Bu'aa fi yaaddoon lammileen alaa Itoophiyaatti qabeenya dhaabbataa akka horatan hayyamuu maali?

Madda suuraa, Adanech Abebie Facebook
Jalqaba Caamsaa 2025 Manni-maree Ministeerotaa Itoophiyaa wixinee seeraa lammileen biyya alaa qabeenya hin sochoone (dhaabbataa) biyyattii keessatti horachuu hayyamurratti mariyatee akka raggaasisuuf Mana-maree Bakka Bu'oota Ummataatiif dabarseera.
Manni-maree Ministirootaa seerri kun invastimantii alarraa hawwachuuf, misooma manneenii gatiin isaa madaalawaa ta'e babal'isuu, fedhiifi dhiyeessii gabaa keessa jiru madaalawaa gochuuf akkasumas carraawwan hojii uumuuf gargaara jedhe.
Ministirri Muummee Abiy Ahimad (Dr) Bitootessa 2025 keessa wayita abootii qabeenyaa gibira gurguddaa kaffalan magaalaa Finfinneetti walitti qabanii haasaa taasisanitti, "seera lammileen biyya alaa akka qabeenya horatan hayyamu baasuuf jirra," jedhan.
Itti dabaluun, seektara daldalaa jumlaafi qinxaaboo amma lammilee alarraa ta'an dhorkee Itoophiyaa qofaaf banaa ta'e banqaa gochuudhaaf seera jiru fooyyeessuudhaaf mootummaan isaanii hojjechaa jiraachuu dubbatan.
"[Dinagdeen] cufamaa ture, amma garuu suuta banaa gochaa deemna. Kanaaf, isinis akka of qopheessitan barbaadna," jedhan MM Abiy.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa Itoophiyaas oolmaasaa Kibxata kaleessaan wixinee labsii kana koreen dhaabbii dhimmoota Magaalaa, bu'uura misoomaafi geejibaa akkaa ilaalu qajeelcheera.
Labsiin kun bu'aan isaa maali? Yaaddoo fidee dhufu qabaa? Yaaddoo jiru akkamiin xiqqeessuun danda'ama?
BBCn Yunivarsiitii Finfinneerraa Qorataafi Barsiisaa Ogeessa Dinagdeefi Misooma Magaalaa Tashoomee Tafarraa (PhD) dubbiseera.
Barbaachisummaa labsichaa

Madda suuraa, Getty Images
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sektara kana ilaalchisee bara 2024 keessa labsiin adeemsa duraan ture jijjiire bahee ture. Maqaan labsii kanaa Real Estate Development, Property Marketing and Valuation Proclamation ykn Afaan Oromootiin 'Labsii Misooma Manneeen, Gurgurtaafi Tilmaama Gatii jedhama, jedhu Dr. Tashoomeen.
"Labsiin1354/2024 kun labsii guddaafi kan eegamaa turedha, sababiin isaas sektarri misooma manneenii sektara labsiidhaan hin hoogganamne ture wagga baayyeedhaaf. Kun ammoo waggoota baayyeedhaaf qisaasamaafi malaammaltummaadhaaf balbala kan banedha."
Akka hayyuun kun jedhanitti, sababa kanaan ammoo namoonni baayyee kasaaraa keessa galaa akka turaniifi sekterochis sektara seera hin qabne ta'ee tureera yeroo dheeraatiif.
Labsiin bara 2024 keessa bahe kun dhorkaa lammilee alaarra baroota dheeraaf ture kaasuun qabeenya dhaabbataa ["immovable propert"] horachuu akka isaan dandeessisu kan himan Dr. Tashoomeen, investeroota biyya alaa hawwachuuf ni gargaara jedhamee abdatameera jedhu.
Kanaan dura Itoophiyaa keessatti daldalawwan qinxaaboo, jumlaafi misoomni manneenii lammileema Itoophiyaatiin hojjetama malee warra alaatiif banaa hin turre.
Bara darberraa kaasee garuu daldalas ta'e misoomni manneenii labsii kanaan lammilee alaatiif hayyamamuu kaasu.
Amma labsii kana hojiitti hiikuuf Manni-maree Ministeerotaa irratti mariyatee dabarseera. Haala qabatamaa Itoophiyaan amma keessa jirtuun yaaddoofi bu'aa akkamii qaba?
Bu'aafi yaaddoo labsichaa
Bu'aa baayyee inni qabu keessaa tokko invastimentii alaa gara biyya keessaa dhufu akka dabalu taasisuu isaati akka hayyuun Yunivarsiitii Finfinnee kun ibsanitti.
Lammaffaarratti ammoo investeroota gurguddoo gahumsaafi ballinaan misoomsuu danda'an waan dhufaniif dhiyeessiin manneeniin, keessumaa magaalota gurguddoo akka Finfinnee keessatti akka dabalu taasisa jedhu Dr. Tashoomeen.
Kanaan dura sektara kana keessa investaroota muraasa ta'aniifi xixiqqaa turanitu socho'aa turuu kan kaasan barsiisaan kun, kun ta'uun ammoo dhiyeessiin manneenii fedhii jiru qaqqabuu dhabuurra darbee bifa gatii madaalawaafi dorgomaa ta'een hin turre jedhu.
Maallaqa guddaa fidanii waan dhufaniif al takkaatti mana kumaatamaan ijaaranii dhiyeessuu ni danda'u.
Investaroonni gurguddoo humna guddaa qaban alarraa yeroo dhufanitti dolaara waan fidanii waan dhufaniifis, shara alaarratti dhiibbaa bu'a qabeessa ta'e ni qabaata.
Kara biraan ammoo ijaarsi babal'achaa deemuun ammoo carraa hojii uumaa deemuus dubbata hayyuun kun.
Investaroonni biyya keessaa humni isaanii xiqqaa ta'e warra humna guddaa qaban alarraa dhufan waliin dorgomuu hin dandeenyeef hangam yaaddoodha jechuun kan gaafataman qorataafi barsiisaan Dinagdee magaalaa kun akkasiin ibsan.
Faayidaa qaba jechuun garuu yaaddoo hin qabu jechuu miti. Erga waggaa tokkootii as, keessumaa erga labsiin kun qophaa'ee yaaddoon gurguddaa jiraachuu malus dubbatamaa tureera; namoonnis yaaddoo labsicha waliin wal qabatee dhufuu malu kaasaa turaniiru.
"Fakkeenyaaf, sektarichi yoo investaroota gurguddoo biya alaatiif baname, investaroonni xixiqqaa jalaa guddachaa jiran ni ukkaamamna [safocated] taana jedhanii quqummaadaa jiru.
Sababiin isaa investaroonni gurguddoo yoo galan, manneen jireenyaa gatii gadi bu'aatiin dhiyeessuu danda'u, tekinooloojii ammayyaafi gaggaarii warri biyya keessaa ittiin dorgomuu hin dandeenye fidanii waan dhufaniif gabaa ala isaan gochuu danda'a."
Walumaa galatti investaroonni alaa dhiyeessii manneen jireenyaa foyyeessuun, akkasumas tekinooloojii ijaarsaa amayyaa fiduun gatii foyyaa'aatiin akka argatamu gochuun bu'aa gaarii buusuu danda'u; haata'u malee investaroota biyya keessaa humna xiqqaa qabaniifi tekinooloojii ijaarsaa boodatti hafaarratti hindaa'an gabaa keessaa baasuu akka danda'amu yaaddoodha.
Yaaddoon biraa jiraachuu danda'u kaappitaalli biyyatti gara alaatti akka bahu gochuu mala jedhu Dr. Tashoomeen.
Investaroonni alaa dhufan yoo manneen gurguran bu'aa argatu. Birriidhaan gurguranii bu'aa yoo argatan ammoo akkuma investimantii kaanii dolaaraan gara biyyasaaniitti deebifatu.
Gurgurtaa manaarraa bu'aa birriin argatan gara dolaaraatti jijjiiratanii yoo biyyasaaniitti ergatan [Capital leakage] uuma jechuudha.
Yaaddoo Capital Leakage ykn kaappitaalli biyyattii alatti deebiyuu kana xiqqeessuudhaaf ammoo wanti gaariin Labsii Misooma Manneeen, Gurgurtaafi Tilmaama Gatii 13/2024 irratti wanti dhiyaate jira jedhu Dr. Tashoomeen.
Investaroonni alaa misooma manneeniirratti hirmaatan bu'aa argatanirraa %20 yoo biyyuma keessatti invast godhan faayidaan isaan jajjabeessu (incetives) ni dhiyaataaf.
Akka tarkaanfiin labsicha keessatti dhiyaatetti, investaroonni hanguma bu'aa argatanirraa osoo gara biyya alaatti hin baasiin deebiyanii misoomsan, bu'aa gara garaa akka argatan waan godhuuf qaawwa kaappitaalli biyaa baqachuu sana dhiphisuu mala jedhu.
Harka-qalleeyyii magaalaa kanana buqqa'uu ykn dhiibamuu malaniifis labsiin kun yaaddoo fudee dhufu qabaachuun waan hin oolle ta'uu kan dubbatan Dr. Tashoomeen, kanaafis labsichumti deebii qaawwa kana ittiin duuchan of keessaa qaba jedhu.
Investaroonni alaa dhufan kunneen faayidaalee akka dhiyeessii lafaa mootummaarra yeroo argatan bakka isaa deebisanii bu'aa argatanirraa kan kennan qabu. Kun 'Sagantaa 70/30' jedhudha. Investaroonni bu'aa argamerraa harka 70 yoo fudhatan, harka 30 ammoo mootummaatu fuudhee warra harka qalleeyyii kana ittiin doggoma.
Sagantichi hangam qabatamaan hojiitti hiikama inni jedhu akkuma jirutti ta'ee, kan akka falaatti lafa taa'eru garuu jira jedhu.
Walumaa galatti tarkaanfii amma mootummaan dinagdee biyyattii waggoota dheeraatiifi cufamee ture banuun kun yaaddoos fiduu danda'a, garuu bu'aa baayyee waan qabuuf yaaddoo dhufuu malu jala jalaan hordofuun tarkaanfii fudhachaa deemuu feesisa jedhu.
"Biyyoonni hundumtuu balbala isaanii banataniiru. Investimantii biyya alaatiif balbala isaanii cufatanii kan turan addunyaarratti biyyoota muraasa. ...waan hin oolle waan ta'eef dafanii seera ofii sirreeffatanii dinagdee biyya keessaa akka gargaaru gochuun gahee mootummaarraa eegamudha.
Yeroo balballi dinagdee addunyaaf banamu namoota biyya keessaafi dinagdee akka hin miineef hordoffii cimaa gochuu qaba. Yoo rakkoon cimaa mudate yerosuma seera baasee, yoo ammoo rakkoo hojiirra oolmaa ta'es yeroo yeroodhaan sirreessaa deemuu barbaachisa.
Ulaa investaroota biyya alaatiif banuun waan hin ooledha; waan hin oolle taanan ammoo dafanii bananii gabaa harkifachuun gaarii natti fakkaata."