Tamsaasni kallattii xumurame.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa xumurame.
Wiixata ganama walitti deebina.
Nagaan bulaa!
window.__reverb = {}; window.__reverb.__reverbLoadedPromise = new Promise((resolve, reject) => { window.__reverb.__resolveReverbLoaded = resolve; window.__reverb.__rejectReverbLoaded = reject; }); window.__reverb.__reverbTimeout = setTimeout(() => { window.__reverb.__rejectReverbLoaded(); }, 5000);
Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireetiin (UAE)’n boji'amtoota waraanaa 206 walii hiikan. UAE kana duras yeroo boojuu walii hiikan jaarsummaan qooda fudhatteetti.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo guyyaa Dilbataa xumurame.
Wiixata ganama walitti deebina.
Nagaan bulaa!
Madda suuraa, Getty Images
Taphoonni Pirimiyeer Liigii Ingilizii torban afraffaarra gahee.
Taphoota guyyaa kaleessaan Maanchistar Yunaayitid, Maanchistar Siitiifi Chelsiin morkattoota isaanii injifataniiru.
Yunaayitid dirreen ala Saawuzaampitan ga’umsa cimaan 3fi 0’n mo’ate.
Maanchistar Siitiinis duubaa ka’ee galchii Halaand lamaan Bireentiford injifate.
Chelsiinis dirreen ala Bornimaawuz 1fi 0’n mo’ate.
Liivarpuul leenjisummaa Isloot jala yeroo duraaf mo’ameera. Forastiin dirree ofiirratti 1fi 0’n mo’aman.
Tapha torban sadaffaa qixa kan bahe Arsenaal moo Tootanaamitu injifata?
Madda suuraa, Getty Images
Fahaad Al-Muwallam, barandaa mana jireenyaa isaa Dubaayitti argamuurraa erga kufee bakka bakka wal'aansa cimaa barbaachisu keessa jira.
Kilabiin inni taphatuuf Al-shabaab akka ibsetti, taateen kun Kamisa darbe mana dargaggoo ganna 30 kanatti mudate.
Al-Muwallam Sa’ud Arabiyaaf si’a 78 hiriiree taphachuun goolii 17 galche.
Poolisiin biyyattii Al-Muwallam gamoo darbii lammaffaarraa kufuu mirkaneesse.
Qorannoon akka goolabameen akkuma goolabameen odeeffannoo isaa qaama dhimmichi ilaallatuuf akka ibsu poolisiin beeksiseera.
Madda suuraa, Getty Images
Godaantonni kunneen halkan edaa Faransaayirraa gara Ingilaanditti ce’uuf otoo yaalanii du’uusaanii poolisiin Faransaay hime.
Bidiruun namoota 50 feetee turte imala eegaltee otoo hin turiin dhidhimuu eegalte.
Bidiruun godaantoota feete ulaa Ingilish Chaanaalitti dhidhimuun dubartii ulfaa fi daa’imman jaha dabalatee waliigalatti lubbuu namoota 12 galaafachuun erga dhaga’amee torban lama otoo hin guutiin balaan kun qaqqabe.
Balaan sun bara kana balaa lubbuu namoota baayyee si’a tokkotti galaafate ture.
Bidiruun sun bakka bashannaa handaara qaama bishaanii magaalaa Ambletusi jedhamutti qajeeltullee lubbuu baraartonni galaanaarran deeggarsa hin kennineef jedhameera.
Madda suuraa, Getty Images
Atileetonni Itoophiyaa Maaraatoonii Siidnii barii har'aa gaggeeffame tokko hanga sadii bahuun injifatan. Sadanuu rikardii bakkichaa kana dura galmaa’ee fooyyessaniiru.
Atileet Warqinash Iddeessaa 2:21:40 seenuun yoo injifattu Ruuttii Aagaan lammaffaan xumurte.
Warqinash rikardii bakkichaa waggoota shan dura 2:24:33 galmaa’e gara daqiiqaa sadi ta’u fooyyessuun cabsite.
Dorgommichaan kan eegamte turteefi Olompikii Paaris irratti eeggataa kan turte Goyitatom G/Sillaasee sadaffaan xumurte.
Atileetonni Keeniyaa 4ffaafi 5ffaa bahan.
Maaraatoonii dhiiraan atileetiin Itoophiyaa Caalu Dassoo atileetota Keeniyaa gidduu seenuun lammaffaan xumure.
Atileetiin Keeniyaa Birimiin Miisooyi 2:06:17’n injifate. Riikardii bakkichaa waggaa lama dura galmaa’e sakandii 46’n foyyesseera.
Atileetonni Itophiyaa biroo Li’ul G/Sillaaseefi Taaddu Abaate 6ffaa fi 7ffaa bahan.
Madda suuraa, Ukrainian government
Raashiyaafi Yukireen jaarsummaa Yunaayitid Arab Emireetiin (UAE)’n boji’amtoota waraanaa 206 walii hiikan.
Ministirri Raayyaa Ittisaa Raashiyaa loltoonni isaanii 103 yeroo Yukireen naannoo Kurisk seentee lolte kan boji’aman ta’u ibsaniiru.
Pirezidantiin Yukireen gama isaaniin qondaaltota 21 dabalatee loltoota isaanii 103 simachuu dubbatani.
‘’Ummanni keenya qe’eetti deebi’aniiru,’’ jechuun dubbatani.
Loltoonn Yukireen naannoo Kiyiiz, Donesk, Maarippuul, fi kaaniiti booji’amuu himan.
Raashiyaan akka ibsiteetti loltoonni ishee gadhifaman yeroo ammaa Belaarus jiru.
‘’Deeggarsa xiinsammuufi fayyaa’’ erga argatan booda maatii isaanii qunnamu. Ergasii Raashiyaatti deebi’u jette.
UAE lola Raashiyaa fi Yukireen keessatti gar tokkoof hin caalsisne. Kana duras yeroo boojuu walii hiikan jaarsummaan qooda fudhatteetti.
Tamsaasni kallattii BBC Afaan Oromoo Dilbataa eegaleera.
Oduuwwan biyya keessaa fi alaa waqtawaa ta'an isin biraan geenya.
Nagaan oolaa!
Madda suuraa, Reuters
Haalli jiruu yaaddessaa ta'uu qondaalli waraana Yukireen bahaa naannoo adda waraanaa kibba Pokrovsk irraa BBC'tti himeera.
Tarsiimoon waraana Raashiyaa amma magaalaa, naannicha keessatti wiirtuu geejjibaa ijoo taate kana, marsee waan jirtu fakkaata.
Qondaalli maqaan isaanii akka hin dhahamne filate kun, hoggansi waraanaa isaanii haarsaa kamuu baasuudhaan bakka isaanii qabachuu akka barbaadan kan dubbatan yoo ta’u, haalli akkasiis yeroo baay’ee loltootaa fi qabeenyaa akka dhaban taasisa.
Adeemsi akkasiis, akka qondaaltichi jedhutti, kan “haala miira manaa miidhan” hedduu, marfamuu humnoota Raashiyaan guddaadhaan uum aature.
Isaan keessaa tokko kibba Pokrovsk - kan jidduu Nevelske, Hirnyk fi Krasnohorivka'tti argamudha.
“Yeroo dhiyootti gara magaalaa Donetsk'tti maxxanuudhaaf karoora hin qabnu. Sababii kanaafiidha kan Hirnyk dhabnee naannoo Nevelske'tti bakka qabannee jirra?” jedhe qondaalli.
Badii xiqqaadhaan gara Hirnykitti duubatti deebi'uu fi ejjennoowwan sana qabachuun baayyee gaarii ta'a jedhee amana.
Itti dabaluudhaanis, qondaalli Yukireen kun, “Diinni kee si caalaa namootaa fi qabeenya yoo qaba ta'e, tooftaa kun miidhaa qaba,” jedhan.
“Naannoo Donetsk ilaalaa mee, qurxummii fakkaata. Karaa barbaachisu hunda ittisuudhaaf, buufataalee lakkoofsaan baay'ee guddaa ta'e, bufataalee hordofii si barbaachisa.
Sababiin Raashiyaan kallattii hundaan haleellaa raawwachuuf yaalaa jirtuuf garee haleellaa guddaa ta'en ofirraa ittisuu qabda."
Kanaafuu, keessaa bahuudhaan dheerina sarara ittisuu qabanii isaaniif hir'isuu mannaa, birgeedoonni akka jedhutti, ulaagaan milkaa'ina ijoon ejjennoo qabachuu waan ta'eef, naannoo daandii guutuu irratti lola taasisaa turan jedhan.
Phaaphaasiin Kaatolikii Firaansiis, kaadhimamtoonni pirezidantummaa Ameerikaaf dhiyaatan lamaanu kan ''faallaa jireenyaa'' jechuun ibsuun, hordoftoonni amantaa Sadaasa dhufaa yoo sagaleesaanii kennan akka kan ''hammeenya gadaanaa'' qabu filataniif waamicha taasisan.
Phaaphaasichi haasaa isaanitiin, baqattoota simachu diduun, Tiraampiin jechusaaniti, cubuu ''cimaa'' yoo ta'u, ulfa baasuun Kaamalaa Haariis deeggartu ammoo ''lubbuu balleessuudha'' jedhan.
''ISa baqattoota hari'atus ta'e, kan daa'imman ajjeessu, lamaan isaanituu fallaa jireenyaati'' jechuun ture Phaaphaasichi Jimaata kaleessaa kan yaada kennan.
Phaaphaasi Firaansiis dowwannaa guyyoota 12'f kibba- dhiha Eshiyaatti taasisan wayita xumuraniitti ture kana kan dubbatan.
Yaada phaaphaasichi kennan kanarratti Tiraampis ta'e Kaamalaan waan jedhan hin jiru.
Hordoftoota amantaa Kaatolikii biiliyoona 1.4 addunyaarratti argaman keessaa miiliyoona 52 Ameerikaa keessatti argamu.
Phaaphaasii Firaansis ibsa gaazexeessitootaaf balalii irratti kennaniin, filattota Kaatolikii akka gorsaniif kan gaafataman yoo ta’u, dubbii kennaniin, isaan lammii Ameerikaa akka hin taanee fi filannoo kana irratti sagalee akka hin kennine dubbatan.
Garuu lammiileen Ameerikaa akka sagalee kennan jajjabeesse. "Sagalee kennuu dhiisuun fokkisaadha. Gaarii miti. Filachuu qabdu" jedhan.
Madda suuraa, PA
Dhaabbilee akaadaamii manneen barnootaa gurguddoo Ingilaandi keessaa tokko, guyyaa barnootaatti bilbila fayyadamu dhorkuuf jira.
Dhaabbanni Ormiston Academies Trust manneen barnootaa mootummaa isaa 42 guutuu biyyattii keessatti argaman keessatti barattoota gara kuma 35 ta’aniif bilbila ismaartii fayyadamuu marsaa marsaan akka dhaabu BBC’f mirkaneesse.
Hojii gaggeessaa olaanaan, Ormiston Tom Rees Gaardiyaanitti akka himanitti, bilbiloonni ismaartii barachuu fi fayyummaa barattootaa jeeqe. Iitti dabalunis, itti fayyadama bilbilaa fi yaaddoo fayyaa sammuu gidduutti ''walitti dhufeenyi ifa ta'e'' akka jiru himaniiru.
Jalqaba bara kanaa, Ministeerri Barnootaa mootummaa Konsarvaatiivii duraanii jala jiru, gorsa bilbila harkaa irratti kenne haaromsuun hoggantoonni manneen barnootaa Ingilaandi guyyaa barnootaa itti fayyadama isaanii akka dhorkan aangoo akka kennan taasiseera.
Tarkaanfiiwwa haaraan kunis manneen barnootaa Ormiston hunda keessatti kan hojiirra oolfamu yoo ta’u, kunis barnoota sadarkaa tokkoffaa ja’aa fi sadarkaa lammaffaa 32 kan hammatudha. Hanga kaaba Cheshire fi gara kibbaatti hanga Isle of Wight kan hammatudha.
Manneen barnootaa sadarkaa lammaffaa isaa keessaa saddeet imaammata kana erga maatii waliin mari'atanii booda tarmii birraatti kan fudhatan yoo ta’u, manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa, manneen fedhii addaa fi manneen barnootaa dhiyeessii filannoo keessattis bilbila qabachuu duraanuu dhorkaadha.
Dubbi himaan dhaabbata kanaa BBC'tti akka himanitti, uggurri kun ''kallattii imala'' Ingilizitti kan hordofeedha.
Madda suuraa, AFP
Pireezidaantiin Koomoroos Aazaalii Asoomaniin haleellaa meeshaa qara qabuun irratti raawwatameen madaa’uu aanga’oonni biyyattii himan.
Dubbi himtuun mootummaa, "Waaqayyoof galanni haa ta'u, lubbuuf hin nyaaddeessu" jedhan.
Pirezidantichis osoo sirna gaggeessaa amantaa nama du'ee dhiheenya magaalaa guddoo Morooniitti osoo hirmaataa jiruu waraanamee ture, ''baayyee xiqqoo qofa kan miidhame'' yoo ta'u, ergasii gara manaatti deebi'uu dubbi himtuun mootummaa, Faaximaa Ahamada Rooyitarsiif himteetti.
Itti dabaluudhaanis namni haleellaa raawwate to'annoo jala ooluu ibsiteetti. Sababiin haleellaan kun itti raawwatameefis ifaa miti.
Eenyummaan nama pirezidanticha waraanee ifatti kan hin mirkanoofne yoo ta'u, garuu gabaasaaleen dargaggeessa qondaala waraanaa ta’uu akeekkaa jiru.
Namoonni ijaan argan akka AFPtti himanitti, namicha kutaa sana keessatti, uffata sirnaan uffatee bakka namoonni isa du'eef kabaja isaanii itti kennaa turan keessatti argan.
Namoonni haleellaa raawwate sunis harka pirezidaantichaa irra waraanuun kan madeesse yoo ta'u, namoota bohicharra turan keessaa tokkoon akka dhaabsiifame dubbatu.
Pirezidaanti Azaaliin jalqaba fonqolcha waraanaa bara 1999 raawwatameen gara aangootti dhufan.
Waggoota kurnan aangoo irraa erga buufamanii turaniin booda, filannoo falmisiisaa bara 2016 gaggeeffameen injifachuun baatii Amajjii darbe irra deebii'uun filataman.
Madda suuraa, AFP
Keeniyaa fi Jarmaniin haaluma dhimma hojjettootaafi hojii irratti waliigalaniin lammiileen Keeniyaa kuma 250 ta'an gara Jarmanii deemuuf jiru.
Waliigaltee kana Pirezidantii Keeniyaa Wiiliyaam Ruutoo fi Chaansilara Jarman Olaaf Shoolzi kan mallatteessan.
Awurooppaa keessaa diinagdee cimaa kan qabdu Jarmaniin lammiilee Keeniyaa qacaruuf jecha seera godaantotaa akka laaffistu waliigalteetti.
Dhiheenya kana Keeniyaan dargaggootashee hedduuf carraa hojii uumuu dadhabuun raafamni biyyattii keessatti dhalateera.
Jarmaniin ammoo hanqina humna namaa qabdi.
Mootummaan Jarmanii lakkoofsa namoota seeraan ala itti godaananii hir'isuuf malli itti fayyadamu keessaa tokko waliigaltee biyyoota waliin taasisuudha.
Waliigalteen kunis lammiileen Keeniyaa seeraan ala Jarmanii keessa jiraatan jumlaadhaan gara biyyasaaniitti deebifamuu hambisa jedhameera.
Jarmaniin biyyoota Awurooppaa godaantota hedduu simattu keessaati. Bara 2015-2016 waraana Siiriyaa hordofee godaansa heddumminaan gara Jarmaniitti taasifameen biyyattiin namoota miiliyoona tokko simatteetti.
Erga waraanni Yukireen eegalee ammoo lammiilee Yukireen miiliyoona 1.2 simatteetti.
Madda suuraa, AFP
Aanga'oonni Jarmanii lammiileen Keeniyaa hojii isaaniif eeyyamame wayita eegalan eeyyami jireenyaa kan yeroof jedhamee ni kennamaaf.
Akkaataa waliigaltee biyyoota lamaaniin lammiileen Keeniyaa Jarmanii keessatti barnootaaf yookiin leenjii ogummaaf viizaa yeroo dheeraa argachuu danda'u.
Bu'uura waliigaltee kanaan ogeeyyiin IT Keeniyaa, waraqaa mirkaneessa ogummaa qabaachuu baatanillee, Jarmanii seenanii hojjechuu danda'u.
Mootummoonni biyyoota lameenii hojjettoota baratan, barnoota ogummaa kanneen xumuran yookiin ammoo ragaan barnoota yuuniversitii isaanii yoo fudhatama argate Jarmanii seenanii akka hojjetan deeggarsi ni taasifamaaf.
Madda suuraa, Reuters
Lammiileen Ameerikaa fi Biriteen namoota 37 DR Koongootti duutii irratti murtaa'e keessatti argamu
Namoota 37 DR Koongootti fonqolcha mootumaatiin wal qabatee duuti irratti murtaa'e keessatti lammiilee Ameerikaa sadi dabalatee, lammiileen Biriteen, Beeljiyeem fi Kaanaadaa ni argamu.
Namoonni kunneenis haleellaa ji'a Caamsaa keessa masaraa pirezidaantii fi mana michuu pirezidaanti Feeliks Tshisekedi irratti raawwatame dursuudhaan himataman.
Kiristaan Malangaa, lammii Ameerikaa kan madda Koongoo qabuufi hogganaa shira kanaa ta'un shakkame, yeroo haleellaa kana irratti namoota shan waliin ajjeefame.
Walumaagalatti namoonni 51 mana murtii waraanaatti dhimmisaanii kan ilaalamaa jiru yoo ta’u, adeemsi dhaddachaas TV fi raadiyoo biyyaalessaa irratti kallattiin tamsa’eera.
Lammiilee Ameerikaa duuti itti murtaa'e keessaa tokko kan ta'e ilmi Malangaa Maarcel, kanaan dura abbaan isaa yoo inni fonqolchicha keessatti hirmaate malee akka ajjeesuuf isa doorsisuu mana murtiitti hime ture.
Hiriyaan isaa Taayilar Toompsanos adabbiin du'aa itti murtaa'eera. Lamaansaaniitu umriin isaanii waggaa 20mota keessatti kan argamu yoo ta'u, Utaa'aatti waliin kubbaa miilaa waliin taphatu turan.
Haati buddeenaasaa Miiraandaa Toompsan ji'a Waxabajjii keessa BBC'tti akka himtetti, akkamitti akka inni DR Koongootti dhaqe ilaalchisee maatii ''omaa quba'' hin qabu jette.
"Waan ta'aa jiru fi waan hin beekamne kanaan guutummaatti rifannee jirra. Wanti hubannees kan Google irraa argachaa turredha," jetti.
Lammiin Ameerikaa sadaffaan, Beeniyaamin Zaalmaan-Pooluun Kiristaan Malangaa waliin fedhii daldalaa qaba ture.
Akkasumas kan biraa murteen du'aa irratti murtaa'e, nama lammii Koongoo fi Beeljiyeem qabu Jean-Jacques Wondo jedhama.
Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Bilinkan miidiyaa mootummaa Chaanaal RT jedhamuun ''harka mirgaa waajjira tika Raashiyaa ta'eera'' jechuun dhorkaa haaraa kaa'e.
Dippilomaatiin olaanaan Ameerikaa kun guyyaa Jimaata kaleessaa ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, RTn miidiyaalee mootummaa Raashiyaatiin deeggaraman keessaa tokko akka ta'efi dhoksaadhaan kan ''dimokiraasii Ameerikaa keessaa tuffatu'' jechuun ibsan.
Itti dabalunis Bilinkan, mootummaan Raashiyaa ''RT keessatti dandeettii saayibarii fi dhaabbata tika Raashiyaa waliin hidhata qaba'' jedhan.
RT gamasaatii haasaan Bilinkan kana toora X isaa gurraatti dabarsuudhaan, ''conspiracy theory haaraa Ameerikaati'' jedheera.
Dubbii himtuun Ministira Dhimma Alaa, Maariyaa Zaakaaroovaa, dhorkaa Raashiyaarra kaa'ame keessatti Ameerikaa keessa ''ogummaa haaraan'' jiraachu qabaata jette.
Qopheessituu Olaantuun Chaanaaliin RT, Maargaariitaa Simoonyaan, himannaa filannoo Ameerikaa irra dhiibbaa taasisuuf yaalaa jira jedhamuun kaa'ame ilaalichuun, hojjattoonni dhaabbaticha hedduun kan deegarsuma Ameerikaan achumatti barataniifi barsiiftoota gaariidha jete.
Waajirri Dhimma Alaa Ameerikaa dhaabbata miidiyaa duraan Raashiyaa Tudeey jedhamuun beekamu, ''dhoksaadhaan dhiibbaa taasiisuun, yaa'insa odeeffannoo akkasumas filmaata loltootaarratti'' biyyoota Awurooppaa, Afriikaa fi Kaabaa fi Kibba Ameerikaa keessatti socha'eera jechuun himate.