US fi Israa'el filannoo Arabooti karoora Tiraamp Gaazaa fudhachuuf baase hambisuuf dhiyeessan didan

Madda suuraa, Reuters
US fi Israa'el karoora warri Arabaa Filisxeemonni miliyoona 2.1 ta'an akka bakkuma isaaniitti hafanii achuma jiraataniif Gaazaa deebisanii ijaaruuf dhiyeessan didan.
Hoggantoonni Arabaa Kora Kaayiroo, Masiriitti taa'aanirratti karoora Doonaald Tiraamp Gaazaa fudhachuun ummata Filisxeem bakka biraa qubachiisuu jedhu faallessuuf filannoo dhiyeessan.
Aanga'oonni Flisxeemiifi Hamaas karoora Arabaa kana akka gaarii ta'etti simataniiru. Akka karoora Arabaa kanatti Gaazaan yeroodhaaf koree beektotaa wallaba ta'eefi naga-eegdota idil-addunyaa gara sanatti baobbaafamaniin bulti jedha.
Haata'u malee, Waayit Hawusiifi ministeerri dhimma alaa Israa'el rakkoo dhugaa lafarra jiru kan furu miti jechuun mul'ata Tiraamp deeggaraniiru.
Korri Arabootaa Kaayiruutti ture maal murteesse?

Madda suuraa, Reuters
Hoggantoonni biyyoota Arabaa karoora Tiraamp Gaazaa fudhachuu dura dhaabbachuuf isaan dandeessisu irratti mari'achuuf tibbana Masrii Kaayirootti walga'anii mari'atan.
Tiraamp Ameerikaan Gaazaa fudhattee lammiilee Falasxiim miliyoona lamaa ol akka baaftu yaada dhiyeessan faalleessuuf kan oolu ykn Gaazaa deebisanii ijaaruuf doolaara biiliyoona 53 raggaasisan.
Dhimma kana addadurummaan qindeessaa kan jirtu Masrii yoo ta'u, "Karoorri Masrii amma karoora Arabaa ta'eera" jechuun barreessaan olaanaa Liigii Arabaa Ahmed Abowul xumura walga'ichaa irratti himan.
Yaada Pirezidaanti Tiraamp addatti osoo hin eerin, "ejjennoo Arabaa buqqa'iinsa kamiyyuu fedhiinis ta'u dirqiin raawwatamu diduudha" jedhan.
Masriin karoora Ameerikaan Gaazaa fudhachuufi baha giddu galeessaa jijjiiruuf yaadde biyyota Arabaa kan rifachiise yoo ta'a yaada sana mormuuf, wixinee sanada fuula 91 kan calaqqisu hojjettee turte.
Karoora haaraa kana kan adda godhu waa'ee misooma qabeenyaa qofa osoo hin taane, baanaroota, siyaasa fi mirga Filisxeemotaa kabachiisuuf kan yaadame ta'uutu eerame.
Pirezidaantiin Masrii Abdul Fattah al-Sisiis, gara furmaata waloo biyyoota lamaanii (mootummaa Falasxiin Israa'el) 'tti ce'uufi deebisanii ijaaruutti ce'amuu akka qabu gaafataniiru.
Kun mootummoota Arabaa fi kanneen biroo hedduu biratti, waldhabdee yeroo maraa ture kanaaf akka furmaata waaratti bal'inaan kan ilaalamu yoo ta'u, Ministirri Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi michoota isaaniigaruu cimsani mormu.
Karoorri haaraan qophaa'e maal of keessa qaba?

Madda suuraa, Reuters
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Karoorri haaraan kun Gaazaan, yeroodhaaf, "koree bulchiinsa addaa Gaazaa, kan gaaddisa mootummaa Falasxiin jalatti buluun akka hogganamu" yaada dhiheessa.Wixinee kana jalatti dhimma akkamii keessatti akkasumas yoo maaltu uumame hamaas itti darbee murtee fudhata kan jedhus ibsameera.
''Rakkoo'' gareewwan hidhattootaa ilaalchisee eeruun ifa hin taane kan jiru yoo ta'u, sababoonni waldhabdee Israa'el waliin uumaman yoo kaafaman dhimmi kun ni furama jedheera.
Mootummoonni Arabaa tokko tokko Hamaas guutummaatti akka diigamuuf waamicha dhiyeessaa akka jiran maddeen tokko tokko kan eeran; kaan ammoo murtoon sun Falasxiinotaaf dhiifamuu qaba jedhanii amanu.
Hamaas Gaazaa gaggeessuu keessatti gahee akka hin qabaannee eerus garuu dhimmaa hidhannoo hiikachuu irratti akka yaada isaa hin jijjiirre jala sararee ibseera.
Karoora Pirezidaanti Tiraamp kana ''mul'ata'' jechuun kan ibsan MM Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuun, gahee gara fuula duraatti Hamaas, bulchiinsa Falasxiin keessa akka hin seennellee ibsaniiru.
Dhimmi nageenyaa miira namaa kakaasu kan biraan ammoo Manni Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii nagaa eegdota idil-addunyaa akka bobbaasun waamicha dhiyeessuun ilaalameera.
Akkasumas konfiraansiin idil-addunyaa guddaan ji'a dhufu gaggeeffamu maallaqa guddaa pirojektii deebisanii ijaaruu kanaaf barbaachisu walitti akka qabu eegama.
Biyyoonni dureeyyiin Galoo Galaanaa kaffaltii guddaa kana keessaa muraasa kaffaluuf fedhii kan qaban fakkaatu.

Madda suuraa, Reuters
Karoorri haaraan Arabaa Gaazaa deebisanii ijaaruuf qophaa'e kun marsaa sadii keessatti kan mul'atu yoo ta'u, yeroo jalqabaa gara baatii jahaa, sadarkaa dafanii dandamachuu jedhamu, caccabaa guddaa akkasumas gamoowwan jijjigan deebisuu jalqabuuf ture. Sadarkaaleen itti aanan lama waggoota hedduudhaaf kan turuu danda'uudha.
Yeroo kanatti lammiileen Falasxiin qe'ee isaanii irraa buqqa'an, lakkoofsi isaanii miiliyoona 1.5 akka ta'e himamu, konteenara yeroof ta'e kkeessa jiru. Karoorri kunis yeroo gabaaba keessatti mana akka qabaatan taasisa jedha.
Akka Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii jedhanitti Gaazaa keessatti manneen 90% ol barbadaa'uu ibsa . Bu'uuraaleen misoomaa jireenyaf barbaachisan, manneen barnootaa fi hospitaalota irraa kaasee hanga sarara ibsa fi bishaanitti hunduu cicciramaniiru.
Karoorichi muuxannoo biyyoota kanaan dura waraanan diigamanii, ogeeyyota baankii addunyaa fi abbootii qabeenyaan haala ittin milkaa'uu danda'u irratti yaada bal'aa kana kaa'udhama.