Qabsoo qonnaan bultoota Awurooppaa tiraaktaraan karaa cufe, killeefi aannaniin poolisii doorsise

Mormii qonnaan bultootaa magaalaa Barliin

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mormii qonnaan bultootaa magaalaa Barliin

Torbanoota darban qonnaan bultootni biyyoota Awuurooppaa imaammata Gamtaa Awurooppaatti aaran daandiitti bahuun mormii dhageessisaa jiru.

Dhuma torbee darbee Faransaay keessatti qonnaan bultootni kumoota 10niin lakkaa'aman tiraaktaraa fi meeshaalee qonnaasaanii qabatanii daandiitti bahuun cufaniiru.

Mormii kanaan walqabatee Ministirri Muummee haaraan biyyattii magaalaa Toluusitti imaluuf danqamaniiru. Lubbuun qonnaa bultuu tokkoofi mucaashee dubaraa waggaa 12 darbeera.

Magaala Paaris bakka gurgurtaa nyaataa guddichatti hokkora qonnaan bultootaan dhalateen walqabatee ammoo qotee bultootni 100tti siiqan to'atamaniiru.

Qonnaan bultootni kun dhiyeessiin nyaataa gara magaalaa guddoo Paaris akka hin galle tirkaataroota dhibbaan lakkaa'aman daandiitti baasuun duulaa turan.

Jalqaba torban kanaatti ammoo qonnaan bultootni Jarman iddoo adda addaatti hiriiraa fi mormii gaggeessaa turan.

Ka'umsi mormii qonnaan bultootaa imaammatni Gamtaa Awurooppaa damee qonnaa wayyeessuurratti qabate isaan miidhaa jiraachuudha.

Qonnaan bultootni kun qabsoon isaanii dhimma jiraachuu akka ta'eefi ammatti dhaabuuf akka hin jirre dubbatu.

Mormiin qonnaan bultootaa kun kan jalqabe bara 2019 biyya Neezarlaands keessatti. Sababni ammoo Naayitiroojiin Oksaayidii qilleensatti gadhiifamu xiqqeessuuf jecha omishaaleen horii walakkaan akka xiqqaatu mootummaan gaaffii dhiyeessuudha.

Ammaan tana aanga'ootni Gamtaa Awurooppaa yaa'ii isaanii idilee gaggeessuuf Beeljiyeem magaalaa Biraaselsitti walitti qabamuuf wayita jedhanitti qonnaan bultootni yaa'anii gommaa gubuun daandii cufaniiru.

Killee ykn anqaaquu poolisiifi gamoo dhaabbilee mootummaattis darbachaa turan.

Gaaffiin isaanii maali?

Gamtaan Awurooppaa damee qonnaarratti imaammataa yuuroo biiliyoona 55 sochoosu, Immaata Qonnaa Waloo (Common Agricultural Policy) baasee ocho'aa jira.

Imaammatni kun wantoota raawwachiisuuf hojjetu keessaa muraasni lafa qonnaa amma jiru keesssaa dibbeentaa 4 lafa hin qotamne gochuu, Itti fayyadama calla guddistuu dhibbeentaa 20n xiqeessuu, omishaalee bu'aa horii xiqqeessuufi kaanis of keessaa qaba.

Maallaqni yuuroo biiliyoona 55 biyyootni Awurooppaa ramadan kun ammoo qotee bultoota raawwii karoora kanaa keessatti miidhaman bayyanachiisuuf akka seeftii neetiitti kennama.

Momii Qonnaan bultootaa

Madda suuraa, Reuters

Qonnaan bultootni ammoo wixineen kun dorgomtummaa damee qonnaa Awurooppaa miidha jechuun mormu.

Gatiin omishaalee biyya ormaatii galaniis akka itti qaal'au akka godhu komatu.

Boba'aa maashinoota qonnaarratti gatii cabsuuf murteen darbee ture ka'uufi tarkaanfileen biroon biyyootni Awurooppaa fudhaa jiran dheekkamsa qotee bultootaa hammeesseera.

Kaffaltii bayyanachiisaa qonnaan bultootni sababa riifoormii qonnaan argataa jiranis qaalayinsa jireenyaa mudatee jirurraa kan ka'e miidhamaa jirachuus kaasu.

Garee ogeeyyii Farm Yuuroopp kan teessoon isaa Biraasels ta'e keessaa tokko kan ta'an Luuk Veernet ''qonnaan bultootni deeggarsa xiqqaan hedduu akka xaaran ta'aa jira'' jedhu.

Gamtaan Awurooppaa mormii qonnaan bultootaa kana hubatee ogeeyyii qonnaa waliin ta'uun tarsiimoorratti akka mariyatu ibseera.