatan.

    Jimaata darbe Mohaamed Alii Kiibao, namni umuriin 69, magaalaa guddittii biyyattii Daar es Salaam irraa osoo gara magaalaa bakka dhaloota isaa Taangaa imalaa jiranii ture kan ergamtoota nageenyaatiin dirqiidhaan atoobusii irraa bufaman.

    Qorannoon reeffaa Mr Kiiba'o ''reebicha cimaa fi asiidiin fuula isaanii irratti dhangala'eera'' jechuun dura taa'aan paartii Firiimaan Mbowe dhaabbata oduu AFP'tti kan himaniiru.

    Duuti nama kanaas kan mudate mormitoonni fi gareewwan mirga namaatiif falman sochii bakka dhimma sochii siyaasaa irratti dhiibbaa taasifamuun yaaddoo keessa galanii jiraniittiidha.

  12. Naajeeriyaatti balaa konkolaataa boba'aa mudateen lubbuun namoota 59 darbe

    Konkolaataa ibidda itti qabate

    Madda suuraa, Reuters

    Bulchiinsa Giddugaleessa Naajeeriyaa keessatti taankeriin boba’aa fe’e konkolaataa imaltootaa fi loon fe’ee ture waliin walitti bu’ee yoo xiqqaate namoonni 59 du'uun mirkanaa'uu dhaabbati balaa tasaa mootummaa beeksise.

    Ejensiin Bulchiinsa Balaa Tasaa Mootummaa Niijer akka jedhetti, walitti bu'iinsi kun Wiixata akka sa'aatii biyya keessaa gara sa'aatii 00:30tti (Dilbata 23:30 GMT) kan mudate yoo ta'u, dhohinsa umameen konkolaattota lamaan ibiddaan liqimfameera.

    Daarektarri olaanaa ejensichaa, Obbo Abdullaahii Baabaa Araa akka jedhanitti, haala kana to’achuuf gareewwan deebii kennan gara bakka balaan kun itti dhaqqabeetti ergamaniiru.

    Konkolaattonni garaa biroo hedduunis dhohinsa kanaanibiddi itti qabteera.

    Dubbi himaan kutaa balaa tasaa mootummaa Nijeer Ibraahim Huseen BBC'tti akka himanitti, lakkoofsi namoota du'anii kanaan ol caaluuu danda'a.

    "Namoota akka malee miidhaman keessaa tokko hospitaalatti erga du'ee fi bakka balaan kun itti dhaqqabetti namoonni du'an dabalataa erga argameen booda lakkoofsi namoota balaa kanaan du'anii 59 gaheera."

    Itti dabaluudhaanis, ''Adeemsa itti fufiinsaan gaggeeffamu keessatti reeffi dabalataa argamuu danda'a,'' jedhan.

    Waraabbiin viidiyoo taatee kana bakkichaa waraabamuun qodame irratti akka mul'ateetti konkolaattonni lamaan guutummaatti gubatan akkasumas loon du'an hedduu mul'ataniiru.

    Hojjetaan baraarsaa balaa tasaa tokko taatee kana booda Rooyitarsiitti akka dubbataniitti, reeffa namootaa akkasumas bineensota du’an ammallee konkolaataa keessa jiran deebifachuuf yaalii gochaa akka jiran dubbateera.

  13. Namoota ja’an nageenya Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balaaf saaxiluuf sochoa’an’ 'Joon fa'irratti himannaan guyyaa shan keessatti akka banamu manni-murtii eeyyamame

    Shakkamtoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balaaf saaxiluuf socho'an keessaa

    Madda suuraa, Poolisii Federaalaa

    Namoonni ja’a xiyyaara Itoophiyaa gara Maqalee imaluuf ture keessaa bu’uu diduun falmii kaasan yakka shororkeessummaan shakkamuun to’atamanirratti yeroon himannaa ittiin banamu eeyyamame.

    Haaluma kanaan Mana Murtii Olaanaa Federaalaatti Dhaddacha Ramaddii Lidataa beellama har'a ooleen, abbaan alangaa shakkamtoota kanneen irratti himannaa akka banuuf guyyaa shan laateera.

    Gareen qorannoo poolisii federaalaa shakkamtoota Yohaannis (Joon) Daani'eel, Eeliyaas Dirribaa, Amaanu'eel MawcaaNaatinaa'eel Wandoosan, Yididiyaa Natsaannat fi Illeenii Kinfa jedhaman irratti qorannoo gaggeessaa ture xumuree abbaa alangaaf kennu mana murtiitti ibseera.

    Dhaddacha har'a ooleen abbaan alangaa himata banuuf guyyaa shan akka laatamuuf kan gaafate yoo ta’u, abukaatoon shakkamtootaa guyyaa dabalataa laatamuu hin qabu jechuun mormaniiru.

    Manni murtiis falmii bitaa mirga erga dhaggeeffate booda himatni akka banamuuf guyyaa shan eeyyamuun Fulbaana 03, 2017 ALI'tti beellameera.

    Shakkamtoota Daandii Qilleensaa Itoophiyaa balaaf saaxiluuf socho'an keessaa

    Madda suuraa, SM

  14. Hoggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa haaraa Pirof. Natsannat kan duraa waliin fuudhinsa aangoo taasisaniiru

    Piroofeesar Natsaannt Warqinaa.

    Madda suuraa, Jimmaa University

    Hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa ta’uun kan muudamte Pirofeesar Natshaannt Warquu hogganaa duraanii biiroo kanaa Dr. Mangistuu Baqqalaa waliin walharkaa fuudhinsa aangoo taasisaniiru.

    Dhiyeenya kana Yuunivarsiitin Jimmaa barsiistota yuunivarsiitichaa yeroo dheeraf barsiisuu, qorannoo addaa gaggeessufi tajaajila uummataa irratti bu'aa gaarii argamsiisan jedhe shaniif sadarkaa pirofeesarummaa guutuu kenneef keessaa Pirofeesar Natsaannat ishee tokko turte.

    Biyya Jarmanii imaluun qorannoo Meedikaalafi Fayyaa Idil-addunyaatin PhD kan hojjette Pirof. Natsaannat, Itoophiyaatti yaala Fayyaa daa'immaniitin sadarkaa pirofeesarummaarra gahuun nama lammaffaadha akka taate himti.

  15. 'Qormaata kutaa 12ffaa warra fudhate keessaa kan darbe 5.4%' - Ministeera Barnootaa

  16. Haleellaa Israa’el buufataalee waraanaa Sooriyaattii raawwatteen namoonni 16 ajjeefaman

    Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa haleellaan kun ''weerara cimaadha'' jechuun himate

    Madda suuraa, Roooyitars

    Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa haleellaan kun ''weerara cimaadha'' jechuun himate

    Haleellaa Israa’el buufataalee waraanaa walakkeessa Sooriyaatti argamanirratti raawwatteen yoo xiqqaate namoonni 16 ajjeefamuu Ejensiin Oduu Sooriyaa gabaase.

    Ejensiin Oduu Sooriyaa qondaalota fayyaa biyyattii wabeeffachuun akka gabaasetti, haleellaa Dilbata halkan naannoo Masyaf jedhamutti qaqqabeen namoonni 36 mada’aan.

    Gartuun UK keessa maadheffatefi dhimmicha hordofu akka jedhutti,namoonni ajjeefaman 25 yoo ta’an, giddigaleessa qorannoo oomisha meeshaa waraanaa keemikaalaatti hidhata qabu dabalatee iddoowwan biroo shan haleelamaniiru.

    Waraanni Israa’el haleellaa kana ilaalchisee gabaasa miidiyaalee biyya alaaf yaada akka hin kennine ibse.

    Ministirri Dhimma Alaa Sooriyaa haleellaa kana ''weerara himaadha'' jechuun cimsanii balaaleffatan. Ministeerri Dhimma Alaa Iraan ’’ haleellaa yakkaati’’ jedhan.

    Haa ta’u maleeKanaan dura haleellaa dhibbaan lakkaa’amu Sooriyaa keessaatti raawwachuu Kanaan dura amatee turte.

  17. Paastariin ‘ani ilma Waaqayyooti' ofiin jedhu daa’immaan saalqunnamtiif daddabarsuun to’atame

  18. Namicha daa’imarratti buna ho’aa naquun miidhaa cimaa qaqqabsiise qabuuf hordoffiin sadarkaa addunyaatti jalqabame

    Nama daa'imatti buna ho'aa naquun shakkame

    Madda suuraa, Queensland Police

    Namicha daa’imarratti buna ho’aa naquun miidhaa cimaa irraa gahe qabuuf hordoffiin sadarkaa addunyaatti jalqabamuu poolisiin Awustiraalyaa beeksise.

    Poolisiin Awustiraaliyaa akka jedhetti, magaalaa Biriizban keessatti namni miidhaa qaqqabsiise kun biyyaa ba’uun isaa waan mirkanaa’eef biyyoota biroo waliin ta’uun to’annoo jala oolchuudhaaf sochiin jalqabameera.

    Gochi kun guutummaa Awustiraaliyaa keessatti naasuu guddaa kan uume yoo ta’u, daa’imni ji’a sagalii miidhaan irra gahe fuulli isaafi harki, akkasumas miilla isaarra baayyee gubatee miidhaa cimaan irra gaheera.

    Poolisiin Awustiraaliyaa nama umuriin isaa wagga 33 ta’e qaama namaarraan miidhaa cimaa geessise kana adabbiin hidhaa umurii guutuu isa eeggata.

    Poolisiin Quwiinsilaand namni yakka kanaan shakkame erga gocha kana raawwatee booda guyyoota muraasa keessatti biyyaa ba’uu isaa mirkaneesseera.

    Namni kun maatii daa'ima kanaa waliin kan wal hin beekne yoo ta'u, buna Feermuusiin harkatti qabatee ture osoo maatiin paarkii tokko keessa bashannanarra jiranii itti naqee 'kotte na baasi' jechuun fiigee baqate.

    Akkuma miidhaan kun daa'imarra gaheen wallaansi atattamaa taasifamuufillee, miidhaan isaa cimaa waan tureef wallaansa baqaqqsanii yaaluu baayyee barbaachiseera.

    Maatiin akka jedhanitti, daa'imni isaanii miidhaa umurii guutuu isa waliin hafuti irra gahe.

    Namni miidhaa geessie kun maaliif akka daa'ima kanarratti xiyyeeffate hanga ammaa wanti ifa ta'e hin jiru.

    Ajajaan poolisii Pool Delten namni miidhaa geessise kun eenyu akka ta'eefi biyya kamitti akka baqate odeeffannoo akka qabu dubbatee, ibsuu garuu qorannoo yakka kanaa waan miidhuuf ummataaf ibsuurraa of qusateera.

  19. Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoome

    Pirof. Birhaanuu Naggaa

    Madda suuraa, Ministeera Barnootaa

    Firiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12 ifoomuu ministeerri barnootaa beeksise

    Barattoonni bu’aa ykn firii qormaatasaanii halkan keessaa sa’aatii 6:00 irraa kaasanii ilaallachuu jalqabuu akka danda’anis himeera ministeerichi.

    Ministirri Barnootaa Pirof Birhaanuu Naggaa firiin qormaata barattootaa kun ifoomuu ilaalchisee ibsa kennaniin, bara kana qormaata kutaa 12ffaa fudhachuuf barattoonni kuma 701 fi 749 galmaa’an keessaa kuma 684 fi 205 qoramaniiru jedhan.

    Warri hin qoramiin hafan sababa garagaraatiin barnoota turanii waan jalqabaniif qormaata akka hin fudhatiin himuun, warra qoraman keessaa ammoo kuma 29 fi 736 yeroo jalqabaatiif warra karaa oonlaayinii qoramanidha jedhan.