Iraan maaliif amma iddoowwan 'dhoksaa' lafa jalaa misaa'elli ittiin dhukaafamu ifa goote?

Madda suuraa, Tasnim
''Yoo torban hunda magaalaa rookkeettii ifa gochuu har'a eegallee, waggaa lama keessatti xumuruu hin dandeenyu. Hanga sana baayyeedha...''
Jechoota kanaan ture Iraan dhiheenya kana walitti qabaa misaa'elootaa lafa jalaa qabduu haaraa kan biyyoota akka Israa'elii fi Ameerikaa irraa yoo haleellaan irratti raawwatame kan haaloo ba'uuf itti fayyadamuu danda'an ifa gooteetti.
Ameerikaan torbee darbe keessa xiyyaarota waraanaa dabalataa hanga jahaa, kanneen teknooloojii dhoksaa fi dandeettii boombii Ameerikaa ulfaataa ta'e fe'uu danda'aniin, buufata waraanaa Iraanii fi Yaman keessa jiran bira ga'an bobbaastee akka turte qondaaltonni Ameerikaa maqaansaa hin dhahamne tokko dhaabbata oduu Rooyitarsiif himanii ture.
Iraan kanaaf deebii kenniteenii, naannicha keessa waraanni guddaan Ameerikaa jiraachuun ''kutaa of olaalii keessa taa'anii namatti dhagaa darbachuu hin qaban'' jetteetti.
Iraan buufataalee waraanaa, kan odola Diyeegoo Garsiyaa, naannoo Biriteen Galaana Hindii keessatti argamu fi Moorisiyaatti deebifamuuf adeemsa irra jiru, irrattis boombii darbachuuf doorsifteettt. Kunis waan kanaan dura gochuun danda'a jette hin beekneedha.
Kanaafuu "magaalonni misaa'elaa" kanneen jedhaman kunneenis dhugumaan maaliidha? Iraan amma maaliif dandeettii haaraa mul'isuu filattee? Waldhabdee Baha Giddu Galeessaa keessatti uumamuu danda'uuf maal jechuudha?
'Magaaloonni misaa'elii' Iraan maaliidha?

Madda suuraa, IMA Media
Jechii "Magaalota misaa'elaa" kunis kan humni waraanaa Iraan Gareen Eegdota Warraaqsa Islaamaa (IRGC)n, buufata misaa'elaa gurguddoo lafa jalaa ibsuuf itti fayyadamudha.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Buufataaleen kunniin guutuu biyyattii keessatti boolawwan lafa jalaa bal'aa, gadi fagoo fi wal-xaxaa ta'an kan wal-duraa duubaan hojjetaman yoo ta'an, yeroo baay'ee naannoo gaarreen, tarsiimoof mijataa ta'an keessatti argamu.
Eddoowwan kunneenis misaa'ela balistikii fi kiruuzii akkasumas meeshaalee tarsiimoo biroo kanneen akka diroonii fi sirna ittisa qilleensaa keessa kuusuu, qopheessuu fi irra furguggisuuf kan oolaniidha.
Akka ajajoonni IRGC jedhanitti, magaalonni misaa'elaa kunneen bakka misaa'ela itti kuusan qofa osoo hin taane, gariin isaanii bakka warshaalee "misaa'eloonni osoo hojiitti hin seenin dura itti oomishamanii fi itti qopheessuuf" ta'anidhas.
Buufataaleen misaa'elaa kunneen bakki itti argaman sirrii ta'e kan hin beekamneefi kan ifa ta'ee hin beekamneedha.
Ajajaan humna qilleensaa Eegdota Warraaqsa Iraan, Birg Janaraal Amiir Ali Haajizaadeh, viidiyoo misaa'ela balistikii fi diroonii balleessanii badan gadi fagoo lafa jalaa ittiin agarsiisaniin, "magaalaa misaa'elaa" isa haaraa ta'e ifoomsaniiru. Kanan gaaffii fi deebii broodkaastara mootummaa, IRIB Iranian Broadcasting Corporation waliin taasisaniin iftoomsan.
Haata'u malee BBCn addatti waan waraabbiin viidiyoo kun aragsiisuu dhugaa ta'usaa mirkaneessuu hin danda'u.
Amma maaliif akka ta'e ragaa ba'uuf ammoo miidiyaaleen mootummaa Teehiraan meeshaa waraanaa kana fayyadamuudhaan ''tarkaanfii diinummaa Iraan irratti fudhatamu kamiyyuu'' haaloo ba'uuf akka ta'e himaniiru.
''Iraan buufata naannichaa kamirraayyuu ykn fageenya misaa'ela Iraan irraa kamirraa iyyuu yoo haleelamte garaa garummaa malee humnoota Ingilizii ykn Ameerikaa irratti xiyyeeffatti,'' jetti Iraan.
Waggoota 10 darban keessatti ,IRGC darbee darbee suuraawwan ulaa lafa jalaa bakka misaa'ela, diroonii fi sirna ittisaa baay'ee keessa kuufaman gadhiisee, "magaalota misaa'ela dhoksaa" jechuun waamuun isaa ni yaadatama.
Kun Ameerikaafi Israa'eliif hangam murteessaadha?
Waan gochuu dandeessu agarsiisuudhaan Iraan Israa'elii fi US haleellaa dabalataa irraa duubatti deebisuuf yaalaa jirti.
Waraabbiin dhijeenyaa kunis misaa'eloota Kaabaar Shekaan, Haaj Qaasem, Emaad, Sejjil, kiruus miisaa'elii Qaadaar-H fi Paaveh agarsiisa.
Iraan biyyoota hanga fageenya kilomeetira 2,000 irratti argaman irratti xiyyeeffachuu akka dandeessu taasisa.
Misaa'eloonni balistikii Emaad kanneen Ebla bara 2024 haleellaa Iraan Israa'el irratti raawwatte keessatti itti fayyadamte keessaa tokko yoo ta'u, buufata human qilleensaa Naavaatim giddugala Israa'el keessatti argamu irratti miidhaa geessiseera.
Fageenyi gabaabaan Iraan irraa gara Israa'el karaa Iraaq, Sooriyaa fi Joordaan keessaanii gara kiloo meerita 1,000 ta'a.
Israa'el misaa'eloota Ebla 2024 itti dhukaafaman keessaa %99 akka addaan citan ibsiteetti. Haleellaan lammataa baatii Onkololeessa keessa raawwatame miidhaa guddaa geessisuu hin dandeenye.
Haata'u malee, fageenyaa fi miidhaa misaa'eloota Iraan irratti shakkiin waan jiruuf, himannaan yeroo dhiyootti buufata waraanaa Ameerikaa Diyeegoo Garsiyaa irratti argamu bira gahuu danda'uushee fooyya'insa guddaa taasiseera.

Buufanni waraanaa waloo UK fi Ameerikaa jalqaba bara 1970moota irraa eegalee achitti socho'aa ture. Haata'u malee, buufanni odola kanaa eegumsa gaarii kan qabuu fi Iraan irraa fageenya kilomeetira 3,800 gadi irratti kan argamudha.
Torban kana keessa ammoo Iraan dirooniinshee Shaahed 136B hanga fageenya km 4,000 gahuu danda'a jettee irra deebiiin dubbatteetti, kun garuu hin mirkannoofne.
Iraan yeroo ammaatti misaa'ela fageenya kiiloo meetira 2,000 ol ta'e kan hin qabne ta'us, akka yaadaatti, karaawwan biraa odola kana itti ga'uuf gargaaran kanneen akka qabeenya galaanaa fayyadamuu ykn sirna rookkeettii jiru fooyyessuu ni jiru.

Baha Giddu Galeessaa keessatti humni dhukaasaa Ameerikaa guddaan duraanuu kan jiru yoo ta'u, yeroo dhiyootti naannichatti baattuu xiyyaara lama ni qabaatu.
Suuraan saatalaayitii armaan gadii dooniiwwan dhoksaa B-2 Diyeegoo Garsiyaa keessatti argaman kan agarsiisan fakkaata. Isaanis kan duula boombii dhiheenya kana Ameerikaan loltoota Huutii Yaman irratti geggeessite keessatti itti fayyadamaniidha.
Dubbi himaan Peentaagoon, Sean Paarnal torban kana ibsa kennaniin, "Iraan ykn bakka bu'oonnishee hojjettootaa fi dantaa Ameerikaa naannicha keessa jiran yoo balaadhaaf saaxilan, Ameerikaan ummata keenya ittisuudhaaf tarkaanfii murteessaa ni fudhatti" jedhan.
Ajajni Tarsiimoo Waraana Ameerikaa, B-2 meeqa Diyeegoo Garsiyaa bira akka gahe ibsuu kan dide yoo ta'u, shaakala ykn hojiisaan hirmaachisu irratti yaada akka hin kennine hubachiiseera.
Meeshaaleen Humni Qilleensaa Ameerikaa keessa xiyyaaronni boombii B-2 20 qofa waan ta'aniif yeroo baayyee xiqqoo itti fayyadamu.
Iraan amma maaliif waa'ee 'magaalota misaa'elaa' kanaa addunyaatti himte?
Warraabbiin viidiyoo dhiheenyaa kun kan agarsiifame yeroo Iraan, Ameerikaa fi Israa'el gidduutti dhimmoota sadii irratti waldhabdeen cimaa tureettidha. Isaanis, balaa sochii Huutii Iraaniin deeggaraman irraa dhufu; marii sagantaa niwukilaraa Iraan irratti taasifamu; akkasumas haleellaa dbaaltaa Israa'el irraa garee Hezbollaah kanneen Iraaniin deeggaramee fi Libaanos keessatti argamu irratti Israa'eliin dadhabsiisuuf yaaluun raawwatamuudha.
Pirezdaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Dilbata darbe yoo Teehraan sagantaa niwukilaraashee irratti Waashingitan waliin waliigaltee irra hin geenye ta'e boombii fi taarifa sadarkaa lammaffaatiin Iraaniin doorsisan.
Kunis kan dhufe waldhabdee waraanaa bara darbe Iraan fi Israa'el gidduutti uumameen boodadha. Bakkeewwan misaa'ela IRGC haaraan kunneen agarsiisuun kun ammoo ergaa Iraan humnaan haaloo bahuu dandeessiisu kan agarsiisuuf yaadame fakkaata.
Iraan Israa'el duula sadaffaa akka raawwattu waadaa galuu itti fufteetti. Haata'u malee, akkas akka hin goone dhiibbaan ummataa yeroo hunda irra ga'aa kan ture yoo ta'u, keessumaa haleellaan Israa'el dandeettii misaa'elaa Iraan laaffiseera jechuun yaaddoo qaban ilaalchisee namoonni hedduun dandeettii ishee irratti gaaffii kaasan.
Keessoodhaanis mootummaan cimee itti fufuufi balaa US irraa dhufu kamiyyuu ofirraa ittisuu akka danda'u lammiileef mirkaneessuu barbaada.
Kaayyoon magaalota misaa'elaa lafa jalaatti hundeessuus lubbuun jiraachuu fi haleellaa qilleensaa dandamachuusaanii guddisuu akkasumas ofirraa qolchuudhaaf.
Magaalota misaa'ela kanneen misoomsuudhaan Iraan buufatawwan ishee lafarra jiran yoo haleelaman illee deebistee haleeluu akka dandeessu US fi Israa'eliitti agarsiisuu dandeessa.
Buufanni kunneen bakka hin beekamne irraa misaa'eloonni akka dhukaafaman kan taasisan yoo ta'u, dandeettii Iraan tilmaamuuf yaaluun diina burjaajessu.