Sadarkaa amma irra geenyetti booneera-Arteettaa

Mikeel Arteettaa

Madda suuraa, Getty Images

Artaatteen injifannoo Niwkaastil irratti argataniin boda yoo dubbatan bara dorgommii kana booda baay'een ofitti boona jedhan.

Sadarkaa kilebichaa baka keenye, aadaa fi xiin-sammuu taphattootaa akkatti jijjiirre gaafan ilaalu inumaayyuu hedduun boona'' jedhe.

Bu'aan barbaade galmaa'eyyuu waan dandeenyu hundaa gooneerra, kan barbaadamus isadha jedhe.

Ceephoo isarratti ka'u ilaalchisee, ''waan gaariidha. Yoo waan namoonni sirraa eegan ol kaaste, ceephoon waanuma sitti dhufudha. Namni tokkoyyuu sadarkaa kanarra akka geenyu hin barbaadu. Garu waan guddaa kana galmeessuu dandeenyeerra'' jedhe.

Bakka amma geenye kana waggaa sadii fi afur tahuuf geenyeerra. Isaan ol galmeessuuf yaaleen ture. Garuu ni ulfaate'' jedhe."

Arsenal ammayyuu rakkoo taphataa sarara duraa hin furre. Hogganaan kilebichaa Joosh Kirooyinkee'' hundi keenyayyuu waancaa Piriimer Liigii mo'achuu barbaanna'' jedhe.

''Bara dhufu waancaa injifachuuf taphattoota ciccimoo mallattesisuuf qophiidha. Mallaqa sanaaf tahus qabna. Amma milkaa'ina beelofne. Nmani hunduu kan kileba kanaaf hojjetu waancaa mo'achuu barbaadaa jira'' jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Xiinxaltoonni kubba miilaa akka Gaarii Neevil, Pool Merson fi kaan bara dhufu Arteettaan dhiibba jala galuun dorgommicha jalqaba jedhan.

Bakkuma dhokatu hin jiru. Bara kana sababa miidhama taphattootaa jedhu qaba. Garuu kilebni miidhama taphattootaa hin qabne hin jiru kan jedhe Gaarii Neevil.

Hnaga ayyaana Qilleetti sadarkaa tokkoffaa ykn lammaffaa irra hin taa'u taanaan yeroon Arteettaa Arsenaal keessaa dhumachuu isaati jedhe Pool Mersan.

Oduu biraan deeggartoonni Maanchister Yuunaayitid BBC Sport'f yaada isaanii ergan taphattoonni Yuunaayitid kana caalaa onnachuu qabu jedhan.

''Osooma Tootenhaamiin mo'annee waancaa Awurooppaa Liigii mo'anneyyuu bara dhufu Shaampiyoonsi Liigii taphanna jechuudha. Aston Viilaan dhugumatti garee Shaampiyoonsi Liigii taheera. Kanaaf taphattoonni Maan Yuunaayitid dhugumatti taphattoota sadarkaa Shaampiyoonsi Liigiif madaalan tahuu isaanii Ruuben Amoorimitti agarsiisuu qabu. Meeqan isaaniitu ani gurguramuu hin qabu, kileba kanaaf nan madaala jedhee dubbachuu danda'a");