Aanaa Oromiyaa finxaaleyyiidhaan gidirfamuu fi jiraattonni aanaa guutuun qe'eerraa buqqa'anii turan

Wallagga bahaa aanaa Kiiramuu keessaatti qofa haleellaa hidhattoonni Amaaraa hanga xumura 2016tti qofa dhaqabsiisaniin yoo xiqqaate namoonni 580 ajjeefamuu namoonni BBC'n dubbise himan.
Uummanni Oromoo gandoota aanichi qabu 18 keessaa jiraatan haleellaa hidhattoota Amaaraan guutummaan guutuutti buqqa'anii akka turan bulchaan aanichaa BBCtti himaniiru. Aanaan Kiiramuu gandoota 19 qabdi.
''Uummanni Oromoo dhoksaatti saamamaa jira. dhoksaatti du'aa jira. dhoksaatti laftisaa fudhatamaa jira. kaayyoon isaammoo lafaa fi qabeenyumasaa kana saamuufi dhuunfachuuufi" jedhu namoonni BBC'n dubbise.
Hidhattoonni Faannoo maaliif Godinaalee Wallaggaa akka Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu irratti xiyyeeffatan?
Humni isaan booda jiru hoo maali? Mootummaan maaliif uummata godinaalee kanneenii tiksuu dadhabe?
Godinni Wallagga Bahaa aanaalee 18 qabdu keessaa Aanaan Kiiramuu ishee tokkodha. Magaala Naqamteerraa kiiloomeetira 144 fagaattee kan argamtu aanaan kun daandiin aspaaltii Naqamteedhaa Amuruu fulla'u keessa qaxxaamuree darba.
Kiiramuun gama tokkoon sulula laga Abbayyaa gama kaaniin ammoo sulula hangariin daangeffamti.
Xiyyeeffannaa Finxaaleyyii Amaaraa ta'uu…
Oduu, xiinxalaafi odeessa adda addaa kallattiin argachuuf
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Aanaan lafa Gammoojjii fi omisha adda aaddaatiin beekamu kuni erga waggoota afurii asittti garuu maqaa kana dura turee fi hawaasnis jiruu kana dura jiraachaa tureen itti fufuu hin dandeenye.
Daangaa sulula Laga Abbayyaa irratti argamuu fi bakka omishaa ta'uun, Finxaaleyyii Amaaraa lafa babal'ifannaa kaayyeffataniin xiyyeeffannaa keessa seente jedhu Jiraattonni BBCn dubbise.
"Daangaan Naannoo Oromiyaa fi Amaaraa Laga Abbayyaati. Kuni waan ifa jirudha. Garuu Oromoon Abbayyaan gama Hanga Bureetti qubatee inuma jira. Amaarris laga Gamana heddumminaan jiru. kuni waliin jireenya durii kaasee jirudha"
"Haa ta'u malee Finxaaleyyiin Amaaraa kuni fedhii lafa babal'ifachuu waan qabaniif Abbayya asce'anii humnaan uummata buqqisanii ofii qabachuu barbaadu. Lafti kuni kan keenya jechuutu jalqabame" jedhan Jiraataan kuni.
Fedhiin Lafa kana qabachuu kan barootaaf ture ta'ulleen, qabatamaadhaan gurmaa'insaa fi meeshaa waraanaa fi leenjiin deeggaramee sochiin kan jalqabe garuu dhuma bara 2014 akka ta'es himu jiraataan kun.
"Sochii hidhannoo kana kan jalqabsiise nama Injinara ta'e tokkoo fi aanaa Kiiramuu bakka Baagin jedhamutti humna sochii kana dhugoomsu qindeessuu jalqabe. Humni jalqabaa Naannoo Amaaraa keessatti erga leenjisaniin booda humna biraa aanaa Jaardagaa Jaartee keessatti leenjisuu jalqabani" jedhu.
Humni Finxaaleyyii Amaaraa kuni odeessa "Wallaggi Lafa Abboota keenyaati, maqaan isaa duraaniis Bizaamoo jedhama" jedhu uumuun sochii humna waraanaatiin deeggaramee fi Oromoo qe'eerraa Buqqisanii lafa qabachuu Tokko jedhee eegalamuus himu.
"Aanaa Kiiramuu Baagin bakka jedhamu, aanaa Giddaa Ayyaanaa Bakka Habaajoo jedhamuttii fi aanaalee daangaa sulula Abbayyaa fi Sulula Hangar jiran kana keessatti bal'inaan leenjii waraanaa fudhachaa turani" jedhu.
''Oromoon naannoo kanaa dhoksaatti gidirfamaa jira''
Weerarri Finxaaleyyii Amaaraa lafa babal'ifannaaf taasifamu kuni dhuma Bara 2014 qabeenya jiraattotaa saamuu, beellada oofanii Abbayyaan gamatti fudhachuun eegalee bara 2016 ammoo hanga aanaa Tokko guutuurraa Oromoota guutummaan buqqisuutti qaqqabe.
Haleellaa Waggoota afur darban hidhattoota Faannootiin raawwatama jedhame Kanaan firoota isaanii kan ta'an namootni sagal ajjeefamuu kan himan Maanguddoon aanaa Kiiramuu irraa BBCn dubbise "Ammayyuu nama isaan ajjeesan awwaaluu deemaa jirra" jechuun gaddaan dubbatu.
"Magaala Haroo ganda 01 keessatti nama sagal guyyaa tokko mana itti cabsanii seenanii ajjeesan. Isaanuu karaa haadhakoo anaaf fira. Obboleessikoo master Taaffasaa kan jedhamu osoo maatii qabatee baqachaa jiruu rasaasan ajjeesanii saamanii deeman"
"loonii hanga lukkuu fi hanqaaquutti saamamneerra. Warri kuni saba Oromoo balleessuu waan yaadan natti fakkaata" jedhu.
Haleellaan Hidhattoonni Faannoo aanaa kanatti adeemsisan meeshaalee waraanaa gurguddaan kan deeggarame ta'uu kan himan jiraattonni kunneen, haleellaan kuni humnaa ol ta'uun hawaasni aanichaa hundi qe'ee gadhiisanii baqachuus himu.
"Waggaa sadiif qe'ee dhiisnee baqannee ture. dhuma Bara 2016 ajajaan raayyaa ittisaa naannoo Sanaa Koloneel Walduu kan jedhaman araarri godhameera deebi'aa jedhameeti kan deebine" jedhan.
Bulchaan aanaa Kiiramuu Obbo Birhaanuu Fiqaaduu haleellaa hidhattootni Faannoo gaggeessaa turan Kanaan Gandoota aanichi qabu 19 keessaa gandoota 18 hawaasni guutumaan guutuutti gadhiisee buqqa'ee akka ture himan.
Jiraattonni BBC'n dubbise garuu bara 2015 keessa aanaa Kiiramuu keessatti Jiraataan ganda isaarratti hafe hin turre jedhu. Aanicharraa Oromoonni guutummaan baqatanii akka bahanii turanis himu.
Gochi naannoo kanatti waggoota afran darbee kaasee raawwatamaa jiru gurra miidiyaa fi addunyaa jalaa dhookatee gidiraa seenaa keessatti mul'atee hin beekne keessummeessaa jirras jedhu Jiraattonni.
"Kiiramuu, Abee Dongoroo, Giddaa Ayyaanaa, Jaardagaa Jaartee, Angar Guutee keessa Oromoon jiru guyyaa guyyaan du'a guyyaa guyyaan saamama. Qaamni maalif duute jedhuun hin jiru"
"Naannoo kanatti oromoon dhoksaatti saamamaa jira. dhoksaatti du'aa jira. dhoksaatti laftisaa fudhatamaa jira. kaayyoon isaammoo lafaa fi qabeenyumasaa kana saamuufi. Dhuunfachuuufi" jedhu.
Ragaan arganne akka mul'isutti aanaa Kiiramuutti qofa haleellaa hidhattoonni Faannoo kuni gaggeessaniin hanga dhuma bara 2016tti qofa namoota 580tu ajjeefame.

Qe'eetti deebi'uu fi hundeeffama 'Ajaja Wallaggaa'
Bara 2016 marii hawaasa buqqa'e waliin taasifamee fi deeggarsa Raayyaa Ittisa biyyaa taasiseen hawaasni aanichaa guutumatti qe'eerraa Buqqa'ee gara aanaalee ollaa akka Giddaa ayyaanaatti baqatan keessaa hawaasni aanaalee 18tii qe'eetti deebi'aniiru.
"Gandoota 19 aanichi qabu keessaa aanaalee 18 uummanni akka deebi'ee qe'eesaa qubatu godhame. Gandi Tokkochi hafe ganda Baangin jedhamu bakka jarri itti qubatanii fi leenjii itti fudhatan Oromoon hin deebine" jedhu Jiraataan BBCn dubbise.
Bulchaan Aanaa Kiiramuu Obbo Birhaanuun garuu ganda hundatti uummanni deebi'eera ganda Baangin jedhamu kanattis raayyaa ittisaa fi qaamoleen nageenyaa oppereeshinii gageessaa jiru" jedhan.
Aanaa Kiiramuutti erga Hawaasni qe'ee isaatti deebi'een booda gareen Hidhattoota Faannoo 'Wallaggi lafa Abboota keenyaati' jedhan weerara Wallagga keessatti adeemsifamu jabeessuuf 'Ajaja Wallaggaa' kan jedhamu hundeessu himaa turan.
Sababa Kaanaanis ji'oota muraasaan asitti haleellaa qaamoleen kunneen aanaa kana keessatti gaggeessaniin lubbuun namoota hedduu kan darbe yoo ta'u yaaddoon deebi'anii buqqa'uu ammas itti aggaamamuu himu jiraattonni.
"Gaafa bultii 10/08/2017 ganama barii sa'aatii 12tti meeshaa gurguddaadhaan haleellaa uummatarratti banan. Bireenii isnaayiperii fayyadamu. Jalqaba nama qonna qotaa jiru tokko ajjeesan. Namni lama nimadaa'e" jedhu.
Eebla 14 bara 2017s sa'aatii walfakkaataatti aanaa Kiiramuu bakka Baddeessa jedhamutti haleellaa bananiin namootni 12 ajjeefamanii sadi ammoo madaa'uu himu jiraataan taatee kana arguu himan.
Dhimma kanarratti kan gaafanne Bulchaan aanaa Kiiramuu Obbo Birhaanuun ammoo haleellaan kuni raawwatamuu erga mirkaneessaniin booda kanneen ajjeefaman hundi milishoota naannoo akka ta'an himan.
"Ganda Baddeessaa bakka addaa cabbii jedhamutti haleellaa gareen kuni rawwataniin milishaa 12 ajjeesanii sadii madaa'an. Kana kan godhe Faannoodha. Kana duras uummata buqqisaa, lubbuu jiraattotaa balleessaa turan" jedhu.
Gareen hidhattoota Faannoo kuni yeroo adda addaatti Uummata nagaa irratti haleellaa raawwachuun akka hawaasni qe'ee gadhiisee baqatu godhu kan jedhan Obbo Birhaanuun, rakkoo kana furuuf qaamoleen nageenyaa aanichatti Opereeshinii gaggeessaa jiraachuus himan.
Jiraattonni garuu Sulula Hangar kan wiirtuu hidhattoota Finxaaleyyii kanaati jedhamuu fi aanaalee hidhattoota Kanaan dararamaa jiran hunda daangessu keessatti Mootummaan Opereeshinii gahaa gaggeessee hojii finxaaleyyii kana qulqulleessuu gahaa hin taasisnee jechuun komatu.
Aanaa Kiiramutti waldhaansoo Warri Faannoo lafa babal'ifannaan qabachuuf taasisanii fi Uummanni ammoo qe'ee abboota keenyaati jedhee aarsaa itti kanfalaa jiru kana gidduutti tureen waggoota afran darbe hawaasichi gidiraa jabaa keessumeesseera.
Waggoota sadiifis lafti omishtummaa guddaa qabaachuun beekamu kuni bakka kaan omishaaf hin qotamin hafe, bakka kaan ammoo midhaan maasaa irratti osoo hin sassaabamin akka hafu ta'e.
Hawaasni Kuma dhibbaan lakkaa'amus qe'eesaarraa gara aanaalee Ollaatti baqatee rakkina mudachuu mala jedhee yaadee hin beekne keessummeesseera.
Amma yeroo qe'eetti deebi'an kanattis ajjeefamuu marsaa biraa, saamamuu marsaa biraa, buqqaatii marsaa biraa yaadda'u.
Haaluma kana keessa ta'anii garuu hawaasa Amaaraa naannoo isaanii qubatan waliin hariiroo duraan qabanirraa hin sharafin nagaan waliin jiraachaachaa akka jiran himu. Finxaaleyyii fi saba isaan maqaa dhahatan adda baasanii ilaaluun ammoo hubannoo uummatichaa akeeka.
"Uummanni Oromoo naannoo kanaa saba biraarraa jibba hin qabu. amma yeroo ajjeefamaa saamamaa jiru kanatti saba biraa waliin nyaatee dhugaa jira. Kan isa ajjeesaa jiru Finxaaleyyiidha" jedha jiraataan tokko.
Hojiin garee Finxaaleyyii kanaa Oromoo buqqisuu, saba lamaan gidduutti dhumaatiin akka uumamuu fi biyyi akka diigamtu kan akeekkate waan ta'eef uummannis ta'e mootummaan waan naannoo kanatti ta'aa jiru quba qabachuu qaba jechuunis dhaamu jiraattonni.
Wiirtuu omishaa fi filannoo Inveestarootaati…
Aanaan Kiiramuu lafa omishaaf mijataa fi biyyoo gabbataa inveestarootni filatani jedhu jiraataan aanichaa BBCn dubbise.
"Irra caalaa Investarootati asii lafa qotaa ture. Biyyoon gabbataadha. Biyyoo gabbataa xaa'oo malee callaa kennudha. Hektaara tokko irraa boqolloon hanga kuntaala 100 lafa irraa omishamu aanaa kuni. Darbees waggaatti si'a lama bakka itti omishamu," jedhu.
Keessumaa omishaalee alergii Itoophiyaa keessatti qooda guddaa fi maqaa gaarii kan qabu saliixii adiin wallaggaas bakkka itti omishamu keessaa tokko aanaan kun.
Aanaan kuni oomisha Nuugii fi Ixaanaatiinis maqaa gaarii kan qabu ture.