Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Libaanositti ta'e, maaliif Gaazaatti hin taane?

Madda suuraa, Shutterstock
Mootummaan Israa’el waraana Heboollaah Libaanos waliin taasisaa ture dhukaasa dhaabuu beeksisera. Israa'eel bara darbe Onkoloolessa 7 irraa eegalee adda waraanaa lamatti duulaa turte.
Tokko kan Hezboollaah Libaanos waliin taasftu amma dhukaasa dhaabuun taasifameefi Gaazaa keessatti Hamaas waliin lola geggeessaa turtedha.
Muddamni sun, Baha Giddu-galeessaa keessatti waraanni cimaan biyyoota biroollee hirmaachisu uumamauu mala kan jedhuun yaddoo guddaa addunyaa ture.
Amma waliigalteen dhukaasa dhaabuu garee Hezboollah fi Israa'el gidduutti taasifameera.
Dhukaasa dhaabuun Libaanos keessatti labsame maaliif Gaazaa hin ilallannee kan jedhu, akkasumallee akkamitti sadarkkaa kanarra ga'ameen amma gaaffi ta'eera.
Gaazexeessitootaa BBC naanawa sanaarra gabaasaa turan gaafannee kan qindeessine kunooti.
Kaariin Torbii, BBC Afaan Arabaa, Beerutirraa
Akkaataa Israa’el mormitoota ishee gurguddoo naannawa sanaa lamaan (Hamas Gaazaa keessa fi Hezboollaah Libaanos keessaa) ittiin ilaaltu irratti garaagarummaa guddaatu ​​jira.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaazaan qaama yeroo ammaa Israa’el qabattee jirtu yoo taatu, Libaanos garuu sababa waraana kanaatiin bakkeewwan heddun humna waraanaa Israa'eliin to'atamullee biyya birmadummaa qabduudha.
Dandeettii waraanaa guddaa qabaachuu fi olaantummaa qilleensa irratti qabaattus, Israa’el hojii lafoo Libaanos keessatti raawwatte irratti rakkachaa turte.
Baatii 2 olitti siquuf magaalota kibbaa to’achuu hin dandeenye, akkasumas rookkeettii Hizbullaah irraa gara kaabaa fi iddoolee birootti furguggisuu fashaleessuu hin dandeenye.
Hezboollaah haleellaa isaa daran gara Israa’elitti babal’isuun magaalota gurguddoo achi jiran keessatti haleelllaa raawwachuu fi lubbuu namaa galaafachuu danda’eera.
Israa’eel jiraattotni ishee buqqa’an gara kaabaatti akka deebi’anis haala miijessuu hin dandeenye. Kunis MM Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Hizbullaah waliin dhukaasa dhaabuuf akka walii galan dirqamsiisuu keessatti gahee guddaa taphachuu danda’era.
Kanamalees waraanni kun bu’aan siyaasaa fi dinagdee caalaa biyyatti gara waldhabdeetti heddutti geessera.
''Israa'el yeroo kanatti Gaazaatti karoora ifa ta'e hin qaban,'' jedhan barreessituu kitaaba Tarsiimoo Addunyaa fi Naannoo Baha Giddu Galeessaa Dr. Lilaa Nikoolaas.
Itti dabaluudhaanis, kun erga Doonaald Tiraamp baatii Amajjii keessa pirezidaantii Ameerikaa ta’anii booda hafuu danda’u ta’uus dubbatti.
Gama biraan bu’uurri waliigaltee ifa ta’e Libaanos keessatti duraanuu kan jiruu yoo ta'u,bu’uura haalawwan dhukaasa dhaabuu irratti kan mari’atamedha.
Murtee Mana-maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 1701 kan bara 2006 waraana Israa’elii fi Hizbullaah gidduutti xumurame irratti hundaa’a.

Madda suuraa, Getty Images
Waa'ee waliigaltee kanaa wanti baay'een ifa hin taane ykn waanti wal-xaxaa ta'ee jira. Kunis garee lammanuuf akka hojjetu gochuuf kaayyoo jalqabaa isaanii qorachuu akka qaban agarsiisa.
Israa’el balaa Hezboollaah guutummaatti dhabamsiisuu fi karaa waraanaatiin lammiileen ishee kaaba Israa’elirraa buqqa'an nagaan akka deebi’an mirkaneessuu hin dandeenye.
Kasaaraa hedduu hoggansa, dhaabbilee fi waraana isaa irraan kan ka’e Hezboollaah, waraanni Gaazaa osoo hin xumuramin haleellaa ejjennoo Israa’el irratti raawwatamu akka hin xumurre haal-duree jalqabaa waan dhiise fakkaata.
“Akkasumas, Iraan (deeggaraa maallaqaa fi ilaalcha Hezboollaah) waraana weeraraa yeroo dheeraa kan Hezboollaah daran dadhabsiisu keessa seenuu akka hin barbaanne ifaadha,” jechuun Dr. Nikoolaas dabalaniiru.
Adnaan El-Burshii, gabaasaa BBC Afaan Arabaa, Gaazaarraa
Gariin Gaazaa keessa jiran waliigaltee kana akka murtee Hezbollaah tarsiimoo “tokkummaa adda waraana waloo” jedhu dhiisee deemeetti eeru.
Yaad-rimeen walii galtee Hezboollaah fi Hamas jalqaba waraana Israa’el waliin godhame irratti miseensota garee hidhattoota Iraanin deeggaraman“axis of resistance” jedhamu kan gareewwan biroo Gaazaa keessa jiran, Huutii Yaman keessa jiranii fi gareewwan xixiqqoo biroo bara Iraaq keessa jiran giddutti kan taasifameedha.
Garaagarummaa ijoon waliigaltee dhukaasa dhaabuu Libaanon fi Gaazaatti tokko ta'uu dhabuu gidduu jiru, Hezboollaah marii kana harka mootummaa Libaanositti kan dhiise yoo ta’u, Hamaas marii Gaazaa Ramallah keessatti gaggeeffamu akka Falisxeem bakka bu’uu diduu isaati.
Falasxiimota gidduutti qoqqoodinsi uumamuu fi mootummaan tokkummaa fi beekamtii ofiisaatiin marii Israa’el waliin taasifamu bakka bu'uu dhabuun waliigalteen dhukaasa dhaabuu Gaazaa keessatti akka hin uumamne gahee qaba.
Ogeeyyiin gariin hoggansi Hamas keessaa duwwaa kan ta'e, erga Israa’el namoota gurguddoo dhaabbaticha keessatti ajjeeftee booda.
Kana jechuun Hamaas amma waliigaltee dhukaasa dhaabuu bu’a qabeessa ta’een mari’achuuf qophiitti hin jiru jechuudha. Kun ammoo rakkoon qunnamtii hoggantoota Hamaas Gaazaa keessaa fi alaa gidduu jiru, daran qormaata akka ta’u taasisa.

Barreessaa fi xiinxalaan siyaasaa Gaazaa irraa dhufan Piroofeesar Faatii Saabah BBC'tti akka himanitti "Israa'el lola Gaazaa akka lola ishee isa guddaatti ilaalti, lola kana kan jalqabe Hamas malee Hizbullah miti."
Israa'el wayita Libaanos keessatti Hezbaallaah irratti duultu, dandeettii Hamaas Gaazaa keessa jiru balleessuu ishee yaaddee ture.”
Piroofeesar Saabaah, guddinni lola Hezboollaah, kan Hamas caalaa dandeettii guddaa kan qabuu fi balaa guddaa waan ta'eef Israa'el yeroo dhukaasa dhaabuu irratti mari'attu waan kana tilmaama keessa galchitetti jedhanii amanu.
''Rokeetotni Hezboollaah magaalota akka Tel Aviv fi Hayifaa rukutan namoota kumaatamaan lakkaa'aman Israa'elii fi naannawa kaaba israa'el irraa akka buqqa'an irratti dhiibbaa hamaa geessiseera,'' jechuun Sabah BBC'tti himaniiru.
Piroofeesar Sabaah akkasumas, Israa'el dhibbaan biyyoota michuu ishee ta'an kan akka US fi Faransaay kanneen "weerara Israa'el" jechuun ibsan Israa'eel waliigalticha akka fudhattuuf dhiibbaa irraan ga'uu amanu.

Madda suuraa, Shutterstock
Muhannaad Tutunjii, Rippoortara BBC Afaan Arabaa, Yerusaalem
Yeroo kanatti sababoonni Israa’elii fi Libaanos waliigaltee irra ga’an taasisan hedduun adda baafamaniiru, keessattuu haalli siyaasaa fi waraanni gam-lamaa (Libaanos fi Gaazaa).
Hezboollaah Libaanos keessaa Israa'el waliin waraana irra jiru qaama siyaasaa bal'aa ta'us ,garee fi siyaasaa biyyattii hedduu keessaa tokko qofa bakka bu'a.
Xiinxaltoonni tokko tokko akka jedhanitti, lammiileen Libaanos hundi ilaalcha Hezbollaah waldhabdee Israa’el waliin uumame irratti hin deeggaran.
Garuu haalli Gaazaa keessaa kanarraa adda. Achitti humni siyaasaa fi waraanaa garee Hamaas yoo ta’u, gareewwan muraasni ejjennoo farra Israa’el walfakkaataa qabaniin kan deeggaramuudha.
Lammiilee Israa’eliifis waraanni Libaanos keessatti geggeeffamaa jiruu fi kan waraanni Gaazaa adda.
Kaayyoon waraanaa Libaanos keessatti gaggeeffamaa jiru balaa waraanaa jiraattota kaaba Israa’el irra ga’u kamiyyuu dhabamsiisuu fi nageenya naannoo sanaa deebisuu irratti kan xiyyeeffatuudha.
Gaazaatti Israa’el Hamaas guutummaatti balleessuuf akka yaadde beeksifteetti. Kaayyoon kun hanga ammaatti garuu guutummaatti galma gahuu hin dandeenye. Israa’el namoota 101 hafan kanneen ammallee Gaazaatti ugguramanii jiran deebisuu kan barbaaddu yoo ta’u, kunis marii dhukaasa dhaabuu kamuu irratti dhiibbaa ni qabaata.
Hogganaan Mana-maree Nageenya Biyyaalessaa Israa'el duraanii Yaakov Amidror BBC'tti akka himanitti, waldhabdeen kun kutaalee Libaanos birootti babal'achuu akka danda'u lammiilee Libaanos hedduu biratti yaaddoon akka jiru himaniiru. Kunis badii naannawa kibba Beerut keessatti mul'ate waliin wal fakkaatu fiduu akka danda'u himan.
Akkasumas, murtee tarsiimoo Israa’el Libaanos waliin waldhabdee Gaazaa irraa adda baasuuf qabdu ibsaniiru. Israa’eliif, kun murteessaa waan ta’eef biyyattiin Gaazaa keessatti Hamaas guutummaatti dhabamsiisuu irratti akka xiyyeeffattu waan taasisuufi jedhan.
Qormaanni guddaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu, osoo hin taane hojiirra oolmaa isaa akka ta'ee fi yoo waliigalteen dhukaasa dhaabuu kun cabe itti aanee maltu akka ta'uu danda'u irratti yaadootni adda addaa ka'aa jiru.