'Mootummaan gaafii ogeessonni fayyaa dhiyeessaniif xiyyeeffannoo kennuun fala barbaadu qaba'- KMNI

Madda suuraa, EHRC
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) mootummaan gaafii ogeessonni fayyaa gaafataniif xiyyeeffannoo kennuun ifaafi bifa hirmaachisaa ta'een furmaata akka itti kennuuf gaafate.
Komishinichi akkasumas dhaabbilee fayyaa keessatti mormii lagannaa hojii gaggeeffamaa jiru ilaalchisuun ibsa Caamsaa 21, 2025 baaseen, ogeessonni fayyaas gaafiiwwan isaanii karaa fayyaa hawaasaafi mirgoota lubbuun jiraachuu balaarra hin buusneen akka dhiyeeffataniif waamicha taasiseera.
Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Obbo Birhaanuu Adeeloo, dhaabbileen fayyaa keessatti hojii dhaabuun mormiin gaggeeffamaa jiru fayyaa hawaasaafi mirga lubbuun jiraachuu waan miidhuuf xiyyeeffannoon kennameefiin akka fala argatu gaafataniiru.
Komishinichi itti dabaluun, hojii dhaabuun wal qabsiisee tarkaanfiin bulchiinsaafi tarkaanfiiwwan biroo kamiyyu qajeeltoo seerotaafi mirgoota namoomaa sirrii ta'e kan hordofan ta'uu akka qaban hubachiisaniiru.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsasaa kanaan, ogeessonni fayyaa tokko tokko gaafilee miindaafi haala hojii waliin walqbsiisuun mootummaan akka deebisuuf guyyoota 30 kennineeraaf jedhan ALI Caamsaa 3, 2017 xumuramuu hordofee tarkaanfii mootummaafi ogeessota fayyaatiin fudhatamaa jiru hordofaa jiraachuu himeera.
Haaluma kanaan, Komishinichi magaalaa Finfineetiin alatti Aggaaroo, Aarbaaminci, Baahir Daar, Fiichee, Hawaasaa fi Jimmarraa odeeffannoo sassabbachuu dubbateera.
Hakiimota bakka bu'uun gaafileen miindaa, faayidaawwan, carraa guddinaa, akkasumas bakka hojii mijataafi bilisummaa waliin walqabsiisee ALI Ebla 3, 2017 Ministeera Fayyaatiif kan dhiyeessan ta'uufi mootummaan gaafii abbaa qabxii 12 guyyaa 30 kenname keessatti hin raawwanne jechuun Caamsaa 5 irraa kaasee hojii dhaabuun mormii gaggeessuu jalqabuusaanii hubatamuun danda'ameera jedhe.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
KMNI dhimmicha ilaalchisee aanga'oota Ministeera Fayyaa, bakka bu'oota ogeessota fayyaa fi qaamoleen mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin marii akka taasise himeera.
Gariin ykn guutummaan guutuutti hojii dhaabuun mormii gaggeeffamaa jiru hordofee Finfinnee keessa bakkawwan irra deemee ilaale akka hospitaalota Xiqur Anbassaa, Qiddus Phaawuloos, Qiddus Phexiroos fi Daagimaawwii Minilikitti itti gaafatamtoota gaafachuun odeeffannoo sassabbachuu ibseera Komishinichi.
Haaluma kanaan dhaabbileen fayyaa tokko tokko keessatti dhukkubsattoota bkutaa wallaansa xiyyeeffannoo addaa dabakatee hanqina hakiimotaarraa kan ka'een wallaansa argachaa argachuu hin dandeenye.
Magaalota naannolee keessatti ammoo dhukkubsattoonni beellama eeggatanii tajaajila argachuufdhufan rakkaachaa jiraachuu hubateera.
Dhaabbilee fayyaa tokko tokko keessatti ammoo ogeessonni dabaree dabalataafi saatii dheeraa hojjechuuf dhirqamuufi dhukkubsattoonni ammoo tajaajila argachuudhaaf sa'aatii dheeraa eeggachuuf dirqamuu mirkaneeffadheera jedhee Komishinichi.
Gama biraan poolisiin miidiyaa haawaasaarratti kakaastaaniitti jechuun, warra hojiirra jiran ammoo itti dhaadattaniiittu, doorsiftaniittu jechuun ogeessonni fayyaa to'annoo jala oolche maal keessa akka jiranis hordofaan jira jedheera Komishinichi.
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa turtii Caamsaa 19 miidiyaa biyyaalessaa waliin taasaniin namoonni yaala barbaadan sadarkaa biyyaalessaatti addaan citinsa tajaajilaa tokko malee waldhaansa argachaa akka jiran ibsanii turan.
Warreen ciisanii tajaajilamanis ta'ee warren deddeebi'anii walLaanaman danqaa tokko malee tajaajilli kennamaafii jiraachuus ibsuuN, rakkoon muraannsi turan jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa Itoophiyaa, Dr. Maqdas Dhaabaa.
Hospitaalota baruufi barsiisuu muraasa keessatti addaan citinsi tajaajilaa akka mudate kaasuun, hakimoota buleeyyii fi narsoota waliin ta'uun rakkinicha furuu dandeenyeerra jechuun ibsanii turan Ministirri kun.