Kooriyaa Kaabaa doonii waraanaa gaafuma eebbifamu manca'een wal qabatee aanga'oota olaanoo hite

Suuraaleen saataaalaayitii doonittiin kuftee agarsiisa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraaleen saataaalaayitii doonittiin kuftee agarsiisa

Kooriyaan Kaabaa dooniin waraanaa haaraan guyyaama eebbifamurratti manca'ee hoogganaa biyyattii Kiim Joong Un dallansiise wal qabtee qondaala olaanaa 4ffaa to'annaa jala oolchite.

Itti aanaan daarektaraa kutaa Industirii Meeshaa Waraanaa Paartii Hojjetootaa kan biyya bulchaa jiruu, Ri Hyong-son torban darbe ''balaa hamaa kanaaf itti gaafatamummaa guddaa qaba'' jechuun dhaabbanni oduu mootummaa KCNA Wiixata ibseera.

Doonii waraanaa toonii 5,000 baachuu dandeessu kun garagaruusaatiin wal qabatee qaamni doonichaa bishaa irra ooluu miidhameera. Hogganaan biyyattii Kiim Jongi Un taatee kanaan ''gocha yakkaa kabajaa fi boonuu [biyyattii] baayyee miidheedha'' jedhaniiru.

Dooniitiinis qajeelfama garee ogeeyyiitiin suphamaa taasifamaafii akka jiru KCNA beeksiseera.

Miseensi Komishinii Waraana Jidduugala Paartichaa kan ta'an, Rii Haayong San, aanga'aa olaanaa biyyattii taatee kanaan wal qabatee hanga ammaatti to'ataman keessaa tokko.

Komishinichis waraana ummata Koriyaa Kaabaa kan ajajajuufi kan itti gaafatamummaa imaammatawwan waraana biyyattii qopheessuu fi hojiirra olchuu qabuudha.

Dhuma torban darbe keessa ammoo Piyoongiyaang buufata doonii kaaba Chongjin bakka dooniin barbadoofte kun itti tolfamtee fi bakka irraa ka'uuf yaaltee itti fashaloofte irraa qondaaltota sadii to'annoo jala oolchitee ture.

Qondaaltonni kunneenis injinarii olaanaa, itti gaafatamaa ijaarsaa doonittii fi hogganaa bulchiinsaa turan.

Kiim kanaan dura taatee guyyaa Roobii mudate kun kan ''gutummaatti of eeggannoo, itti gaafatamummaa dhabuu fi muuxannoo saayinsii hin taane'' irraa kan ka'e ta'uu dubbataniiru.

Aanga'oonni to'ataman kunneenis adabbiin akkamii isaan mudachuu danda'u ammatti ifa miti, haata'u malee mootummaan abbaa irree kun qondaaltota badii raawwachuudhaan yakkamaa ta'an hojii humnaa fi du'aanillee akka irratti murteessu beekamaadha.

Kooriyaa Kaabaa keessatti balaa mudate ummataaf ifa taasisuun waan barame kan hin turree yoo ta'u, kanaan duras yaalii saataalaayitii furgugsuu hin milkaa'iin hafa muraasni ibsamanii ture.