Hamaas karoora dhukaasa dhaabuu haaraa US akka hin fudhanne hime

Madda suuraa, Reuters
Qondaalli olaanaa Hamaas karoora dhukaasa dhaabuufi namoota butaman gadhiisuu US dhiyeessite hin fudhadhu jedhe.
Kamisa kaleessaa Waayit Haawus, karoora ergamaa Ameerikaa Istiiv Wiitkoofiif Israa’el ‘mirkana’ kenniteetti Hamaas irraa deebii eegaa jirra jedhe.
Miidiyaan Israa’el qondaalota biyyattii eeruun Hamaas namoota butamanii lubbuun jiran 10 fi kanneen lubbuun darbe 18 marroo lamaan dhukaasa dhaabuu guyyaa 60’n akka dabarfaman akkasumas lammiileen Filisxeem mana hidhaa Israa’el keessa jiran akka gadhiifaman jedha karoorichi.
Qondaalli Hamaas karoorri dhiyaate gaaffii bu’uuraa waraana dhaabuu hin dabalatu jedhe.
Dhimma kanarratti mootummaan Israa’el deebii hin kennine, haatahu malee Ministira Mummee Beenjaamiin Netaaniyaahuu maatii namoota butamaniitti karoora Ameerikaa akka fudhatu itti hime.
Israa’el Gaazaatti deeggarsi akka hin galle ugguruun Bitootessa 18 irraa qabee haleellaa raawwachuu haaraa eegalteetti, kunis mariin dhukaasa dhaabuu jaarsummaa US, Kataariifi Masriin taasifamu milkaa’ina dhabuun booda.
Israa’el namoota Hamaasiin butaman 58 kanneen 20 tahan akka lubbuun jiran amanaman akka gadhiifaman dhiibbaa gochuuf haleellaa raawwachuu jalqabuu himte.
Gaafa Caamsaa 19 haleellaa bal’aa taasifameen Netaaniyaahuun loltoonni ‘’naannolee Gaazaa mara to’atu,’’ jedhe.
Guyyaa itti aanu beelli akka hin uumamneef Israa’el uggura hamma tahe kaasuun nyaatni ‘’bu’uuraa’’ gara Gaazaa akka galu eeyyamti jedhan.
Torban 10 darban keessatti Gaazaa keessatti namoonni 4,000 ajjeefamuu ministeerri fayyaa Hamaasiin hogganamu himeera.
Akka UN jedhutti oppireeshinii lafoofi namoonni achi akka bahan ajajuun qofa namoonni 600,000 tahan buqqa’aniiru. Kanneen 500,000 tahan ammoo beela hamaatu isaan mudata.