window.__reverb = {}; window.__reverb.__reverbLoadedPromise = new Promise((resolve, reject) => { window.__reverb.__resolveReverbLoaded = resolve; window.__reverb.__rejectReverbLoaded = reject; }); window.__reverb.__reverbTimeout = setTimeout(() => { window.__reverb.__rejectReverbLoaded(); }, 5000);

Raashiyaan haleellaa qilleensarraa yeroo kamirrayyu guddaa ta’e Yukireen irratti bante

Raashiyaan lakkoofsi dirooniifi misaa’elii yeroo kamiyyu caalaa baayyee ta’een Yukireen irratti haleellaa babal’istee itti fufte. Daa’imman sadii dabaltee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamanii kan biro baayyeen madaa’uu aanga’oonni Yukireen himan.

Guduunfaa

  • Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte
  • Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan
  • Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte
  • Israa'el uggura guyyaa 10 kaasuun Gaazaaf nyaati akka seenu eeyyamte
  • Israa'el naannoowwan Gaazaa 'qabachuu fi to'achuuf' haleellaa cimaa eegalte
  • Tamsaasa kallattii kanaan dura ture

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Raashiyaan haleellaa qilleensaa hanga ammaatti balaafamaa ta'e Yukireen irratti raawwatte

    Gamoon mana jireenyaa fakkaatu haleellaa diroonii Raashiyaatiin barbadaa'e

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaan qilleensarraan Yukireen haleeluu cimsitee itti fufteetti. Halkan tokkotti haleellaa diroonii fi misaa'elaa hanga ammaatti lakkoofsaan hedduu ta'e raawwatteetti.

    Haleellaa kanaan daa'imman sadi dabalatee yoo xiqqaate namoonni 12 ajjeefamaniiru, hedduun madaa'aniiru jedhan aanga'oonni Yukireen.

    Haleellaan Sambata halkan raawwatame kun wayita Raashiyaan marii dhukaasa dhaabuu diddee jirtutti mudate.

    Pirezidantiin Yukireen Voloodmiir Zeleniskii ''Raashiyaan waraanni kun akka cimee itti fufu gochuun guyyuu lammiilee nagaa hedduu ajjeesuu itti fufteetti,'' jedhan.

    Yukireen ammas michuuwwan ishee lixaa Raashiyaarratti dhiibbaa akka cimsan gaafachuu gaafatteetti.

    ''Yoo Raashiyaarra dhiibbaa cimaan hin kaa'amne, gochi hamaan kun dhaabbachuu hin danda'u,'' jedhan Zeleniskiin.

    ''Callisuun Ameerikaa gocha Putiin jajjabeessuudha,'' kan jedhan Zeleniskiin, Pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kan aanga'oonni Raashiyaa mariif qophiidha jechaa turanirrattis dhiibbaa heddummaachuu akka qabu dhaaman.

  2. Balaa xiyyaaraa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa waliin walqabatee Boeing akka hin himatamne Biiroo Haqaa US waliin waliigalan

    Boeing

    Madda suuraa, Reuters

    Boeing balaa xiyyaaraa daandiiwwan Qilleeensaa Itoophiyaa fi Indoneeshiyaa lama 737 Max 8 mudatee ture waliin wal qabsiisee mootummaa Ameerikaa waliin waliigaltee himatamuu dhabuu taasisuuf akka jiru Biiroon Haqaa Ameerikaa beeksise.

    Akka waliigaltee kanaatti himannaa yakka waliin dhahuu irratti dhiyaatu Boeing irraa ka'a jechuudha.

    Boeing qorannoo Abbootiin Taayitaa Aveeshiniin Federaalaa isarratti taasisan danquu isaa amanee balleessaa isaa kanaf dolaara biliyoona 1.1 kaffaluudhaaf waliigaleera.

    Balaa xiyyaaraa kufee caccabuu lama bara 2018 fi 2019 mudateen lubbuun namoota 346 darbeera.

    Mootummaan maatii namoota lubbuun darbee dubbisuu ibsee, baayyeen isaanii deeggarsa qaban kennaniiru ykn waliigaltee kanarratti mormii qaban hin dhiyeessine

    Haata'u malee, maatiiwwan namoota lubbuun darbee hangi ta'e dhimmicharratti mootummaa cimsanii qeeqaniiru.

  3. Aktiivistiin lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaa keessatti gudeedamuu himatte

    Aktiiviitiis lammii Yugaandaa mana hidhaa Taanzaaniyaatti gudeedamuu himatte

    Madda suuraa, AFP/Getty Images

    Aktiivistiin lammii Yugaandaa Taanzaaniyaa keessatti to'atamuun guyyootaaf mana hidhaa keessa erga tursiifamteenn boodarra daangaa biyyoota lamaaniirratti argamte tokko, wayita mana hidhaa keessa yurte gudeedamtee akka turte BBCtti himte.

    Gareen mirgasheef falmu, '' dararaan irratti raawwatamuu agarsiiftuun jira' jechuun ibsan.

    Agaazer Atuhaarii namoonni uffata idilee uffatan "ija ishee aguuguudhaan", reebamuu, ''humnaan'' uffata irraa baasanii miidhaa saalaa narratti raawwachuu himatteetti.

    Atuhaare Taanzaaniyaa keessatti aktivistii lammii Keeniyaa Bonifees Miwaangii kan Kamisa darbe daangaa bakka dhalootaasaa waliin wal daangeessuurratti argamuutti hidhamee ture waliin to'atamte.

    Aanga'oonni Taanzaaniyaa dhimma kanarratti yaada hin kennine.

    ''Dhukkubbiin sun garmalee cimaa ture,'' jechuun Atuhareen madaa harkashee hidhameeni jette BBCtti agarsiifte.

    Itti dabaluun, ''baay'ee iyyaa sababiin tureef'' waan ta'een afaan ishee akka ukkaamsan dubbatteetti. Shamarreen kun miidhaa guddeeddii narra gahee jira jettu gadi fageenyaan BBC'tti himteetti.

    Akkasumas, Miwaangii yeroo iyyaa ture dhaguu kaasuun, warri isa to'atan qaama saalaa isaarraa muruuf akka isa doorsisan dubbatteetti.

    Jarri lamaan kunneen hogganaa mormituu Tunduu Liisuu waliin tumsa agarsiisuuf ture kan gara Taanzaaniyaatti imalan yoo ta'u, innis erga gantummaatiin himatamee booda Wiixata darbe mana murtiitti dhiyeeffame.

    Miwangii miidhaa isarratti raawwatameera jedhame toora X irratti barreesseen: "Dararfamaa turre, qullaa dhaabannee akka dhiqannu nutti himame. Yoo miillaan deemuu hin dandeenye ammoo akka saffiisaan dhiigaan dhiqannu nutti himame."

    Miwaangiifi Atuhheer gara biyyaatti akka seenan hayyamamufis, dhaddacha irratti akka argaman osoo hin hayyamamniif to'annoo jala oolan.

    Gaafa Wiixataa pirezidantin Taanzaaniyaa, Saamiyaa Suluhu Hasaan, aktiivistoonni biyyoota ollaa dhimma biyyashee keessa "seenuun jeequmsa'' akka hin uumne akeekkachiisaniiru.

  4. ASHAMAA! Tamsaasa kallattii jalqabneerra.

    Akkam jirtu hodoftoota BBC Afaan Oromoo? Odeeffannoo kallattiin isiniif dhiyeessinu jalqabneerra..

    Nu horodfaa!

  5. Akka Tiraamp jedhu Afrikaa Kibbaatti warra adiirratti dhuguma "duguuggan sanyii" raawwateeraa?

    Dhugaa duguggaan sanyii adii Afriikaa Kibbaarra gaheerraa?

    Istaatistiksii yakka Afriikaa Kibbaa yeroo dhiyootti bahe, himannaan duguuggaan sanyii namoota adii irratti raawwatamaa jira jechuun dhiyaate kan kuffiisuu ta'uu ministirri poolisii biyyattii beeksisan.

    Himannaan bal'inaan fashaleeffame kanas pirezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp Roobii darbe, gita isaanii Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa waliin walgahii addaa taasisan irratti cimsanii dubbatan.

    Traamp Raamaafoosaadhaan, qonnaan bultoonni adiin Afrikaa Kibbaatti ajjeefamaa fi ''ari'atamaa jiru'' jechuun dubbatan.

    Guyyaa Jimaata darbe ammoo, Ministirri Poolisii Afrikaa Kibbaa Senzoo Mchunuu, baatii Amajjii hanga Bitooteessaa gidduutti namoota qonna irratti ajjeefaman jaha keessaa shan gurraacha yoo ta'u, tokko ammoo adiidha jedhan. Dhugaa duguggaan sanyii lammiilee adii Afriikaa Kibbaa irra gaheerraa? Kunooti dubbiifadhaa.

  6. Haleellaa Israa'el raawwatteen doktara Gaazaa tokko jalaa ijoolleen sagal ajjeefaman

    Hakimii tokko jalaa ijoolleen sagal ajjeeffaman

    Madda suuraa, Getty Images

    Haleellaan qilleensarraa Israa'el Gaazaa irratti raawwatte erga mana doktora tokkoo rukutee booda ijoollee ishee 10 keessaa sagal ajjeesuu hospitaalli isheen magaalaa Kaan Yuunis keessa hojjettu hime.

    Hospitaalli Naasar akka jedhetti, ijoollee Dr Alaa al-Najjaar keessaa tokkoo fi abbaan warraashee miidhaan irra gahuu garuu lubbuun hafaniiru.

    Ogeessi baqaqsanii hodhuu Biriteen hospitaalicha keessatti hojjetu, Giraa'eme Giroom mucaa ishee ganna 11 lubbuun hafe yaalii baqaqsanii hodhuu taasisuuf dubbatte jirti.

    Viidiyoon daayreektarri ministeera fayyaa Hamaasiin geggeeffamu qoodee fi BBCn mirkaneesse akka agarsiisutti, Jimaata kaleessaa magaalaa Kaan Yuunis keessatti haleellaa gaggeeffame keessa reeffa xixiqqoo gubate wayita kaafamu mul'ata.

    BBC'n waraanni Israa'el taatee kanarratti yaada akka kennuuf gaafateera.

    Haleellaa qilleensaa Israa'el Jimaata kaleessaa raawwateen namoonni 70 ol kan ajjeefaman yoo ta'u, hanga ammaatti Sambata kana ammoo yoo xiqqaate namoonni 6 kan biroo ajjeefamaniiru jechuun dhaabbanni ittisa siiviilii Hamaasiin geggeeffamu AFP'tti himeera.

    Daarektarri ministeera fayyaa, Dr Muneer Alboursh fuula X irratti akka jedhanitti, abbaan warraa Dr al-Najjaar Haamdiin haadha warraasaa gara hojiitti konkolaataa geessee gara manaatti erga deebi'ee daqiiqaa muraasaan booda manni maatii kun kan haleelame.

    Dr Albuursh akka jedhaniitti mucaan angafaa Dr al-Naajaarii waggaa 12 turte.

    Mr Groomiin, abbaan ijoollee kanaa ''baay'ee miidhameera'' jechuun, viidiyoo ogeessa baqaqsanii hodhuu Biriteen kan biraa hospitaala Naasar keessa hojjetu, Viktooriyaa Rooz akkaawuntii inistaagiraamii irratti maxxanfameen.

    Waa'ee abbaa kanaa kan hospitaalicha keessattis doktora ta'e gaafachuun, innis ''walitti dhufeenya siyaasaa fi waraanaa akka hin qabnee akkasumas miidiyaa hawaasaa irrattis beekamaa waan ta'e hin fakkaatu'' jedhamuun akka itti himame dubbateera.

    Kunis Dr al-Najaariif haala "hin yaadamne" jechuun ibseera.

  7. Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti haleellaa qilleensaa cimaa raawwatte

    Raashiyaan magaalaa guddoo Yukireen irratti haleellaa raawwatte

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa guddaa misaa'elaa fi dirooniin Raashiyaan Kiiv irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 14 madaa'uu aanga'oonni magaalattii himan.

    Raashiyaan haleellaa diroonii 250 fi misaa'ela balistikii 14 Kiiv irratti furguggisteen gamoowwan mana jireenyaatti ibiddi qabachuu, humni qilleensaa Yukireen beeksiseera.

    Kunis erga waraanni kun jalqabee as haleellaa qilleensaa wal makame magaalattii irratti raawwatame keessaa isa tokkodha jedhameera. Humni qilleensa Yukireenis misaa'ela jahaa fi diroonii 245 kuffisuu ibseera.

    "Tokko tokkoo haleellaa akkasii kanaatiin, sababni waraana dheeressuu Moskoo bira akka jiru addnuyaaf caalaatti mirkanaa'aa ta'a," jechuun Pirezidaantiin Yukireen Volodymiir Zeleniskiin X irratti dubbatan.

    Taateen kun kan uumame erga Raashiyaa fi Yukireen marii qondaaltota biyyoota lamaaniin Tarkii keessatti taasifameen, waliigaltee hidhamtoota waraanaa jijjiirrauu irratti hirmaatan sa'aatii muraasa booda kan dhufeedha.

    Zeleniskiin ''halkan rakkisaa'' ta'e jechuun ibsuun, guutuu Kiiv keessatti dhukaasa ykn cacabaa dhukaasaatiin ibiddaa fi dhohinsi ka'uun manneen, suuqiiwwan daldalaa fi konkolaattonni miidhamaniiru jedhan.

    Jiraattuu giddugala Kiiviin kan taateefi umuriin ganna 64 kan taate Olhaa Chyrukha, dhaabbata oduu Rooyitarsiitti akka himtetti: "Namootaafi ijoollee hiyyeeyyii irratti haala akkanaatiin boombii darbachuurra osoo dhukaasa dhaabuurratti waliigalanii natti tola. Intalli ilma koo kan ganna sadii sodaatte iyyaa turte."

    Zeleniskiin akka jedhanitti, ''qoqqobbii dabalataa dameelee dinagdee Raashiyaa ijoo irratti xiyyeeffate qofatu Moskoon dhukaasa dhaabuuf akka waliigaltu dirqisiisuu danda'a.

    Torban darbe Raashiyaan Yukireen haleellaa Moskoorratti raawwatame dabalatee diroonii dhoo'an dhibbaan lakkaa'aman biyyattii irratti furguggiftee akka turte ibsiteetti.

    Ministeerri Ittisa Raashiyaa akka beeksisetti, dirooniiwwan 485 kuffifamaniiru jechuun ibsanii ture.

  8. Al Hilaal Fernaandeez fudhachuuf paawundii miliyeena 100 dhiyeessuufi oduu jijjiirraa taphatattootaa biroo

    Jijjirraa taphatootaa torbana kanaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Kilabni Saawudii Arabiyaa Al Hilal taphataa gameessa Maanchistar Yunaayitid kan ta'e, Buruunoo Fernaandeez fudhachuuf paawundii miliyeena 100 dhiyeessun dhagahame.

    Al-Hilaal taphataa lammii Porchugaal ta'e, Fernaandeez Yunaayitid irraa bituufi oduun jedhu kan dhagahame, Yunaayitid waancaa Liigii Awurooppaa irratti Tootinhaamin erga mo'amee boodadha.

    Buruunoon torbee tokko keessatti Yunaayitid keessa turuufi dhiisuu akka murteessu yeroon kennameef kan jedhutu dhagahame.

    Akkuma odeeffamu Paawundii miliyeena 100n gara Al-Hilaal kan imalu yoo ta'e, torbanitti mindaansaa paawundii miliyeena 65 murameefii jira.

    Kilabni Jarman Baayirmuunikis taphataa ganna 30 kan ta'e Buruunuu Fernaandeez akka barbaadutu odeeffamaa jira. Odeessa ispoortii kanarratti dabalata dubbiifachuuf asiin galaa.

  9. Suuraaleen saatalaayitii haaraan doonii waraanaa Kooriyaa Kaabaa miidhamte agarsiisan

    Dursaan biyyattii balaa kanaan 'gochaa yakkaa'' jechuun ibsaniiru

    Madda suuraa, Maxar

    Suuraaleen saatalaayitii balaa buufata doonii Kooriyaa Kaabaa keessatti doonii waraanaa haraa mudatee, bakka hogganaan mootummaa icciitiin guutame Kiim Joong Un argamanitti, yeroo jalqabaatiif agarsiisan.

    Suuraan kun dooniin waraanaa kun cinaacha isheettti ciilaanfattee ciisuun, haguuggii (tarpaulin) gurguddaa bifa cuquuliisaa qabuun uwwiifamee agarsiisa. Gartookkeen doonichaa kan lafarra jiru fakkaata.

    Balaa, hogganaan biyyattii Kiim ''gocha yakkaatii'' jechuun ibsan kana irrattis qondaaloonni biyyatti qorannoo gaggeefamuu jalqabamuu isee miidiyaaleen mootummaa gabaasa isaa Jimaata kaleessaatiin.

    Gabaasni kamiiyyuu sababa balaa Kamisa darbe magaalaa buufata doonii bahaa Chongjin keessatti mudate kanaatiin badii lubbuu namaa fi miidhaan qaqqabe hin eeramne.

    Dhaabbanni oduu mootummaa Kooriyaa Kaabaa, KCNA gabaasa Jimaata darbe baaseen, miidhaa qaqqabee gadi xiqqeessuudhaan, ''hamaa miti'' jechuun, faallaa gabaasaalee jalqabaatiin, jala doonii kanaa qaawwii akka hin jirre ibseera.

    "Qaamni gartokkee dooniitti waan urateef, bishaan galaanaa hammi murtaa'e karaa baraarsaatii gara kutaa duubaatti yaa'ee seene," jechuun KCNA gabaasee ture.

    Hogganaan doonii waraanaa kanaa, Hoong Kiil Hoo, qaamolee seera raawwachiisaniin waamamuu barameera.

    Gartookkee miidhaan irra gahe sana deebisanii suphuuf naannoo guyyoota 10 akka fudhatu KCNA ibseera.

    Kiim Kamisa darbe akka jedhanitti, balaan kun kan uumame ''guutummaan of eeggannoo dhabuu, itti gaafatamummaa dhabuu fi impeeriyaaliziimii saayinsaawaa hin taaneen'' ta'uu ibsaniiru.

    Itti dabaluudhaanis, warri ''dogongora itti gaafatamummaa hin qabne'' hojjetaniis walgahii guutuu ji'a dhufu irratti dhiimmisaanii akka ilaalaman himaniiru.

    Adabbiin akkamii isaan mudachuu akka danda'u ammatti ifa miti, haata'u malee garuu mootummaan abbaa irree kun galmee sarbama mirga namoomaa sukkaneessaa qaba.

    Kanaan dura yeroo muraasaaf waan akkasii kan goote ta'us, Kooriyaan Kaabaa biratti balaa biyya keessaa ifatti ibsuun waan baratame miti.

  10. Deeggarsi idil-addunyaa Israa'eliif taasifamu xiqqachaa jiraa?

    Nama taankii gubba dhaabbatee jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Haleellaa Hamaas irratti raawwateef deebii kennuuf Israa'el Onkoloolessa 7, 2023 Gaazaatti waraana bante. Waraana gaggeessitu kana keessatti ammoo Israa'el meeshaa waraanaa baayyeen isaa Ameerikaan dhiyeessituuf ykn deeggarsa maallaqaa Ameerikaatiin.

    Michoonn Israa'el biyyoota lixaa biroos meeshaalee waraan ni dhiyeessuuf. Kanaaf, waraana kana keessatti deeggarsi kun Israa'eliif deeggarsa hamilee jabaafi mallattoo waliin dhaabbachuu ta'uun ishee gargaareera.

    Deeggarsi Israa'eliif michootashee biyyoota Lixaarraa kennamuf kun dheekkamsa ajjeechaa lammilee nagaa 1,200 baayyeen isaanii Israa'el ta'anirratti Hamaas yeroo haleellaa raawwate mudate hordofeeti.

    Amma garuu deeggarsi hamilee Israa'eliif michootashee biyyoota Lixaarraa taasifamuuf waan xiqqaachaa dhufe fakkaata; keessumaa kan Firaans, Biriteen fi Kanaadaa irraa dhufuuf laaffataa jira.

    Biyyoonni kunneen sadan tooftaa Israa'el fayyadamuun Gaazaa keessati waraana gaggeessaa jirtu cimsanii balaaleffataniiru.

    Ofii Israa'eel deeggarsa biyyootaa biraa dhabaa jirtii laataa? Asiin dubbiifadhaa.

  11. Boyiing balaa mudateef waliigaltee Ministeera Haqaa Ameerikaa keessatti himatamuu keessaa of baasuuf

    Xiyyaara Boyiing

    Madda suuraa, Reuters

    Boyiing balaa xiyyaara Max 737 lamaa fi kan lummuun namoota dhibbaan lakkaa'aman galaafateetiif waliigaltee abbaa alangaa hin taane seenuuf akka jiru Ministeerri Haqaa Ameerikaa beeksise.

    Akka qaama waliigaltee kanaatti, Boyiing dhaddacha himannaa waliin dhahuu dhufaa kan silaa dhaabbanni aviyeeshinii fi kontiraaktarri ittisaa Ameerikaa yakkamadha jedhamee waamamuu danda'u jala bahuudhaaf.

    Waliigalteen kun dhaabbatichi qondaaltota aviyeeshinii federaalaa gufachiisuusaa amanuu fi adabbii doolaara biiliyoona 1.1 kaffaluu kan dabalatudha.

    Balaan xiyyaara Boyiing lama, bara 2018 fi 2019tti qaqabee turen lubbuun namoota 346 darbeera.

    Mootummaan maatii balaa kanaatiin miidhaman waliin mari'achuu isaa ibsuun, hedduunsaanii waliigaltee kana akka deeggaran ykn akka hin mormine hime.

    Maatiin tokko tokko garuu waliigalteen akkasii akka raawwatamu isaatti abdii isaaniitti aarii guddaa qabaachuu ibsaniiru.

    Boyiing Jimaata galgala dhimmicharratti yaada tokkollee akka hin qabne BBCtti himeera. Ministeerri Haqaa Ameerikaa yaada hin kennine.

    Ministeerri Haqaa Jimaata darbe galmee mana murtii dhiheesseen, Boyiing qorannoo Bulchiinsa Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa (FAA) gaggeeffamu ''gufachiisuu fi akka gufatuuf shira xaxuu'' akka amanee fi silaa adabbii doolaara biiliyoona 1.1 ol akka kaffalu ibseera.

    Akkasumas Boyiing sagantaa farra hannaa kabajuu fi naamusa isaa irrattis fooyya'iinsa gochuu itti fufuu qaba.

    Moodeelonni 'Boeing 737 Max' bara 2019 balaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa mudateen booda gara waggaa lamaatiif addunyaa irratti balaliinsaan lafa taasifamee ture.

    Namoonni xiyyaara sana keessa turan 157 hundisaanituu balaa sanaan du'aniiru.

    Taatee sanaan baatii shanii duras, xiyyaarri '737 Max' kan abbummaasnaa Laayoon Eerii ta'e, Indooneezhiyaa Jaakaartaa irraa erga ka'ee yeroo muraasaan booda galaana Jaavaatti kufe. Balaa sanaanis namoonni 189 xiyyaaricha keessa turan lubbusaanii dhabaniiru.

    Balaawwan lamaanu dogongora sirna to'annoo balalii xiyyaarichi qabuun wal kan qabatu ta'unsaa adda baafamee ture.

  12. Ofii imala hawaatiif maal haaldureewwan fa'itu barbaachisaa?

    Xiyyaarri hawaa yeroo furgugfamtu

    Madda suuraa, Getty Images

    Dr Solomoon Gurmuu Beekaa Yuunvarsiitii Niwslaandi Otaagoo jedhamu irraa digrii sadaffaa (PhD) isaanii damee barnootaa 'Aerospace medicine' jedhamuun xumuran.

    Qorataan kunis namni tokko gara hawwaa imaluun dura adeemsa hedduu keessa darbuu akka qabuufi nama imaluu barbaade kamiifiyyuu akkasumaan akka hin eeyyamamne dubbatu.

    Imalichaan dura qorannoo fi leenjii gahaan dursee kennamuufi qaba jedhu.

    Kana malees namni tokko gara hawaatti imaluun dura qorannoon fayyaa irra deddeebiin godhamuun fayya-buleessa tahuu mirkanaa'uusaa mirkannaa'u akka qabu kaasu.

    ''Goost nyaataa namoota gara hawaa imalaniif addatti kennamaniif jiraachuu malu'' malu. jedhu

    Shaakala qaamaa dabalatee sochii akkamii akka achi keessatti taasifamu, uffatuma ittiin deeman iyyuu akkamiin akka fayyadaman dabalatee leenjiin gahaan kennamuu qabaata Dr Solomoon.

  13. Israa'el 'sunaamiin' dippilomaasii yeroo mudatutti, Tiraamp garuu callisaniiru

    Nama jijjigaa gamoo keessa taa'ee jiru

    Madda suuraa, Reuters

    Mata dureen torban kana gaazexaa guyyuu Israa'el liberaal Ha'aretz jedhamu irratti ba'e tokko: "Sunaamiin dippilomaasii dhiyaachaa jira," jechuun, "Awurooppaan 'maraatummaa guutuu' Israa'el Gaazaa keessatti raawwataa jirturratti tarkaanfii fudhachuu jalqabeera" jechuun barreesse.

    Haleellaan dippilomaasii torban kanaa bifa hedduu kan qabu yoo ta'u, hundi isaanii kan tilmaamaman hin turre.

    Gochaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwattuuf idil-addunyaa waliin balaaleffachuu irraa eegalee, hanga ajjeechaa rifachiisaa dargaggoota hojjettoota imbaasii Israa'el lama Waashingitanitti raawwatameetti, kun hundi salphaadhumatti, mootummaa Yihudootaaf torban cimaa ta'ee darbe.

    Dambaliin kun qarqara galaanaa Israa'el irratti kan kufe Wiixata galgala yoo ta'u, innis yeroo Biriteen, Faransaayii fi Kaanaadaan ibsa waloo baasuun gocha "hamaa" Gaazaa keessatti raawwatte balaaleffataniidha.

    Biyyoonni sadan kunneenis Israa'el yoo haleellaa waraanaa haaromfame itti fufuun uggura gargaarsa namoomaa irra kaa'ame kaasuu baattee ammoo, ''tarkaanfii qabatamaa dabalataa'' fudhachuu akka danda'u akeekkachiisan.

    Akkasumas sochii qubsuma Israa'el Weest Baankii dhuunfatame keessatti raawwatteef deebii kennuudhaan, ''qoqqobbii xiyyeeffannoo qabu'' akka fudhatan doorsisaniiru.

    Itti aansuudhaan, ibsi biyyoota arjoomtoota 24 irraa ba'e, moodeela haaraa, Israa'eliin deeggaramuun ittiin Gaazaa keessatti gargaarsi raabsamuu balaaleffate.

    Haata'u malee kun kan yeroo jalqabaa balaaleefateme hin turre.

    Gaafa Kibxata darbe ammoo Biriteen marii daldalaa Israa'el waliin taasiftu addaan kutuun, roodmaappiin bara 2023tti tumsa gara fuula duraa gamaaggamaa akka jiru ibsiteetti.

    Daani'eelaa Weiss, nama beekamaa dokumeentii dhiheenya kana Luwiis Teerooks hojjete, 'The Settlers' jedhamu keessatti mul'atte dabalatee, qoqqobbii marsaa haaraan qubsiistota Yihudootaa irratti kaa'ameera.

    Ambaasaaddarri Israa'el Landanitti argamu, Tzipi Hotovelii gara Waajjira Dhimma Alaatti kan waamame yoo ta'u, tarkaanfiin kun akka waliigalaatti bakka bu'oota biyyoota akka Raashiyaa fi Iraan qofaaf kan kenname ture.

    Israa'eliitti dhimmicha hammeessuudhaaf, hogganaan imaammata alaa Gamtaa Awurooppaa Kaja Kaalaas miseensonni gamtichaa "harki caalaansaanii" Waliigaltee gamtichi Israa'el waliin waggoota 25'f qabaachaa ture gamaaggamuu akka deggeran dubbatan.

  14. Hakimoonni Itoophiyaa buleeyyii ta'an maalif Ruwaandaatti godaanu?

    Hakiimaafi meeshaa wallaansaa

    “Biyya gaarreen kumaa” jedhamuun kan beekamtu Ruwaandaan biyyoota gama fayyaatiin jijjiirama guddaa agarsiisaa jiru jedhaman keessatti ramadamti.

    Ragaan Fooramii Diinagdee Addunyaa akka agarsiisutti, lammiileen Ruwaandaa miliyeena 15 ta’an keessaa dhibbeentaa 90 kan ta’an inshuraansii fayyaa qabu.

    Namoonni vaayirasiin HIV dhiigasaanii keessatti argame keessaa kanneen dhibbeentaa 90 kan ta’an dhiyeessii qorichaa ni argatu.

    Ijoollee xixiqqoon dhibbeentaa 93 ta’an talaallii kan fudhataniidha. Bara 2000tti Ruwaandatti umuriin namni tokko jiraatu giddu galeessan waggaa 40 kan ture amma gara 67tti guddateera.

    Hiyyummaa dhibbeentaa 40 irra ture gara dhibbeentaa 16tti gadi buusuu dandeessetti. Mootumman Ruwaandaa dame fayyaan milkaa’ina kan argamsiise, dhiyeessii fayyaa hundumaa qaqqabsiisuni.

    Guutummaa odeessa kanaa dubbiifachuudhaaf karaa kanaan seenuu dandeessu.

  15. Tamsaasa kallattii keenyaan deebiineerra

    Ashamaa hordoftoota BBC Afaan Oromoo bakka jirtan maratti.

    Tamsaasa keenya kallattii kan ittiin odeessaalee addunyaa mara irraa gagabaabsinee isin biraan geenyuun kan guyyaa Sambataa kunoo amma eegalleera.

    Odeessaalee keenya bal'inaan dubbiifachuudhaaf ammoo marsariitii keenya, Facebook keenya fi WhatsApp keenya millachuu hin dagatiinaa.

    Olmaa gaarii qabaadhaa!

  16. Maan Yunt'd hojjettoota tokko tokko hojii akka dhaban itti hime

    Abbaa qabeenyaa Maan Yunt. Sir Jiim Raatkiliif

    Madda suuraa, Getty Images

    Maanchistar Yunaayitid hojjettoota dirree shaakala isaanii Kaariingitan irratti hojjetaa jiran tokko tokkotti hojii isaanii dhabuu akka danda'an itti hime.

    Maanchester Yunaayitid hojjetoota hir'suun bara darbe erga Siir Jiim Raatkiliif kilabicha bitee marsaa lamaffaaf ta'uu isaati.

    Keessa beektonni kilabichaa akka jedhanitti, adeemsi hojjettoota 200 hojii isaanii dhabsisuu danda'u jedhame torban muraasaaf irratti hojjetamaa kan ture yoo ta'u, hojjettoonni baay'een kilabicha keessa turuufi dhiisuu isaanii duraanuu beeku.

    Haata'u malee, qophiin xumuraa Liigii Awurooppaa Kibxata Tootenhaam waliin taphatamu akka hin jeeqamneef hojjettoonni garee jalqabaa waliin hidhata qaban tokko tokko hanga Jimaataatti hiree isaanii akka hin beeksifamne itti himameera.

    Kutaaleen saayinsii ispoortii, wallaansa fayyaafi iskaawutii naannoowwan miidhamuu danda’an keessaa akka ta’an kan eegamu yoo ta’u, hojiiwwan hanga 200 ta’an akka haqaman ni eegama.

  17. Abbaan murtii ajaja Tiraamp Harvaard barattoota biyya alaa akka hin simanne dabarse dhorke

    Yunivarsiitii Harvaard

    Madda suuraa, Getty Images

    Abbaan murtii ajaja Doonaald Tiraamp Yunivarsiitii Harvaard barattoota biyya alaa akka hin simanne dabarse yeroodhaaf dhorke.

    Murtiin kun kan kenname erga Harvaard himannaa banee boodadha. Himannaan Yunivarsiitii beekamaa kun waldhabdee Waayit Haawusii fi dhaabbilee Ameerikaa beekamoo ta'an gidduutti uumamaa jru keessaa isa tokkodha.

    Yunivarsiitichi akka jedhetti, murteen bulchiinsa Tiraamp Kamisa dabarse kun "maal na dhibdeedhaan" seeraa fi mirga walabummaan of ibsachuu kan cabsedha.

    Bulchiinsi Traamp akka jedhutti, Harvarad farra Yihudootaa qolachuuf, akkasumas adeemsa qacarrriifi ittiin simaturratti jijjiirama fiduuf hojii gahaa hin hojjenne.

    Himannaa kana garuu Yunivarsiitichi jabeessee haaleera.

  18. Hospitaalli Qidus Phaawuloos hakiimota barataa hojjetan dhorkamu ibse

    Hospitaala Phaawuloos

    Madda suuraa, SM

    Kolleejjiin Medikaalaa Milleniyeem Hospitaala Qidus Phaawooles hakiimota reezidantoota ta'an lagannaa ogeeyyii fayyaa biyyattiitti gaggeeffamaa jiru hordofee hojiirratti hin argamne barnootarraa dhorkuuf murteessu beeksiise.

    Kolleejjiin hospitaalichaa beeksiisa har'a reezidantootaa fi intarnistootaaf xallayyaa addaatti barreesseen, seeneetiin koolleejichaa walgahii atattamaa taasiseen murtee kanarra gahuu hime.

    Hopitaalichi addatti xalayaa reezidantoota ALI Caamsaa 5 fi 11 irraa kaasee barnootaa fi tajaajila wallaansaa irratti hin argamne, ''qajeelfama naamusaa keewwata 10.5 lakkoofsa 8 cabsuudhaan balleessaa naamusaa cimaa raawwachuun mirkannaa'eera'' jechun koolijichatti baratan dhorku beeksiise.

    Haaluma kanaanis, ''reezidantoonni barnoota irraa akka gaggeeffaman murtaa'eera'' kan jedhe ibsichi, kanneen murtee seneetichaarratti komii qaban ammoo qaamaan kolleejichatti dhiyaachuun ol iyyachuu danda'u jedheera.

    Haaluma walfakkaatun, internistoonni ALI Caamsaa 5, 2017 irraa eegaluun barnoota wallaansaa idilee bara dhumaarratti hin argamne qabeenyaa harkasaaniitti argamu deebiisuudhaan mooraa keessaa akka bahaniif akeekkachiiseera.

  19. Sirni ittisa miisaa'elii Tiraamp 'Golden Dome' maaliidha, attamiin hojjata?

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Donaald Tiraamp sirni ittisa misaa'elii 'Golden Dome' jedhamu osoo aangoon pirezidantummaasaa hin dhumiin dura 'gutummaatti' hojiirra akka oolu beeksiisan.

    Jalqaba bajata doolaara biiliyona 25 ramaduuf waadaa kan galan Tiraamp, baasiinsaa waliigalaas gara doolaara biiliyoona 175 akka ta'u tilmaamaniiru. Haata'u malee, aanga'oonni tokko tokko baasiinsaa yoo xinnaate dachaa sadiisaa akka ta'u malu akeekkachiisaniiru.

    Karoorrisaa neetworkiiwwan teknolojii 'dhaloota itti aanuu' lafarratti, galaanaa fi hawaarratti akkasumas haleellaa misaa'eloota ittisuudhaaf kiyyeeffamuun jidduugala hawaaraatti hundeeffamuun haleellaa fashaleessuu fi eeruu kennu dabalata.

    ''Golden Dome'' balaawwan haleellaa qilleensaa biyyoota akka Raashiyaa fi Chaayinaa irraa dabalaa dhufe irraa Ameerikaa ittisuudhaaf sirnoota duraan turan irratti ijaarama.

    Odeessa kanarratti gabaasa kana bal'insaa dubbifachuuf asiin seenaa.

  20. Mootummaan ogeessota fayyaa mormiitti jiran waliin mari'achuu, warra hidhe haal-duree tokko malee gadhiisuu qaba-Aministii

    Ogeessota fayyaa

    Madda suuraa, Aministii Internaashinaal

    Aanga'oonni mootummaa Itoophiyaa ogeessota fayyaa mormiitti jiran waliin hatattamaan mari'atee waliigaluu qaba jedhe Aminitii Internaashinaal.

    Mormii karaa nagaa gaggeeffamaa jiruun walqabatee ogeessota fayyaa hidhes haal-duree tokko malee akka gadhiisuufi miidhaafi doorsisa ogeessota kanarraan gahaa jiru akka dhaabuufis gaafateera jaarmiyaan idil-addunyaa mirga namoomaaf falmu kun ibsa har'a baaseen.

    "Yeroo furmaanni dhiyootti mul'ataa hin jirretti, mormiin kun torban lamaffaa seeneera. Kun ammoo dhiyeessiin tajaajila kunuunsa fayyaa akkaan barbaadamaa ta'e guutummaa biyyattiitti akka danqamu godheera.

    ''Mootummaan guutummaa biyyattiitti rakkoo hamaa dhukkubsattoota mirga kunuunsa fayyaa argachuu danqe kana akka dheeratu gochuu hin qabu. Mootummaafi ogeessonni fayyaa walitti dhufanii marii ijaaru taasisuudhaan rakkoo jiru furuu qabu," jedhan Daarektarri Aministii Internaashinaal kan Naannoo Bahaafi Kibba Afrikaa Tiiger Chaagutaah.

    "Amma yeroo itti 'miidiyaarratti na argaa jedhamu' fi tarkaanfii humnaa fudhachuu miti. Aanga'oonni gadi taa'anii karaa rakkoon jiru itti furamurratti dubbachuun tajaajilawwan kunuunsa fayyaa bakkatti deebiyurratti hojjechuu qabu."