Puutin Yukireen waliin dhukaasa dhaabuurratti haal-dureewwan jajjaboo kaa'e

Pirezidant Vilaiir Puutin

Madda suuraa, Getty Images

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaiir Puutin waliigaltee dhukaasa dhaabuu Yukireen waliin taasisuuuf yaadame akka fudhatu beeksisus, haal-dureewwan jajjaboo "gaaffiiwwan" baayyee kaasan kaa'eera.

Pirezidantiin Raashiyaa kun dhimma kana ilaalchisuun deebii kan kenne karoora guyyoota 30f dhukaasa dhaabuu jalqaba torban kanaa marii Yukireen Ameerikaa waliin taasifte biyyisaa fudhachuu hordofeeti.

Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskiin deebii karooricha ilaalchisuun deebii Puutin kennan "qabatama kan hin qabne" jechuutiin alatti Raashiyaarra qoqqobbiin dabaltaa akka kaa'amuufis gaafateera.

Kun osoo Kanaan jiruu Ameerikaan oba'aa, gaaziifi sektera baankii Raashiyaarra qoqqobbiiwwan daballataa keesseetti.

Puutin ibsa gaazexaa Kamisa Mooskootti gaggeeffameerratti yaadni dhukaasa dhaabuu "sirrii taanaan nutis ni deeggarra. Haata'u malee, gaaffiiwwan irratti dubbachuu qabnu jiru," jedheera.

Waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun kan gara nageenya waaraatti geessuufi ka'umsa rakkoo kanaa dhabamsiisu ta'uu qaba jedhe Puutin.

"Michoota keenya Ameerikaa waliin mariyachuu qabna. Tarii gara Doonaald Tiraampitti bilbila bilbiluun danda'a" jedheera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Michoota keenya Yukireeniif waliigalteen dhukaasa guyyoota 30f dhaabuu taasifamuun gaariidha," jedhe itti dabaluun.

"Nuti deeggarrus garaagarummaawwan ni qabna," jedhe.

Yukireen bara darbe duula waraanaa taasisun kutaa bulchiinsa Kuursiik hanga tokko kan to'atte ajandaa tokko ta'uu Puutin dubbateera.

Raashiyaan Kuursik guutummaan guutuutti to'atteetti jechuurra darbee loltoonni Yukireen bakka sana jiran "addaan citaniir" jedhe.

"Ba'uudhaaf carraaqaa jiranis, nuti garuu to'anneerra. Meeshaa isaanii bakka gara garaatti gataniiru."

"Kuursik keessatti Yukireenotaaf filannoo lamatu qofatu jiru; harka kennachuu ykn du'uu' jedheera.

Puutin dhukaasa dhaabuun akkamittii akka hojjetu taaffii tokko tokko dhiyaateef yeroo ibsutti, "Guyyoonni 30 sun akkamiin hojiirra oolu? Akkamittis to'annoon irratti taasifama");