Turkitti barattoonni maaliif mormiidhaaf adda duree ta'an?

Madda suuraa, Reuters
Kantiibaan magaalaa Istaanbul Ekreem Imamogluu, morkataa siyaasaa cimaan Pirezidanti Xaayiib Erdoogaan, erga hidhamanii mormiin ka'ee as guutuu Turkii keessatti namoonni gara 2,000 ta'an to'annoo jala oolfamaniiru.
Namoota hidhaman keessaa hedduun isaanii dargaggoota barattoota yunivarsiitii yoo ta'an, ammas barattoonni hiriira kana keessatti adda duree ta'uun itti fufaniiru.
Magaalaa guddittii biyyattii Istaanbul keessatti mormiin dhorkamus, barattoonni aangawoota mormuudhaan guyyaa guyyaan daandii irratti bahuun isaanii hin dhaabne.
Bakki itti walitti qabaman inni guddaan addabaabayii galma magaalattii, Paarkii Saaraachene, bakka namoonni hedduun erga dukkanaa'ee booda itti walitti qabaman yoo ta'u, tarkaanfii cimaa poolisiin kan qawwee bishaanii, gaazii imimmaanessaa fi rasaasa pilaastikii hirmaachisetu isaan mudate.
Haata'u malee, Paartiin Rippabilika Ummataa (CHP) Imaamogluu, dhiheenya kana tarsiimoo isaa jijjiiree, walga'iin ummataa galma magaalattii keessatti akka dhaabbatu gaafate.
Kanarras, deeggartoonni mana isaanii keessatti akka marmaniif jajjabeessan, kunis harka rukutuun, xurumbaa konkolaataa dhageessisuudhaan ykn foddaarraa alaabaa mirmirsuun ta'a.
Paartichis Sambata har'aatti mormii guddaa gaggeessuuf beellama qabateera. Yeroo ammaa kana Istaanbul keessatti hiriirri dhorkamaa yoo ta'u, garuu hin dhaabbanne.
Haata'u malee, barattoonni abdii hin kutanne.
Barattoonni jidduugala magaalattii Paarkii Maakaa keessatti waitti qabamanis eenyummaansaanii akka adda hin baafamneef maaskii fuulatti kawwatu. Suuraa kaafamu hin barbaadan. Nama isaan gaafatuttis eenyummaasaanii sirrii hin dubbata.
''Biyya yeroo mormii dhageessifnu itti fuula keenya haguuggachuu hin qabne abjoonna," jechuun barataan tokko BBC'tti himeera.
Pirezidant Erdogaan, ibsa Bitooteessa 26 kennaniin, barattoonni fuulsaaniitti maaskii haguugatan ''shororkeessitoota'' jechuun ibsan.
'Haqa filatame'
Imamogluun Bitooteessa 19 qabamuun, erga himannaan malaammaltummaatiin sirnaan to'annoo jala ooluun, guyyaa kaadhimamaa pirezidantii CHP ta'uunsaa labsametti dhaddacha duraatti dhiyeeffame.
Filannoon pirezidantii Turkii itti aanu bara 2028tti gaggeeffamuuf kan karoorfame yoo ta'u, kenniinsa sagalee filannoon dura gaggeeffamu ilaalchisee tilmaamni jiru garuu guddachaa jira.
Mormitoonni himannaan Imamogluu irratti dhiyaate kan qabiyyee siyaasaan kqabu sababii ta'ef, hidhamuun isaa ''fonqolcha mootummaati'' jechuun himatu. Erdogaan himannaa kana cimsee haale.

Madda suuraa, Reuters
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barattoonni paarkii Maakaatti mormiidhaaf bahan paartii kamuu waliin hidhata akka hin qabne ibsanilleen, garuu dhaadannoo paartii mormiituu ''mirga, seeraa fi haqa'' jedhu dhageessisaa turan.
''Haala keessa jiru kunoo ilaalaadhaa'' jedhan sagaleen barataa tokkoo. ''Namoonni osoo mana murtiitti illeen hin dhiyaatiiniidha kan hidhaaf saaxilamaa jiran.''
Barataan gara biraa ammoo haqa filatamaatu jira jechuun komata. ''Kun dhimma hidhamuu Imaamoogluu qofaa miti. Kaan biroo malaammaltummaan shakkaman maaliif qorannoon irratti hin gaggeeffamne'' jedha.
Barattoonni irra caalaa sirni haqaa walabaa miti jechuun himatu.
Barattoonni ''Manni murtii to'annoo mootummaatiin ala akka ta'u barbaadna'' jedhan jiru. Mootummaan Turkii manneen murtii haala waraba ta'een tajaajilaa jiraachu hima.
Walabummaa mana murtiitiin alattis tasgabbii dhabuun diinagdee, miidhaan dubartootarratti raawwatamu dabaluu fi barattoonni carraansaanii egeree maala akka ta'u baru dhabuun mormiidhaaf akka bahan isaan taasisuu dubbatu.
Dippilomaan Imaamogluun yunivarsiirraa argatan akka haqamu taasifamuun dhagahameera. Kana jechuun ammoo kaadhimamaa pirezidantummaatiif gahumsaa hin qabaatan jechuudha.
''Dippilomaa isaa haquu jechuun kan keenya akka hin hanqneef wabii omaatuu hin jiru jechuudha'' jedha barataan tokko.
Haalli Turkii keessaa kan nama amansiisu ta'u baatulleen dagaggoonni hundi biyyattii gadhiisanii bahuuf hayyamamoo miti.
''Irra jiraan hiriyootakoo sadarkaa lammaffaa biyya biraa deemaniiru. Ani garuu biyyaa bahuu hin barbaadu. Daraggoo lammii Turkiiti. Gara fuulduraatti jiraachu kanan barbaadu asuma biyyakoo keessaadha.''
Walabaan socha'uu
Paartiin CHP mormiin galagala galgala Paarkii Saaraacheen akka adda citu taasisulleen, mormiin garuu kan adda cite hin fakkaatu.
Paatiichi eddoowwan walgahii haaraatti duula gaggeessuuf yaada akka qabu beeksiiseera. Dargaggoonni garuu addabaabaayitti bahuun hiriira gaggeessuu barbaadu.
''Imaamogluuf qofa jennee miti adababaay kan baane. Dimokiraasiifis jenneeti. Adabaabaayiwwan mormiidhaaf itti baanu hedduutu jira,'' jechuunyaada kenne barataan tokko.
Barataan gara biraa tokko ammoo, paartiichi tarsimoo isaa jijjiruu mormuudhaan duuliichi walaba ta'u hima.
''Wanti dursaan paartichaa jedhan nu hin ilaalatu. Nuti murtee mataa keenyaa murteeffachuu dandeenya. Sochii walabaatiin haalicha jijjiruu ni dandeenya. Hogganaan paartii siyaasaa nu hin barbaachisu.''

Madda suuraa, Getty Images
Barattoonni gaaffii isaanii xiyyeeffannoo keessa galchuuf murteessanis hiriira daandiitti bahuun gaggeessuu fi uggura dinagdeetiin jireenya guyyaa guyyaa jeequuf waadaa galan.
Barataan tokko kunis ummanni haala "siyaasaatiif akka dammu" waan dirqisiisuuf barbaachisaa ta'uu dubbata.
Miidiyaaleen mootummaan to'ataman lammiileen dhugaa mormii kanaa akka hin argineef dhorkaniiru jechuun fhimateera.
"Oduu miidiyaa irraa argattu mootummaan kan raggaasisedha. Garuu waan daandii irratti ta'aa jiru yoo argitu dhugaa jiru kan biraati. Hanga humna poolisii itti fayyadamu akkasumas mormitoonni dhuguma sochii dubbii barbaachuu raawwataa jiraachuu fi dhiisuu arguun ni danda'am."
Abbaan Taayitaa midiyaalee Turkii to'atu to'annoo gabaasaalee mormiichaa irratti taasisuu cimseera. Jalqaba torban kanaatti miidiyaalee paartii mormiitu waliin hidhata qabaniifi miidiyaaleen walabaa dhorkamuu akka danda'an akeekkachiiseera.
Mormicha gabaasaa kan ture gaazexessaan BBC Maark Loween, ''nageenyi ummataa ni bora'a'' jechuun Turkiin biyyaa akka bahu taasisuu BBCtti himeera.
Loween hoteela Istaambuulitti argamu keessaa fudhatamee akka ture Hojii Gaggeessituu Olaantuun BBC News Deebooraah Tarnas beeksiisaniiru.
Mormii waliigalaa

Madda suuraa, Getty Images
Barattoonni yunivarsitii kanneen to'ataman hanga gadhiifamaniitti gara barnootaatti akka hin deebiine waadaa galaniiru.
Barattoonni kunneenis guutuu biyyattii keessatti mormiin akka cimuuf waamicha dhiyeessaniiru.
Yuunivarsiitiiwwan guutuu biyyattii keessatti dursitoonni mootummaa deeggaran muudamuu isaaniitti kan isaan gaddisiise yoo ta'u, bilisummaan barnootaa akka deebi'uif gaafachaa jiru.
"Hanga namni hidhame hundi bilisa bahuun deebii'aniitti fi hanga dhorkaan yunivarsiitiiwwan irraa kaafamuutti hin deebinu," jechuun barataan tokko labsuun biyyaatti guutuutti mormiin waliigalaa akka godhamu gaafateera.
"Yeroo nuti mooraa keessatti jireenya dhaabnuutti, hojjettoonni, waldaaleen hojjettootaa fi dhaabbileen ogummaa hundi akka nutti makaman gaafanna. Mormii waliigalaatu nu barbaachisa. Waan hunda dhaabuu qabna," jedha barataan kun.
Barattuun gara biraa takka ammoo aarii sirna siyaasaa irratti qabuaachuu ibsiteetti.
"Amma sagalee kennuu qofaan homaa mo'achuu akka hin dandeenye hubanneerra. Sanduuqni filannoo waa hin jijjiiru, kanaafidha kan daandii irratti ba'aa jirra," jette.
Taʼus, mormii karaa nagaa gochuuf kutannoo akka qabdu cimsitee dubbatteetti.
"Sagalee hawaasaa ta'uu keenya itti fufna, karaa nagaa mormuus itti fufna" jette.