Yaala daa'immaniin Itoophiyaatti pirofeesara dubartii lammataa kan taate Dr. Natsaannat Warqinaa eenyu?

Madda suuraa, Jimma University
Dhiyeenya kana Yuunivarsiitin Jimmaa barsiistota yuunivarsiitichaa yeroo dheeraf barsiisuu, qorannoo addaa gaggeessufi tajaajila uummataa irratti bu'aa gaarii argamsiisan jedhe shaniif sadarkaa pirofeesarummaa guutuu kennuufii beeksisee ture.
Barsiisota shanan kana keessaa ogummaa yaala Fayyaa Daa'immaniitin gahuumsa guddaa argisiistee sadarkaa pirofeesarummaa guutuu kan argatte Piroofeesar Natsaannat Warqinaa Giddii tokkodha.
Pirofeesar Natsaanat dhalattee kan guddatte Godina Bunnoo Beddellee magaala Beddelleettidha.
Baruumsa sadarkaa tokkoffaa hanga sadarkaa lammaffaa achuma Beddelleetti barachuun baruumsa sadarkaa olaanaf ammoo ollaadhuma Beddellee, Yuunivarsiitii Jimmaa seente.
Prof. Natsaannat Warqinaa deemsa milkaa'ina ishee, qorannoowwan gaggeessiteefi akkamitti sadarkaa pirofeesarummaa guutuu akka argatte ilaalchisee BBC waliin turtii taasifteetti.
Yunnivarsiitii Jimmaa erge seentee booda mana baruumsa Medikaalaa seenun bara 1997 ALItti Yuunivarsiitii ogummaa Jeneraal Piraaktishinarii taatee akka eebbifamte kan himtu Prof. Natsaannat yeroo dheeraa barsiisuu irratti dabarsite.
"Naannoo waggoota kudha lama kudha sadi in ta'a amma, hospitaala keessa hojjachaa barattoota meedisiinii baratan barsiisaa, barattoota ispeeshalaayiz godhan [reezidantoota] barsiisaa waggaa dheeraan tajaajile," jetti Prof. Natsaannat.
Itoophiyaatti yaala Fayyaa Daa'immaniitin sadarkaa pirofeesarummaarra gahuun isheen nama lammaffaa akka taate himti.
Yaala daa'immanii barsiisufi waldhaansa kennuu bira darbee qorannoo garaa garaa akka hojjatte BBCtti himte.
"Ijoollee silaa dhukkuba osoo irraa dhoowwuu dandeenyuu dhukkubsatan yoon argu nan gadda. Kanaaf yaala Fayyaa daa'immanii [Ittisuu irratti xiyyeeffatu] qayyabachuun barbaada jedheen yaade," jechuun qorannoo gaggeessun dhukkuba daa'immanii irratti bu'aa buusuu akka qabdu murteessite.
Gara biyya Jarmanii imaluun Qorannoo Meedikaalafi Fayyaa Idil-addunyaatin PhD hojjachuun gara biyyaatti deebi'uu himti.
''Qorannoon koo heddu nyaata ijoollee osoo hin gahin dhalatan irratti''
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ijoollen osoo hin gahin gaafa dhalatan akka warra yeroo isaanii gahee dhalatanii harma hodhuus ta'ee nyaata fudhachuuf waan rakkataniif dhukkuba garaa garaafi du'aaf akka saaxilaman himti Prof. Natsaannat.
Ogeettin yaala Fayyaa Daa'immanii kun akka jettutti ijoolleen osoo hin gahin dhalatanii rakkoo garaa garaaf kan saaxilaman gaafa garaa haadhaa keessa jiran nytaa gahaa dhabuurraa akka ta'e qorannoo isheetin addatti bira gahuu ibsite.
Kanaafis rakkoo kana furuuf kan oolu qajeelfamaafi tarsiimoo nyaataarratti jijjiiramni akka dhufuuf qorannoo garaa garaa gaggeessiteetti.
Yuunivarsiitin Jimmaas kanuma yaada keessa galchuuni sadarkaa Pirofeesarummaa guututti kan ol guddise.
"Garaadhuma haadhaa keessattuu ijoollen biyya keenyatti dhalattuufi biyya biraatti dhalattu [waajin gaafa wal bira qabamu] xixiqqoo ta'anii dhalatu.
"Haati osoo nyaata gahaa argattee, ijoollenis ulfaatina gahaa argattee dhalatti, dhukkubaafis hin saaxilamtu," jechuun qorannoon ishee heddu ijoollee yeroo malee dhalatan irratti akka xiyyeeffatu himti.
''Ijoollen as na dhukkuba jettee hin himattu''
Ijoollen qaamni isaanii akka namoota gurguddoo jabaa waan hin taanef salphaatti dhibeefi rakkoo addaa addaaf saaxilamu.
Kuni ammoo umurii isaanii wajji akka wal-qabatu himti Prof. Natsaannat. "Dhibees ta'ee duutillee nama guddaarra ijoolletti irra baay'ata. Ijoollummaa jechuun yeroo baay'ee sensitiivii [salphaatti saaxilamuu] ta'eedha.
"Waanti ijoollummatti nama qabe bara jireenya namaa guuturratti dhiibbaa qabaata," jechuun rakko daa'imman mudatu furuun dhaloota borii gargaarun abjuu ishee akka ture himti.
Dhalli namaa fayyaalessummaa guutuu qabaachuuf yeroon daa'imummaa murteessaa akka ta'e kaasti Prof. Natsaannat.
"Keessumaa yeroo garaa keessa jiranii kaasee hanga waggaa lamaatti yeroon jiru [daa'immaniif] baay'ee murteessadha. [Kanaaf], yoon ijoollerratti hojjadhe gumaata nan gumaacha jedheen yaada," jetti.
Gama biraan ammoo ijoollee kan adda godhu guutummaan nama gaheessarratti hirkachuu isaaniti.
"Namni guddaan yoo dhukkube, himachuu danda'a. Ijoollen garuu [dhibee isaanii hin himatan], guutummaan namarratti hirkatu. Nama gaddisiisu," jechuun yaala Fayyaa Daa'immanii waan adda godhu kaasu.
Prof. Natsaannat Giddii hojii barsiisuu, yaalufi qorannoo gaggeessuu cinaatti baay'ee dubbisti. Ispoortii illee osoo adddaan kutin yeroo dheeraa hojjachuurraa kan ka'e ulfaatinni qaamaa ishee dabalee akka hin beekne himti.
Addumatti ammoo kitaabota ofiin of gargaaruu nama barsiisan heddus akka dubbistu himte.