Filisxeemonni biyya walabaa maaliif hundeeffachuu dhaban?

Madda suuraa, Getty images
Filisxeemonni mirga biyya ofii hundeeffachuu gonfachuu barbaadu. Haata'u malee, hanga har'aatti kana raawwachuu hin dandeenye.
Tattaaffiin biyya Filisxeemotaa kan Weest Baank-laga Yordaanoosiifi Gaazaa -cittuu lafa handaara galaana Meditiraaniyaanitti argamtutti biyya walabaa hundeessuun sababa walitti bu'iinsa Israa'el waliin ittifufeef milkaa'uu dhabe.
Filisxeemonni Weest Baankii fi Baha Iyyeruusaalem keessa jiraatan bara 1967 irraa kaasee Israa'el jalatti bulu.
Israa'el Weest Baankitti manneen namoota walakkaa miliyoonaa qubsiisuu ijaarteetti. Ijaarsi Israa'el sun seerota idil-addunyaa kan sarbuudha - Israa'el garuu kana hin fudhattu.
Akka Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ejensiin Dhimma Baqattoota Filisxeem (UNRWRA) jedhutti, baqattoonni Filisxeemoota miliyoona 5.9 ta’an biyyoota garaa garaa keessa jiraatu.
Dhimmi baqattoonni Filisxeem gara lafa irraa buqqa'an, amma biyya Israa'el jedhamtutti deebi'uu dhimmoota falmsiisaa ijoo keessaa tokkodha.
Filisxeemonni mirga hiree ofiin murteeffachuu barbaadu. Haata'uu malee, hireesaanii murteeffachuurratti hedduu hin milkoofne.
Hariiroon Filisxeemonni qondaalota Israa'el waliin qaban waldhibdee hamaan kan ibsamudha. Dinagdeen filisxeem diigamaadha, uggura ykn dhorkii Israa'el baastu jalaa hin baane.
Hawaasa Filisxeem miliyoonaan lakka'aman keessa harki caalaan ammayyuu nyaatan of hin dandeenye, deeggarsarratti hirkatu.
Hooggansi siyaasaa Filisxeem garee Islaamistoota Hamaas Gaazaa to'atanii fi paartii Fataah kana dura Weesti Baank bulchu gidduu gara garteen tureera.
Gama kaaniin Israa'el waraana guyyaa jahaa hordofuun bara 1967 irraa kaasee Baha Iyyerusaalem qabachuun, magaalaa Iyyerusaalem akka magaalaa guddoo isheetti labsattetti- hawaasa idil-addunyaa bal'aarraa garuu beekamtii hin arganne.
Filisxeemonni Iyyerusaalem gara fuulduraatti magaalaa guddoo godhanna jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi qaamoleen idil-addunyaa biroo Filisxeemota fi Israa'el giddutti nageenyi bu'uu kan danda'u furmata gartuuwwan lameen hammateeni jedhu.
Biyyi Filisxeem birmadummaa qabdu Israa'el cinaatti hundaa'uun karaa biyyoonni lamaan nageenyaan waliin jiraatan mijeessutu barbaachisa jedhu.
Haata'u malee, gara fulduraatti hedduu hin tarkaanfanne.
Seenaa dugduubee Filisxeem
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kutaan Baha Iyyerusaalem fi Israa’elillee lafa Filisxeem jedhamu bara bulchiinsa Roomaarraa kaasee hanga walakkeessa jaarraa 20ffaatti ture.
Bakki kun Kitaaba Qulqulluu keessatti biyya ykn impaayera Yihuudota akka taatetti eerame.
Yihuudonni hedduun akka biyyasaanii durii taatetti ilaalu. Biyyi amma Israa’el jedhamtu bara 1948tti hundoofte.
Warri Israa’el jiraachuu morman garuu ammayyuu akka qaama Filisxeem taatetti ibsu.
Filisxeemoonni Weest Baank, Baha Iyyerusaalem fi Gaazaa iddoo tokkotti Filisxeem jedhuun waamu. Weest Baank ammallee lafa Israa’el to’attudha.
Waraana bara 1948 Israa'el walabummaa labsite hordofee uumameen, Filisxeem Israa’el, Yordaanos fi Masrii gidduutti qoqqoodamte.
Filisxeemonni kuma dhibbaan lakkaa'aman yeroo waraanaa sanatti lafa dhalootasaanirraa baqatan ykn dirqisiifamanii buqqifaman.
Taate sana "Nakba" ykn " balaa hamaa" jedhanii waamu.
Gaaffiin ijoon namoota yeroo sana qe’eesaanirrra baqatanii fi dhaloonnisaanii gara qe’ee isaanii duraaniitti deebisuun dhimmoota falmisiisaa keessaa isa ijoodha.
Warraqsi Biyyaalessaa Filisxeem sududaan Weest Baankii fi Gaazaa gurmaa’a adeeme, akkasumas kaampii baqattootaa biyyoota Arabaa ollaa keessatti argaman keessatti deebi’ee gurmaa’e.
Yeroo sanatti Weest baanki Yordaanos jala turte, Gaazaan ammoo Masrii jala turte.
Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) waraana guyyoota jahaa bara 1967 yeroo muraasa dura garee gaaddisa tokko jalatti Filisxeemoota hoogganu ta’ee mul’ate.
Bara 1967'tti Israa’el West Baank, Gaazaa fi Baha Iyyerusaalem qabatte. Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem duula yeroo dheeraaf Israa’el irratti gaggeesse.
Dhaabbanni kuni hooggansa Yaasir Arafaat jalatti sududaan bakka bu’aa ummata Filisxeem ta’uun beekamtii idil-addunyaa kan argate, bara 1993'tti PLO’n Israa’el wajjiin waliigaltee Osloorra gahan ture.
Waliigalteewwan kun Abbaa Taayitaa Biyyaalessaa Filisxeem (PNA) akka Abbaa Taayitaa Filisxeemitti waamamu, kutaalee Gaazaa fi Weest Baankii hanga waliigalteen furmaanni wal dhabbichaaf argamutti akka gaggeessu waliigalame.
Kutaan Baha Iyyerusaalem waliigaltee kana keessatti hin hammatamne ture.
Abbaa Taayitaa Biyyaalessaa Filisxeem akka ejensii PLO'tti hojjeta ture. Ejensiin kun Pirezedantii kallattiin filatameen kan hoogganamu.
Israa’el Weest Baankii qabachuun hordofuun, qubsumaa ijaaru fi giddugaleessa sakatta’iinsa waraanaa ijaaruu ittifufte.
Haleellaan Filisxeemota raawwatamu waliigaltee xumuraarra akka hin gahamne taasise.

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2005 Israa’el loltoota ishee fi qubattoota ishee hunda Gaazaa keessaa baaste. Bara 2006 Gaazaatti gareen Islaamistoota Hamaas filannoo injifate.
Waggaa tokko booda Hamaas Gaazaa guutummaatti to’achuun lolaa guyyootaaf gaggeeffamen humnoota nageenyaa Abbaa Taayitaa Filisxeem (PA) baase.
Hamaas Gaazaa to’achuu hordofuun Israa’elii fi Masriin hidhattoota kanarratti uggura cimaa buusan.
Sadarkaa idil-addunyaatti Hamaas akka garee shororkeessaatti ilaalama.
Abbaan Taayitaa Filisxeem (PA) bara 2011 Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti "Biyya Filisxeem" jedhamuun beekamtii akka argatuuf carraaqaniiru.
Kunis deeggarsa gahaa argachuu hin dandeenye, garuu UNESCO’n - "Biyya Filisxeem" akka miseensaatti simateera.
Adoolessa bara 2012 Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Filisxeem gara "biyya taajjabduu miseensa dhaabbatichaa hin taaneetti" ol guddisuuf filannoo gaggeesse ture.
Tarkaanfiin kun falmii yaa'ii Waliigalaa dhaabaticharratti akka hirmaatan kan isaan dandeessisuu fi carraa dhaabbilee Biyyoota Gamtoomaniitti dabalamu kan fooyyessudha.
Bara 2017'tti Hamaas fi Faataan waliigaltee araaraa mallatteessan.
Akkaata waliigaltee sanaan Hamaas bulchiinsaa Gaazaa Abbaa Taayitaa -Fataan ol’aantummaa to’atuuf dabarsee kennuuf yaadame ture.
Haa ta’u malee, falmiin hidhannoo hiikkachuurratti uumame adeemsa araara sana danqe.
Bara 2022'tti bakka bu’oonni Faataa fi Hamaas dabalatee gareewwan Filisxeem 14 Aljeersitti waliigaltee araaraa haaraa mallatteessan.
Akkaata walligaltee kanaan xumura bara 2023tti filannoo pirezidaantii fi paarlaamaa akka gaggeeffamullee waliigalanii turan.
Hooggansa Filisxeem
Hoggansi siyaasaa Filisxeem garmalee kan addaan qoodame yoo ta'u, Paartii Fataah fi Hamaas giddutti addaan hirame.
Hidhattoonni Islaamistoota Hamaas Gaazaa bara 2006 irraa kaase yoo to'atu, Mohaammud Abbaas bara 2009 kaasuun dura ta'aa paartii Fataah ta'uun hojjataa jiru.
Filannoon seera baastootaa Caamsaa 2021 gaggeeffamuuf karoorfame ture gaggeeffamuuf ji'a tokko dura Pirezedant Abbaas yeroo biraatti dabarsan.
Qeeqxonni hoggansi Faataah malaammaltummaa fi gahumsa dhabuu, akkasumas abbaa irree ta’uu isaa dabalaa dhufe jechuun himatu.
Bara 2022 Faataah fi Hamaas dabalatee bakka bu’oonni gareewwan siyaasaa Filisxeem gara garaa 14 irraa Aljeers keessatti waliigaltee araaraa mallatteessanii turan.
Labsiin Aljeers erga mallatteeffamee waggaa tokko keessatti filannoo pirezedantii fi paarlaamaa akka gaggeeffamu waggaa tokko keessatti akka gaggeeffamu kan akeeku ture.

Madda suuraa, Getty Images
Dhimmoota ijoo Filisxeemii fi Israa''el wal dhabsiisu
- Baqattoonni Filisxeem akkam ta'u, qe’eesaanitti deebi’uuf dhiisuu
- Qubsumni Yihuudoota Weest Baankii keessatti ijaarame ni turamoo ni diigama.
- Israa’eli fi Filisxeem Yerusaalem waliin qooddatu moo hin qooddatan.
- Akkasumas - tarii hunda caalaa hibboo ta'uu danda'a jedhamee kan yaadamu biyyi Filisxeem Israa'el cinatti hundaa’u qabamoo hin qabu isaa jedhu.
Qubsuma ummataa Filisxeem
Lafti amma Filisxeem jedhamee waamamu ummata miliyoona 5.3 kan qabdu yoo ta’u, isaan keessa miliyoonni 2.17 Gaazaa keessa jiraatu, miliyoona 3.19 immoo Weest Baank keessa jiraatu.
Filisxeemonni miliyoona 5.9 ta’an ammoo biyyoota ollaa fi birootti baqatanii akka jiraatan ragaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Ejensiin Dhimma Baqattoota Filisxeem(UNRWRA) irraa argame ibsa.
Giddugaleessi bulchiinsaa Rahamalaa yoo taatu, Filisxeem Yerusaalem akka magaalaa guddootti ilaalu - ta’us beekamtii hin arganne.