Taateewwan gurguddoo kaleessa Maqaleetti mudatan maal fa'i?

Magaalaa Maqalee keessaa siidaa mul'atu

Madda suuraa, DT

Humnoonni TPLF Dr Dabretsiyooniin durfaman kaleessa buufata FM Maqalee 104.4 fi waajjira kantiibaa magaalaa Maqalee qabatan.

Gareen kun Dr Raddaa'i Berihee kan kana dura miseensa mana maree magaalichaa tahuun filame kantiibaa magaalaa Maqalee gochuun muudan.

Bulchiinsi Yeroofii naannichaa Geetaachoo Raddaan durfamu ammoo kana dura kantiibaa garee Dabretsiyoon muude hojiirraa dhorkuun Obbo Birhaanee Gabreyesuus muuduun isaa ni yaadatama.

Muddama garee TPLF keessatti mudate hordofe magaalaan Maqalee kantiibaa fi tajaajila uummanni argachuu qabu erga dhabdee ji'oonni afur darbaniiru.

Ajajoonni humnoota Tigiraay garee Dr Dabretsiyon G'Mikaa'el deeggaran caasaa bulchiinsa yeroo naannichaa magaalota adda addaa keessaa diiguun waajjiraalee godinaalee adda addaa qabataniiru.

Hoggantoota bulchiinsi yeroofii muude kaasuun namoota waraanaan dura filannoo gaggeeffameen manni maree naannichaa muudee ture deebisanii muudaa jiru.

Waliigaltee Piriitooriyaa hordofee mootummaan naannichaa filannoo naannoo Tigiraay gaggeesee mootummaan federaalaa ammoo fudhatama hin qabu jedheen ijaarame diigameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ji'oota jahaaf hanga bulchiinsi yeroofii hundaa'utti namoonni filannoo seeraan ala jedhameen filamanii ture godinaalee fi aanaalee adda addaa bulchaa turan.

Geetaachoo Raddaa erga pirezidaantii bulchiinsa yeroofii naannichaa taheen as hoggantoota kanneen duraan turan kaasuun haaraa muudeera.

Miidiyaaleen naannicha keessaa akka gabaasanitti Reddaayi Berihee ''ani kantiibaa seera qabeessa mana maree naannichaan muudamedha. Akkaataa labsii magaalichaa 341 irra jiruun kantiibaan magaala kamiiyyuu paartii filannoo mo'aten muudama'' jedhe.

''Aangoo guddaa kan qabu uummatadha. Kana cabsuun waajjirri kantiibaa cufamee ture. Uummanni tajaajila argataa hin turre. Amma garuu kantiibaan manni marichaa filate hojii isaa deebisee jalqabeera'' jedhe.

Erga walakeessa bara darbeen as TPLF garee lamatti qoodamuun muddama hamaa keessa galaniiru.

Ajajoonni waraanaa humnoota TPLF erga deeggarsa isaanii garee Dabretsiyoniif ibsanii as naannichatti muddamni dhalateera.

"Employees are confused" - FM Mekele 104.4 staff

BBC'n maddeen isaa irraa akka mirkaneeffatetti humnoonni Tigiraay garee Dabretsiyoon deeggaran buufata raadiyoo FM Maqalee 104.4 to'ataniiru.

Kaleessa buufaticha erga to'atanii booda hogganaa fi boordii haaraan buufatichaa muudaman dirqamaan akka galan gochuu maddeen BBC himaniiu.

''Humnoota Tigiraayiin dabaalamuun dhufanii humnaan buufaticha qabatan.Amma humna kanatu buufaticha marsee eegaa jira. Hojjettoonni rifataniiru'' jedhe maddi BBC.

Kana dura buufaticha hogganuun qaba jechaa kan turan Obbo Zemanfas Fissaa fi daarkterri boordichaa haaraa filaman humnoota hidhatan qabachuun dhufan jedhe.

Akkaataa danbii Abbaa Taayitaa Biroodkaastii Itoophiyaatti socho'aa kan ture FM Maqalee 104.4 waggoota 16 oliif naannicha keessatti hojjechaa ture.

Bara darbes humnoonni Tigiraay Dr Dabretsiyoon deeggaran bara darbe bufaticha to'achuuf yaalanii ture.

Manni Maree magaalichaa kantiibaa gochuun muudeera kan jedhaman Dr Raddaa'i yeroo sana Obbo Zemanfas Fissaa hogganaa buufatichaa akka tahaniif muudeera jedhanii ture.

Obbo Geetaachoo Raddaa garuu Birhaanee Gabreyesuus muudu himan.

'Amma sagantaan kallattii tokkoyyuu hin jiru. Sagantoota duraan waraabamanii taa'antu darbaa jira. Hojjettoota waliin wla gahii gaggeessina nu jedhaniiru'' jechuun hojjettoonni buufatichaa BBCtti himan.

Waraanni waggoota lamaaf [bara 2020-2022] ture erga waliigaltee Piriitooriyaan xumuramee booda naannoon Tigraay ammallee hin dandamanne.

Yeroo ammaa morkiin aangoo aanga'oota TPLF gidduutti hammaachuun waraana biraa kaasuuf sadarkaa sodaachisurra ga'eera.

Pirezidantiin bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay Obbo Geetaachoo Raddaa Wiixata darbe (Bitootessa 10, 2025) ajajoota humnoota Tigraay erga ari'anii ammoo rakkoon naannochaa daran hammaateera.

Morkii aangoo fi rakkoo waraanatti geessa jedhamee yaaddessaa jiru irratti BBC waliin turtii kan taasisan Obbo Geetaachoo Raddaa, tarkaanfiin gareen TPLF Dabratsiyoon Gabramikaa'eliin durfamu fudhachaa jiru ''maraatummaadha jechuun ibsan.

Gochi kun naanocha haala balaafamaa keessa galchuu danda'a jedhan. Mootummaan federaalaa haala naanichaa gidduu akka seenuufis Obbo Getaachoon gaafataniiru.