IMF biyyoota qaala’insa jireenyaatiin miidhamaniif deeggarsa akka godhu ibse

Dhaabbanni Mallaqa Adunyaa (IMF) biyyoota Afrikaa qaala’insa gatii nyaataan miidhamaniif deeggarsa akka taasisu dhaabbatichatti hogganaa Afrikaa kan tahan Abbabaa Ayimiroo Sillaasee BBCtti himan.
Gatiin nyaataa qaala’uu jechuun namoonni hedduun rakkoo wabii nyaataa keessa galu jechuudha,’’ jedhan.
'‘Haalli dinagadee adunyaa haala ulfaataa keessa galeera. Deeggarsa maallaqaa argachuun ulfaataa taheera,’’ jechuun IMFtti daarektarri damee Afrikaa Obbo Abbabaa Ayimiroo himaniiru.
"Biyyoonni baay’een hanga eegneen ol miidhamaniiru. Biyyoota qaala'insa jireenyaa adunyaa mudateen miidhaman keessaa tokko Itoophiyaadha."
Gama biraan IMF imaammata mataa isaa irratti hundaa’uun sagantaalee deeggarsa isaa barbaadan qopheessa jedhamuun qeeqama.
Daarikterichi irra caalaan sagantaalee IMF irraa deegarsa argatanii kan qophaa’u, mootummaadhuma biyya sanaan tahuu himan.
Obbo Abbabaan ‘’kun IMF isa bara akaakayyuukee miti,’’ jedhanii furmaatni alarraan dhufe hin jiru, ministeroonni Afrikaa yeroo IMF waliin hojjetan karaa ejensii isaanii qunnamtii akka taasisan beeku jedhan.
Dhaabbatichi haala hojii isaa durii irraa daran fooyya’uu ibsan.
Waraanni Raashiyaa fi Yuukireen gageessaa jiran madaallii dingdee adunyaa irratti dhiibbaa guddaa fideera.
Qaala’ins ajireenyaa sababa waraana kanaan mudateenis biyyoonni Afrikaa hedduun miidhamaniiru, keessumaa gatiin boba’aa akka malee dabaluun biyyoota adunyaa rakkoo keessa galcheera.
Biyyoonni Afrikaa akkaan miidhamaniiru. Yeroo ulfaataa keessa jirra. Gatiin nyaataa qaala’eera. Naannoo magaalaa kan jiraataniifi harka qalleeyyii tahan rakkoo hamaa keessa jiru jedhan Obbo Abbabaan.
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
IMF dingadeen Afrikaa akka bayyaannatuuf sagantaalee akkamii qaba kan jedhuuf Obbo Abbabaan, sagantaalee kan qopheeffatu hoggantoota biyyaati jedhan.
IMF deeggarsa maallaqaa kan taasisu karaa lama tahuu kan eeran daarikteerichi, kan jalqabaa deeggarsa hatatamaa yeroo barbaachisudha jedhan.
Yeroo halli akkanaa mudatu imaamata haaraas tahe sagantaa addaa qopheessuu osoo hin barbaachisiin deeggarsa biyyootni argachuuf gaafatan kennamaaf jedhan.
Kan biraan ammoo biyyi tokko haaromsa dinagdee fiduuf yeroo sagantaalee adda addaa qopheesitu kan kennamudha jedhan.
Hoggantoonni biyyoota adda addaa haaromsa dingdee fiduuf sagantaalee adda addaa qopheesuun IMF irraa deeggarsa argachuuf yoo gaafatan akka kennamuuf himan.
IMF pirojektotaafi sagantaalee dingadee biyyaa bayyaannachiisuuf oolaniif deeggarsa maallaqaa gochuun beekama.
Dhiibbaan Chaayinaa Afrikaa keessatti gama liqaan qabdu dabalaa jira.
Dhaabbanni isaanii Chaayinaa waliin dorgommii akkamii taasisa jedhamuun yoo gaafataman, Obbo Abbabaan IMF Chaayinaa wlaiin dorgommii hin taasisu jedhan.
Dhaabbanni isaanii deeggarsa maallaqaa kennuun Chaayinaa waliin dorgoma osoo hin taaane, Chaayinaan gama isheen biyyoota Afrikaa waliin hojjetti, nuyis akkasuma deeggarsa taasifnu itti fufna jedhan.
IMF guddinni dingdee biyyoota Sahaaraa gadii kan bara 2021 %4.7 ture bara 2022 duubatti deebi’uun gara %3.6 akka tahu tilmaameera.
Kunis dhiibbaa qaal’insa jireenyaa adunyaa mudateen akka tahe hime.
Itoophiyaan bara 2021 keessa %6.3 guddachuu kan ibse IMF, bara 2022 ammoo %3.8 akka tahu tilmaameera.
Itoophiyaan dhiibbaa waraana Raashiyaa fi Yuukireeniin qaala’insa jireenyaa mudateen dabalata waggoota lamaan darban waraana keessa turte.